Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tiksitoota Kan Taatan Fakkeenya Tiksitoota Hunda Caalanii Hordofaa

Tiksitoota Kan Taatan Fakkeenya Tiksitoota Hunda Caalanii Hordofaa

“Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.”​—1 PHE. 2:21.

1, 2. (a) Hoolonni kunuunsa yommuu argatan maal ta’u? (b) Namoonni bara Yesus turan, akka hoolota tiksee hin qabnee ta’anii kan turan maaliifi?

HOOLONNI tikseensaanii yommuu sirriitti isaan kunuunsu ni gabbatu. Kitaabni waa’ee hoolota horsiisuu dubbatu tokko, “tikseen tokko hoolotasaa akkasumaan kan bobbaasuufi wantoota isaan barbaachisan gara biraatiif xiyyeeffannaa kan hin kennine taanaan, hoolonni sun dhibee garaagaraa kan qaban, akkasumas gatii kan hin qabne” akka ta’an ibseera. Haata’u malee, hoolonni sirriitti yommuu kunuunfaman fayyaa qabaatu.

2 Kunuunsiifi xiyyeeffannaan jaarsoliin gumii tokkoon tokkoon hoolota Waaqayyootiif godhan guutummaa gumichaa kan fayyadudha. Yesus, namoota “akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii turan . . . yommuu arge” akka isaaniif gadde ni yaadattu ta’a. (Mat. 9:36) Haala gaddisiisaa akkasii keessa kan seenan maaliifi? Namoonni Seera Waaqayyoo barsiisuuf itti gaafatamummaa qaban, hamoo, ba’aa ulfaataa kan namarratti fe’aniifi fakkeessituu waan turaniifidha. Yihudoonni geggeessitoota amantii ta’an, hoolotasaanii gargaaruufi nyaata hafuuraa isaaniif dhiheessuu mannaa, “ba’aa ulfaataa hidhanii gatiittii namootaa irra in kaa’u” turan.​—Mat. 23:4.

3. Jaarsoliin gumii tiksitoota ta’an maal yaadachuu qabu?

3 Tiksitoonni yeroo har’aa jiran, jechuunis jaarsoliin gumii itti gaafatamummaa guddaa qabu. Hoolonni gumii keessa jiraniifi akka eeganiif isaanitti kennaman, kan Yihowaa, akkasumas kan Yesus isa ‘tiksee gaarii’ akka ta’e dubbateeti. (Yoh. 10:11) Kiristos ‘dhiigasaa isa gati jabeessa’ dhangalaasuudhaan hoolota kana biteera. (1 Qor. 6:20; 1 Phe. 1:18, 19) Hoolota kana baay’ee waan jaallatuuf, fedhaan lubbuusaa aarsaa godhee isaaniif kenneera. Jaarsoliin gumii, Yesus Kiristos isa “tiksee hoolotaa isa guddicha” ta’e jalatti akka hojjetan yeroo hundumaa yaadachuu qabu.​—Ibr. 13:20.

4. Mataduree kana keessatti waa’ee maalii ilaalla?

4 Kanaaf, jaarsoliin gumii obboloota gumii keessa jiran akkamitti kunuunsuu qabu? Miseensonni gumii, obboloota ‘itti gaafatamummaa fudhachuudhaan hojjetaniif akka abboomaman’ jajjabeeffamaniiru. Karaa garabiraammoo, jaarsoliin gumii, ‘warra tikasaanii jala jiranirratti gooftummaa akka hin argisiifne’ gorfamaniiru. (Ibr. 13:17; 1 Phexros 5:2, 3 dubbisi.) Kanaaf, hoolotarratti ba’aa utuu hin fe’in itti gaafatamummaasaanii ba’uu kan danda’an akkamitti? Karaa garabiraatiin, jaarsoliin gumii aangoo Waaqayyo isaaniif kennetti karaa hin taaneen utuu hin fayyadamin, hoolota Waaqayyoo kunuunsuu kan danda’an akkamitti?

