Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA | SOBA WAAQAYYO JAALALA QABEESSA MITI JEDHU

Dhugaan Birmaduu Si Baasa

Dhugaan Birmaduu Si Baasa

Yeroo tokko Yesus, Yerusaalem keessatti, waaʼee Yihowaa dubbachaa, akkasumas geggeessitoota amantii sobaa bara sana turan saaxilaa ture. (Yohannis 8:12-30) Wanti inni yeroo sana barsiise, Waaqayyoon ilaalchisee yaada yeroo harʼaa balʼinaan argamu qoruuf nu gargaara. Yesus, “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedheera.​—Yohannis 8:31, 32.

Yesus, “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan” jechuudhaan barumsi amantii yeroo harʼaa barsiifamu “dhugaa” taʼuufi dhiisuusaa karaa itti qoruu dandeenyu ibseera. Waaqayyoon ilaachisee yaada tokko yommuu dhageessu, ‘Dubbiin kun yaada Yesus dubbateefi wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu wajjin walsimaa?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenya namoota wanta Phaawulos ergamaan dubbate erga dhagaʼanii booda, ‘wanti dubbatame [isaan baratan] dhugaa taʼuusaa baruudhaaf, guyyuma guyyaatti Macaafota Qulqulluu qoraa turanii’ hordofi.​—Hojii Ergamootaa 17:11.

Maarkoo, Roosaafi Raamoond warri jalqabarratti caqasaman, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan ilaalchasaanii akka gaariitti qoraniiru. Maal baratan laata?

Maarkoo: “Namni Macaafa Qulqulluu nu qayyabsiisaa ture, gaaffii aniifi haati manaakoo gaafannu hundaaf Macaafa Qulqulluurraa deebii nuu kenna ture. Achiis jaalalli nuti Waaqayyoof qabnu guddachaa kan deeme siʼa taʼu, haadha manaakoo wajjinis baayʼee akka walitti dhihaannu nu godheera!”

Roosaa: “Jalqabarratti Macaafni Qulqulluun, yaada namoonni Waaqayyoon ilaalchisee dubbatan akka taʼettan ilaalan ture. Yeroo booda garuu, gaaffii kootiif Macaafa Qulqulluurraa deebii argachuu dandaʼeera. Amma, Yihowaan akka jiru mirkaneeffadheera. Inni Waaqa ani itti amanamuu dandaʼudha.”

Raamoond: “Waaʼeesaa akkan baruuf akka na gargaaru Waaqayyoon kadhadheen ture. Achiis utuma baayʼee hin turin, abbaa manaakoo wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabne. Dhumarratti, waaʼee Yihowaa dhugaasaa baruu dandeenyeerra! Waaqa akkamii akka taʼe beekuu keenyatti baayʼee gammanneerra.”

Macaafni Qulqulluun, soba Waaqayyoon ilaalchisee dubbatamu kan saaxilu taʼuusaarrayyuu, waaʼee amalawwansaa warra nama hawwatanis ni ibsa. Macaafni kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffame yommuu taʼu, “kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf” nu gargaara. (1 Qorontos 2:12) Kanaaf, waaʼee Waaqayyoo, waaʼee kaayyoosaafi abdii gara fuulduraa ilaalchisee gaaffiiwwan barbaachisoo yeroo baayʼee kaʼaniif deebii Macaafni Qulqulluun kennu baruuf maaliif carraaqqii hin gootu? Gaaffiiwwan kana keessaa muraasasaatiif Weeb saayitii www.pr418.com mataduree, “Bible Teachings > Bible Questions Answered” jedhamu jalaa deebii argachuu dandeessa. Akkasumas, Weeb saayitii kanatti fayyadamuudhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gaafachuu ykn kallattiidhaan Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa nama tokko haasofsiisuu dandeessa. Yoo akkas goote, isa kanaan dura yaadaa turte caalaa, Waaqayyoon jaallachuun akka siif salphatu ni amanna.