Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Waaqa Keessan Jaalladhaa’

‘Waaqa Keessan Jaalladhaa’

“Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa.”—MAT. 22:37.

1. Jaalalli Waaqayyoofi Ilmisaa waliif qaban guddachuu kan dandaʼe akkamitti?

ILMA Yihowaa kan taʼe Yesus Kiristos, ‘Ani Abbaa nan jaalladha’ jechuudhaan dubbateera. (Yoh. 14:31) Akkasumas, “Abbaan ilma in jaallata” jedheera. (Yoh. 5:20) Yesus nama taʼee dhalachuusaa dura bara dheeraadhaaf Yihowaa biratti “hojjetaa isa hangafa” waan tureef akkas jechuunsaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu. (Fak. 8:30, NW) Yesus, Yihowaa wajjin yommuu hojjetetti amalawwan Abbaasaafi wantoota kan biraa Abbaasaa akka inni jaallatu godhan hedduu barateera. Baayʼee walitti dhihaachuunsaanii jaalalli isaan waliif qaban akka guddatu gochuusaa hubachuun ni dandaʼama.

2. (a) Jaalalli maal kan dabalatudha? (b) Gaaffilee kamfaa qorra?

2 Nama tokko yommuu jaallannu, nama sanaaf miira adda taʼe qabaanna. Daawit faarfatichi, “Yaa Waaqayyo aangoo ko, ani sonaan sin jaalladha” jechuudhaan faarfateera. (Far. 18:1) Nutis miira akkasii isaaf qabaachuu qabna. Yihowaadhaaf kan abboomamnu taanaan innis nu jaallata. (Keessa Deebii 7:12, 13 dubbisi.) Waaqayyoon arguu baannus dhuguma isa jaallachuu ni dandeenyaa? Yihowaa jaallachuu jechuun maal jechuudha? Isa jaallachuu kan qabnu maaliifi? Yihowaa akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

WAAQAYYOON KAN JAALLANNU MAALIIFI?

3, 4. Yihowaa jaallachuun ni dandaʼama kan jennu maaliifi?

3 “Waaqayyo hafuura” waan taʼeef isa arguu hin dandeenyu. (Yoh. 4:24) Haataʼu malee isa jaallachuun ni dandaʼama; Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon akka jaallannu nu abbooma. Fakkeenyaaf Museen Israaʼelootaan, “Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu!” jedhee ture.—Kes. 6:5.

4 Waaqayyoon jaallachuun ni dandaʼama kan jennu maaliifi? Fedhii hafuuraa akka qabaannuufi jaalala argisiisuu akka dandeenyu godhee waan nu uumeefidha. Fedhii hafuuraa keenya sirriitti ennaa guuttannu, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu waan guddatuuf gammachuu dhugaa arganna. Yesus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti” jedheera. (Mat. 5:3) Abrahaam Mooriisan kitaabasaanii isa Maan Daaz Noot Istaand Aloon jedhamurratti fedhii namoonni waaqeffannaadhaaf qaban ilaalchisee, “Ilmaan namootaa qaama isaan caalaa humna qabu argachuufi itti amanuuf carraaqqii isaan godhan yommuu ilaallu baayʼee kan nu dinqisiisudha” jedhaniiru.

5. Waaqayyoon baruuf carraaqqii gochuun waaʼee kan hin baafne akka hin taane beekuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Waaqayyoon baruuf carraaqqii gochuun buʼaa kan hin qabnedhaa? Yihowaan akka isa beeknu waan barbaaduuf matumaa buʼaa kan hin qabne miti. Phaawulos ergamaan namoota hedduu bakka Aariyophaagos jedhamutti walitti qabamanii turaniif yommuu lallabetti yaada kana ifa godheera. Aariyophaagos mana waaqeffannaa Paartenoon fuulduratti kan argamu siʼa taʼu, iddoo kanatti waaqayyolii warra Ateenaa durii eegumsa addaa gochuu akka dandaʼan itti amanamantu waaqeffatama ture. Yommuu Phaawulos, ‘Waaqayyo inni biyya lafaa, kan isa keessa jiru hundumaas uume, galma harki namaa ijaaretti hin galu’ jechuudhaan dubbatu akka waan achi jirtaniitti yaadaa! Itti dabaluudhaanis akkas jedhe: Waaqayyo “sanyiin namaa hundinuu namicha tokkicha irraa argamanii, irra lafaa hundumaa irra akka jiraatan godhe; bara isaaniitti iddoo taaʼumsa isaaniittis daarii itti godhe. Kanas Waaqayyoon akka isaan barbaadaniif qaqqabataniis akka isa argataniif godhe; amma illee Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti.” (HoE. 17:24-27) Eeyyee, namoonni Waaqayyoon argachuu ykn beekuu ni dandaʼu. Dhugaa Baatonni Yihowaa 7,500,000 ol taʼan ‘Waaqayyoon argataniiru,’ isas ni jaallatu.

