Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Yihowaatti Hirkachuun Eebba Argamsiisa

Yihowaatti Hirkachuun Eebba Argamsiisa

Yeroo tokko tokko kaayyoon jireenyaa nama harkaa bada; yeroo damdamachuun itti rakkisullee jira. Haata’u malee, Yihowaan namoota hubannaa ofiisaaniirratti utuu hin ta’in, namoota isarratti hirkatan ni eebbisa. Aniifi haati manaakoo, kun dhugaa ta’uusaa jireenya keenya isa gammachiisaa ta’erraa hubanneerra. Mee seenaa keenya gabaabsinee isinitti haa himnu.

ABBAANKOOFI haatikoo kan wal baran, walga’ii koonyaa Barattoota Macaafa Qulqulluu Addunyaa Maraa, bara 1919 Seedaar Pooyinti Ohaayoo Yuu.Ees.Eetti godhamerrattidha. Achiis wagguma sana keessa walfuudhan. Ani bara 1922⁠tti kanan dhaladhe si’a ta’u, obboleessikoo Poolimmoo waggaa lama booda dhalate. Haati manaakoo Girees bara 1930⁠tti dhalatte. Warrishee, Rooyiifi Ruut Haawal kan guddatan maatii Barattoota Macaafa Qulqulluu ta’an keessattidha; akkoofi akaakayyuunshee Barattoota Macaafa Qulqulluu kan turan si’a ta’u, michoota obboleessa keenya Chaarlis Teez Raasil turan.

Gireesii wajjin kanan wal bare bara 1947⁠tti si’a ta’u, Adoolessa 16, 1949⁠tti walfuune. Gaa’ela godhachuu keenya dura, waa’ee jireenya keenya gara fuulduraa ifatti mari’anne. Tajaajila yeroo guutuurratti akka hirmaannuufi ijoollee akka hin godhanne murteessinee turre. Onkoloolessa 1, 1950⁠tti, qajeelchaa taanee waliin tajaajiluu jalqabne. Achiis, bara 1952⁠tti, hojii aanaarratti akka hirmaannu afeeramne.

HOJII DAAWWANNAAFI LEENJII GIIL’AAD

Lamaan keenyayyuu, itti gaafatamummaa haaraa nuu kenname kana raawwachuuf gargaarsi hedduun akka nu barbaachisu nutti dhaga’amee ture. Ani obboloota muuxannoo qabanirraa kanan baradhe ta’us, Gireesis gargaarsa akka argattu barbaadeen ture. Maarvan Hooliin, isa yeroo dheeraadhaaf michuu maatii keenyaa tureefi hojii daawwannaarratti muuxannoo qabutti dhihaadheen akkas jedhee isa gaafadhe: “Girees ijoollee ta’uusheerrayyuu muuxannoo hin qabdu. Nama yeroo muraasaaf wajjin hojjechuudhaan ishee leenjisuu danda’u nutti himuu dandeessaa?” Innis, “Eeyyee, Ednaa Wiinkal qajeelchituu muuxannoo qabdu waan taateef baay’ee ishee gargaaruu dandeessi” naan jedhe. Yeroo booda, Girees waa’ee Ednaa akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Mormii ka’uuf akkamitti deebii kennuu akkan qabuufi deebii sirrii ta’e kennuuf sirritti dhaggeeffachuudhaan yaada kennamurratti xiyyeeffachuu akkan qabu na barsiisuudhaan, manaa gara manaa tajaajiluun akka natti salphatu gooteetti. Obboleettiin kun dhuguma kan na barbaachistu turte!”

