Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA | WANTA GARA FUULDURAATTI TAʼU BEEKUU KAN DANDAʼU JIRAA?

Muraasni Raawwatamaniiru, Baayʼeen Garuu Hin Raawwatamne

Muraasni Raawwatamaniiru, Baayʼeen Garuu Hin Raawwatamne

Wanta gara fuulduraatti si mudatu beekuu ni barbaaddaa? Namoonni hedduun hawwii akkasii qabu. Namoonni waaʼee gara fuulduraa raajii dubbatan hedduun kan jiran taʼus, buʼaan isaan argatan garaagara. Fakkeenya armaan gadii ilaali:

  • SAAYINTISTOONNI faalamni yeroo booda lafarra miidhaa akkamii akka geessisuufi bor naannoo keetti roobni roobuu ykn dhiisuusaa dabalatee, wantoota garaagaraa raajuuf meeshaalee ammayyaafi maallaqa hedduutti fayyadamu.

  • OGEEYYIIN IBSA KENNAN daldalliifi siyaasni garamitti akka deemu raaju. Sooreyyii addunyaa keessaa tokko kan taʼe Wooran Bafat, wanti inni waaʼee daldalaa raaje waan raawwatameef namoonni tokko tokko raajii akka taʼetti isa ilaalu. Ogeessa ibsa kennu kan taʼe Neet Siilvarimmoo, ragaalee waaʼee siyaasa Yunaayitid Isteetisiifi badhaasa fiilmii Hooliiwud dabalatee wantoota garaagaraa raajuuf isa gargaaranirratti namicha kanaaf ibsa kenna.

  • BURQAAWWAN ODDEEFFANNOO DURII raajii akka taʼanitti ilaalamu. Namoonni tokko tokko barreeffamni wal xaxaan jaarraa 16⁠ffaa Misheel Nootradaam dee Noostiradaamas barreesse, yeroo harʼaatti raawwii argachaa jira jedhanii yaadu. Namoonni tokko tokko marsaan kaaleendarii warra Maayaa Muddee 21, 2012⁠rratti dhume, badiisni tasaa akka dhufu argisiisa jedhanii turan.

  • GEGGEESSITOONNI AMANTII yeroo tokko tokko namoota akeekkachiisuufi hordoftoota argachuuf, addunyaa mararratti haalawwan gaddisiisoon akka raawwataman raajii dubbatu. Raajii guyyaa dhumaa jedhamee kan waamamu Haarold Kaampiingiifi duuka buutonnisaa, lafti bara 2011⁠tti ni baddi jedhanii balʼinaan labsaa turan. Addunyaan kun garuu ammayyuu jirti.

  • QAALLONNI AMMAYYAA waaʼee gara fuulduraa dubbachuuf dandeettii addaa qabna jedhu. Edgar Keesiifi Jiin Diikson, wantoota jaarraa 20⁠ffaa keessatti raawwataman ilaalchisee raajii sirrii taʼe tokko tokko dubbatanii turan. Haataʼu malee, raajii isaan dubbatan keessaa baayʼeensaa hin raawwatamne. Fakkeenyaaf, Diikson Waraanni Addunyaa Sadaffaan bara 1958 jalqaba jettee turte. Keesiinimmoo walakkeessa bara 1970mmaniitti magaalaan Niiwu Yoork bishaaniin akka liqimsamtu dubbatee ture.

Karaan waaʼee gara fuulduraa sirriitti ittiin beekuu dandeenyu jiraa? Gaaffiin kun gaaffii gaafatamuu qabudha. Utuu wantoota gara fuulduraatti taʼan beekuu dandeessee, jireenyakeefi filannoo ati gooturratti dhiibbaa ni geessisa ture.