WAAQAYYOON JAALLACHUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

6. Yesus “abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa” isa kam akka taʼe dubbate?

6 Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu garaadhaa kan madde taʼuu qaba. Yesus yommuu Fariisichi tokko, “Yaa barsiisa, seera keessaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kam?” jedhee isa gaafatetti dhimma kana ifa godheera. Yesus, “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa.’ Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana” jedhee deebiseef.—Mat. 22:34-38.

7. (a) ‘Garaa keenya guutuudhaan’ (b) ‘Jireenya keenya guutuudhaan’ (c) ‘Yaada keenya guutuudhaan’ Yihowaa jaallachuu jechuun maal jechuudha?

7 Yesus ‘garaa keenya guutuudhaan’ Waaqayyoon jaallachuu akka qabnu yommuu dubbatu maal jechuusaati? Fedhiifi miira keenya guutuudhaan Yihowaa jaallachuu akka qabnu dubbachuusaati. ‘Jireenya keenya guutuudhaan’ ykn guutummaa namummaa keenyaatiin isa jaallachuu qabna. Akkasumas, ‘yaada keenya guutuudhaan’ ykn guutummaa dandeettii hubannaa keenyaatiin Yihowaa jaallachuu qabna. Walumaagalatti guutummaatti Yihowaa jaallachuu qabna jechuudha.

8. Jaalalli Waaqayyoof qabnu maal akka goonu nu kakaasa?

8 Garaa keenya, jireenya keenyaafi yaada keenya guutuudhaan Yihowaa kan jaallannu taanaan, Macaafa Qulqulluu akka gaariitti qayyabanna, kaayyoo Yihowaa garaa guutuudhaan raawwanna, akkasumas misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabna. (Mat. 24:14; Rom. 12:1, 2) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu caalaatti akka isatti dhihaannu nu godha. (Yaq. 4:8) Sababa itti Yihowaa jaallannu hunda tarreessuu akka hin dandeenye beekamaadha. Taʼus mee qabxiiwwan muraasa haa ilaallu.

YIHOWAA JAALLACHUU KAN QABNU MAALIIFI?

9. Yihowaa kan jaallannu maaliifi?

9 Yihowaan Uumaa keenyaafi wanta nu barbaachisu kan nuuf dhiheessudha. Phaawulos, “Nuyi isatti in jiraanna, in sochoona, in argamnas” jechuudhaan dubbateera. (HoE. 17:28) Yihowaan lafa bareedduu bakka jireenyaa keenya taate nuu kenneera. (Far. 115:16) Nyaataafi wantoota jireenyaaf nu barbaachisan kaanis nuu dhiheesseera. Kanaaf, Phaawulos jiraattota magaalaa Lisxiraa warra waaqayyolii tolfamoo waaqeffataniin akkas jedheera: “Waaqayyo inni jiraataan . . . waaqa irraa bokkaa isiniif roobsee, ija midhaaniis yeroo isaatti guuttachiise. Soora isiniif kennee garaa keessanis gammachuudhaan guute; waan gaarii kana hundumaa gochuu isaatiinis gooftummaa isaa mulʼiseera.” (HoE. 14:15-17) Maarree kun Uumaa keenya isa wanta nu barbaachisu nuu dhiheessu akka jaallannu nu hin kakaasuu?—Lal. 12:1.