Bitaa: Naataan Noor, Maalkam Alan, Fireed Raaski, Lil Rash, Andiruu Waagnar

Aniifi Girees, Miiniisootaafi Saawuz Daakootaa dabalate aanaawwan Ayowaatti argaman lama keessatti tajaajilleerra. Achiis, Aanaa 1⁠ffaa isa Niiwu Yoorkitti argamuufi Biruukiliiniifi Kuwiinsiin dabalatutti ramadamne. Yeroo sanatti muuxannoo akka hin qabne nutti dhaga’amee akka ture matumaa hin irraanfannu. Aanaan kun, Gumii Biruukiliin Haayitis isa Galma Mootummaa Bet’el keessatti argamutti geggeeffamuufi miseensota maatii Bet’el warra muuxannoo qaban hedduu qabate kan dabalatudha. Haasaa tajaajilaa isa jalqabaa gumichaaf ergan dhiheessee booda, obboleessi keenya Naataan Noor garakoo dhufee akkas naan jedhe: “Maalkam, gorsa itti hojjechuu qabnu tokko tokko nuu kenniteetta; kunimmoo kan nu barbaachisudha. Gorsa gaarummaarratti hundaa’e nuu kennuudhaan yoo nu gargaaruu baatte, jaarmiyichi guutummaatti sitti fayyadamuu akka hin dandeenye hin dagatin. Hojii gaarii hojjechuukee itti fufi.” Walga’icha booda wanta inni naan jedhe Gireesittin hime. Sana booda, kutaa gamoo Bet’elirra jirutti ol baane. Yeroo sanatti baay’ee waan dhiphanneef ni boonye.

‘Gorsa gaarummaarratti hundaa’e nuu kennuudhaan yoo nu gargaaruu baatte, jaarmiyichaaf faayidaa guddaa kennuu akka hin dandeenye hin dagatin. Hojii gaarii hojjechuukee itti fufi’

Ji’oota muraasa booda, xalayaan Mana Barumsaa Giil’aad kutaa 24⁠ffaa, isa Guraandhala bara 1955⁠tti itti eebbifamnerratti hirmaachuuf akka afeeramne ibsu nu ga’e. Gara mana barumsichaa deemuu keenya dura, leenjiin kan nuu kennamu misiyoonota akka taanuuf utuu hin ta’in, hojii daawwannaarratti caalaatti bu’a qabeessa akka taanuuf ta’uusaa nutti himame. Mana barumsichaarratti hirmaachuun baay’ee gammachiisaa si’a ta’u, muuxannoo gad of deebisuuf gargaaru hedduus irraa arganneerra.

Gararraa: Farniifi Joorji Kooch, anaafi Gireesii wajjin Giili’aaditti, bara 1954

Leenjicha ennaa xumurru, hojii koonyaarratti akka tajaajillu ramadamne. Koonyaan keenya naannoo Indiyaanaa, Mishiganiifi Ohaayoo kan dabalatudha. Kan nama ajaa’ibsiisu Muddee bara 1955⁠tti obboleessa keenya Noorirraa xalayaan akkas jedhu nu ga’e: ‘Mee iftoominaafi haqaan yaada keessan naaf ibsaa. Gara Bet’el dhufuudhaan as turuuf fedhii yoo qabaattan ykn Bet’el keessa yeroo muraasaaf erga turtanii booda biyya alaatti tajaajiluuf fedhii yoo qabaattan natti himaa. Hojii koonyaafi aanaa kan filattan taanaanis beekuun barbaada.’ Nuyis hojii itti ramadamne kamiyyuu hojjechuuf fedhii akka qabnu itti himne. Achiis, utuu baay’ee hin turin Bet’elitti akka tajaajillu afeeramne!

WAGGOOTA GAMMACHIISAA BET’ELITTI DABARSINE

Waggoonni gammachiisaan ani Bet’elitti dabarse, guutummaa Yunaayitid Isteetis keessatti haasaawwaniifi barumsawwan kennuu kan dabalatudha. Dargaggoota yeroo booda jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa gurguddaa fudhatan hedduu leenjisuufi gargaaruurratti hirmaadheera. Yeroo boodas, biiroo hojii lallabaa addunyaa maraa qindeessu keessatti barreessaa obboleessa keenya Noor ta’ee tajaajileera.

