Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Isin Dhugaa Baatota Kooti’

‘Isin Dhugaa Baatota Kooti’

“‘Isin dhugaa baatota kooti’ jedhe Yihowaan.”—ISA. 43:10, NW.

1, 2. (a) Dhugaa Baatuu jechuun maal jechuudha? Sabqunnamtiin addunyaa gabaasa akkamii dhiheessaa hin jiru? (b) Yihowaan sabqunnamtii biyya lafaatti fayyadamuun kan isa hin barbaachisne maaliifi?

DHUGAA BAATUU jechuun maal jechuudha? Galmeen jechootaa tokko, “Nama wanti tokko utuu raawwatamuu argee waaʼee wanta sanaa dubbatu” jechuudhaan hiikeera. Fakkeenyaaf, gaazexaan yeroo ammaa Za Wiitnas (Dhugaa Baatuu) jedhamu, biyya Afriikaa Kibbaa, magaalaa Piitermariitisbargi keessatti waggaa 160 oliif maxxanfamaa tureera. Kaayyoon gaazexaa kanaa wantoota addunyaarratti raawwataman ilaalchisee odeeffannoo sirrii taʼe dabarsuu waan taʼeef maqaan kun kan isaaf malu ture. Gulaalaan gaazexaa kanaa inni jalqabaa barreeffamicha ilaalchisee, ‘Guutummaansaa wanta dhugaa taʼe kan qabatedha’ jechuudhaan dubbateera.

2 Kan nama gaddisiisu garuu, sabqunnamtiin addunyaa wantoota addunyaarratti raawwataman hedduu ilaalchisee gabaasa dhugaa taʼe dhiheessaa hin jiru. Haalli kun dhugaa taʼuusaa wanta Waaqni hundumaa dandaʼu karaa Hisqiʼel raajichaa, ‘Sabni kaan ani Waaqayyo [“Yihowaa,” NW] akkan taʼe in beeku’ jechuudhaan dubbaterraa hubachuun ni dandaʼama. (His. 39:7) Haataʼu malee, waaqni uumama cufarratti olaantummaa qabu kana gochuuf sabqunnamtii addunyaatti fayyadamuun isa hin barbaachisu. Dhugaa Baatota gara miliyoona saddeetii taʼan, saba hundumaa keessaa baʼaniifi waaʼeesaa dubbatan, akkasumas duris taʼe yeroo ammaatti walitti dhufeenya inni ilmaan namootaa wajjin qabu labsan qaba. Raayyaan Dhugaa Baatotaa kun eebba Waaqayyo gara fuulduraatti ilmaan namootaatiif fidus ni labsu. Yihowaan Isaayaas 43:10⁠rratti, ‘Isin dhugaa baatota kooti, garbichi ani foʼadhes isinuma’ jechuudhaan dubbateera. Kanaaf hojii lallabaatiif dursa kennuudhaan maqaa Waaqayyo nuu kenne kanaa wajjin haala walsimuun haa jiraannu.

3, 4. (a) Barattoonni Macaafa Qulqulluu maqaa haaraa kan argatan yoomi? Maqaa kanaan waamamuusaanitti maaltu isaanitti dhagaʼame? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

3 Yihowaan “mootii bara baraa” isa, “Bara hundumaa maqaan koo isa kana, dhaloota hundumaa keessattis kanumaan nan yaadatama” jechuudhaan dubbate waan taʼeef, maqaasaa beeksisuun mirga guddaadha! (1 Xim. 1:17; Bau. 3:15; Lallaba 2:16 wajjin walbira qabi.) Bara 1931⁠tti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuu jalqaban. Sana booda, maxxansa Masaraa Eegumsaa yeroo sanaarratti xalayaan obboloonni dinqisiifannaasaanii ibsuuf barreessan hedduun baʼeera. Gumiin Kaanaadaatti argamu tokko, “‘Dhugaa Baatota Yihowaa’ jedhamuu keenya yommuu dhageenye baayʼee gammanne, akkasumas maqaan kun dhuguma nuuf mala jennee akka murteessinu nu godheera” jechuudhaan barreesseera.

4 Carraa maqaa Yihowaa beeksisuuf argattan akka dinqisiifattan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Maqaan Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee ittiin waamamnu caqasa Macaafa Qulqulluu kamirraa fudhatame?

