Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maanguddootaaf Kunuunsa Gochuu

Maanguddootaaf Kunuunsa Gochuu

“Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin taʼin hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!”​—1 YOH. 3:18.

1, 2. (a) Maatiiwwan hedduun rakkina akkamiitu isaan mudata? Kunimmoo gaaffii akkamii kaasa? (b) Warriifi ijoolleen rakkina sababa dullumaatiin mudatu moʼuu kan dandaʼan akkamitti?

WARRIKEE duraan cimoofi waan hundumaa ofiin raawwachaa turan, amma gargaarsi nama kan biraa kan isaan barbaachisu taʼuusaa arguun baayʼee nama gaddisiisuu dandaʼa. Ijoolleen tokko tokko, warrisaanii kufanii miillisaanii cabuu, of wallaaluu ykn dhukkuba cimaadhaaf saaxilamuu dandaʼu. Rakkinni isaan mudatu garabiraanis jira. Maanguddoonni dhibee qaamaa ykn rakkina kan biraa isaan mudaterraan kan kaʼe, gargaarsi namaa kan isaan barbaachisu taʼuusaa amananii fudhachuun itti ulfaachuu dandaʼa. (Iyo. 14:1) Yeroo kanatti maal gochuutu dandaʼama? Isaan gargaaruun kan dandaʼamu akkamitti?

2 Maanguddoota kunuunsuu ilaalchisee barruun tokko akkas jedheera: “Waaʼee dullumaa haasaʼuun rakkisaa taʼus, maatiin tokko dhimma kanarratti mariʼachuudhaan karoora baafachuunsaa rakkina mudachuu dandaʼu kamiyyuu moʼuuf isaan qopheessa.” Rakkoowwan sababii dullumaatiin dhufan hambisuun akka hin dandaʼamne amannee fudhachuu qabna. Kanaafuu, maatiidhaan taʼanii irratti mariʼachuun, akkasumas qophii tokko tokko gochuufi dursanii murtoo gochuun barbaachisaadha. Maatiiwwan tokko taʼanii karoora baafachuudhaan rakkina isaan mudatu moʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe haa qorru.

‘BARA HAMAATIIF’ KAROORFACHUU

3. Warri dullooman gargaarsi ennaa isaan barbaachisutti, maatiiwwan maal gochuu qabu? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

3 Namoonni dullooman guutummaatti of dandaʼanii jiraachuu yeroo hin dandeenyetti gargaarsi isaan barbaachisa. (Lallaba 12:1-7 dubbisi.) Abbaafi haati dullooman of dandaʼanii jiraachuu yommuu dadhabanitti, isaaniifi ijoolleensaanii waliin taʼuudhaan gargaarsa isaaniif godhamurratti mariʼachuu qabu. Gargaarsi akkamii akka barbaachisu, gargaarsi kun akkamitti akka godhamuufi miseensi maatii hundi gama kanaan wal gargaaruu kan dandaʼu akkamiiti akka taʼe mariʼachuun gaariidha. Hundisaanii, keessumammoo warri bilisa taʼanii miirasaanii ibsuu qabu. Tarii manumasaanii keessatti karaa itti gargaarsa dabalataa isaaniif gochuun dandaʼamurratti mariʼachuu dandaʼu. * Tokkoon tokkoon miseensa maatichaa gargaarsa akkamii gochuu akka dandaʼu irratti mariʼachuus ni dandaʼu. (Fak. 24:6) Fakkeenyaaf, isaan keessaa tokko tokko kallattiidhaan kunuunsa isaaniif gochuu, kaanimmoo gargaarsa qarshii isaaniif gochuu dandaʼu. Hundisaanii gaʼee mataasaanii akka qaban hubachuu qabu; taʼus yeroodhaa gara yerootti wal jijijjiiruudhaan kunuunsa gochuun gaariidha.

4. Miseensonni maatii gargaarsa argachuu kan dandaʼan eessaati?

4 Kunuunsa gochuu yommuu jalqabdan, yeroo ramaduudhaan haala warri keessan keessa jiran hubachuuf yaalaa. Dhibee fayyaa yeroodhaa gara yerootti itti caalaa deemuun qabamaniiru taanaan, haala uumamuu dandaʼuuf of qopheessaa. (Fak. 1:5) Dhaabbileen mootummaa maanguddootaaf gargaarsa godhan jiru taanaan isaan haasofsiisuuf yaalaa. Dhaabbanni gargaarsaa gama kunuunsa gochuutiin isin gargaaruu dandaʼu yoo jiraate baruuf yaalaa. Jijjiiramni maatii keessatti uumamu, miirri nama jeequ, jechuunis gaddiifi naasuun akka isinitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti, wanta isinitti dhagaʼamu michuu keessanitti himuu hin seesinaa. Hunda caalaammoo miira keessan Yihowaadhaaf ibsuun keessan baayʼee barbaachisaadha. Yihowaan haala rakkisaa akkamii keessattiyyuu nagaa sammuu akka qabaattan isin gargaaruu dandaʼa.​—Far. 55:22; Fak. 24:10; Filp. 4:6, 7.

