Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ilaalcha Sirrii Qabaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Ilaalcha Sirrii Qabaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

“Namni bara itti jiraatu hundumaatti haa gammadu!”​—LAL. 11:8.

1. Eebbawwan Yihowaarraa arganneefi gammadoo akka taanu nu gargaaran kamfaʼi?

YIHOWAAN hundi keenya gammadoo akka taanu waan barbaaduuf, eebbawwan gammachuu nuuf argamsiisan hedduu nuu kenneera. Lubbuudhaan jiraachuun keenya kennaa kana keessaa isa tokkodha. Waaqayyo gara waaqeffannaa dhugaatti waan nu harkiseef, jireenya keenya keessatti isa jajachuu barbaanna. (Far. 144:15; Yoh. 6:44) Yihowaan akka nu jaallatuufi isa tajaajiluu keenya akka itti fufnuuf akka nu gargaaru nuu mirkaneesseera. (Er. 31:3; 2 Qor. 4:16) Jannata hafuuraa isa nyaata hafuuraa hedduufi obboloota jaalala qabeeyyii taʼan of keessatti qabate keessa jiraanna. Akkasumas, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii dinqisiisaa taʼe qabna.

2. Tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan tokko tokkotti miira akkamiitu dhagaʼama?

2 Sababiiwwan gammadoo taʼuuf nu kakaasan kun utuu jiranii, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan tokko tokko ilaalcha dogoggoraa ofiif qabaatu. Tarii isaanis taʼan tajaajilli isaan Yihowaadhaaf dhiheessan isa duratti gatii akka hin qabne itti dhagaʼama taʼa. Yaanni ‘bara jireenyaatti’ gammaduu jedhu namoota ilaalcha dogoggoraa akkasii qabaniif wanta hin dandaʼamne fakkaata. Akkasumas, jireenyi itti dukkanaaʼuu dandaʼa.​—Lal. 11:8.

3. Miirri hin taane akka nutti hammaatu kan godhu maal taʼuu dandaʼa?

3 Miirri akkasii obboloota kanatti akka hammaatu kan godhu, abdii kutachuu, dhibee ykn dulluma taʼuu dandaʼa. (Far. 71:9; Fak. 13:12; Lal. 7:7) Hunda caalaammoo, garaan hunda keenyaa jalʼaa waan taʼeef, Waaqayyo kan nutti gammadu taʼus nu ceephaʼuu dandaʼa. (Er. 17:9; 1 Yoh. 3:20) Seexannis tajaajiltoota Waaqayyoo sobaan ni himata. Kana malees namoonni ilaalcha Seexanaa qaban, yaada Eliifaaz dubbatee wajjin wal fakkaatu nutti dubbachuudhaan nuyi Waaqayyo biratti gatii akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼu. Haataʼu malee yaanni isaan dubbatan kun sobadha.​—Iyo. 4:18, 19.

4. Mataduree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

4 Yihowaan namoota ‘bowwaa dukkanaaʼaa sodaachisaa keessa adeemanii’ wajjin akka taʼu nuuf mirkaneesseera. (Far. 23:4) Dubbiinsaa karaa inni nuu wajjin itti taʼu keessaa isa tokkodha. Macaafni Qulqulluun, ilaalcha dogoggoraafi yaada sirrii hin taane dabalatee, humna “daʼoo jajjabaa jigsuudhaaf” gargaaru of keessaa qaba. (2 Qor. 10:4, 5) Mee ilaalcha sirrii taʼe horachuufi eegnee jiraachuuf Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Qayyabannaa kanarraa, yaada ofis taʼe namoota kaan gargaaruuf si dandeessisu argachuu dandeessa.

ILAALCHA SIRRII HORACHUUF MACAAFA QULQULLUUTTI FAYYADAMI

5. Ilaalcha sirrii qabaachuu keenya beekuuf haala kamiin of qoruu qabna?

5 Phaawulos ergamaan wantoota ilaalcha sirrii taʼe horachuuf nu gargaaran tokko tokko ibseera. Gumii Qorontosiif gorsa, “Amantiitti qabamtanii jirtu yoo taatan isinumti of ilaalaa [“of qoraa,” hiika bara 1899]!” jedhu kenneera. (2 Qor. 13:5) ‘Amantiin’ wantoota Kiristiyaanonni ittiin geggeeffamaniifi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman hunda kan of keessatti qabatudha. Dubbiifi gochi keenya wantoota sanaa wajjin kan walsimu taanaan, qorumsa sana moʼuufi “amantiitti” qabamnee akka jirru argisiisuu dandeenya. Jireenyi keenya barumsa Macaafa Qulqulluu hundaa wajjin kan walsimu taʼuu akka qabu beekamaadha. Isa keessaa tokko qofa filannee hojiirra oolchuu hin dandeenyu.—Yaq. 2:10, 11.

