Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA | DUUTI DHUMA WAAN HUNDUMAATII?

Qabsoo Ilmaan Namootaa Duʼaa Wajjin Godhan

Qabsoo Ilmaan Namootaa Duʼaa Wajjin Godhan

MOOTII KAN TAʼE CHIIN SHII HUWAANG

QORATAA KAN TAʼE POONSEE DEE LIYOON

Duuti diina sodaachisaadha. Humna qabnu hundumaan diina kanaa wajjin walʼaansoo goona. Namni jaallannu tokko yommuu duʼu haalicha amannee fudhachuun nutti ulfaata. Yookiinimmoo, umrii dargaggummaa keenyatti gara fulduraatti duuti nurra gaʼuu akka dandaʼu hin yaadnu taʼa.

Namni akka Faraʼonota Gibxii durii waaʼeen duʼaa isa yaaddesse hin jiru jechuun ni dandaʼama. Faraʼononni kun duʼa moʼuuf jireenyasaaniifi jireenya hojjettootasaanii kumaan lakkaaʼamanii aarsaa godhaniiru. Gama kanaan hammam carraaqii akka godhaniifi akka isaan hin milkoofne piraamiidoota isaan ijaaranirraa hubachuun ni dandaʼama.

Malli isaan itti fayyadaman adda taʼus, mootonni Chaayinaa duriis duʼa moʼuuf qabsoo godhaniiru; mootonni kun qoricha barabaraaf jiraachuuf isaan dandeessisu barbaadaa turaniiru. Mootiin Chiin Shii Huwaang jedhamu qoricha duʼa hambisuu dandaʼu akka hojjetaniif ogeessotasaa ajajee ture. Qorichawwan isaan wantoota addaddaarraa hojjetan hedduun meerkurii isa summaaʼaa taʼe kan qaban ennaa taʼu, wanti duʼa mootichaatiif sababa taʼe kana taʼuu hin oolu.

Dh.K.B. bara 1513⁠tti qorataan biyya Ispeen, Huwaan Poonsee dee Liyoon jedhamu tokko, bishaan dargaggummaatti nama deebisa jedhamu barbaacha gara odoolawwan Kaaribiyaanii deemee ture. Yaalii bishaan kana argachuuf godherratti magaalaa Filooriidaa, Yuu.Ees.Ee kan argate siʼa taʼu, walitti buʼiinsa namoota Ameerikaa wajjin uumameen duʼeera. Bishaan dargaggummaatti nama deebisa jedhamu kun garuu matumaa argamee hin beeku.

Kaayyoon Faraʼonota, Moototaafi qorattoota kanaa duʼa injifachuu ture. Malawwan isaan duʼa balleessuuf itti fayyadaman deggeruu baannullee, carraaqqiisaanii akka laayyootti hin ilaallu. Hundi keenyayyuu barabaraaf jiraachuu ni barbaanna.

DUUTI MOʼAMUU NI DANDAʼAA?

Garmalee duʼa kan balaaleffannu maaliifi? Macaafni Qulqulluun sababiisaa kan nuu ibsu siʼa taʼu, Yihowaa * isa Uumaa keenya taʼe ilaalchisee akkas jedha: “Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee taʼu beekuus [“baraa barummaas,” hiika bara 1899] yaada ilmaan namootaa keessa kaaʼeera.” (Lallaba 3:11) Umrii gara waggaa 80f qofa utuu hin taʼin, barabaraaf lafa bareedduu taate kanarra gammachuudhaan jiraachuu barbaanna. (Faarfannaa 90:10) Kun fedhii garaa keenya keessa jirudha.

Waaqayyo “baraa barummaa” garaa keenya keessa kan kaaʼe maaliifi? Akkasumaan hawwiidhaan akka jiraannuufii? Matumaa! Faallaa kanaatiin, Waaqayyo duuti akka injifatamu abdii nuu kenneera. Macaafni Qulqulluun duuti akka badu, akkasumas abdii jireenya barabaraa Waaqayyo kenne ilaalchisee irra deddeebiʼee dubbata.—Saanduqa,  “Injifannoo Duʼarratti Argamu” jedhu ilaali.

Yesus Kiristosis, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jechuudhaan yaada ifa taʼe dubbateera. (Yohannis 17:3) Kanaaf, qabsoon duʼaa wajjin godhamu akka milkaaʼu beekamaadha. Haataʼu malee, duʼa nuuf moʼuu kan dandaʼu Waaqayyo qofa akka taʼe Yesus nuu mirkaneesseera.

^ key. 9 Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamedha.