Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Isin Dhugaa Baatuukoo In Taatu’

‘Isin Dhugaa Baatuukoo In Taatu’

“[Yesus] immoo . . . ‘Hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu’ isaaniin jedhe.”—HOE. 1:7, 8.

1, 2. (a) Dhugaa baatuun Yihowaa inni hundarra caalu eenyudha? (b) Maqaan Yesus jedhu hiika akkamii qaba? Ilmi Waaqayyoo hiika maqaansaa qabuu wajjin haala walsimuun kan jiraate akkamitti?

“DHUGAADHAAF dhugaa baʼuufan dhaladhe, kanumaafanis gara biyya lafaa dhufe.” (Yohannis 18:33-37 dubbisi.) Yesus jechoota kana kan dubbate bulchaa Roomaa biyya Yihudaa duratti murtoodhaaf dhihaatee yeroo turettidha. Yeroo kanatti Yesus, mootii akka taʼetti of ibseera. Waggoota muraasa booda, Phaawulos ergamaan ija jabina Yesus argisiise kana akka fakkeenyaatti caqasuudhaan, ‘Phonxos Philaaxos duratti amantiidhaaf baʼeessa godhee akka inni dhugaa baʼe’ dubbateera. (1 Xim. 6:13) Dhugaadha, yeroo tokko tokko biyya lafaa jibbiinsaan guutame kana keessatti ‘dhugaa baatuu amanamaa’ taʼuun ija jabina guddaa gaafata!—Mul. 3:14.

2 Yesus miseensa saba Yihudootaa waan taʼeef, dhalootaaniyyuu dhugaa baatuu Yihowaa ture. (Isa. 43:10) Dhugumayyuu, namoota maqaa Waaqayyootiif dhugaa baʼan hunda caalaa Waaqayyoof dhugaa baʼeera. Yesus hiika maqaan Waaqayyo isaaf kenne qabuuf bakka guddaa kenneera. Ergamaan tokko, Maariyaam kan ulfoofte hafuura qulqulluudhaan akka taʼe Yoseef isa abbaa buddeenaa Yesus taʼetti ennaa himetti, “Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa ‘Yesus’ jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa” isaan jedhee ture. (Mat. 1:20, 21) Hayyoonni Macaafa Qulqulluu maqaan Yesus jedhu maqaa afaan Ibrootaa Yeshuʼaa jedhuufi maqaa Waaqayyoo gabaabaatti of keessatti qabaterraa akka dhufe dubbatu; hiiknisaas, “Yihowaan Fayyinadha” jechuudha. Yesus, hiika maqaansaa qabuu wajjin haala walsimuun, ‘hoolonni karaarraa goranii mana Israaʼelii badan,’ qalbii geddarachuudhaan deebiʼanii Yihowaa duratti fudhatama akka argatan gargaareera. (Mat. 10:6; 15:24; Luq. 19:10) Akkasumas, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallabeera. Maarqos inni barreessaa wangeelaa taʼe, “Yesus kutaa biyya Galiilaa dhufee wangeela Waaqayyoo lallabe. ‘Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhiʼaateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!’ jedhe” jechuudhaan gabaaseera. (Mar. 1:14, 15) Yesus, geggeessitoota amantii Yihudootaa warra akka inni mukarratti fannifamu gochuurratti qooda fudhatanii turanis ija jabinaan balaaleffateera.—Mar. 11:17, 18; 15:1-15.

“HOJII WAAQAYYOO ISA DINQISIISAA”

3. Yesus duʼee guyyaa sadaffaatti maaltu taʼe?

3 Kan nama ajaaʼibsiisu, Yesus duʼee guyyaa sadaffaatti Yihowaan qaama hafuuraa hin badne isaaf kennuudhaan duʼaa isa kaaseera. (1 Phe. 3:18) Gooftaan keenya Yesus, deebiʼee akka jiraachifame mirkaneessuuf qaama foonii uffatee namootatti mulʼateera. Akkuma duʼaa kaʼeen, bartootasaa garaagaraatti yoo xinnaate siʼa shan mulʼateera.—Mat. 28:8-10; Luq. 24:13-16, 30-36; Yoh. 20:11-18.