“KAASUUTTI ISAAN IN BAATA”

5. Yaanni Isaayaas 40:11⁠rra jiru, waa’ee Yihowaa maal nu barsiisa?

5 Isaayaas raajichi Yihowaa ilaalchisee akkas jedheera: “Inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata, haadhotii hoolotaa warra hoosisanis suuta jedhee in oofa.” (Isa. 40:11) Yaadni kun, Yihowaan miseensota gumii dadhabina qabaniifi eegumsi isaan barbaachisuuf akka yaadu kan argisiisudha. Tikseen tokko wanta tokkoon tokkoon hoolotasaatiif barbaachisu hordofee guuta; akkasumas yommuu rakkatan dafee isaan dhaqqaba. Yihowaanis wanta hoolotasaa gumii keessa jiraniif barbaachisu kan beeku si’a ta’u, kunuunsa barbaachisaa ta’e isaaniif gochuutti ni gammada. Akkuma tikseen tokko yeroo barbaachisaa ta’etti ilmoo hoolaa uffatasaatiin maree kaasuutti baatu, Yihowaa inni “abbaa araara hundumaa” ta’es yeroo rakkisaa ta’etti nu baata ykn nu kunuunsa. Yeroo qorumsi cimaan nurra ga’u ykn yeroo gargaarsi addaa nu barbaachisutti nu jajjabeessa.​—2 Qor. 1:3, 4.

6. Jaarsi gumii tokko fakkeenya Yihowaa hordofuu kan danda’u akkamitti?

6 Jaarsoliin gumii Abbaa keenya isa samiirraa barumsa guddaa argatu. Akkuma Yihowaa, isaanis wanta obboloota gumii keessa jiraniif barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuu qabu. Rakkina isaanirra ga’aa jiruufi wanti hatattamaan xiyyeeffannaan kennamuufii qabu maal akka ta’e baruudhaan, jajjabinaafi gargaarsa barbaachisaa ta’e kennuuf dammaqoo ta’uu qabu. (Fak. 27:23) Jaarsi gumii, yeroo ramadee obboloota hidhatasaa ta’anii wajjin haasa’uufi isaan dhaggeeffachuu qaba. Jireenyasaanii keessa kan hin seenne ta’us, wanta gumii keessatti arguufi dhaga’uuf xiyyeeffannaa kennuudhaan, obboloota karaa hafuuraa ‘dadhabaniif’ yeroo fudhatee gargaarsa jaalalarratti hundaa’e isaaniif godha.—HoE. 20:35; 1 Tas. 4:11.

7. (a) Bara Hisqi’eliifi Ermiyaasitti, hoolonni Waaqayyoo akkamitti qabamaa turan? (b) Yihowaan tiksitoota hafuuraa amanamoo hin taane balaaleffachuunsaa maal nu barsiisa?

7 Mee tiksitoonni Waaqayyo balaaleffate ilaalcha akkamii kan qaban akka turan haa ilaallu. Bara Hisqi’eliifi Ermiyaasitti, Yihowaan tiksitoota hoolotasaa karaa sirrii hin taaneen qabaa turan balaaleffateera. Hoolonni tiksee hin qaban taanaan, bineensaan nyaatamu ykn ni badu. Tiksitoonni sun hoolota sana sooruu mannaa ‘of sooru’ turan; akkasumas isaanitti fayyadamu turan. (His. 34:7-10; Er. 23:1) Waaqayyo tiksitoota akkasii balaaleffachuunsaa geggeessitoota amantii Saba Kiristiyaanaatiif kan hojjetudha. Haata’u malee, jaarsoliin gumii hoolota Yihowaatiif kunuunsa jaalalarratti hundaa’e gochuunsaanii hammam barbaachisaa akka ta’es kan addeessudha.