5. Namoota dullooman kunuunsuu wajjin haala wal qabateen dursanii odeeffannoo walitti qabachuun gaarii kan taʼe maaliifi?

5 Namoonni dulloman tokko tokkoofi ijoolleensaanii duraan dursanii gama kunuunsa gochuutiin filannoo jiru ilaalchisee odeeffannoo walitti qabatu. Fakkeenyaaf, intala ykn ilmasaanii bira jiraachuu ykn dhaabbata namoota dullooman itti kunuunsan keessa jiraachuu ykn filannoowwan kan biraatti fayyadamuu kan dandaʼan taʼuusaa baruuf yaalii gochuu dandaʼu. “Dadhabbii fi rakkina” isaan mudachuu dandaʼu dursanii hubachuudhaan qophaaʼuu qabu. (Far. 90:10) Maatiiwwan gama kanaan dursanii karoora hin baafanne hedduun, rakkinni yommuu isaan mudatu ariitiidhaan murtoo gochuuf dirqamu. Hayyuun tokko, “Yeroo akkasiitti murtoo gochuun baayʼee rakkisaadha” jechuudhaan dubbateera. Yeroo akkasiitti miseensonni maatii dhiphachuu, akkasumas gidduusaaniitti walitti buʼiinsi uumamuu dandaʼa. Karaa garabiraammoo dursanii karoora baafachuun jijjiirama uumamu amananii fudhachuun akka salphatu godha.—Fak. 20:18.

Maatiin akkaataa kunuunsa gochuu itti dandaʼanirratti mariʼachuu qabu (Keeyyata 6-8 ilaali)

6. Namoonni dulloomaniifi ijoolleensaanii kunuunsa godhamurratti waliin mariʼachuunsaanii faayidaa akkamii qaba?

6 Jireenyasaanii wajjin haala wal qabateen jijjiirama godhamuu qabu ilaalchisee warra keessanii wajjin haasaʼuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, namoonni baayʼeen mareen akkasii yeroo booda buʼaa gaarii akka argamsiisu dubbatu. Maaliif? Mareen akkasii waliin taʼanii karoora itti yaadame baasuudhaaf waan isaan gargaaruufidha. Dursanii mariʼachuunsaanii, murtoo isaan erga rakkinni sun isaan mudatee booda godhan isaaniif salphisa. Namoonni dullooman manumasaanii jiraachuufi hanga dandaʼametti wanta hunda ofumasaaniitii raawwachuu yoo barbaadanillee, yeroo rakkinni isaan mudatutti gargaarsa akkamii akka barbaadan ijoolleesaanii wajjin mariʼachuunsaanii gaariidha.

7, 8. Maatiiwwan yaadawwan akkamiirratti mariʼachuunsaanii gaariidha? Maaliif?

7 Warra kan taatan dhimma kanarratti ijoollee keessanii wajjin yommuu mariʼattan, wanta akka isiniif godhamu barbaaddan, baasii hammamii gochuu akka dandeessaniifi filannoowwan jiran isaanitti himaa. Akkas gochuun keessan, wantoota isin gochuu hin dandeenye tokko tokkorratti isin gargaaruuf, akkasumas murtoo barbaachisaa taʼe gochuuf isaan dandeessisa. Ijoolleen keessan yaada keessaniifi filannaa isin of dandeessanii jiraachuuf gootan kabajuu akka barbaadan beekamaadha. (Efe. 6:2-4) Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan manasaaniitti akka isin fudhatan ykn wanta garabiraa akka isiniif godhan ni barbaadduu? Namni hundi dhimma tokko ilaalchisee hubannaa garaagaraa akka qabuufi wanta uumame fudhachuuf yeroo akka itti fudhatu amanaa fudhadhaa.

