Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?

“Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?

“Inni . . . isa ijaan hin argamne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate.”​—IBR. 11:27.

1, 2. (a) Haalli Museen keessa ture balaa kan isarraan gaʼu kan fakkaatu maaliifi? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Museen mooticha kan hin sodaanne maaliifi?

FARAʼOON mootii sodaachisaafi warra Gibxii biratti akka waaqaatti ilaalamu ture. Kitaabni Ween Iijipt Ruuled za Iisti jedhamu, Faraʼoon warra Gibxii biratti, “ogummaafi humna qabuun uumamawwan lafarra jiran hunda kan caalu” akka taʼetti ilaalamaa akka ture ibseera. Faraʼoon namoonni Gibxii akka isa sodaatan waan barbaaduuf gonfoo mootii fakkii marʼataa waa hidduuf jedhu qabu mataasaarra kaaʼata. Fakkiin sun mootichi diinotasaa battalumaan kan balleessu taʼuusaa kan isaan yaadachiisudha. Yommuu Yihowaan Museedhaan, “Ani mootii Gibxiitti sin erga, dhaqi, saba koo Israaʼelin biyya Gibxiitii baasi!” jedhu maaltu isatti dhagaʼamuu akka dandaʼu mee yaadaa.​—Bau. 3:10.

2 Museen ergaa Waaqayyoo Faraʼoonitti himuuf gara Gibxii dhaqe. Ergaan kun Faraʼooniin baayʼee aarsee ture. Dhaʼichawwan salgan biyyicharra erga gaʼanii booda Faraʼoon, “Fuula koo dura deebitee yoo dhufte in duuta, kanaaf lammaffaa deebitee fuula koo dura akka hin dhufne, of eeggadhu!” jechuudhaan Musee akeekkachiise. (Bau. 10:28) Museen, Faraʼoon duraa deemuusaa dura ilmi angafaa mootichaa kan ajjeefamu taʼuusaa itti hime. (Bau. 11:4-8) Achiis Museen tokkoon tokkoon maatii Israaʼel korbeessa hoolaa ykn reettii qaluudhaan dhiigasaa mataa balbalaatti akka diban itti hime. Korbeessi hoolaa waaqa warra Gibxii Raa jedhamuuf aarsaa kan godhamu ture. (Bau. 12:5-7) Faraʼoon yeroo kanatti maal godha laata? Museen garuu isa hin sodaanne. Maaliif? Museen amantiidhaan Yihowaadhaaf waan abboomameef, “dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin biyya Gibxii baʼe; isa ijaan hin argamne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate.”​—Ibroota 11:27, 28 dubbisi.

3. Amantii Museen ‘isa ijaan hin argamnerratti’ qabu ilaalchisee maal qorra?

3 Amantiinkee akka waan ‘Waaqayyoon argituutti’ cimaadhaa? (Mat. 5:8) “Isa ijaan hin argamne” ilaalchisee amantii keenya guddifachuuf akka nu gargaarutti fakkeenya Musee haa qorru. Amantii Museen Yihowaarratti qabu sodaa namaa moʼuuf kan isa gargaare akkamitti? Abdii Waaqayyo kennerratti amantii akka qabu kan argisiise karaa kamiinidha? Museen “isa ijaan hin argamne” akka waan arguutti ilaaluunsaa, yeroo inniifi sabnisaa rakkina keessa turanitti kan isa jabeesse akkamitti?

“DHEEKKAMSA MOOTICHAA” HIN SODAANNE

4. Ija fooniitiin yoo ilaalle Museen nama Faraʼoonii wajjin walgitudhaa?

4 Ija fooniitiin yoo ilaalle Museen matumaa nama Faraʼoonii wajjin walgitu miti. Jireenyi Musee harka Faraʼoon keessa waan jiru fakkaata ture. Museedhumtiyyuu, “Gara mootii Gibxii dhaqee, saba Israaʼel biyya Gibxiitii kanan baasu ani eenyu?” jechuudhaan Yihowaa gaafateera. (Bau. 3:11) Museen waggaa 40 dura baqataa taʼee biyya Gibxiitii baʼee ture. Tarii, ‘Gara Gibxiitti deebiʼee mootichi akka aaru gochuunkoo sirriidhaa?’ jedhee of gaafatee taʼuu dandaʼa.