“ANI . . . FAKKEENYA ISINIIF TA’EERA”

8. Amala hin taane sirreessuurratti Yesus fakkeenya akkamii kaa’eera?

8 Cubbuu ilmaan namootaa dhaalaniin kan ka’e, hoolonni Waaqayyoo tokko tokko wanta inni isaanirraa barbaadu salphaatti hubachuu dhiisuu danda’u. Akkasumas, tarkaanfii gorsa Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin simne ykn karaa hafuuraa ga’eessa akka isaan hin taane argisiisu fudhachuu danda’u. Yeroo akkasiitti, jaarsoliin gumii maal gochuu qabu? Fakkeenya Yesus hordofuu qabu. Yesus, Mootummaa Waaqayyoo keessatti eenyu akka caalu ilaalchisee duuka buutotasaa gidduutti mormii guddaan yeroo ka’etti obsaan isaan qabeera. Obsa dhabuu mannaa, gad of deebisuun barbaachisaa ta’uusaa irra deddeebi’ee isaan barsiiseera, akkasumas gorsa jaalalarratti hundaa’e isaaniif kenneera. (Luq. 9:46-48; 22:24-27) Miillasaanii isaaniif dhiquudhaan, amala ilaaltonni olaanaan hundi horachuu qaban, jechuunis amala gad of deebisuu isaan barsiiseera.​—Yohannis 13:12-15 dubbisi; 1 Phe. 2:21.

9. Yesus ergamoonnisaa ilaalcha akkamii akka qabaatan isaan gorse?

9 Ilaalchi Yesus ga’ee tiksitoonni qabaniif qabu, ilaalcha Yaaqoobiifi Yohannis yeroo tokko argisiisanii turanirraa addadha. Ergamoonni Yesus kun Mootummaa Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa argachuu barbaadanii turan. Yesus garuu akkas jechuudhaan ilaalchasaanii sirreesse: “Warri saba biyya lafa kanaa abbooman gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu. Isin gidduutti akkas hin ta’u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta’uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta’uutu isa irra jira.” (Mat. 20:25, 26) Ergamoonni Yesus, obbolootasaaniirratti amala ‘gooftummaa’ argisiisuu dhiisuu qabu turan.

10. Yesus, jaarsoliin gumii hoolota akkamitti akka qaban barbaada? Gama kanaan Phaawulos fakkeenya akkamii ta’eera?

10 Yesus, jaarsoliin gumii akka inni hoolota itti qabetti isaanis akka qaban barbaada. Gooftaasaanii akka ta’anitti utuu hin ta’in, akka obbolootasaaniitti isaan qabuuf fedha qabaachuu qabu. Phaawulos ergamaan amala akkasii waan qabuuf jaarsolii gumii Efesooniin akkas jedheera: “Ergan gaafa kutaa biyya Asiyaa kana dhufeetii jalqabee, yeroo hundumaa attamitti akkan isin gidduu jiraadhe, ofii keessanii beektu. Karaa hundumaan of gad deebisuudhaan . . . gooftaadhaaf hojjechaan ture.” Phaawulos jaarsoliin sun gad of deebisanii garaadhaa warra kaan akka gargaaran barbaada ture. ‘Akka kanatti dhamaatanii hojjechuudhaan dadhaboota akka gargaartaniif, kana hundumaan fakkeenya isiniif ta’eera’ jechuudhaan dubbateera. (HoE. 20:18, 19, 35) Phaawulos amantii Kiristiyaanota gumii Qorontos turanirratti gooftaa akka hin taane dubbateera. Kanaa mannaa, gammachuusaaniitiif jecha gad of deebisuudhaan isaanii wajjin hojjeta ture. (2 Qor. 1:24) Phaawulos, gad of deebisuufi jabaatanii hojjechuurratti jaarsolii gumii yeroo har’aatiif fakkeenya gaarii kaa’eera.

‘DUBBICHA ISA AMANAMAA SANATTI JABAADHAA QABAMAA’

11, 12. Jaarsi tokko, obboleessi hidhatasaa ta’e ennaa murtoo godhutti isa gargaaruu kan danda’u akkamitti?