10. Qophiin Waaqayyo cubbuufi duʼa balleessuuf godhe maal gochuuf nu kakaasa?

10 Waaqayyo cubbuufi duʼa Addaamirraa dhaalle akka balleessu nuuf mirkaneesseera. (Rom. 5:12) ‘Waaqayyo, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate argisiiseera.’ (Rom. 5:8) Yaada qalbii yoo geddaranneefi aarsaa furii Yesusitti akka amanuu yoo argisiisne, cubbuu raawwanneef dhiifama argachuu kan dandeenyu taʼuunsaa garaa guutuudhaan Yihowaa jaallachuuf nu kakaasa.—Yoh. 3:16.

11, 12. Yihowaan abdii akkamii nuu kenneera?

11 Yihowaan ‘abdii gammachuufi nagaadhaan akka guutamnu godhu’ nuu kenneera. (Rom. 15:13) Abdiin Waaqayyo nuuf kenne qorumsa amantii moʼuuf nu gargaara. Kiristiyaanonni dibamoon, ‘hamma duʼaatti amanamoo yoo taʼan, gonfoon ittiin samiirratti jireenya argatan in kennamaaf.’ (Mul. 2:10) Namoonni abdii lafarra jiraachuu qabanimmoo hanga dhumaatti amanamoo yoo taʼan lafa deebitee Jannata taaturra barabaraaf jiraatu. (Luq. 23:43) Abdiiwwan kun maal akka nutti dhagaʼamu godhu? Nagaafi jaalala kan arganne Waaqa isa ‘kennaan gaariiniifi guutuun hundinuu biraa dhufu’ biraa waan taʼef gammachuutu nutti dhagaʼama.—Yaq. 1:17.

12 Waaqayyo abdii duʼaa kaʼuu isa gammachiisaa taʼe nuuf kenneera. (HoE. 24:15) Nama jaallannu yommuu duʼaan dhabnu baayʼee kan gaddinu taʼus abdii duʼaa kaʼuu waan qabnuuf, ‘akka namoota abdii hin qabneetti hin gaddinu.’ (1 Tas. 4:13) Yihowaan jaalalaan kakaʼee namoota duʼaa ni kaasa; keessumaammoo namoota akka Iyoob amanamoo taʼan duʼaa kaasuuf ni hawwa. (Iyo. 14:15) Namoonni duʼaa kaafamanii firootasaanii wajjin lafa kanarra deebiʼanii yommuu jiraatan gammachuu uumamuu dandaʼu mee yaadaa! Abdiin duʼaa kaʼuu inni dinqisiisaa taʼeefi Yihowaan nuu kenne caalaatti akka isa jaallannu nu kakaasa.

13. Ragaan Waaqayyo akka nuuf yaadu argisiisu maalidha?

13 Yihowaan garaadhaa nuuf yaada. (Faarfannaa 34:6, 18, 19; 1 Phexros 5:6, 7 dubbisi.) Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe namoota isaaf amanamoo taʼan gargaaruuf fedha akka qabu waan beeknuuf, akka waan ‘tikasaa jala jirrutti’ nageenyi nutti dhagaʼama. (Far. 79:13) Kana malees, jaalala Waaqayyo nuuf qabu wanta inni karaa Mootummaa Masiihichaa nuu raawwaturraa hubachuu ni dandeenya. Yesus Kiristos hammeenya, hacuuccaafi jalʼina lafarraa erga balleessee booda, ilmaan namootaa amanamoo taʼan nagaafi eebba dhuma hin qabne akka argatan godha. (Far. 72:7, 12-14, 16) Abdiin akkasii garaa keenya, jireenya keenyaafi yaada keenya guutuudhaan Yihowaa akka jaallannu nu hin kakaasuu?—Luq. 10:27.

