Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Seenaa Amantii Waggaa 100 Lakkoofsise

Seenaa Amantii Waggaa 100 Lakkoofsise

“Obboleessa keenya Raasil isa dhugaa caalaa obboleessa keenya Raasiliin fakkaata!”​—Nama bara 1914⁠tti fiilmii “Footoo Diraamaa” jedhamu ilaale.

BARANA Fiilmiin “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” jedhamu yeroo jalqabaatiif erga argisiifamee waggaa 100 kan guute siʼa taʼu, kan hojjetames amantii namoonni Macaafa Qulqulluurratti qaban cimsuufidha. Yeroo barumsi jijjiirama tirannaa, ceephooniifi shakkiin, namoonni baayʼeen amantii akka dhaban godhee ture sanatti, fiilmiin “Footoo Diraamaa” jedhamu kun, Yihowaan Uumaa taʼuusaa beeksisee ture.

Chaarlis Teez Raasil inni hojii Barattoota Macaafa Qulqulluu geggeessaa ture, malawwan dhugaa Macaafa Qulqulluu karaa caalaatti milkaaʼinaafi saffisa qabuun babalʼisuuf gargaaran barbaadaa tureera. Barattoonni Macaafa Qulqulluu, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanitti fayyadamuudhaan waggoota soddomaa oliif dhugaa babalʼisaa turaniiru. Amma garuu malli haaraan tokko xiyyeeffannaasaanii harkiseera. Kunis fakkii sosochoʼutti fayyadamuudha.

FAKKIIWWAN SOSOCHOʼANITTI FAYYADAMUUDHAAN WANGEELA LALLABUU

Baroota 1890n keessa, fakkii sosochoʼaniifi sagalee hin qabnetti fayyadamuun jalqabamee ture. Jalqaba bara 1903⁠tti, waldaa amantii Niiwu Yoorki Siitiitti argamu tokko keessatti fiilmiin amantii tokko argisiifamee ture. Kanaaf, bara 1912⁠tti, yeroo obboleessi keenya Raasil “Footoo Diraamaa” hojjechuuf qophii jalqabetti fakkii sosochoʼutti fayyadamanii fiilmii hojjechuun reefuu jalqabame. Obboleessi keenya Raasil, malli kun barreeffamootatti fayyadamuudhaan alattis dhugaa Macaafa Qulqulluu caalaatti babalʼisuurratti gaʼee guddaa akka qabu hubatee ture.

Fiilmiin kun, saʼaatii saddeet kan fudhatu, kutaa afuritti qoodamee kan argisiifamuufi haasaawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan 96 kan qabate siʼa taʼu, nama dandeettii seenessuu qabuufi sagaleensaa yeroo sanatti beekamaa taʼeen seeneffamaa ture. Kutaawwan fiilmichaa hedduun muuziqaadhaan kan deggeraman turan. Obboloonni dandeettii qaban, fakkiiwwan seenaawwan Macaafa Qulqulluu beekamoo taʼan irra deddeebiʼanii argisiifamaniifi islaayidoota halluu qaban, sagaleefi muuziqaa waraabame faana taphachiisuudhaan argisiisaniiru.

“[Fiilmiin kun] fakkiiwwan yeroo urjiileen uumamanii kaasee hamma xumura Bulchiinsa Kiristos isa Waggaa Kumaatti argisiisan of keessatti qabateera.”​—Firaansiis Istuwaart Barnas, bara 1914⁠tti waggaa 14 ture

Wantoonni fiilmii kanaaf barbaachisaniifi islaayidoonni hedduun dhaabbata hojii akkasiirratti hirmaatanirraa bitaman. Islaayidootaafi fakkiiwwan fiilmichaaf barbaachisan namoota dandeettii fakkii kaasuu qabaniifi Filaadelfiyaa, Niiwu Yoorki, Paarisifi Landanirraa dhufantu kaase. Obboloonni Betʼelitti Kutaa Fakkii keessaa hojjetanis, islaayidoota caban bakka buusuufi fakkii tokko tokko kaasuudhaan tajaajilaa turaniiru. Fiilmiiwwan bitamaniin alattis, miseensonni maatii Betʼel naannoo Yoonkers, Niiwu Yoorkitti argaman Abrahaam, Yisihaqiifi ergamaa isa yeroo Abrahaam mucaasaa aarsaa godhee dhiheessuuf kaʼetti isa dhowwe bakka buʼuudhaan waraabamaniiru.​—Uma. 22:9-12.