11 Gorsi jaarsi gumii tokko kennu yeroo hunda, “dubbicha isa amanamaa,” jechuunis Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’e ta’uu qaba. (Tit. 1:9) Akkasumas, gorsa kan kennu ‘hafuura garraamummaatiinidha.’ (Gal. 6:1) Jaarsi gumii nama hafuuraa ta’e tokko, obboloonni gumii keessa jiran wanta tokko karaa ta’e tokkoon akka hojjetan dirqisiisuuf yaaluu mannaa, yaada garaasaaniirratti hundaa’anii akka hojjetan barbaada. Jaarsi tokko, yommuu obboleessi tokko murtoo cimaa gochuu barbaadu, seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu isa yaadachiisuufi dhimmicha ilaalchisee yaada barreeffama keenyarratti ibsame isaa wajjin ilaaluu danda’a. Murtoon obboleessi sun godhu, hariiroo Yihowaa wajjin qaburratti dhiibbaa akkamii akka godhu akka itti yaadu isa hubachiisuu danda’a. Akkasumas, murtoo gochuusaa dura qajeelfama Yihowaa argachuuf kadhannaa dhiheessuunsaa barbaachisaa akka ta’e jabeessee ibsuufii danda’a. (Fak. 3:5, 6) Yaadawwan akkasiirratti erga mari’atanii booda, murtoo mataasaa akka godhu isaaf dhiisa.​—Rom. 14:1-4.

12 Aboon ilaaltonni olaanaan qaban Macaafa Qulqulluu qofarratti kan hundaa’edha. Kanaaf, Macaafa Qulqulluutti akka gaaritti fayyadamuunsaaniifi gorsi isaan kennan yeroo hunda isarratti kan hundaa’e ta’uunsaa barbaachisaadha. Akkas gochuunsaanii, aboosaaniitti karaa hin taaneen fayyadamuurraa fagaachuuf isaan gargaara. Jaarsoliin itti gaafatamummaa qabaataniyyuu, hoolonni kun kansaanii miti; akkasumas miseensonni gumii hundi murtoo godhaniif Yihowaafi Yesus duratti itti gaafatamu.​—Gal. 6:5, 7, 8.

‘HOOLOTAAF FAKKEENYA TA’UU’

Jaarsoliin maatiinsaanii tajaajilaaf akka qophaa’an ni gargaru (Keeyyata 13 ilaali)

13, 14. Jaarsi tokko obboloota gumii keessa jiraniif karaawwan kamiin fakkeenya ta’uu qaba?

13 Phexros ergamaan, “Hoolota karra sanaaf fakkeenya ta’uudhaan egaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa argisiisuudhaan miti” jechuudhaan maanguddoota gumii keessa turan gorseera. (1 Phe. 5:3) Jaarsi gumii tokko hoolotaaf fakkeenya kan ta’u akkamitti? Ulaagaalee obboleessi “ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa ta’uu fedhu” tokko guutuu qabu keessaa lama haa ilaallu. Obboleessi kun, nama ‘yaada sirrii qabuufi’ (NW) “nama warra mana isaa ba’eessa godhee bulchu” ta’uu qaba. Jaarsi gumii tokko maatii kan qabu yoo ta’e, karaa fakkeenya ta’uun maatiisaa bulchuu qaba. Ta’uu baannaan “namni akka itti warra mana isaa bulchu hin beekne immoo, attamitti waldaa Waaqayyoof yaaduu danda’a?” (1 Xim. 3:1, 2, 4, 5) Obboleessi tokko ilaaltuu olaanaa ta’ee muudamuuf, yaada sirrii kan qabu, jechuunis seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu sirriitti kan beekuufi jireenyasaa keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka qabu kan beeku ta’uu qaba. Kan hin ariifanneefi murtoo gochuusaa dura of eeggannoodhaan kan irratti yaadu ta’uu qaba. Miseensonni gumii, amalawwan kana jaarsoliirratti arguunsaanii amanannaa akka qabaatan godha.