DHUGAA BAATOTA WAAQAYYOO DURII

5, 6. (a) Israaʼeloonni warra taʼan waaʼee Yihowaa dhugaa kan baʼan karaawwan kamiin ture? (b) Israaʼeloonni warra taʼan maal akka godhan abboomamanii turan? Gorsi kun warra yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta kan jennu maaliifi?

5 Israaʼeloonni bara Isaayaas turan dhuunfaadhaan, “dhuga-baatuu” Yihowaa kan turan siʼa taʼu, guutummaan sabichaammoo ‘garbichasaa’ ture. (Isa. 43:10) Karaa Israaʼeloonni warra taʼan dhugaa baʼuu itti dandaʼan keessaa inni tokko Waaqayyo abbootasaaniitiif kunuunsa akkamii gochaa akka ture ijoolleesaanii barsiisuudha. Fakkeenyaaf, waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaa akka kabajan ennaa ajajamanitti, abboommiin akkas jedhu isaaniif kennamee ture: “Yeroo ijoolleen keessan, ‘Inni isin akkas gootan kun maali?’ jedhanii isin gaafatan, isin immoo, ‘Waaqayyo biyya Gibxiitti warra Gibxii yommuu dhaʼe manneen keenya manneen Israaʼelootaa oolchee waan bira darbeef, kun aarsaa Faasiikaa isa bira darbuu Waaqayyo argisiisuu dha’ isaaniin in jettu.” (Bau. 12:26, 27) Museen, Israaʼeloonni lafa onaa keessatti dhaqanii Yihowaadhaaf ayyaana akka ayyaaneffataniif akka gadi isaan dhiisu gaafachuuf mootii biyya Gibxii duratti yeroo jalqabaatiif ennaa dhihaatetti, Faraʼoonimmoo, “Waaqayyo [“Yihowaan,” NW] inni ani sagalee isaa dhagaʼee namoota Israaʼel gad dhiisu kun eenyu inni?” jedhee ture. Israaʼeloonni warra taʼan waaʼee kanaas ijoolleesaanii barsiisuu qabu turan. (Bau. 5:2) Sabni Israaʼel, dhahichi kurnan biyya Gibxii erga mancaaseefi Israaʼeloonni Galaana Diimaa biratti loltoota Gibxii jalaa erga oolanii booda, gaaffiin Faraʼoon kaase haala ifa taʼeen deebii argatee akka tures dhugaa baʼuu ni dandaʼu turan. Yihowaan yoomiyyuu taanaan Waaqa Hundumaa Dandaʼudha. Akkasumas Israaʼeloonni, dhugaa baatota Yihowaan Waaqa dhugaafi Waaqa abdii kenne raawwatu taʼuusaa arguudhaan dubbachuu dandaʼan taʼaniiru.

6 Israaʼeloonni maqaa Yihowaatiin waamamuu akka mirga guddaatti ilaalan, wanta dinqisiisaa Yihowaan isaaniif godhe, ijoolleesaanii qofatti utuu hin taʼin, galaa manasaanii keessaa hojjetuttis akka himan beekamaadha. Akkumasaanii ijoolleensaaniis seera Yihowaan qulqullinaaf baase akka hordofan leenjisuu qabu turan. Yihowaan, “Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman taʼe isinis immoo qulqulloota taʼaa!” isaaniin jedhee ture. (Lew. 19:2; Kes. 6:6, 7) Kun Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniifi akkuma Israaʼeloota durii ijoolleensaanii seera qulqullinaa Yihowaan baaseen akka geggeeffaman leenjisuudhaan maqaa Yihowaatiif ulfina akka fidan gargaaruu qabaniif fakkeenya gaarii kan taʼudha.—Fakkeenya 1:8; Efesoon 6:4 dubbisi.

Waaʼee Yihowaa ijoollee keenya barsiisuun maqaasaatiif ulfina fida (Keeyyata 5fi 6 ilaali)

7. (a) Israaʼeloonni yommuu Yihowaadhaaf amanamoo taʼanitti saboonni naannoosaanii jiraatan maal baratu? (b) Namoonni maqaa Waaqayyootiin waamaman hundi itti gaafatamummaa akkamii qabu?