5, 6. Museen, Faraʼooniin utuu hin taʼin Yihowaa akka sodaatu kan isa gargaare maalidha?

5 Museen gara Gibxiitti deebiʼuusaa dura, Waaqayyo seera buʼuuraa barbaachisaa taʼe tokko kan isa barsiise yommuu taʼu, Museenis yeroo booda macaafa Iyoobirratti, “Waaqayyoon sodaachuun ogummaa dha” jechuudhaan seera buʼuuraa kana barreesseera. (Iyo. 28:28) Yihowaan, Museen sodaa akkasii akka qabaatuufi ogummaadhaan tarkaanfii akka fudhatu isa gargaaruuf, namaafi ofiisaa walbira qabee isaaf ibseera. “Afaan namaa eenyutu uume? Eenyutu didaa yookiis duudaa, kan argu yookiis jaamaa isa godha? Ana Waaqayyo mitii ree?” jechuudhaan Musee gaafateera.​—Bau. 4:11.

6 Kanarraa barumsa akkamii arganna? Kan isa erge Yihowaa isa ergaasaa Faraʼoonitti akka himuuf wanta isa barbaachisu hunda kennuufii dandaʼu waan taʼeef, Museen sababa itti sodaatu tokkollee hin qabu. Kana malees, Faraʼoon Yihowaa wajjin ennaa walbira qabamu wayittuu kan lakkaaʼamu miti! Akkasumas, bulchitoota warra Gibxiitiin saba Waaqayyoorra rakkinni yommuu gaʼu kun isa jalqabaa hin turre. Museen akka itti Yihowaan, Abrahaamiin, Yoseefiifi isumayyuu harka Faraʼonota Gibxii kanaan dura turan jalaa itti oolcherratti xiinxalee taʼuu dandaʼa. (Uma. 12:17-19; 41:14, 39-41; Bau. 1:22–2:10) Museen, Yihowaa ‘isa ijaan hin argamnerratti’ amantii qabaachuudhaan, wanta inni Faraʼoonitti akka himu isa ajaje hunda ija jabinaan itti himeera.

7. Amantii Eelaan Yihowaarratti qabdu kan ishee gargaare akkamitti?

7 Obboleettiin Eelaa jedhamtu amantiin Yihowaarratti qabdu sodaa namaatiin akka hin moʼamne ishee eegeera. Eelaan bara 1949⁠tti poolisoota Sooviyeetiin qabamtee Istooniyaatti kan hidhamte yommuu taʼu, qullaashee qondaaltota poolisii dargaggoota taʼan dura akka dhaabattu godhamtee turte. Obboleettiin kun, “Qaanii guddaan natti dhagaʼamee kan ture taʼus, Yihowaatti kadhannaa ergan dhiheessee booda nagaafi tasgabbiitu natti dhagaʼame” jetteetti. Achiis Eelaan guyyaa sadiif kophaashee hidhamte. Akkas jetteetti: “Qondaaltonni poolisii natti iyyanii, ‘Maqaan Yihowaa jedhamu sirumaa Istooniyaatti akka hin yaadatamne goona! Siin mana hidhaa galchina; warra kaanimmoo Saayibeeriyaatti ergina!’ naan jedhan. Achiis ‘Meerre Yihowaankee?’ jedhanii natti gaʼisan.” Eelaan nama sodaattimoo Yihowaatti amanamti laata? Yommuu isaan ishee qoratan, “Wanta kana baayʼee irratti yaadeera; Waaqayyo duratti fudhatama dhabee bilisa taʼuu koorra, hariiroon isaa wajjin qabu eegee mana hidhaa keessa turuu naa wayya” jechuudhaan ija jabinaan deebisteetti. Yihowaan Eelaadhaaf akkuma namoota fuulashee dura dhaabachaa jiran sanaa akka waan isa argaa jirtuu ture. Amantii Eelaan qabdu hanga dhumaatti ejjennooshee eeguuf ishee gargaareera.

8, 9. (a) Wanti sodaa namaa moʼuuf nu gargaaru maalidha? (b) Sodaa namootaatiin moʼamuuf yoo qoramtan, xiyyeeffannaa keessan maalirra gochuu qabdu?