Kutaa Tajaajilaa keessatti utuun hojjedhu, bara 1956

Keessattuu waggoonni ani Kutaa Tajaajilaa keessatti dabarse baay’ee gammachiisaa turan. Achitti Toomaas (Bad) Suliivaan wajjin hojjechuu danda’een ture. Inni waggaa hedduudhaaf ilaaltuu olaanaa kutaa sanaa ture. Obboloonni ani wanta hedduu irraa baradhe kan biroonis jiru turan. Fireed Raaski, inni akka na leenjisuuf ramadame isaan keessaa tokkodha. “Fireed, xalayaawwankoo tokko tokkorratti sirreeffama baay’ee kan goote maaliifi?” jedhee isa gaafachuukoo nan yaadadha. Innis kolfuudhaan yaada irratti xiyyeeffatamuu qabu dubbate: “Maalkam, yommuu waan tokko dubbattu, jechoota dabalataatti fayyadamtee ibsuu dandeessa; yommuu waan tokko barreessitu garuu, keessumaa asii taanaan hamma danda’ame ifa kan ta’eefi dhugaa ta’uu qaba.” Achiis gaarummaadhaan, “Jabaadhu; waan gaarii hojjechaa jirta; yeroo boodammoo ni fooyyessita” naan jedhe.

Waggoota hedduu Bet’el keessa jiraannetti, Girees mana qulqulleessu dabalatee, hojii addaddaa hojjetteetti. Hojiishee baay’ee jaallatti turte. Hamma har’aattillee, obboloota dhiiraa yeroo sana dargaggoota turaniifi Bet’el jiraatanii wajjin darbee darbee yommuu wal arginu, seeqaa Gireesiin akkas jedhu, “Akka itti sireen afamu na barsiisteetta; haatikoo waan ati goote kana baay’ee jaallatteetti.” Girees kutaa Barruulee, Xalayaafi kutaa Kaaseettii itti Heddummeessan keessattis hojjetteetti. Kutaalee addaddaa keessatti tajaajiluunshee, jaarmiyaa Yihowaa keessatti iddoon itti tajaajillu maaliyyuu yoo ta’e, wanti hojjennu mirgaafi eebba ta’uusaa hubachuuf ishee gargaareera. Hamma har’aatti, akkas itti dhaga’ama.

JIJJIIRAMA NUYI GOONE

Walakkeessa baroota 1970mmaniitti, warri keenya waan dulloomaniif caalaatti xiyyeeffannaan keenya akka isaan barbaachisu hubachuu jalqabne. Yeroo booda, murtoo ulfaataa ta’e goone. Bet’elii ba’uus ta’e, tajaajiltoota Yihowaa warra baay’ee jaallannurraa adda ba’uu hin barbaannu turre. Ta’us, warra keenyaaf kunuunsa gochuun itti gaafatamummaakoo akka ta’e natti dhaga’ame. Kanaafuu, haalli keenya yommuu jijjiiramu akka deebinu abdii godhachuudhaan Bet’elii baane.

Qarshiidhaan of deggeruuf dhaabbata inshuraansii keessatti hojjechuun jalqabe. Wanta hogganaan tokko yommuun leenjiirra ture naan jedhe yeroo hundan yaadadha: “Dhaabbanni kun gara galgalaa namootaaf bilbiluurratti kan hundaa’edha. Namoota argachuu kan dandeessu yeroo kanattidha. Guyyaa hundumaa galgala galgala bilbila bilbiluuf achitti argamuu caalaa wanti barbaachisu hin jiru.” Achiis akkasan jedheen: “Ati kana kan dubbattu muuxannoorraa kaatee akka ta’e naa gala; yaadakee kanas nan kabaja. Haata’u malee, ani itti gaafatamummaa hafuuraa matumaa dagachuu hin qabnen qaba; kanaafuu ammas sochii hafuuraa kana dagachuuf fedhii hin qabu. Kibxataafi Kamisarraa kan hafe yeroo kaan hojjechuu nan danda’a; guyyoota kana lamaanitti garuu walga’iiwwan baay’ee barbaachisaa ta’anirratti argamuun qaba.” Yihowaanis hojii kootiif jedhee walga’iiwwanirraa hafuu dhiisuu kootiif na eebbiseera.

Haatikoo Adoolessa bara 1987⁠tti dhaabbata maanguddoota itti kunuunsan keessatti yommuu duutetti ishee bira turre. Itti gaafatamtuun narsotaa gara Girees dhuftee akkas jetteen: “Aadde Girees, gara manaa deemii xinnoo boqodhu. Namni kamiyyuu amaatii keetiif jettee yeroo hunda as akka turte beeka. Nageenya sammuufi kabaja ofiif qabaadhu.”