6. ‘Amantiitti qabamnee jiraachuu keenya’ beekuuf of qoruun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

6 Tarii ittiin kufuu akka dandeessu yoo sitti dhagaʼame of qoruurraa duubatti jetta taʼa. Haataʼu malee, ilaalchi Yihowaan nuuf qabu isa nuyi ofiif qabnu caalaa barbaachisaadha; yaannisaas yaada keenyarra baayʼee kan caaludha. (Isa. 55:8, 9) Yihowaan waaqeffattootasaa kan qoru, balleessaa isaanirratti argachuuf utuu hin taʼin, wanta gaarii isaan qaban ilaaluufi isaan gargaaruufidha. ‘Amantiitti qabamtee jiraachuukee’ qoruuf Dubbii Waaqayyootti ennaa fayyadamtu, ilaalcha Waaqayyo siif qabu qabaachuu ni dandeessa. Akkas gochuunkee, Waaqayyo biratti gatii guddaa akka qabdu mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaara. Buʼaan gama kanaan argattu, kutaa duukkanaaʼaa taʼe keessa ifni aduu akka galu gochuuf golgaa saaquu wajjin tokkodha.

7. Seenaa namoota amanamoo Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamerraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Karaan haala buʼa qabeessa taʼeen of qoruuf nu gargaaru, seenaa namoota amanamoo Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamerratti xiinxaluudha. Haala ykn miirasaanii kankee wajjin wal bira qabii ilaali; akkasumas utuu bakkasaanii taatee maal akka gootu yaadi. Mee seenaa Macaafa Qulqulluu ‘amantiitti qabamtee jiraachuukee’ qoruufi ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe argisiisan sadii haa qorru.

HAADHA HIYYEESSAA HARKA QALLEETTII TAATE

8, 9. (a) Haalli haadha hiyyeessaa Yesus waaʼeeshee dubbatee maal fakkaata? (b) Haati hiyyeessaa kun miirri sirrii hin taane akkamii itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa?

8 Yesus mana qulqullummaa Yerusaalemitti haadha hiyyeessaa harka qalleettii taate tokko argee ture. Fakkeenyishee humni keenya kan daangeffame taʼus, ilaalcha sirrii taʼe qabaachuuf nu gargaara. (Luqaas 21:1-4 dubbisi.) Haalli haadha hiyyeessaa kanaa maal akka fakkaatu ilaali. Gadda abbaa manashee duʼaan dhabuusheetiin itti dhagaʼamu qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa geggeessitoota amantii warra “bultoo haadha hiyyeessaa duraa fixanii[s]” dandeessee jiraachuu qabdi. (Luq. 20:47) Hiyyeettii waan taateef mana qulqullummaatiif buusii gochuu kan dandeessu, saantima hojjetaan tokko daqiiqaa muraasa keessatti hojjetee argatu qofadha.

9 Haati hiyyeessaa kun saantimashee lamaan qabattee gara mana qulqullummaa ennaa dhuftu maaltu itti dhagaʼamuu akka dandaʼu mee yaadi. Buusii yeroo abbaan manaashee ture gochaa turtee wajjin walbira qabuudhaan, buusiin amma gochuuf jettu baayʼee xinnoo akka taʼe yaaddii laata? Yookiin, buusiin namoonni kaan godhan hammam guddaa akka taʼe yommuu ilaaltu, buusiin isheen gootu gatii akka hin qabne itti dhagaʼamee qaanoftii laata? Miirri akkasii itti dhagaʼamus, waaqeffannaa dhugaa deggeruuf wanta dandeesse hunda gooteetti.