8 Karoora baafachuufi maree gochuudhaan rakkina hambisuun akka dandaʼamu hundisaanii hubachuu qabu. (Fak. 15:22) Kunis filannoowwan gama yaalii fayyaatiin jiranirratti mariʼachuu kan dabalatudha. Qabxiiwwan Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadamanirratti ibsamanirratti mariʼachuunis gaariidha. Namni kamiyyuu yaalii fayyaa ilaalchisee filannoowwan jiran beekuufi yaalii fayyaa isaaf ajajaman keessaa kan isaaf taʼu filachuuf mirga qaba. Kaardiin kun yaalii fayyaa namni sun filate beekuuf gargaaruu dandaʼa. Nama bakka dhukkubsataa sanaa buʼee murtoo godhu muuduun (seeraan kan dandaʼamuufi fudhatama kan qabu yoo taʼe) namni sun bakka nama dhukkubsate sanaa buʼuudhaan murtoo barbaachisaa taʼe gochuuf isa gargaara. Namni itti gaafatamummaa akkasii fudhate, namoonni kunuunsi isaaniif godhamuufi warri gargaarsa isaaniif godhan, tarii barbaachisuu waan dandaʼuuf dookmantii kana koppii godhanii qabachuunsaanii gaariidha. Namoonni tokko tokko, dookmantii kana dookmantii inshuraansii, dookmantii qarshii, dookmantii biiroo mootummaa tokko tokkoo biratti yommuu dhihaatan isaan gargaaruufi k.k.f. wajjin kaaʼu.

JIJJIIRAMA UUMAMU DANDAʼANII JIRAACHUU

9, 10. Haalawwan namoonni dullooman gargaarsi akka isaan barbaachisu godhan tokko tokko maalfaʼi?

9 Warriifi ijoolleen humnisaanii hamma isaaniif heyyametti warri dullooman of dandaʼanii akka jiraatan barbaadu. Nyaata bilcheessuu, mana qulqulleessuu, yaalii fayyaa hordofuufi rakkoo tokko malee namootaa wajjin walii galuu dandaʼu taʼa. Kanaaf gargaarsi ijoolleesaanii baayʼee akka isaan hin barbaachisne itti himuu dandaʼu. Haataʼu malee, yeroo booda, tarii warri humna yoo dhaban, jechuunis gabaa dhaqachuu yoo dadhaban ykn waa irraanfachuu yoo jalqaban, yeroo kanatti gargaarsi ijoolleesaanii isaan barbaachisa taʼa.

10 Burjaajaʼuu, dhiphachuu, bobbaa ofii toʼachuu dadhabuu, dhagaʼuu, arguufi waa yaadachuu dadhabuun rakkinoota sababii dullumaatiin dhufan taʼus, mallattoowwan kanneen keessaa tokko isaanirratti mulʼachuu yoo jalqabe, sirriitti kunuunfamuu qabu. Mallattoowwan kun mulʼachuu yommuu jalqaban, yaalii fayyaa akka argatan gargaaruun barbaachisaadha. Gama kanaanimmoo gargaarsi ijoollee barbaachisaadha. Wantoota warri ofiisaaniitiin raawwachaa turan tokko tokkorrattis itti gaafatamummaa fudhachuudhaan ofiin hordofuunsaanii barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Gargaarsi isaan godhan buʼa qabeessa akka taʼuuf, ijoolleen haala warrisaanii keessa jiran sirriitti beekuufi gama hundaanuu gargaarsa isaaniif gochuu qabu.​—Fak. 3:27.

11. Dhibbaa rakkoowwan furmaata argachuu hin dandeenye tokko tokko geessisan hirʼisuuf maalfaa gochuutu dandaʼama?

11 Rakkinni warrakee mudate furmaata argachuu hin dandaʼu yoo taʼe, kunuunsa isaaniif godhamu ykn akkaataa jireenyaasaaniirratti jijjiirama gochuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Jijjiiramni uumame xiqqoo yoo taʼe sirreeffama gochuun salphaa taʼuu dandaʼa. Warra keerraa fagaattee jiraatta taanaan, namni Dhugaa Baatuu taʼe ykn ollaa warra keetii taʼe tokko haala jireenyaasaanii hordofuudhaan akka sitti himu gochuun gaʼaa taʼuu dandaʼaa laata? Gargaarsi kan isaan barbaachisu nyaata qopheessuufi mana qulqulleessuurratti qofadhaa? Manasaanii keessatti sirreeffama tokko tokko gochuun qofti dhaqna dhiqachuu, asiif achi sochoʼuuniifi wantoonni kana fakkaatan akka isaaniif salphatu gochuu dandaʼaa? Of dandaʼanii jiraachuu waan barbaadaniif namni tokko haala dhaabbataa taʼeen yeroo hunda akka isaan gargaaru hin barbaadan taʼa. Haataʼu malee, gargaarsa akkasii malee jiraachuun yoo isaan rakkise haala dhaabbataa taʼeen isaan gargaaruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Haalli isaan keessa jiran maaliyyuu yoo taʼe, gargaarsi naannoosaanitti argamuufi isaan irraa fayyadamuu dandaʼan jiraachuuf dhiisuusaa baruuf yaalii. *​—Fakkeenya 21:5 dubbisi.