Muddee bara 1987⁠tti, deebinee Bet’el isa baay’ee jaallanutti tajaajiluuf foormii guunne. Haata’u malee, guyyoota muraasa booda Girees kaansarii mar’umaaniitiin akka qabamte barre. Yaaliin baqaqsanii hodhuu godhameefii erga damdamattee booda, kaansariirraa bilisa akka taate itti himame. Ta’us gidduu sanatti, Bet’elii xalayaan gumii keenyatti tajaajiluu keenya akka itti fufnu ibsu nu ga’e. Achiis hojii lallaba Mootummichaa itti fufuuf murteessine.

Yeroo booda, Teeksaasitti hojiin argadhe. Qilleensi ho’aan naannoo sanaa nuuf gaarii akka ta’u yaannee turre; dhugumasimmoo gaarii ture. As Teeksaas keessatti, obboloota baay’ee itti siqnuufi namaaf yaadaniin marfamnee gara waggaa 25 jiraanneerra.

BARUMSA NUYI ARGANNE

Girees kaansarii mar’umaaniifi kaansarii taayrooyidiitiin, dhiheenyattimmoo kaansarii harmaatiin qabamteetti. Haata’u malee, gidiraa jireenya keessatti argitettis ta’e seera matummaatti guungumtee hin beektu; kanaa manaa yeroo hunda na deggerti turte. Yeroo baay’ee obboloonni akkas jedhanii ishee gaafatu: “Gaa’ela keessan keessatti milkaa’inaafi gammachuu argachuuf kan isin gargaare maalidha?” Isheenis sababii afur kenniti: “Nuyi waliif michoota gaariidha. Yeroo hunda waliin haasofna. Yeroo hunda waliin taanee namoota gaafachuu jaallanna. Akkasumas yommuu walitti aarru akkuma aarretti hin rafnu.” Yeroon itti wal gaddisiisne kan jiru ta’us, dhiifama walii goonee dhimma sana irraanfanna; kunimmoo baay’ee nu fayyadeera.

“Yeroo hunda Yihowaatti hirkadhaa; akkasumas wanta inni heyyame fudhadhaa”

Rakkina jireenya keessatti nu mudate hundarraa, barumsa gaarii hedduu arganneerra:

  1.  Yeroo hunda Yihowaatti hirkadhaa; akkasumas wanta inni heyyame fudhadhaa. Hubannaa ofii keessanitti matumaa hin hirkatinaa.​—Fak. 3:5, 6; Er. 17:7.

  2.  Dhimmisaa maaliyyuu yoo ta’e, qajeelfama argachuuf Dubbii Yihowaatti fayyadamaa. Yihowaafi seerasaatiif ajajamuun barbaachisaadha. Ajajamuu ykn ajajamuu dhiisuudha malee, walaallammii ta’uun hin danda’amu.​—Rom. 6:16; Ibr. 4:12.

  3.  Wanti jireenya keessatti iddoo guddaan kennamuufii qabu, Yihowaa biratti maqaa gaarii argachuudha. Fedhiisaatiif dursa kennaa malee, qabeenya hin hordofinaa.​—Fak. 28:20; Lal. 7:1; Mat. 6:33, 34.

  4.  Bu’a qabeessa ta’uuf, akkasumas hamma dandeessan tajaajila Yihowaarratti dammaqinaan hirmaachuuf kadhannaa dhiheessaa. Wanta gochuu hin dandeenyerratti utuu hin ta’in, wanta gochuu dandeessanirratti xiyyeeffadhaa.​—Mat. 22:37; 2 Xim. 4:2.

  5.  Jaarmiyaan eebbaafi surraa Yihowaa qabu kan biraan akka hin jirre hin dagatinaa.​—Yoh. 6:68.

Aniifi Girees, dhuunfaatti waggoota 75 caalaniif Yihowaa tajaajilleerra; gaa’ela keessattimmoo, gara waggoota 65tiif isa tajaajilleerra. Waggoota kana hundatti Yihowaa waliin tajaajiluudhaan yeroo gaarii dabarsineerra. Obboloonni keenya hundi, Yihowaarratti hirkachuudhaan muuxannoo nuyi arganne akka argatan hawwii keenyaafi kadhannaa keenyadha.