Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kadhannaa Irratti Yaadamee Dhihaaterraa Baradhaa

Kadhannaa Irratti Yaadamee Dhihaaterraa Baradhaa

‘Maqaankee inni ulfina qabeessi haa eebbifamu!’​—NAH. 9:5.

1. Walga’ii sabni Waaqayyoo godhan kam qorra? Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?

“KA’AATII Waaqayyoon gooftaa keessan isa bara baraa jajadhaa!” Sabni Waaqayyoo durii, kadhannaawwan dhedheeroo Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman keessaa isa tokko kan eegalan akka armaan olii jechuudhaan ture. (Nah. 9:4, 5) Yerusaalem keessatti kan walitti qabaman Dh.K.D. bara 455⁠tti, jiini torbaffaan, jechuunis jiini Tiishiriin galee guyyaa 24⁠ffaattidha. Wantoota guyyaa adda ta’e kanatti raawwataman yommuu qorru, akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Guyyaa sanatti wanti hundi milkaa’inaan akka raawwatamu kan godhe maalidha? Kadhannaa irratti yaadamee dhihaate kanarraa barumsa dabalataa akkamiin argachuu danda’a?’​—Far. 141:2.

JI’A ADDA TA’E

2. Israa’eloonni dallaa Yerusaalem ijaaranii erga xumuranii booda yommuu walitti qabamanitti wanta fakkeenya nuu ta’u akkamii godhan?

2 Yihudoonni walga’ii olitti ibsame utuu hin godhatin ji’a tokko dura dallaa Yerusaalem is deebi’ee ijaaramaa jiru xumuraniiru. (Nah. 6:15) Sabni Waaqayyoo hojii kana guyyaa 52 keessatti erga xumuranii booda, fedhii hafuuraasaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu jalqaban. Kanaaf, ji’a Tiishirii guyyaa jalqabaatti Izraaniifi Lewwoonni kaan, Seera Waaqayyoo dubbisuudhaan yommuu ibsan dhaggeeffachuuf walitti qabaman. ‘Namoota waa hubachuu danda’an’ dabalatee maatiin hundinuu, “ganama bariidhaa jalqabee hamma waareetti” dhaabatanii dhaggeeffachaa turan. Haalli kun, obboloota yeroo har’aa Galma Mootummaa mijataa ta’e keessatti walitti qabamaniif fakkeenya guddaa kan ta’udha! Haata’u malee, yeroo walitti qabamnutti yaanni keenya akka faffaca’u heyyamuudhaan, waa’ee wantoota barbaachisaa hin taanee yaannaa? Taanaan, seenaa saba Israa’el warra dhaggeeffachuu qofa utuu hin ta’in wanta dhaga’an qalbiitti qabataniifi darbees akka sabaatti Seera Waaqayyoo cabsuudhaan dogoggora raawwachuusaaniitiin boo’anii irra deebi’aa qoraa.​—Nah. 8:1-9.

3. Israa’eloonni qajeelfama kam hordofuudhaan ajajaman?

3 Haata’u malee, yeroon kun yeroo itti cubbuu himachuudhaan yaada garaa geddaratan hin turre. Guyyaan sun, guyyaa ayyaanaa waan ta’eef, guyyaa gammachuudhaan Yihowaa itti waaqeffatan ture. (Lak. 29:1) Kanaaf Nahimiyaan sabichaan akkas jedhe: “Dhaqaatii nyaata fo’amaa nyaadhaa, dhugaatii miyaa’aas dhugaa! Warra waa hin qopheeffanneef immoo waa ergaaf! Guyyaan kun Waaqayyo keenyaaf qullaa’aa, gammachuun inni isiniif kennus jabina keessan waan ta’eef hin gaddinaa!” Sabni sunis akkuma jedhaman kan godhan si’a ta’u, guyyaan sunis guyyaa ‘gammachuu’ isaaniif ta’eera.​—Nah. 8:10-12.

4. Warri dura buutota qomoo ta’an maal godhan? Qo’annoon isaan godhanoo, Ayyaana Gordommaarratti wanta xiyyeeffannaa namaa harkisu akkamii gochuuf isaan kakaase?

