Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqeffannaa Maatii—Gammachiisaa Gochuu Ni Dandeessaa?

Waaqeffannaa Maatii—Gammachiisaa Gochuu Ni Dandeessaa?

Abbaan Biraaziil keessa jiraatu tokko, “Waaqeffannaa maatii keenyarratti mariin goonu baayʼee waan nu hawwatuuf, harʼaaf nu gaʼa yoon jechuu baadhe yeroo baayʼee ni dhiisifanna” jedheera. Abbaan Jaappaan jiraatu tokkommo, mucaansaa inni waggaa kudhanii yeroon deemuunsaallee waan isatti hin beekamneef itti fufuu akka barbaadu dubbateera. Maaliif? Abbaansaa, “Fedha guddaa qaba, kunimmoo qayyabannaa sanatti akka gammadu isa godheera” jechuudhaan dubbateera.

Waaqeffannaa maatiitiif fedha guddaa kan qaban ijoollee hunda akka hin taaneefi tokko tokko waaqeffannaa kanatti akka hin gammanne beekamaadha. Sababiinsaa maalidha? Abbaan Toogoo jiraatu tokko, “Waaqeffannaan Yihowaadhaaf dhiheessinu kan nama nuffisiisu taʼuu hin qabu” jedheera. Kan nama nuffisiisu taanaan, akkaataan waaqeffannaan maatii sun itti geggeeffamu rakkina akka qabu argisiisaa laata? Waaqeffannaan maatii, akkuma Isaayaas Sanbata ilaalchisee barreesse maatiiwwan hedduudhaaf yeroo “gammachuu” taʼeera.​—Isa. 58:13, 14.

Abbootiin Kiristiyaana taʼan, maatiinsaanii waaqeffannaa maatiirraa gammachuu akka argatuuf, waaqeffannaansaanii kan nama hin nuffisiisne taʼu akka qabu ni hubatu. Raalf inni ijoollee durbaa sadiifi dhiira tokko qabu, waaqeffannaan maatiisaanii qayyabannaa utuu hin taʼin, maree akka fakkaatuufi hundumtuu gammachuudhaan kan irratti hirmaatan taʼuusaa dubbateera. Yeroo tokko tokko mataduree miseensa maatii hunda hawwatu dhiheessuun rakkisaa taʼuu akka dandaʼu beekamaadha. Haati tokko, “Waaqeffannaan maatii keenya gammachiisaa akka taʼu kanan barbaadu taʼus, al tokko tokko akkas gochuun natti ulfaata” jetteetti. Rakkina akkasii hambisuu ni dandeessaa?

AKKA HAALASAATTI JIJJIIRUUFI WANTOOTA GARAAGARAATTI FAYYADAMUU

Abbaan ijoollee lamaa Jarman jiraatu tokko, “Akka haalasaatti jijjiirama gochuu qabna” jedheera. Naataaliyaa isheen haadha ijoollee lamaa taatemmoo, “Wanti maatii keenyaaf baayʼee barbaachisu, wantoota garaagaraatti fayyadamuudha” jetteetti. Maatiiwwan hedduun waaqeffannaan maatiisaanii kutaa garaagaraa akka qabaatu godhu. Kilaatan inni Biraaziil keessa jiraatuufi ijoollee waggoota kurnanii keessa jiran lama qabu, “Akkas gochuun qayyabannaan keenya kan nama gammachiisuufi hundumaa kan hirmaachisu akka taʼu godha” jedheera. Warri ijoollee umriinsaanii hamma tokko walirraa fagaatu qaban, yeroo qayyabannaasaanii qoqqooduudhaan wanta tokkoon tokkoonsaaniitiif barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuu ni dandaʼu. Warri wanta tokkoon tokkoon miseensa maatiisaaniitiif barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuu, akkasumas wanta qayyabatamuufi akkaataa itti dhihaatu ilaalchisee akka haalasaatti jijjiirama gochuu qabu.

Maatiin tokko tokko waaqeffannaa maatiirratti wantoota garaagaraatti fayyadamuuf maal godhu? Tokko tokko waaqeffannaa maatiisaanii faarfannaadhaan jalqabu. Huwaan inni Meeksikoo jiraatu, “Akkas gochuun haalli namatti tolu akka jiraatuufi sammuun keenya waaqeffannaadhaaf akka qophaaʼu godha” jedheera. Maatiinsaa faarfannaa mataduree guyyaa sana qayyabatamuu wajjin walitti dhufeenya qabu filatu.

Sirii Laankaa

Maatiiwwan kaanimmoo, waliin taʼanii kutaa Macaafa Qulqulluu murtaaʼe tokko dubbisu. Kan nama hin nuffisiisne akka taʼuuf jecha, miseensi maatichaa kutaa addaddaa dubbisa Macaafa Qulqulluusaanii keessa jiru wal harkaa fuudhanii dubbisu. Abbaan Jaappaan keessa jiraatu tokko, “jalqabarratti haala kanaan dubbisuun haaraa” isatti taʼee akka ture dubbateera. Haataʼu malee, ijoolleensaa lamaan warrisaanii haala kanaan yeroo isaan faana dabarsan ni gammadu turan. Maatiin tokko tokkommoo, seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran haala diraamaatiin dhiheessu. Roojar inni Afriikaa Kibbaa jiraatuufi ijoollee dhiiraa lama qabu, ijoolleen “Yeroo baayʼee wanta nuti seenaa Macaafa Qulqulluu tokko keessatti utuu hin hubatin dabarru ni hubatu” jedheera.