8 Amantiin Yihowaarratti qabdan sodaa isinitti dhagaʼamu moʼuuf isin gargaara. Namoonni aangoorra jiran mirga waaqeffannaa keessan yommuu daangessan jireenyi keessan harka namootaa keessa akka jiru isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanarrayyuu darbee, ‘Yihowaa tajaajiluukoo itti fufuudhaan abbootiin taayitaa akka aaran gochuun sirriidhaa?’ jettanii of gaafattu taʼa. Wanti sodaa namaa moʼuuf nu gargaaru Waaqayyotti amanamuu akka taʼe yaadadhaa! (Fakkeenya 29:25 dubbisi.) Yihowaan, “Nama bor duʼu, ilmaan namootaa warra akka margaa darbuuf jiran maaliif sodaattu?” jechuudhaan gaafateera.​—Isa. 51:12, 13.

9 Yeroo wanti akkasii isin mudatu Abbaa keessan isa hundumaa dandaʼurratti xiyyeeffadhaa. Yihowaan jalʼina bulchitoonni namootarratti raawwatan ni arga, isaaniif ni yaada, isaan gargaaruufis tarkaanfii ni fudhata. (Bau. 3:7-10) Sababa amantii keessaniitiin abbootii taayitaa gara jabeeyyii taʼan duratti yoo dhihaattanillee, “akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan hin yaaddaʼinaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniif in kennama.” (Mat. 10:18-20) Bulchitoonniifi mootummoonni ilmaan namootaa Yihowaa wajjin yommuu walbira qabaman wayittuu kan lakkaaʼaman miti. Amantii keessan jabeeffachuudhaan, Yihowaan Qaama dhugumaan isin gargaaruu barbaadu taʼuusaa hubachuu dandeessu.

ABDII WAAQAYYO KENNETTI AMANAMEERA

10. (a) Dh.K.D. bara 1513 jiʼa Niisaanitti Yihowaan Israaʼelootaaf qajeelfama akkamii kenne? (b) Museen qajeelfama Waaqayyootiif kan ajajame maaliifi?

10 Dh.K.D. bara 1513 jiʼa Niisaanitti, Yihowaan karaa Museefi Aaron, Israaʼeloonni korbeessa hoolaa ykn reettii qaluudhaan dhiigasaa mataa balbala manasaaniitti akka dibaniif qajeelfama adda taʼe kenne. (Bau. 12:3-7) Yeroo kanatti Museen maal godhe? Phaawulos ergamaan yeroo booda Musee ilaalchisee, “Inni amantiidhaan Faasiikaan akka ayyaaneffamu godhe, . . . inni angafa kan taʼe hundumaa fixu sun akka isaanitti hin buunetti, dhiigicha balbalatti dibsiise” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 11:28) Museen abdiin Yihowaan kenne dhugumaan akka raawwatamu waan beekuuf, angafni ijoollee dhiiraa warra Gibxii hundi kan ajjeefaman taʼuusaa amanannaa qaba ture.

11. Museen Israaʼeloota kan akeekkachiise maaliifi?

11 Ijoolleen Musee biyya Miidiyaan, jechuunis ‘isa angafa kan taʼe hundumaa fixu sanarraa’ fagoo jiraachaa waan turan fakkaata. * (Bau. 18:1-6) Haataʼu malee, Museen maatiiwwan Israaʼel ijoolleesaanii angafaa balaarraa akka eegan akeekkachiiseera. Museen Israaʼeloota balaan irra gaʼuuf jedhu sanaaf jaalala akka qabu argisiiseera. Macaafni Qulqulluun, “Yommus Museen maanguddoota Israaʼel hundumaa waamee, . . . xobbaallaa Faasiikaa sana qaladhaa!” jechuudhaan akka isaan ajaje dubbata.​—Bau. 12:21.

12. Yihowaan ergaa barbaachisaa akkamii akka lallabnu nu ajaje?

12 Sabni Yihowaa gargaarsa ergamootaatiin ergaa bakka guddaa qabuufi “Yeroon firdii isaa waan gaʼeef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa!” jedhu dabarsaa jiru. (Mul. 14:7) Yeroon ergaa kana itti labsinu ammadha. Namoonni ‘dhaʼichashee irraa akka hin hirmaannetti,’ Baabilon Guddittii keessaa akka baʼan isaan akeekkachiisuu qabna. (Mul. 18:4) ‘Hoolonni kan biraan’ Kiristiyaanota dibamoo wajjin taʼuudhaan, namoota Waaqayyorraa fagaatanii jiraataniin “Waaqayyotti araaramaa!” jechaa jiru.​—Yoh. 10:16; 2 Qor. 5:20.