4 Guyyaa ittaanutti, dura buutota qomoo kan ta’an hundi sabichi Seera Waaqayyoo caalaatti baruu kan danda’u akkamitti akka ta’e mari’achuuf walitti qabaman. Qo’annaa Caaffata Qulqullaa’oorratti godhanirraa, gaafa ji’a torbaffaa jechuunis ji’a Tiishirii, guyyaa 15⁠ffaatii kaasee hanga 22⁠ffaatti, Ayyaana Gordommaa ayyaaneffachuu akka qaban waan hubataniif, qophii gochuu eegalan. Ayyaanni Gordommaa, bara Iyaasuudhaa jalqabee hamma guyyaa sanaatti akkasitti ayyaaneffatamee waan hin beekneef, “gammachuun isaanii baay’ee guddaa ture.” Wanti ayyaana kanarratti iddoon guddaan kennameefii ture, Seerri Waaqayyoo “guyyaa duraatii jalqabee hamma xumura ayyaanichaatti” dubbifamuusaati.​—Nah. 8:13-18.

GUYYAA QALBII ITTI GEDDARATAN

5. Lewwoonni bakkasaanii bu’uudhaan kadhannaa dhiheessuusaanii dura, sabni Waaqayyoo maal godhan?

5 Guyyaa lama booda, yeroonsaa yeroo sabni Israa’el Seera Waaqayyoo eeguu dadhabuusaaniitti dhiifama gaafachuudhaan qalbii itti geddaratan ture. Guyyaan kun guyyaa ayyaanaa hin turre. Kanaa mannaa, guyyaa sabni Waaqayyoo gaddasaanii ibsuuf itti soomaniifi uffata gaddaa itti uffatan ture. Guyyaa sanatti, ganama Seerri Waaqayyoo sa’aatii sadiif isaaniif dubbifame. Waaree boodammoo, “cubbuu isaanii himachaa Waaqayyo gooftaa isaaniitiif in sagadan.” Achiis, Lewwoonni saba sana bakka bu’uudhaan kadhannaa irratti yaadame dhiheessan. ​—Nah. 9:1-4.

6. Lewwoonni kadhannaa hiika qabu dhiheessuuf maaltu isaan gargaare? Kunoo barumsa akkamii nuuf kenna?

6 Lewwoonni yeroo hundumaa Seera Waaqayyoo dubbisuunsaanii, kadhannaa hiika qabu dhiheessuuf akka isaan gargaare hin shakkisiisu. Lakkoofsawwan jalqabaa kurnan, hojiifi amaloota Waaqayyoo qofarratti kan xiyyeeffatanidha. Kutaa kadhannaa kanaa isa haferratti, ‘baay’inni araara’ Waaqayyoo irra deddeebi’amee kan caqasame si’a ta’u, araarri akkasii Israa’elootaaf akka hin malles ibsameera. (Nah. 9:19, 27, 28, 31) Nutis akkuma Lewwootaa, kadhannaa dhiheessuu keenya dura Dubbii Waaqayyoorratti guyyaa guyyaadhaan xiinxaluudhaan Waaqayyo akka nutti dubbatu yoo goone, kadhannaa gaarii ta’eefi hiika qabu dhiheessuu dandeenya.​—Far. 1:1, 2.

7. Lewwoonni Waaqayyoon maal gaafatan? Nutoo kanarraa barumsa akkamii arganna?

7 Kadhannaan sun gaaffii gad of deebisuudhaan gaafatame tokko qofa qaba. Gaaffiin isaan dhiheessan kun kutaa lammaffaa lakkoofsa 32⁠rratti kan argamu si’a ta’u caqasichi akkas jedha: “Yaa Waaqayyo keenyaa, gooftaa guddaa gooftaa aango-qabeessaa fi sodaatamaa! Yaa isa kakuu keetii fi gaarummaa kee eegduu! Rakkinni bara mootota Asorii hamma har’aatti nu irra, mootota keenya irra, gurguddoota keenya irra, luboota keenya irra, raajota keenya irra, abboota keenya irra, guutummaa saba kee irras ga’e, fuula kee duratti wanta xinnootti hin ilaalamin!” Kanaafuu, Lewwoonni kadhannaa keenya keessatti dhimma dhuunfaa Waaqayyoon gaafachuu keenya dura, isa jajachuufi galateeffachuu akka qabnu fakkeenya gaarii nuuf ta’u.

MAQAA WAAQAYYOO ISA ULFINA QABEESSA JAJACHUU

8, 9. (a) Lewwoonni karaa gad of deebisuu mul’isu akkamiitiin kadhannaasaanii eegalan? (b) Macci waaqa keessaa Lewwoonni caqasan lamaan kamfa’i?