Afriikaa Kibbaa

Malli wantoota garaagaraatti fayyadamuun itti dandaʼamu garabiraanimmoo, hojiiwwan kan akka moodeela markaba Nohi ykn mana qulqullummaa Solomoon waliin hojjechuudha. Hojiin akkasii qorannaa dabalataa gammachiisaa taʼe gochuuf karaa bana. Mee maatii biyya Eeshiyaa keessa jiraatan tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Intalli waggaa shanii, warrisheefi akkoonshee waliin taʼanii gabatee taphaa adeemsa misiyoonummaa Phaawulos godhe argisiisu qopheessaa turan. Maatiiwwan kaanimmoo, gabatee taphaa seenaa macaafa Baʼuurratti hundaaʼe qopheessaniiru. Doonaald inni Toogoo keessa jiraatuufi umriinsaa waggaa 19 taʼe, wantoota garaagaraatti fayyadamuun, “waaqeffannaa maatiifi maatii keenyarratti jijjiirama guddaa fideera” jechuudhaan dubbateera. Wantoota waaqeffannaan maatii keessan caalaatti gammachiisaa akka taʼu gochuu dandaʼan kan biraa beektaa?

Yunaayitid Isteetis

QOPHIIN MURTEESSAADHA

Wantoota garaagaraatti fayyadamuufi akka haalasaatti jijjiirama gochuun waaqeffannaan maatii gammachiisaa akka taʼu kan godhu taʼus, barumsa irraa argachuuf hundumtuu qophii gochuunsaanii barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko ijoollee xixinnoon waan dadhabaniif, abbootiin dursanii mataduree filatamerratti yaaduufi yeroo fudhatanii sirriitti itti qophaaʼuu qabu. Abbaan tokko, “Ani qophaaʼeera yoon taʼe, hundi keenya yeroo qayyabannaa gaarii taʼe dabarsina” jedheera. Abbaan Jarman keessa jiraatu tokko, torban ittaanutti maal akka qayyabatan dursee maatiisaatti akka himu dubbateera. Abbaan Beeniin keessa jiraatuufi ijoollee waggaa 12 gadi taʼan jaʼa qabu tokko, waaqeffannaa maatiisaaniirratti DVD Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe akka fayyadaman sagantaa yommuu baasu, dursee gaaffilee irratti mariʼatan qopheessee kennaaf. Dursanii qophaaʼuun, qulqullina waaqeffannaa maatii keenyaarratti jijjiirama akka fidu beekamaadha.

Miseensoonni maatii mataduree yeroo ittaanu qayyabatan dursanii yoo beekan, torban sana keessatti irratti haasaʼuu dandaʼu; kunimmoo saganticha hawwiidhaan akka eeggatan godha. Miseensota maatichaa hundaaf kutaan yoo kenname, hundumtuu qayyabannaan sun kan dhuunfaasaa akka taʼetti yaada.

SAGANTAA DHAABBATAA TAʼE QABAACHUUF CARRAAQAA

Maatiiwwan hedduun waaqeffannaa maatiisaanii haala dhaabbataa taʼeen geggeessuun rakkisaa itti taʼeera.

Abbootiin tokko tokko wanta maatiisaaniitiif barbaachisu guutuuf saʼaatii dheeraa hojjetu. Fakkeenyaaf, abbaan Meeksikoo jiraatu tokko, ganama saʼaatii 12⁠tti manaa baʼee galgala saʼaatii 2⁠tti manatti deebiʼa. Darbee darbee, sagantaa hafuuraa kan biraatiin kan kaʼe, Waaqeffannaa Maatii guyyaa birraatti jijjiiruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa.

Haataʼu malee, sagantaa dhaabbataa waaqeffannaa maatii qabaachuurratti ejjennoo cimaa qabaachuun nu barbaachisa. Luwiis isheen Toogoo keessa jiraattuufi mucaa waggaa 11 taate, ejjennoo maatiinshee qaban ilaalchisee akkas jetteetti: “Al tokko tokko, wanta guyyaa sana nu mudateen kan kaʼe, waaqeffannaa maatii keenya dhiisifannee kan goonu taʼus, waaqeffannaa keenya utuu hin godhin garuu hin hafnu.” Maatiin tokko tokko waaqeffannaa maatiisaanii jalqaba torbaniirratti gochuuf kan saganteeffatan maaliif akka taʼe hubachuu ni dandeessa. Wanti hin eegamne tokko yoo isaan mudate, sagantaasaanii gara dhuma torbee sanaatti jijjiiruu ni dandaʼu.

Akkuma kaayyoo “waaqeffannaan maatii” itti hundeeffamerraa hubachuu dandeenyu, sagantaan kun kutaa waaqeffannaa nuti Yihowaadhaaf dhiheessinudha. Miseensonni maatiikee hundi ‘galata afaansaanii akka qalma jibootaatti’ torban torbaniin Yihowaadhaaf haa dhiheessan. (Hos. 14:2) “Gammachuun [Waaqayyo] isiniif kennus jabina keessan waan taʼeef,” yeroon kun miseensota maatii keessan hundaaf yeroo gammachuu haataʼu.​—Nah. 8:9, 10.