NAMOONNI TOKKO TOKKO RAKKINA MUDATU DANDAʼANII KAN JIRAATAN AKKAMITTI?

12, 13. Ijoolleen warrasaanii dulloomanirraa fagaatanii jiraatan, warrasaaniif ulfina kennuufi isaan kunuunsuusaanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Ijoolleen jaalala qabeeyyii taʼan warrisaanii isaaniif mijatee akka jiraatan barbaadu. Ijoolleen, warrisaanii kunuunsa isaan barbaachisu argachaa akka jiran baruun isaan gammachiisa. Haataʼu malee, itti gaafatamummaa tokko tokkorraan kan kaʼe, ijoollee baayʼeen warrasaaniirraa fagaatanii jiraatu. Yeroo akkasiitti, ijoolleen tokko tokko boqonnaa fudhachuudhaan warrasaanii dhaqanii ilaalu, akkasumas wantoota isaan hin dandeenye isaaniif hojjechuudhaan kunuunsa barbaachisaa taʼe isaaniif godhu. Dandaʼamnaan guyyaa guyyaatti isaaniif bilbiluun, akkasumas xalayaa ykn iimeelii isaaniif barreessuun, warri ijoolleensaanii akka isaan jaallatan akka itti dhagaʼamu godha.​—Fak. 23:24, 25.

13 Haalli isaan keessa jiran maaliyyuu yoo taʼe, warrakeetiif kunuunsi akkamii godhamaa akka jiru hordofuun barbaachisaadha. Warrikee Dhugaa Baatota Yihowaa yoo taʼaniifi isaanirraa fagaattee jiraatta yoo taʼe, jaarsolii gumiisaanii wajjin mariʼachuudhaan isaanirraa yaada tokko tokko argachuu dandeessa. Dhimma kana ilaalchisee kadhannaa gochuu hin irraanfatin. (Fakkeenya 11:14 dubbisi.) Warrikee Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu baatanillee, ‘abbaafi haadha keetiif ulfina kennuunkee’ barbaachisaadha. (Bau. 20:12; Fak. 23:22) Maatiin hundi murtoo wal fakkaatu akka hin goone beekamaadha. Tokko tokko warrasaanii dullooman gara manasaaniitti fudhachuu ykn isaanitti dhihoo akka jiraatan gochuu dandaʼu. Haataʼu malee akkas gochuun yeroo hunda salphaa miti. Warri tokko tokko ijoolleesaaniifi maatii ijoolleesaaniirratti baʼaa taʼuu waan hin barbaanneef kophaasaanii jiraachuu filatu taʼa. Kaanimmoo, qabeenya mataasaanii waan qabaniif, baasii mataasaaniitiin manumasaaniitti kunuunsi akka isaaniif godhamu filachuu dandaʼu.​—Lal. 7:12.

14. Ijoollee adda durummaadhaan warrasaaniif kunuunsa godhan rakkinni akkamii mudachuu dandaʼa?

14 Maatii hedduu keessatti, itti gaafatamummaan warraaf kunuunsa gochuu ilma ykn intala isaanitti dhihoo jiraatu tokkorratti gatamee dhiifama. Haataʼu malee, ijoolleen adda durummaadhaan warrasaaniif gargaarsa godhan fedhii maatiisaaniis dagachuu hin qaban. Humniifi yeroon namni hundi qabu murtaaʼaadha. Akkasumas, haalli jireenyaa ijoollee warrasaaniitiif gargaarsa gochaa jiranii jijjiiramuufi sirreeffama tokko tokko gochuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Miseensi maatii warrasaa kunuunsuuf itti gaafatamummaa hedduu fudhate jiraa? Ijoolleen kaanoo dabareedhaan warrasaanii gargaaruu ni dandaʼuu?

15. Ijoolleen warrasaanii dullooman kunuunsan akka hin nuffine maaltu godhamuu qaba?

15 Warri dullooman yeroo hunda gargaarsi kan isaan barbaachisu taanaan, namni gargaarsa godhu sun nuffuu dandaʼa. (Lal. 4:6) Ijoolleen warrasaanii jaallatan wanta dandaʼan hunda warrasaaniitiif gochuu barbaadu; haataʼu malee fedhii warrasaanii hunda guutuun isaanitti cimuu dandaʼa. Ijoolleen wanti akkasii isaan mudate, dhugaa jiru amananii fudhachuudhaan warri kaan akka isaan gargaaran gaafachuu qabu. Dabareedhaan warra ofii gargaaruun, utuu hin barbaachisin warra ofii dhaabbata namoota dullooman itti kunuunsan galchuurraa nama oolcha.