10. Yesus haati hiyyeessaa sun Waaqayyo duratti bakka guddaa akka qabdu kan ibse akkamitti?

10 Yesus, haati hiyyeessaa sunis taate buusiin isheen goote Yihowaa duratti gatii guddaa akka qaban ibseera. Isheen “hunduma isaanii [badhaadhota] caalaa buufteetti” jedheera. Buusiin isheen goote kan warra kaanii wajjin kan walitti makame taʼus, Yesus wanta isheen Yihowaa jajachuudhaaf goote adda baasee caqasuudhaan ishee dinqisiifateera. Namoonni buusii godhame walitti qaban, saantima lamaan sana ennaa ilaalan saantimni sunis taʼe namni kennaa sana kenne Yihowaa biratti hammam gatii guddaa akka qabaatu hubachuu dhiisuu dandaʼu. Haataʼu malee, wanti hunda caalaa bakki guddaan kennamuuf, ilaalcha namoonni kaan isheef qaban ykn ilaalcha haati hiyyeessaa sun ofiif qabdu utuu hin taʼin, ilaalcha Waaqayyo isheedhaaf qabudha. Amantiitti qabamtee jiraachuukee qoruuf seenaa kanatti fayyadamuu dandeessaa?

Haadha hiyyeessaa harka qalleettii taate kanarraa barumsa akkamii arganna? (Keeyyata 8-10 ilaali)

11. Seenaa haadha hiyyeessaa kanaarraa maal barachuu dandeessa?

11 Haalli ati keessa jirtu wanta Yihowaadhaaf gochuu dandeessurratti dhiibbaa qabaachuu dandaʼa. Obboloonni tokko tokko sababii dullumaa ykn hirʼina qaamaatiin kan kaʼe, saʼaatii muraasa tajaajilarratti dabarsu. Saʼaatiin tajaajilarratti dabarsan kun baayʼee xinnoo waan taʼeef, gabaasamuu akka hin qabne itti dhagaʼamuu qabaa? Haallikee hammas kan daangeffame taʼuu baatus, saʼaatii sabni Waaqayyoo waggaa waggaadhaan isa tajaajiluudhaan dabarsanirratti gumaachi ati goote baayʼee muraasa akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haataʼu malee, seenaa haadha hiyyeessaa kanarraa, Yihowaan wanta isaaf jennee goonu hunda, keessumaa wanta haala rakkisaa keessa utuu jirruu goonu akka hubatuufi iddoo guddaa akka kennuuf hubachuu dandeenya. Waaʼee tajaajila Yihowaadhaaf waggaa darbeetti dhiheessitee mee yaadi. Yeroo isa tajaajiluudhaan dabarsite keessaa, yeroon aarsaa adda taʼe si kaffalchiise jiraa? Taanaan, Yihowaan wanta yeroo sanatti isa tajaajiluudhaan raawwatteef iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Akkuma haadha hiyyeessaa sanaa tajaajila Yihowaarratti wanta dandeessu hunda hamma gootetti, ‘amantiitti qabamtee jiraachaa’ akka jirtu mirkanaaʼaa taʼi.

“NA AJJEESI”

12-14. (a) Miirri sirrii hin taane Eliyaasirratti dhiibbaa akkamii geessise? (b) Miirri akkasii kan isatti dhagaʼame maaliif taʼuu dandaʼa?

12 Eliyaas raajichi Yihowaadhaaf amanamaa ture; amantiinsaas cimaa ture. Haataʼu malee, yeroo tokko baayʼee dhiphatee waan tureef Yihowaadhaan, “Amma na gaʼaatii yaa Waaqayyo na ajjeesi!” jedheera. (1 Mot. 19:4) Tarii namoonni haalli abdii nama kutachiisu akkasii isaan mudatee hin beekne, Eliyaas akkuma afaansaatti dhufetti akka dubbate godhanii yaadu taʼa. (Iyo. 6:3) Haataʼu malee, Eliyaasiin wanti abdii nama kutachiisu dhugumaan isa mudatee ture. Yihowaanis, Eliyaas duʼuu barbaaduusaatti isa komachuu mannaa akka isa gargaare qalbeeffadhu.

13 Eliyaasitti miirri akkasii akka dhagaʼamu kan godhe maalidha? Yeroo muraasa dura, Waaqni dhugaan Yihowaa akka taʼe namoota kaaniif mirkaneessee kan ture siʼa taʼu, haalli kunis raajonni Baʼaal 450 akka ajjeefaman sababa taʼeera. (1 Mot. 18:37-40) Yeroo kanatti Eliyaas sabni Waaqayyoo gara waaqeffannaa dhugaatti akka deebiʼu abdatee kan ture taʼus, kun utuu hin taʼin hafeera. Iizaabel Mootittii hamtuun Eliyaasiin ajjeesisuuf akka karoorfatte akka itti himan ergaa itti ergite. Eliyaas lubbuusaatiif waan sodaateef, lafa onaa Yihudaarraa gara kibbaatti argamuutti baqate.​—1 Mot. 19:2-4.