Amanannaan abdii Yihowaan kennerratti qabdu, fedhii misiraachicha lallabuuf qabdu guddifachuuf si gargaara (Keeyyata 13 ilaali)

13. Fedhii misiraachicha lallabuuf qabnu guddifachuuf kan nu gargaaru maalidha?

13 “Yeroon firdii” dhuguma akka dhihaate beekna. Akkuma Yihowaan jedhe hojiin lallabaas ariifachiisaa taʼuusaa sirriitti beekna. Yohannis ergamaan, “Ergamoonni afur golee lafaa arfan irra dhaabatanii, . . . qilleensota golee arfanii ittisuu isaanii nan arge” jechuudhaan barreesseera. (Mul. 7:1) Ergamoota, qilleensota biyya lafaa kanarratti badiisa fidan gadhiisuuf jedhan ija amantiitiin ni argituu? Ergamoota kana ija amantiitiin ni argitu yoo taʼe, misiraachicha amanannaadhaan lallabuu ni dandeessu.

14. ‘Namni jalʼaan karaasaa isa jalʼaarraa akka deebiʼu’ akeekkachiisuuf kan nu kakaasu maalidha?

14 Kiristiyaanonni dhugaan Yihowaa wajjin hariiroo kan qaban siʼa taʼu abdii jireenya barabaraas qabu. Haataʼu malee, ‘namni jalʼaan karaasaa isa jalʼaarraa deebiʼee akka fayyu itti himuuf’ itti gaafatamummaan nurra jira. (Hisqiʼel 3:17-19 dubbisi.) Sababni itti lallabnu dhiiga namootaarraa bilisa taʼuuf qofa miti. Yihowaafi namoota ni jaallanna. Yesus jaalalaafi gaarummaa argisiisuun maal jechuu akka taʼe fakkeenya waaʼee namicha Samaariyaa isa ooʼa qabeessa taʼee dubbaterratti akka gaariitti ibseera. ‘“Ooʼaan kakaʼee” lallabuudhaan akka namicha Samaariyaa gaarummaa argisiisaan jiraa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Kana malees, matumaa akka lubichaa, akkasumas nama gosa Lewwii fakkeenya Yesusirratti caqasamaniifi ‘irraa goranii darbanii’ taʼuu hin barbaannu. (Luq. 10:25-37) Amantiin abdii Waaqayyo kennerratti qabnuufi jaalalli namootaaf qabnu, yerichi utuu hin dhumin misiraachicha lallabuurratti guutummaatti hirmaachuuf nu kakaasa.

“GALAANA DIIMAA CEʼAN”

15. Israaʼeloonni kiyyoo keessa akka galan kan itti dhagaʼame maaliifi?

15 Amantii Museen ‘isa ijaan hin argamnerratti’ qabu, Israaʼeloonni Gibxii erga baʼanii booda yommuu rakkinni isaan mudatetti isa gargaareera. Macaafni Qulqulluun, “Israaʼeloonni ol ilaalanii, kunoo, warri Gibxii booddee isaaniitiin isaan hordofaa akka dhufan argan; yommus Israaʼeloonni guddaa sodaatanii gara Waaqayyotti in iyyan” jedha. (Bau. 14:10-12) Israaʼeloonni haalli kun isaan mudachuu akka dandaʼu eeguu qabu turan. Yihowaan, “Mooticha garaa isaa nan jabeessa; innis faana dhaʼee isin in hordofa; ani mootichaa fi loltuu isaa hundumaa irratti ulfina nan argadha; warri Gibxiis ani Waaqayyo akkan taʼe kanaan beekuuf jiru!” isaaniin jedhee ture. (Bau. 14:4) Israaʼeloonni garuu wanti isaan argan isa ijaan argamu qofa, jechuunis Galaana Diimaa fuuldurasaanii jiru, loltoota Faraʼoon duubasaaniitiin isaan qaqqabuuf jedhan, akkasumas geggeessaasaanii nama waggaa 80 taʼeefi tiksee turedha. Yeroo kanatti kiyyoo keessa akka galan itti dhagaʼame.