7 Sabni Israaʼel yeroo amanamoo taʼanitti maqaa Waaqayyootiif sirriitti dhugaa baʼuu ni dandaʼu turan. Yeroo amanamoo taʼanitti, ‘sabni warri kaan hundinuu, isaan maqaa Waaqayyootiin [“Yihowaatiin,” NW] akka waamaman akka arganiifi akka isaan sodaatan’ isaanitti himamee ture. (Kes. 28:10) Kan nama gaddisiisu garuu, seenaan saba Israaʼel amanamummaa dhabuudhaan kan guutamedha. Siʼa baayʼee waaqa tolfamaa waaqeffataniiru. Hunda caalaammoo, akkuma waaqa tolfamoo Kanaʼaanonni waaqeffachaa turanii, hamoo, ijoolleesaanii aarsaa godhanii kan dhiheessaniifi hiyyeessota kan hacuucan taʼanii turan. Kun, seenaa guddaa yeroo hundumaa fakkeenya Waaqa keenya isa maqaasaatiin waamamnuufi Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼee hordofuu akka qabnu kan nu barsiisudha!

“KUNOO, ANI WANTA HAARAA NAN GODHA”

8. Yihowaan Isaayaasiif itti gaafatamummaa akkamii kenne? Isaayaasitti hoo maaltu dhagaʼame?

8 Yihowaan saba Israaʼeliin karaa dinqii taʼeen boojuu jalaa akka baasu raajii dubbatee ture. Isaanis kun yommuu raawwatamu waan arganiif dhugaa baʼuu ni dandaʼu turan. (Isa. 43:19) Boqonnaawwan raajii Isaayaas jalqabaa jaʼan waaʼee badiisa cimaa Yerusaalemiifi magaalota naannoosheetti argamanirra gaʼuu dubbatu. Yihowaa inni garaa namaa beeku, Isaayaas namoonni yoo isa dhagaʼuu baatanillee, akeekkachiisa kana labsuusaa akka itti fufu isatti himee ture. Isaayaas baayʼee waan naʼeef sabni sun yaada garaa geddarachuu kan didu hamma yoomiitti akka taʼe baruu barbaade. Yihowaan maal isaan jedheree? “Hamma mandaroonni onanii namni keessa jiraatu dhibutti, hamma namni keessaa dhibee manni duwwaa taʼutti, hamma maasiin duudee badutti” jedhee isaaf deebise.—Isaayaas 6:8-11 dubbisi.

9. (a) Raajiin Isaayaas waaʼee Yerusaalem dubbate raawwiisaa kan argate yoomi? (b) Yeroo harʼaa dammaqoo taanee akka jiraannuuf maalfaatu godhamaa jira?

9 Isaayaas hojii kana kan jalqabe dhuma bara bulchiinsa Uziyaa Mootichaatti ykn Dh.K.D. naannoo bara 778⁠tti ture. Yeroo sanaa kaasee hamma bara bulchiinsa Hisqiʼel Mootichaatti, jechuunis Dh.K.D. hanga bara 732⁠tti waggaa 46f raajii Waaqayyoo taʼee tajaajileera. Kunis waggaa 125 dura, jechuunis Dh.K.D. bara 607⁠tti hanga yeroo Yerusaalem itti balleeffamteetti jechuudha. Kanaaf, sabni Waaqayyoo waggoota hedduu dura wanta isaanirra gaʼu sirriitti dhagaʼanii turan. Yeroo harʼaas, Yihowaan sabnisaa wanta gara fuulduraatti taʼu ilaalchisee odeeffannoo gaʼaa akka argatan gochaa jira. Masaraan Eegumsaa, maxxansa jalqabaarraa eegalee waggaa 135f namoonni barruu kana dubbisan hundi, dhiheenyatti bulchiinsi Seexanaa inni hamaan baduudhaan Bulchiinsa Barkumee isa kan Kiristosiin akka bakka buufamu akka hubatan akeekkachiisaa jira.—Mul. 20:1-3, 6.

10, 11. Israaʼeloonni Baabilon keessa turan raajiin Isaayaas inni kam raawwiisaa utuu argatuu arguu dandaʼaniiru?