14 Yeroo kanatti Eliyaas raajii Waaqayyoo taʼuunsaa gatii akka hin qabne itti dhagaʼame. Yihowaadhaan, ‘Ani abbootakoorra hin wayyu’ jedheera. Akkuma abbootasaa warra duʼanii akka taʼeefi gatii akka hin qabne itti dhagaʼamee ture. Eliyaas ulaagaa ofiif baaseen of qoree, Yihowaa birattis taʼe namoota kaan biratti gatii akka hin qabne murteesse.

15. Waaqayyo Eliyaasiif bakka guddaa akka kennu kan isaaf mirkaneesse akkamitti?

15 Haataʼu malee, ilaalchi Yihowaan Eliyaasiif qabu kanarraa adda ture. Eliyaas yeroo sanattis Waaqayyo biratti gatii guddaa qaba ture; Yihowaanis kana isaaf mirkaneessuuf tarkaanfii fudhateera. Akka isa jajjabeessuuf ergamaasaa erge. Akkasumas, nyaataafi dhugaatii guyyaa 40f hamma Tulluu Siinaatti deemuuf humna isaaf kennu isaaf qopheesseera. Eliyaas Israaʼeloota keessaa namni amanamaa taʼe kan biraan akka hin jirre yaadee kan ture siʼa taʼu, Waaqayyo gaarummaadhaan ilaalchasaa kana akka sirreessu isa gargaareera. Kana malees Waaqayyo, hojii haaraa isaaf kenneera. Eliyaas gargaarsa Yihowaan isaaf godherraa fayyadameera; humna haaraadhaan raajii taʼee Yihowaa tajaajiluusaas itti fufeera.​—1 Mot. 19:5-8, 15-19.

16. Karaawwan Waaqayyo gargaarsa itti siif godhe tokko tokko kamfaʼi?

16 Muuxannoon Eliyaas, amantiitti qabamtee jiraachuuf dhiisuukee addaan baafachuufi ilaalcha sirrii qabaachuuf si gargaara. Mee jalqaba, gargaarsa Yihowaan siif godherratti yaadi. Tarii jaarsi gumii ykn Kiristiyaanni gaʼumsa qabu tokko yeroo barbaachisaa taʼetti gargaarsa siif godheeraa? (Gal. 6:2) Nyaata hafuuraa karaa Macaafa Qulqulluu, barreeffamoota keenyaafi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa dhihaatanirraa jajjabina argatteettaa? Yeroo karaawwan armaan olii keessaa isa tokkorraa faayidaa argattutti, waaʼee qaama gargaarsa siif godhe sanaarratti xiinxaluudhaan kadhannaa galataa isaaf dhiheessi.—Far. 121:1, 2.

17. Wanti Yihowaan tajaajiltootasaa wajjin haala wal qabateen bakka guddaa kennuuf maalidha?

17 Kana malees, waaʼee ofii keetii ilaalcha dogoggoraa qabaachuun si gowwoomsuu akka dandaʼu hubadhu. Wanti guddaan ilaalcha Waaqayyo nuuf qabudha. (Roomaa 14:4 dubbisi.) Yihowaan carraaqqii nuti isa tajaajiluuf goonuufi amanamummaa nuti isaaf qabnuuf bakka guddaa kenna. Kan inni nu madaalu gocha nuti raawwannerratti hundaaʼee miti. Akkuma Eliyaas isa hubatte caalaa Yihowaadhaaf waan baayʼee raawwatteetta taʼa. Gumii keessatti nama fakkeenya taateef qabda taʼa; namoonni naannoo tajaajilaakee keessatti argaman dhugaa akka fudhatanis gargaarteetta taʼa.