14. Yihowaan mirga guddaa akkamii nuuf kenneera?

14 Yihowaan mirga guddaa Dhugaa Baatotasaa taʼuudhaan isa tajaajiluu nuuf kenneera. (Isa. 43:10-12) Mirga olaantummaasaa deggeruufi biyya lafaa rakkinaan guutame kana keessatti abdii dhugaa namootaaf lallabuu waan nuu kenneef baayʼee isa jaallanna. Kana malees, misiraachoon nuti lallabnu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe siʼa taʼu, abdiin Waaqayyo kennes matumaa utuu hin raawwatamin hin hafu. Kanaaf waaʼee abdii kanaa amanannaa guddaadhaan dubbachuu ni dandeenya. (Iyaasuu 21:45; 23:14 dubbisi.) Eebba argannes taʼe sababa itti Yihowaa jaallannu hunda tarreessinee fixuu hin dandeenyu. Maarree jaalala isaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

JAALALA WAAQAYYOOF QABNU ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

15. Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi wanta dubbisnu hojiirra oolchuun kan nu gargaaru akkamitti?

15 Macaafa Qulqulluu akka gaariitti qayyabachuufi wanta dubbisnu hojiirra oolchuu. Akkas gochuun Yihowaa akka jaallannuufi dhugumaan dubbiinsaa ‘daandii keenyarratti akka ifu’ akka barbaannu kan argisiisudha. (Far. 119:105) Dhiphinni yeroo nurra gaʼu yaada Macaafa Qulqulluu armaan gadiirraa jajjabina argachuu dandeenya: “Yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaaf bullaaʼaa hin tuffattu!” “Gaarummaan kee qabee na oolche, yaa Waaqayyo! Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta.” (Far. 51:17; 94:18, 19) Yihowaan namoota rakkatanitti ooʼa ni argisiisa; Yesusis namootaaf ni ooʼa ture. (Isa. 49:13; Mat. 15:32) Macaafa Qulqulluu qayyabachuun keenya Yihowaan akka nuuf yaadu akka hubannuufi nutis jaalala guddaa akka isaaf qabaannu nu kakaasa.

16. Yeroo hunda kadhachuun jaalalli Waaqayyoof qabnu akka guddatu kan godhu akkamitti?

16 Yeroo hunda Waaqayyoon kadhachuu. Kadhannaan Waaqa ‘isa kadhata dhagaʼutti’ caalaatti nu dhiheessa. (Far. 65:2) Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii akka kenne yommuu arginu jaalalli isaaf qabnu dabalaa adeema. Fakkeenyaaf, Waaqayyo humna keenyaan ol akka qoramnu akka hin heyyamne argineerra taʼa. (1 Qor. 10:13) Yaaddoon taʼe tokko yoo nu mudate kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheessuudhaan ‘nagaa Waaqayyoo’ isa hundumaarra caalu argachuu dandeenya. (Filp. 4:6, 7) Yeroo tokko tokko akkuma Nahimiyaa sagalee utuu hin dhageessisin kadhannaa ni dhiheessina; kadhannaa dhiheessine sanaafis deebii akka arganne ni hubanna taʼa. (Nah. 2:1-6) ‘Kadhannaatti yommuu cimnuufi’ Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennaa akka jiru ennaa hubannu, jaalalli isaaf qabnuufi qorumsi amantii yommuu nurra gaʼu akka nu gargaaru amanannaan isarratti qabnu ni guddata.—Rom. 12:12.

17. Waaqayyoon ni jaallanna taanaan walgaʼiiwwaniif ilaalcha akkamii qabaanna?

17 Walgaʼii gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti argamuu barsiifata godhachuu. (Ibr. 10:24, 25) Bara duriitti Israaʼeloonni Yihowaadhaaf ulfina kennuu, akkasumas Seerasaa eeguu akka dandaʼaniif, waaʼee Yihowaa dhagaʼuufi barachuuf walitti qabamu turan. (Kes. 31:12) Dhuguma Waaqayyoon ni jaallanna taanaan abboommiisaa eeguun nutti hin ulfaatu. (1 Yohannis 5:3 dubbisi.) Kanaaf, wanti kamiyyuu walgaʼiirraa akka nu hambisu heyyamuu hin qabnu. Jaalalli duraan Yihowaadhaaf qabnu akka laafu hin barbaannu.—Mul. 2:4.