10 Yihudoonni ajajamoo taʼan hedduun boojuudhaan gara Baabilonitti fudhatamanii badiisa Yerusaalemirra gaʼe jalaa oolaniiru. (Er. 27:11, 12) Sabni Waaqayyoo boojuu jala waggaa 70f erga turanii booda, raajii Yihowaan, “Waaqayyo inni isin fure, inni qulqulluun kan Israaʼel, ‘Ani isiniif jedhee Baabilonitti nama nan erga; innis hunduma isaanii . . . Boojiʼee markaboota isaaniitiin iyyaa akka adeeman in godha’” jechuudhaan dubbate yommuu raawwatamu arguu dandaʼaniiru.—Isa. 43:14.

11 Raajii kanaa wajjin haala wal qabateen, Dh.K.D. bara 539 galgala jalqaba jiʼa Onkoloolessaatti wanti baayʼee rifaasisaa taʼe tokko raawwatameera. Mootiin Baabiloniifi gurguddoonni biyyaa miʼa mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa fudhatanitti dhugaatii wayinii dhugaa, waaqayyolii tolfamoosaaniitiifis galata galchaa utuu jiranii, loltoonni Medooniifi Faares Baabiloniin qabatan. Dh.K.D. bara 538 ykn 537⁠tti, Qiiros inni Baabiloniin weerare, Yihudoonni Yerusaalemitti deebiʼuudhaan Waaqayyoof mana qulqullummaa akka ijaaran abboome. Isaayaas, abdii Yihowaan sabasaatiif haala kana akka mijeessuufi sabnisaa warri lubbuudhaan hafan gara Yerusaalemitti hamma deebiʼanitti akka isaan eegu kenne dabalatee wantoota kana hundumaa raajiidhaan dubbateera. Waaqayyo sabasaa warra badiisarraa oolan ilaalchisee, “Saba kana ofii kootiif uummachuun koo, akka inni na galateeffatuuf ture” jechuudhaan dubbatera. (Isa. 43:21; 44:26-28) Sabni boojuu jala turan kun gara Yerusaalemitti deebiʼuudhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo yommuu deebisanii ijaaran, Yihowaan yeroo hundumaa wanta dubbatu akka bakkaan gaʼu arguu dandaʼaniiru.

12, 13. (a) Yommuu waaqeffannaa dhugaan deebiʼee hundeeffametti, namoonni Israaʼelootatti makaman eenyufaʼi? (b) “Hoolonni kan biraan” “Israaʼel Waaqayyoon” deggeruuf maal gochuutu isaanirraa eegama? Abdiin isaan qabanoo maal fakkaata?

12 Namoonni kumaan lakkaaʼamaniifi dhalootaan Israaʼel hin taane, saba lammata dhalate sana keessaa tokko taʼuu dandaʼaniiru; yeroo boodammoo warri saba Waaqayyoo hin taane hedduunis Yihudoota taʼaniiru. (Iz. 2:58, 64, 65; As. 8:17) Yeroo harʼaas, ‘tuutni sonaan baayʼeen’ Yesus “hoolota kan biraa” jechuudhaan waame, Kiristiyaanota dibamoo “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamanii waamaman amanamummaadhaan deggeraa jiru. (Mul. 7:9, 10; Yoh. 10:16; Gal. 6:16) Tuutni sonaan baayʼeenis maqaa Yihowaa biraa argataniifi Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamu.

13 Barkumee Bulchiinsa Kiristositti, tuutni sonaan baayʼeen, guyyoota gara dhumaa kana keessatti, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuun mirga akkamii akka taʼe namoota duʼaa kaʼanitti himuudhaan gammachuu guddaa argatu. Kana gochuu kan dandeenyu garuu maqaa ittiin waamamnu kanaa wajjin haala walsimuun yoo jiraanneefi hamma dhumaatti qulqulluu taanee jiraachuuf carraaqqii yoo goone qofadha. Akkasumas, carraaqqii akkamiiyyuu yoo goone qulqullina keenya eegnee jiraachuun rakkisaa waan taʼeef, cubbamoota taʼuu keenyaafi maqaa Waaqayyoo isa qulqulluudhaan waamamuun mirga guddaa akka taʼe hubachuudhaan dogoggora raawwannuuf guyyaa guyyaadhaan dhiifama gaafachuu qabna.—1 Yohannis 1:8, 9 dubbisi.