18. Mirgi Yihowaan siif kennu maal mirkaneessa?

18 Dhumarratti, mirgi Yihowaa biraa siif kennamu kamiyyuu inni sii wajjin akka jiru kan mirkaneessu akka taʼetti ilaali. (Er. 20:11) Akkuma Eliyaas, tajaajilli ati raawwattu buʼaa akka hin argamsiisne ykn galma hafuuraa tokko tokkorra gaʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamuudhaan abdii kutachuu dandeessa taʼa. Taʼus, mirga guddaa hundi keenya qabaachuu dandeenyu, jechuunis misiraachoo Mootummichaa lallabuufi maqaa Waaqayyoo beeksisuurratti gaʼee qabda. Kanaaf amanamummaadhaan itti fufi. Yoo akkas goote, akkuma fakkeenya Yesus dubbate tokkorratti caqasame atis, “Gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!” jedhamuu dandeessa.​—Mat. 25:23.

“KADHATA NAMA GAD DEEBIʼE TOKKOO”

19. Wanti barreessaa Faarfannaa 102 mudatee ture maalidha?

19 Barreessaan Faarfannaa 102 abdii kutatee ture. Karaa qaamaa ykn karaa miiraa rakkinni waan isarra gaʼeef ‘gad deebiʼeera.’ Akkasumas, jabina rakkina isa mudate moʼuuf isa dandeessisu dhabeera. (Ibsa Faarfannaa 102 gubbaarra jiru) Jechoota inni dubbaterraa, dhukkubbiin, kophummaafi miirri kan biraan isatti dhagaʼamee akka ture hubachuu dandeenya. (Far. 102:3, 4, 6, 11) Yihowaan isa darbachuu ykn dhiisuu akka barbaadu itti dhagaʼamee ture.​—Far. 102:10.

20. Kadhannaan, nama miira hin taanee wajjin waldhaansoo gochaa jiru kan gargaaru akkamitti?

20 Haataʼu malee, Faarfatichi ammayyuu taanaan jireenyasaa keessatti Yihowaadhaaf galata galchuu ni dandaʼa. (Faarfannaa 102:19-21 dubbisi.) Faarfannaa 102⁠rraa akka ilaaletti, namoonni amantii qabanillee dhiphachuu ykn rakkinasaanii qofarratti xiyyeeffachuuf qoramuu dandaʼu. Faarfatichi, “akka simbira kopha-galeettii ishee bantii manaa irra jirtuu” akka taʼe, jechuunis nama isa gargaaru akka hin qabne itti dhagaʼamee ture. (Far. 102:7) Atis akkas yoo sitti dhagaʼame, akkuma faarfatichaa wanta sitti dhagaʼame garaadhaa Yihowaatti himi. Kadhannaan ati dhiheessitu miira sirrii hin taane moʼuuf si gargaara. Yihowaan ‘gara kadhata warra harka duwwaa hambifamaniitti akka garagaluufi himata isaaniis akka hin tuffanne’ abdii kenneera. (Far. 102:17) Abdii inni kenne kanarratti amantaa qabaadhu.

21. Namni miira hin taanee wajjin waldhaansoo gochaa jiru tokko ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandaʼu akkamitti?

21 Faarfannaan 102 ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes ni ibsa. Faarfatichi hariiroo Yihowaa wajjin qaburratti xiyyeeffachuudhaan ilaalcha sirrii qabaachuu dandaʼeera. (Far. 102:12, 27) Akkasumas, Yihowaan yeroo rakkinaatti sabasaa akka gargaaru hubachuudhaan jajjabina argachuu dandaʼeera. Kanaaf, miirri sirrii hin taane yeroodhaaf tajaajila Yihowaarratti hamma dandeessu akka hin hirmaanne yoo si godhe garasaatti kadhannaa dhiheessi. Waaqayyo kadhannaakee akka siif dhagaʼu gaafachuu kan qabdu miira sitti dhagaʼamurraa boqonnaa argachuuf qofa utuu hin taʼin, ‘maqaan Waaqayyoo akka labsamuuf’ taʼuu qaba.​—Far. 102:20, 21.

22.  Tokkoon tokkoon keenya Yihowaa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti?

22 Eeyyee, amantiitti qabamnee jiraachaa akka jirruufi Yihowaa duratti gatii akka qabnu mirkaneeffachuuf Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu dandeenya. Sirna hamaa kana keessatti, miirri hin taane akka nutti hin dhagaʼamne gochuufi abdii kutachuu guutummaatti hambisuu hin dandeenyu. Taʼus, tokkoon tokkoon keenya amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuudhaan isa gammachiisuu, akkasumas fayyina argachuu dandeenya.​—Mat. 24:13.