18. Misiraachichaa wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoof qabnu maal akka goonu nu kakaasa?

18 ‘Dhugaa wangeelaa’ hinaaffaadhaan warra kaaniif lallabuu. (Gal. 2:5) Jaalalli Waaqayyoof qabnu waaʼee Mootii Mootummaa Masiihichaa isa waraana Armaagedoonitti ‘dubbii dhugaatiif feʼatee kaʼuu’ akka dubbannu nu kakaasa. (Far. 45:4; Mul. 16:14, 16) Jaalala Waaqayyoofi abdii addunyaa haaraa inni kenne namoota barsiisuudhaan bartoota akka taʼan gargaaruuf mirga argachuun gammachuu guddaa kan argamsiisudha.—Mat. 28:19, 20.

19. Qophii Yihowaan hoolotasaa eeguuf godheef dinqisiifannaa qabaachuu kan qabnu maaliifi?

19 Qophii Yihowaan hoolotasaa eeguuf godheef dinqisiifannaa qabaachuu. (HoE. 20:28) Jaarsoliin gumii qophii Yihowaa isa yeroo hunda waan nu fayyadu nuu godhuuti. Jaarsoliin, “akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka daʼoo bubbee jalaa itti baqatanii, akka bishaan lafa gogaa keessa yaaʼuu, akka gaaddisa kattaa guddaa isa lafa dheebotaa keessa jiruu[ti].” (Isa. 32:1, 2) Daʼoo bubbee hamaa taʼe jalaa nu oolche tokkoof bakka guddaa kennina! Gaaddisa aduu cimaa taʼe jalaa aara itti galfanne tokkos matumaa hin irraanfannu. Yaanni fakkeenyaan ibsame kun, jaarsoliin gumii karaa hafuuraa gargaarsa barbaachisaa taʼe kan nuuf kennan taʼuusaa hubachuuf nu gargaara. ‘Dhiirota kennaa taʼaniifi’ (NW) itti gaafatamummaa qabaniif abboomamuun keenya, kennaa kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu, akkasumas Waaqayyoofi Kiristos isa Mataa gumii taʼe akka jaallannu kan argisiisudha.—Efe. 4:8; 5:23; Ibr. 13:17.

Yihowaan tiksitoota hoolotasaatiif yaadan qopheesseera (Keeyyata 19 ilaali)

JAALALA WAAQAYYOOF QABDAN GUDDIFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

20. Waaqayyoon kan jaallannu taanaan, gorsa Yaaqoob 1:22-25⁠rra jiru hojiirra kan oolchinu akkamitti?

20 Yihowaa kan jaallannu taanaan, ‘dubbicha dhagaʼuu duwwaa utuu hin taʼin hojiirra ni oolchina.’ (Yaaqoob 1:22-25 dubbisi.) Hinaaffaadhaan lallabuufi walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuudhaan amantii akka qabnu ‘hojiidhaan’ argisiisuu dandeenya. Yihowaa kan jaallannu taanaan, ‘seerasaa isa guutuu’ taʼeefi wanta inni nurraa eegu hunda qabateef ni abboomamna.—Far. 19:7-11.

21. Kadhannaan garaadhaa dhihaatu maalitti fakkeeffameera?

21 Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu yeroo hunda kadhannaa garaadhaa madde akka dhiheessinu nu godha. Daawit faarfatichi kadhannaasaa foolii ixaanaa isa akka Seera Museetti yeroo hunda dhihaachaa turetti fakkeessuudhaan, “Kadhanni koo akka ixaana aarfamuutti, harka koo gara keetti ol qabuun koos akka aarsaa galgalaatti si duratti anaaf haa fudhatamu!” jedheera. (Far. 141:2; Bau. 30:7, 8) Kadhannaafi galateeffannaan gad of deebisuudhaan Waaqayyoof dhiheessitan, akka ixaana foolii gaarii qabuu, isa duratti fudhatama kan qabu haataʼu!—Mul. 5:8.

22. Mataduree ittaanurratti gosa jaalalaa akkamii qorra?

22 Yesus, Waaqayyoofi namoota akka jaallannu nu abboomeera. (Mat. 22:37-39) Mataduree ittaanurratti waaʼee jaalalaa balʼinaan ennaa qorru, jaalalli Yihowaafi seera buʼuuraasaatiif qabnu, namoota jaallachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe hubanna.