Obboloonni dandeettii fiilmii qindeessuu qaban, fiilmii kirriinsaa kiilomeetira 3.2 dheeratu lama, haasaawwan waraabaman 26fi islayidoota gara 500 waliin qindeessuudhaan argisiisaniiru

Obboleessi, obboleessa keenya Raasilii wajjin hojjechaa ture tokko, malli kun “carraaqqii gama amantiitiin kanaan dura godhame caalaa, namoonni hedduun dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhachuuf fedhii akka qabaatan godheera” jechuudhaan dubbateera. Geggeessitoonni amantii carraaqqii dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota dheebotan hundaan gaʼuuf godhamu kana dinqisiifataniiruu? Matumaa. Kanaa mannaa, tajaajiltoonni Saba Kiristiyaanaa hundi fiilmii kana balaaleffataniiru; tokko tokkommoo, namoonni akka hin ilaalle gochuuf mala addaddaatti fayyadamaniiru. Yeroo tokko, yommuu fiilmiin kun argisiifamutti ibsaa kutaniiru.

Keessumsiistonni gumiiwwan naannichaarraa dhufan, waraqaa ibsa gabaabaafi fakkiiwwan fiilmicharratti argisiifaman qabate namoota dhufaniif ni kennu turan

Namoonni fiilmicha ilaalan, fakkii Yesus yeroo mucaa ture argisiisu, qomatti kaʼatamuufi namni kaaʼate sun “ilma nagaa” akka taʼu isa yaadachiisu fudhataniiru

Haataʼu malee, namoonni hedduun fiilmii “Footoo Diraamaa” jedhamu kana ilaaluuf gara mana siniimaatti ni yaaʼu turan. Magaalota 80 Yuunaayitid Isteetisitti argaman keessatti fiilmiin kun guyyaa guyyaadhaan ni ilaalama ture. Namoota bakka sanatti argaman keessaa baayʼeensaanii ‘fiilmii sagalee qabu’ kan argan yeroo jalqabaatiif ture. Fakkii walitti aansee mulʼatuun (time-lapse photography), wuciin yommuu hanqaaquu keessaa baatuufi abaaboon yommuu dhoʼu arguu dandaʼaniiru. Odeeffannoon saayinsii yeroo sanaa, ogummaan Yihowaa ifatti akka mulʼatu godhee ture. Akkuma jalqabarratti ibsame, namni tokko fiilmii ‘Footoo Diraamaarratti’ obboleessa keenya Raasiliin argee, “Obboleessa keenya Raasil isa dhugaa caalaa obboleessa keenya Raasiliin fakkaata!” jechuudhaan dubbateera.

MALA HAARAA MACAAFA QULQULLUU ITTIIN BARSIISAN

Fiilmiin “Footoo Diraamaa” jalqaba kan argisiifame Amajjii 11, 1914⁠tti, Niiwu Yoorki Siitii keessattidha; iddoon fiilmiin kun itti argisiifame yeroo booda kan Waldaa Barattoota Macaafa Qulqulluu Addunyaa Maraa taʼeera

Barreessaafi hayyuu seenaa fiilmii kan taʼan Tiim Darkis, “Footoo Diraamaa” ilaalchisee ibsa, “Fiilmii beekamaa yeroo jalqabaatiif sagalee waraabame, fakkii sosochoʼuufi islaayidoota halluu of keessatti qabate” jedhu kennaniiru. Fiilmiiwwan fiilmii “Footoo Diraamaa” jedhamu dura hojjetaman, malawwan fiilmiin kun ittiin hojjetame keessaa tokko tokkotti kan fayyadaman taʼus, fiilmiin keessumaammoo fiilmiin amantii mala kana hunda wal faana fayyadame hin turre. Akkasumas, fiilmiin akka fiilmii kanaa namoota hedduudhaan ilaalame hin turre. Waggaa isa jalqabaa qofatti Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa, Awustiraaliyaafi Niwuu Ziilaanditti, walumaa galatti namoonni gara miliyoona sagal taʼan fiilmii kana ilaalaniiru!

Fiilmiin “Footoo Diraamaa” jedhamu jalqaba kan argisiifame Amajjii 11, 1914⁠tti, Niiwu Yoorki Siitii keessatti ture. Jiʼa torba booda, Waraanni Addunyaa Tokkoffaa kan jalqabe taʼus, eebbawwan dinqisiisoo Mootummaan Waaqayyoo fiduufi fiilmii sanarratti caqasamanirraa jajjabina argachuuf, namoonni hedduun fiilmicha ilaaluuf walitti qabamuusaanii itti fufanii turan. Fiilmiin kun bara 1914⁠tti fiilmii baʼeessa wanti ittiin qixxaatu hin jirre ture.

Haala kanaan fiilmii “Footoo Diraamaa” 20 taʼu Ameerikaa Kaabaatti agarsiifameera