HIIKA MAQAAN WAAQAYYOO QABU

14. Yihowaa jechuun maal jechuudha?

14 Dinqisiifannaa mirga maqaa Waaqayyootiin waamamuuf arganneef qabnu guddifachuuf, hiika maqaansaa kun qaburratti xiinxaluun keenya barbaachisaadha. Maqaan Waaqayyoo inni afaan Ibrootaarraa hiikameefi “Yihowaa” jedhu, jecha gocha argisiisu siʼa taʼu, hiiknisaas “ni taʼa” jechuudha. Kanaaf, Yihowaa jechuun “Akka Taʼu Godha” jechuudha. Yihowaan Uumaa uumama cufaafi ilmaan namootaa, akkasumas Waaqa kaayyoosaa galmaan gaʼu waan taʼeef maqaan kun kan isaaf maludha. Yihowaan, Seexanniifi diinonnisaa kaan, jaalallisaa akka hin raawwatamne gochuuf carraaqqii akkamii yoo godhaniyyuu, fedhaafi kaayyoonsaa akka galma gaʼu gochuusaa itti fufeera.

15. Yihowaan hiika maqaansaa qabuu wajjin haala walsimuun eenyummaasaa kan mulʼise akkamitti? (Saanduqa “ Maqaa Hiika Guddaa Qabu” jedhu ilaali.)

15 Yihowaan sabasaa biyya Gibxii keessaa akka baasuuf Musee ennaa abboometti, jecha maqaasaa ibsuu dandaʼutti fayyadamuudhaan eenyummaasaa ifa godheera. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo Museedhaan, ‘Wantan taʼuu barbaadu nan taʼa. Kanaaf, Israaʼelootaan, “Nan Taʼatu gara keessanitti na erge” jedhiin’ jedhe.” (Bau. 3:14, NW) Kun, Yihowaan haalli akkamiiyyuu yoo isa mudate kaayyoosaa galmaan gaʼuuf, wanta taʼuun isa barbaachisu hunda akka taʼu kan argisiisudha. Israaʼeloota yeroo tokko garbummaa jala turan, garbummaa jalaa baaseera, isaan eegeera, isaan geggeesseera, karaa hafuuraas taʼe karaa foonii wanta barbaachisu hunda isaaniif guuteera.

GALATEEFFANNAA QABNU ARGISIISUU

16, 17. (a) Galateeffannaa mirga maqaa Waaqayyootiin waamamuuf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii ilaalla?

16 Yeroo harʼaa Yihowaan karaa hafuuraas taʼe karaa foonii wanta nu barbaachisu nuu guutuudhaan maqaan kun kan isaaf malu taʼuusaa argisiisaa jira. Haataʼu malee maqaan Waaqayyoo wanta inni taʼuu barbaadu qofa kan argisiisu utuu hin taʼin, hojii Dhugaa Baatonnisaa kaayyoosaa galmaan gaʼuuf raawwatanii wajjin haala wal qabateenis wanta inni godhu kan dabalatudha. Jaalalasaa kanarratti xiinxaluun keenya, maqaasaa wajjin haala walsimuun jiraachuuf nu kakaasa. Kooraa inni umriinsaa waggaa 84 taʼeefi Noorweeyitti waggaa 70f hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajile akkas jedheera: “Yihowaa isa Mootii barabaraa taʼe tajaajiluufi namoota maqaasaa isa qulqulluudhaan waamaman keessaa tokko taʼuun kabaja guddaadha. Dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota kaanitti himuufi yommuu isaan gammachuufi beekumsaan guutaman arguun mirga guddaadha. Fakkeenyaaf, Kiristos furii kan nuuf taʼe akkamitti akka taʼeefi furiin kun addunyaa haaraa nagaafi qajeelummaan keessa buufatu keessatti jireenya barabaraa argachuuf kan isaan dandeessisu akkamitti akka taʼe isaan barsiisuun gammachuu guddaa naaf argamsiisa.”

17 Naannoo tokko tokkotti namoota waaʼee Waaqayyoo baruuf fedhii qaban argachuun rakkisaa taʼaa dhufeera. Taʼus, akkuma Kooraa, nama waaʼee Waaqayyoo barachuuf fedhii qabu ennaa argattaniifi nama sana maqaa Waaqayyoo ennaa barsiistan gammachuu guddaa akka argattan beekamaadha! Haataʼu malee, utuma Dhugaa Baatota Yihowaa taanee jirruu dhugaa baatota Yesusis taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Matadureen ittaanu gaaffii kanaaf deebii kenna.