8 Lewwoonni kadhannaa irratti yaadame kan dhiheessan ta’us, jechoonni gaggaariin isaan itti fayyadaman galata Yihowaadhaaf dhihaachuu qabu guutummaatti ibsuu akka hin dandeenye gad of deebisuudhaan amananiiru. Kanaaf, kadhannaan gad of deebisuudhaan jalqabameefi saba Waaqayyootiif kabaja argamsiise sun akkas jedha: “Maqaan kee inni ulfina-qabeessi, inni wanta jajamuu fi waan galateeffamu hundumaa gararraa jiru haa eebbifamu!”​—Nah. 9:5.

9 Kadhannaan sun itti fufuudhaan akkas jedha: “Si’uma duwwaatu Waaqayyoo dha, bantiiwwan waaqaa fi bantii waaqaa isa bantiiwwan waaqaa gararraa jirus, macca isaanii hundumaas, lafa, wanta isa irra jiru hundumaas, galaana, wanta isa keessa jiru hundumaas situ uume; isaan kana hundumaa situ jiraachisa; macci waaqa keessaas siif in sagadu.” (Nah. 9:6) Eeyyee, hawaa gaalaaksii urjiilee lakkaa’amanii hin dhumne qabuun guutame kan uume Yihowaadha. Akkasumas lubbu qabeeyyiin gosa garaagaraa pilaaneetii keenyarra jiran, haala nama ajaa’ibsiisuun akka gosa gosasaaniitti wal horuusaanii akka itti fufan godhee kan uume Yihowaadha. Ergamoonni Waaqayyoo warri “macca waaqa keessaa” jedhamanis uumamasaa keessaa tokkodha. (1 Mot. 22:19; Iyo. 38:4, 7) Hunda caalaammoo ergamoonni, ilmaan namootaa cubbuu dhaalaniifi “fayyina argachuuf jiraniif” dhugaa ba’uudhaan gad of deebisanii fedha Waaqayyoo raawwatu. (Ibr. 1:14) Ergamoonni kun, akka raayyaa waraanaa sirriitti leenji’eetti tokkummaa qabaachuudhaan Yihowaa tajaajiluurratti fakkeenya gaarii nuuf ta’u!​—1 Qor. 14:33, 40.

10. Akkaataa Waaqayyo Abrahaamiin itti qaberraa maal baranna?

10 Ittaansuudhaan Lewwoonni, wanta Yihowaan Abraam isa haadha manaasaa Saaraayi ishee dhabduu turterraa umrii waggaa 99⁠tti ilma godhateef godhe caqasaniiru. Sana booda Yihowaan maqaa Abraam gara Abrahaamitti kan jijjiire si’a ta’u, hiiknisaas, “Abbaa saba baay’ee” jechuudha. (Uma. 17:1-6, 15, 16) Akkasumas Waaqayyo sanyiin Abrahaam biyya Kana’aaniin akka dhaalu waadaa galeefii ture. Yeroo baay’ee namoonni waadaa galan ni irraanfatu; Yihowaan garuu hin irraanfatu. Lewwoonni kadhannaasaaniirratti yaada akkas jedhu ibsanii turan: “Ati Waaqayyo isa Abraamin fo’attee Ur biyya Kaldootaa keessaa baaftee maqaa isaa ‘Abrahaam’ jettee moggaaftee dha. Akkasumas yaadni isaa amanamaa ta’ee si duratti waan argameef, biyya Kana’aanotaa . . . isaa fi sanyii isaatiif kennuudhaaf kakuu in galteef; ati qajeelaa waan taateef, isa abdachiifte in raawwatteef.” (Nah. 9:7, 8) Nutis wanta dubbanne hojiirra oolchuudhaan fakkeenya Waaqa keenya isa qajeelaa hordofuuf carraaqqii haa goonu.​—Mat. 5:37.

WANTOOTA YIHOWAAN RAAWWATE YAADACHUU

11, 12. Hiika maqaan Yihowaa qabuufi hiiknisaa kun akkaataa Waaqayyo sanyii Abrahaam garbummaa jalaa itti baaserratti kan mul’ate akkamitti akka ta’e ibsi.

11 Yihowaa jechuun “Akka Ta’u Godha” jechuu si’a ta’u, Waaqayyo tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuudhaan abdii kenne akka raawwatu kan argisiisudha. Yommuu sanyiin Abrahaam garbummaa Gibxii jala turanitti wanti Waaqayyo isaaniif godhe, kun dhugaa ta’uusaa akka gaariitti kan mul’isudha. Yeroo sanatti, sabni sun garbummaa jalaa ba’ee Biyyattii Abdachiifamte dhaala jedhanii yaaduun waan hin fakkaanne ture. Haata’u malee, Waaqayyo irraa jalaan tarkaanfii fudhachuudhaan abdiin inni kenne akka raawwatamu yommuu godhetti, maqaan adda ta’eefi ulfina guddaa qabu, jechuunis maqaan Yihowaa jedhu kan isaaf malu ta’uusaa mirkaneesseera.