16, 17. Ijoolleen warrasaaniitiif kunuunsa yeroo godhan rakkina akkamiitu isan mudata? Rakkina kana moʼuu kan dandaʼanoo akkamitti? (Saanduqa “Kunuunsa Isaan Galateeffachiisu Godhaniiru” jedhus ilaali.)

16 Wantoonni sababii dullumaatiin dhufan warra ofiirratti ennaa mulʼatan arguun nama gaddisiisa. Ijoolleen warrasaaniitiif gargaarsa godhan hedduun, gadduu, dhiphachuu, abdii kutachuu, aaruu, of ceephaʼuu, darbees mufachuu dandaʼu. Namoonni dullooman yeroo tokko tokko dubbii hin taane dubbachuu ykn galateeffachuu dhiisuu dandaʼu. Haalli akkasii yoo isin mudate, daftanii hin mufatinaa. Ogeessi dhibee sammuu tokko akkas jedheera: “Karaan hunda caaluufi miira nama tokkoo, keessumaammoo miira nama namatti hin tolle tokkoo dandaʼanii jiraachuuf nama gargaaru haalasaa amananii fudhachuudha. Miirakeetii wajjin hin falmin ykn ‘akkas kan natti dhagaʼame maaliifi?’ jechuudhaan of hin ceephaʼin.” Wanta sitti dhagaʼamaa jiru hiriyaa gaaʼelaakeetti, miseensa maatiikeetti ykn hiriyaa amantu tokkotti himi. Mareen akkasii tarkaanfii irratti hin yaadamne fudhachuurraa si eeguu dandaʼa.

17 Ijoolleen tokko tokko yeroo taʼe tokkotti yeroo ykn qarshii warrasaanii dullooman gargaaruusaanii itti fufuuf isaan gargaaru dhabuu dandaʼu. Yeroo kanatti dhaabbata namoota dulloomaniif kunuunsa godhutti isaan geessuuf dirqamu taʼa. Obboleettiin tokko haadhashee dhaabbata namoonni dullooman itti kunuunfaman keessa jirtu guyyaa guyyaadhaan dhaqxee gaafatti. Maatiishee ilaalchisee akkas jetteetti: “Kunuunsa guyyaa guutuu harmeekoo barbaachisu isheedhaaf gochuu hin dandeenye. Dhaabbata namoonni dullooman itti kunuunfamanitti ishee geessuuf murteessuun nutti ulfaatee ture. Karaa miiraa miidhaa cimaa kan nurraan gaʼu ture. Haataʼu malee, jireenyashee isa hafe achitti dabarsuun isheef gaarii ture. Isheenis yaada kanarratti walii galteetti.”

18. Ijoolleen warrasaaniitiif gargaarsa godhan waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼu dandaʼu?

18 Warra dullooman kunuunsuun ulfaataafi abdii kan nama kutachiisu taʼuu dandaʼa. Kunuunsa isaaniif gochuu ilaalchisee seerri furmaanni sirrii taʼe kanadha jedhu hin jiru. Haataʼu malee, karoora gaarii baafachuu, gargaarsa itti yaadame gochuu, waliin mariʼachuu, hunda caalaammoo, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan warrakeetiif ulfina akka kennitu argisiisuu dandeessa. Akkas gochuunkee, warrikee gargaarsa isaan barbaachisu argachaa akka jiran kan argisiisudha. Kunimmoo gammachuu siif argamsiisa. (1 Qorontos 13:4-8 dubbisi.) Hunda caalaammoo, Yihowaan namoota warrasaaniitiif ulfina kennan akka eebbisu baruunkee, nagaa sammuu akka qabaattu gochuu dandaʼa.​—Filp. 4:7.

^ key. 3 Wanti warriifi ijoolleen filatan haala naannoorratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. Biyyoota tokko tokkotti, warri dullooman ijoolleefi ijoollee ijoolleesaanii wajjin mana tokko keessa ykn naannoo tokko keessa jiraatu.

^ key. 11 Warrikee ammayyuu mana dhuunfaasaanii keessa jiraatu taanaan, balaan yoo uumame namni isaan kunuunsu sun gara manasaanii seenee gargaarsa gochuufii akka dandaʼutti furtuu manasaanii qabaachuunsaa barbaachisaadha.