14 Karaan ilaaltonni olaanaan Kiristiyaanota hidhatasaanii ta’aniif fakkeenya ta’uu itti danda’an inni kan biraan, adda durummaadhaan tajaajilarratti hirmaachuudha. Yesus gama kanaan fakkeenya gaarii isaaniif ta’eera. Yommuu lafarra turetti hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuudhaaf bakka guddaa kenna ture. Hojii kana akkamitti hojjechuu akka qaban duuka buutotasaatti argisiiseera. (Mar. 1:38; Luq. 8:1) Yeroo har’aa, babal’istoonni jaarsolii gumii wajjin hojjechuudhaan hinaaffaa isaan hojii lubbu baraarsaa ta’erratti hirmaachuudhaan argisiisaniifi akkaataa isaan itti barsiisanirraa jajjabina argatu! Ilaaltonni olaanaan hojiin kan itti baay’atu ta’us, hinaaffaadhaan misiraachicha labsuunsaanii obboloonni gumii hundis hinaaffaa wal fakkaatu argisiisuuf isaan kakaasa. Kana malees, jaarsoliin gumii, walga’ii gumiidhaaf qophaa’uufi hirmaannaa gochuudhaan, akkasumas hojiiwwan kanneen akka Galma Mootummaa qulqulleessuufi suphuurratti hirmaachuudhaan obbolootasaaniitiif fakkeenya gaarii ta’uu danda’u.​—Efe. 5:15, 16; Ibroota 13:7 dubbisi.

Ilaaltonni olaanaan tajaajilarratti fakkeenya ta’u (Keeyyata 14 ilaali)

‘WARRA DADHABAN JABEESSAA’

15. Sababiiwwan jaarsoliin gumii hojii tikaa itti raawwatan tokko tokko maalfa’i?

15 Tiksee gaariin hoolaan tokko yommuu miidhamu ykn yommuu dhukkubsatu hatattamaan gargaarsa godhaaf. Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliin gumiis obboloota gumii keessa jiraniifi rakkinni isaan mudate ykn karaa hafuuraa gargaarsi isaan barbaachisuuf hatattamaan gargaarsa kennuufii qabu. Maanguddoonniifi warri dhukkubsatan karaa foonii xiyyeeffannaan kan isaan barbaachisu ta’us, caalaatti garuu karaa hafuuraa gargaarsaafi jajjabina argachuu qabu. (1 Tas. 5:14, hiika bara 1899) Dargaggoonni gumii keessa jiran, qorumsa kan akka “kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu[u]” wajjin waldhaansoo gochaa jiru ta’a. (2 Xim. 2:22) Kanaaf, jaarsoliin yeroo yerootti hojii tikaa yommuu raawwatan, rakkina obbolootasaanii mudachaa jiru hubatanii gorsa Caaffata Qulqullaa’oo yeroo sanatti isaan gargaaru isaaniif kennuudhaan isaan jajjabeessuu qabu. Rakkina akkasiitiif yeroosaatti furmaata kennuun, rakkinni kun sadarkaa cimaarra utuu hin ga’in furmaata akka argatu gochuuf gargaara.

16. Miseensi gumii tokko karaa hafuuraa gargaarsi yommuu isa barbaachisutti jaarsoliin gumii gargaarsa akkamii gochuufii danda’u?

16 Rakkinni miseensa gumii tokko mudate sun hariiroo Yihowaa wajjin qabu balaadhaaf kan saaxilu yoo ta’ehoo? Yaaqoob, akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif. Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta’es in dhiisaaf.” (Yaq. 5:14, 15) Namni karaa hafuuraa dhukkubsate tokko ‘jaarsolii waamsifachuu’ baatus jaarsoliin haala inni keessa jiru hubataniiru taanaan, hatattamaan gargaarsa isaaf gochuu qabu. Jaarsoliin gumii, yeroo obboloonnisaanii gargaarsi isaan barbaachisutti isaanii wajjin ta’uudhaan yommuu isaaniif kadhataniifi isaan gargaaran, obboloota itti gaafatamummaasaanii jala jiraniif madda jajjabinaa ta’uu danda’u.​—Isaayaas 32:1, 2 dubbisi.

17. Jaarsoliin gumii fakkeenya ‘tiksee isa guddichaa’ hordofuunsaanii faayidaa akkamii argamsiisa?

17 Jaarsoliin gumii hojii jaarmiyaa Yihowaa keessatti raawwatan hundaan fakkeenya Yesus Kiristos isa ‘tiksee guddicha’ ta’ee hordofuuf carraaqqii godhu. Gargaarsi obboloonni itti gaafatamummaa qaban kennan, miseensonni gumichaa karaa hafuuraa jabina akka argataniifi amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluusaanii akka itti fufan godha. Wanta kana hundaaf, Yihowaa isa Tiksee hunda caalu ta’e galateeffachuufi jajachuu qabna.