12 Kadhannaan Nahimiyaan galmeesse, Yihowaa ilaalchisee akkas jedha: “Biyya Gibxiitti gad qabamuu abboota keenyaa argitee, galaana diimaa birattis iyya isaanii dhageessee, mootiin Gibxii, hojjetoonni isaa warri gurguddoonni, namoonni biyya isaatii hundinuus saba kee irratti gooftummaa argisiisuudhaan akka rakkisan beektee milikkitaa fi dinqii isaan irratti in raawwatte; kanaanis maqaan kee akkuma har’aa kana akka beekamu in goote. Galaanicha fuula isaanii dura ture gargar hirtee, lafa gogaa irra isa keessa akka darban in goote; warra isaan ari’aa turanis akka nama dhagaa bishaan guddaatti darbatuutti tuujjubatti gad isaan in darbatte.” Achiis kadhannaan sun wanta Yihowaan sabasaatiif raawwate itti fufuudhaan akka jechuudhaan ibseera: “Atis saba biyya Kana’aan gad deebiftee . . . harka isaanii jala in galchite. Isaan mandaroota gurguddaa dallaa dhagaa qaban, lafa coomaa manneen mi’a gaggaariidhaan guutaman, boolla bishaanii qotamanii qophaa’an, iddoo dhaabaa waynii fi ejersaa akkasumas mukkeetii iji isaanii nyaataman baay’ee in qabatan; isaan nyaatanii quufanii in gabbatan gaarummaa kee isa guddaadhaanis qannootti in jiraatan.”​—Nah. 9:9-11, 24, 25.

13. Yihowaan karaa hafuuraa wanta Israa’elootaaf barbaachisu isaaniif guutaa kan ture akkamitti? Haata’u malee sabichi maal godhe?

13 Waaqayyo kaayyoosaa galmaan ga’uuf tarkaanfii irraa jalaan fudhate kan biraas qaba. Fakkeenyaaf, Israa’eloonni biyya Gibxii keessaa ba’anii utuu baay’ee hin turin, Yihowaan karaa hafuuraa wanta isaan barbaachisu isaaniif guuteera. Lewwoonni kadhannaasaanii keessatti, “Ati bantii waaqaa irraa tulluu Siinaa irratti gad buutee isaanitti dubbattee, firdii qajeelaadhaa fi seera dhugaa, seerrataa fi abboommii gaariis isaaniif in kennite” jechuudhaan dubbatanii turan. (Nah. 9:13) Yihowaan sabnisaa kun Biyyattii Abdachiifamte dhaaluudhaan saba maqaasaa baachuun isaanii malu ta’uu akka danda’aniif isaan barsiisaa kan ture ta’us, isaan garuu wantoota gaggaarii baratan ni irraanfatan.​—Nahimiyaa 9:16-18 dubbisi.

ADABNI BARBAACHISAADHA

14, 15. (a) Yihowaan sabasaa warra cubbuu raawwataniif dhiifama kan godhe akkamitti? (b) Akkaataa Waaqayyo sabasaa warra filatamoo ta’an itti qaberraa maal baranna?

14 Kadhannaan Lewwoonni dhiheessan, Israa’eloonni Seera Waaqayyoo eeguuf Tulluu Siinaa biratti erga waadaa galanii booda utuma hin turin cubbuu isaan raawwatan lamaan kan caqasudha. Kanaan kan ka’es, Yihowaan akka du’aniif isaan dhiiseera. Haata’u malee Lewwoonni, “Kana keessaa immoo araara kee isa guddaa irraa kan ka’e, lafa onaa keessatti isaan hin ganne; . . . lafa onaa keessatti waggaa afurtama wanta isaan barbaachisu isaaniif kennite; homtuu isaanitti hin hir’anne” jechuudhaan Yihowaa galateeffataniiru. (Nah. 9:19, 21) Yeroo har’aas Yihowaan, amanamummaadhaan isa tajaajiluu akka dandeenyuuf wanta nu barbaachisu hunda nuuf kenna. Akka Israa’eloota kumaan lakkaa’amaniifi abboomamuu diduufi amantii dhabuusaaniirraan kan ka’e lafa onaa keessatti dhumanii ta’uu hin qabnu. Wanti kun hundinuu, “nuyi warra dhumni barichaa irra ga’eef immoo barumsa akka nuuf ta’uuf caafame.”​—1 Qor. 10:1-11.