16. Yeroo Galaana Diimaa ceʼanitti amantiin Musee kan isa gargaare akkamitti?

16 Haataʼu malee, Museen sodaadhaan hin raafamne. Maaliif? Ija amantiitiin wanta galaanicha ykn loltoota sana caalaa humna qabu arguu dandaʼeera. Museen, ‘gocha Waaqayyo isaan fayyisuudhaaf raawwatu ilaaluuf’ akka jedhu, akkasumas Yihowaan Israaʼelootaaf akka lolu beeka ture. (Baʼuu 14:13, 14 dubbisi.) Amantiin Musee saba Waaqayyootiif jajjabina kenneera. Macaafni Qulqulluun, “Sabni Israaʼel amantiidhaan akka nama lafa gogaa irra adeemuutti galaana diimaa ceʼan; warri Gibxii akkuma isaanii gochuu yeroo yaalanitti garuu in liqimfaman” jedha. (Ibr. 11:29) Kanaan kan kaʼes, ‘sabni Israaʼel Waaqayyoon in sodaatan; Waaqayyoofi Musee garbichasaa in amanan.’​—Bau. 14:31.

17. Qorumsi gara fuulduraatti amantii keenyarra gaʼu maalidha?

17 Nutis dhiheenyatti jireenyi keenya balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa. Xumura rakkina guddaarratti bulchitoonni biyya lafaa, dhaabbatoota amantii hedduu taʼaniifi miseensota keenyarra baayʼee caalu qaban guutummaatti akka balleessan mirkaneeffatu. (Mul. 17:16) Yihowaan nu warra yeroo sanatti eegumsa hin qabne fakkaannu ilaalchisee ‘biyya isa gandeen isaa dallaa, karraafi danqaraa hin qabne’ jechuudhaan dubbateera. (His. 38:10-12, 14-16) Ija fooniitiin yommuu ilaallu badiisa gaʼu jalaa ooluu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo kanatti maal gootu?

18. Yeroo rakkina guddaatti jabaannee dhaabachuuf kan nu gargaaru maal akka taʼe ibsi.

18 Matumaa sodaadhaan raafamuu hin qabnu. Maaliif? Yihowaan namoonni sabasaarratti akka kaʼan qofa utuu hin taʼin, sabasaa akka oolchus waan dubbateefidha. Yihowaan, ‘Bara sana Goog biyya Israaʼel yommuu lolu, aariin koo inni bobaʼaan in kaʼa. Hinaaffaa koofi aariikoo isa akka ibiddaa bobaʼuun nan dubbadha’ jedheera. (His. 38:18-23) Yeroo sanatti Yihowaan warra sabasaa miidhuu barbaadan hunda ni balleessa. Yihowaan, ‘guyyaa isa guddaafi sodaachisaa’ taʼerraa akka isin oolchu amantii qabdu taanaan, ‘gocha Waaqayyo isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaaluufi’ jabaattanii dhaabachuu ni dandeessu.​—Yoe. 2:31, 32.

19. (a) Yihowaafi Museen hariiroo cimaa akkamii qabu turan? (b) Karaa keessan hundumaatti Yihowaatti kan amanamtan taanaan eebba akkamii argattu?

19 ‘Isa ijaan hin argamne akka waan arginuutti’ ilaaluu keenya itti fufuudhaan, rakkina guddaa gara fuulduraatti dhufuuf ammuma haa qophoofnu! Yeroo hunda qayyabannaa gochuufi kadhannaa dhiheessuudhaan michooma Yihowaa wajjin qabnu haa jabeeffannu. Museen Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa kan qabu siʼa taʼu, Yihowaanis dinqiiwwan raawwachuuf isatti fayyadameera. Kana malees, Yihowaan Musee ‘fuulaa fuulatti’ akka beeke Macaafni Qulqulluun ni dubbata. (Kes. 34:10) Museen raajii beekamaa taʼedha. Haataʼu malee, isinis amantii yoo qabaattan akka gaariitti Yihowaatti dhihaachuufi akka waan ijaan isa argitaniitti isa beekuu ni dandeessu. Akkuma Dubbiin Waaqayyoo jedhu ‘karaa keessan hundumaatti’ Yihowaatti kan amanamtan taanaan, ‘inni daandii keessan isiniif qajeelcha.’​—Fak. 3:6.

^ key. 11 Yihowaan warra Gibxiirratti tarkaanfii kan fudhate karaa ergamootasaa akka taʼe ifadha.​—Far. 78:49-51.