15 Kan nama gaddisiisu garuu, Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamte erga dhaalanii booda, waaqeffannaa Kana’aanotaa isa ajjeechaan itti raawwatamu fudhachuudhaan xuraa’ummaa raawwatan. Kanaaf, Yihowaan saboonni ollaasaanii ta’an akka isaan cunqursaniif sabasaa warra filatamoo ta’an kana harkasaaniitti dabarsee kenne. Yeroo isaan yaada garaasaanii geddaratan, Yihowaan dhiifama isaaniif gochuudhaan harka diinotasaaniirraa “si’a baay’ee” isaan oolcheera. (Nahimiyaa 9:26-28, 31 dubbisi.) Lewwoonni, “Ati bara baay’ee isaaniif obsitee, karaa raajota keetii hafuura keetiin isaan in gorsite; isaan garuu si dhaga’uu waan didaniif, harka saba naannoo sana jiraniitti isaan in laatte” jechuudhaan dubbataniiru.​—Nah. 9:30.

16, 17. (a) Haalli Israa’eloonni boojuu jalaa erga ba’anii booda keessa turan, haala abbootiinsaanii Biyyattii Abdachiifamte erga dhaalanii booda keessa turanirraa adda kan ta’e akkamitti? (b) Israa’eloonni waa’ee maalii dhiifama gaafatan? Waadaa kan galanoo maal gochuufidha?

16 Israa’eloonni boojuu jalaa erga ba’anii boodallee, irra deebi’uudhaan abboomamuu didaniiru. Kunoo maal isaanirraan ga’e? Lewwoonni kadhannaasaanii itti fufuudhaan akkas jedhaniiru: “Kunoo, har’a nuyi garboota; biyya abboonni keenya midhaan isaa fi wanta gaarii inni baasu akka nyaataniif ati kenniteef keessatti nuyi garboota taane. Wanti baay’een lafichi kennu, mootota warra ati sababii cubbuu keenyaaf nu irra keesseef in gala; . . . nuyi rakkina guddaa keessa jira.”​—Nah. 9:36, 37.

17 Lewwoonni yommuu akkas jedhan, Waaqayyo rakkinni akka isaanirra ga’u heyyamuudhaan dhugaa akka jal’ise dubbachuusaaniitii? Matumaa! Kanaa mannaa, “Wanta nu irra ga’e hundumaafuu ati dhugaa qabda, nuyi garuu waan jal’aa hojjenne” jechuudhaan sababiisaa ibsaniiru. (Nah. 9:33) Kadhannaan haala ofittummaarraa bilisa ta’een dhihaate kun kan xumurame, waadaa sabichi sana booda Seera Waaqayyootiif abboomamuuf galeen ture. (Nahimiyaa 9:38 dubbisi; 10:29) Dhumarrattis, geggeessitoonni Yihudootaa 84 ta’an, barreeffama waadaa isaan galan qabaterratti mallatteessaniiru.​—Nah. 10:1-27.

18, 19. (a) Addunyaa haaraa Waaqayyo qopheessetti galuuf maal gochuu qabna? (b) Waa’ee maalii kadhachuu keenya itti fufuu qabna? Maaliif?

18 Namoota addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessa jiraachuun isaaniif malu ta’uu akka dandeenyuuf adabni Yihowaa nu barbaachisa. Phaawulos ergamaan, “Ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kam ree?” jechuudhaan gaafateera. (Ibr. 12:7) Nutis amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuudhaan, akkasumas hafuurrisaa akka nu sirreessu heyyamuudhaan, qajeelfama Waaqayyoo akka fudhannu argisiisna. Cubbuu cimaa yoo raawwannes, gad of deebisuudhaan yaada garaa geddarannee adabasaa yoo fudhanne, Yihowaan dhiifama akka nuu godhu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.

19 Yihowaan dhiheenyatti, isa yeroo Israa’eloota garbummaa Gibxii jalaa baasetti godhe caalaa maqaansaa inni guddaan akka beekamu godha. (His. 38:23) Akkasumas, akkuma Israa’eloonni amanamoon Biyyattii Abdachiifamte dhaalan, Kiristiyaanonni amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffatan hundi, addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu ni dhaalu. (2 Phe. 3:13) Abdii ajaa’ibsiisaa akkasii yeroo eeggannu kanatti, maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamu kadhachuu keenya itti haa fufnu. Matadureen ittaanu, ammas ta’e barabaraaf eebba Waaqayyoo argachuu akka dandeenyuuf kadhannaa hojiirra oolchuu qabnu kan biraa ibsa.