4. Yesus guyyaa duʼaa kaʼetti walgaʼii akkamii geggeesse? Yeroo kanattihoo bartoonnisaa itti gaafatamummaa akkamii akka qaban isaanitti hime?

4 Yesus duʼaa kaʼee siʼa shanaffaatiif kan mulʼate, ergamootasaafi namoota isaanii wajjin walitti qabamanitti ture. Guyyaa kanatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu isaaniif geggeessee ture jechuun ni dandaʼama. ‘Macaafa akka hubataniif sammuu isaanii isaaniif banee ture.’ Kanaaf, harka diinota Waaqayyootti akka ajjeefamuufi karaa dinqii taʼeen akka duʼaa kaafamu Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti raajiidhaan dubbatamee akka ture hubachuu dandaʼaniiru. Yesus xumura walgaʼii guyyaa inni duʼaa kaʼe sanatti godhamerratti, namoonni isa dhaggeeffachaa turan itti gaafatamummaa akkamii akka qaban isaanitti hime. “Yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru” isaanitti hime. Itti dabalees, “Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha” isaaniin jedhe.—Luq. 24:44-48.

5, 6. (a) Yesus “Dhuga-baatuu koo in taatu” kan jedhe maaliifi? (b) Bartoonni Yesus kaayyoo Yihowaa isa haaraa kam beeksisuu qabu turan?

5 Kanaaf, Yesus guyyaa 40 booda, ennaa yeroo xumuraatiif isaanitti mulʼatetti, jecha salphaatti fayyadamuudhaan abboommii iddoo guddaa qabu isaaniif kenne. “Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” isaaniin jedhe. (HoE. 1:8) Yesus, dhugaa baatuu Yihowaa in taatu jechuu mannaa, “dhuga-baatuu koo in taatu” kan jedhe maaliifi? Yesus akkas jechuu ni dandaʼa ture; haataʼu malee namoonni inni itti dubbachaa ture Israaʼeloota waan taʼaniif, durumayyuu dhugaa baatota Yihowaa turan.

Bartoota Yesus waan taaneef, kaayyoo Yihowaan gara fuulduraatiif qabu beeksisuu keenya itti fufna (Keeyyata 5fi 6 ilaali)

6 Kanaaf, bartoonni Yesus kaayyoo Yihowaa isa haaraa, jechuunis isa garbummaa Gibxiifi boodammoo boojuu Baabilon jalaa bilisa baʼuurra caalu beeksisuu qabu turan. Duutiifi duʼaa kaʼuun Yesus boojuu isa guddaa, jechuunis garbummaa cubbuufi duʼaa jalaa bilisa nama baasa. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, bartoonni Yesus warri reefuu hafuura qulqulluudhaan dibaman, “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” namootatti kan himan siʼa taʼu, warri dhagaʼan hedduunis qalbii geddarachuudhaan furii Yesusirratti amantaa akka qaban argisiisaniiru. Yesus samiirratti aangoo haaraa kan argate siʼa taʼu, Yihowaan namoota kumaan lakkaaʼaman fayyisuuf isatti fayyadamaa jira.—HoE. 2:5, 11, 37-41.

‘FURII NAMOOTA BAAYʼEEDHAAF KAFFALAME’

7. Wantoonni Dh.K.B. bara 33, gaafa Ayyaana Phenxeqosteetti raawwataman maal argisiisu?

7 Wantoonni Dh.K.B. bara 33, gaafa Ayyaana Phenxeqosteetti raawwataman, Yihowaan aarsaan Yesus dhiheesse dhiifama cubbuu argamsiisuu kan dandaʼu akka taʼetti kan fudhate taʼuusaa argisiisu. (Ibr. 9:11, 12, 24) Akkuma ofiisaatii dubbatetti, Yesus “hojjechiifachuudhaaf hin dhufne.” Kanaa mannaa, “namootaaf hojjechuu fi, lubbuu isaa furii namoota baayʼeedhaaf kennuuf dhufe.” (Mat. 20:28) ‘Namoonni baayʼeen’ furii Yesusirraa faayidaa argatan Yihudoota qalbii geddaratan qofa kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, furiin Yesus ‘cubbuu biyya lafaa irraa kan fuudhu’ siʼa taʼu, Waaqayyos “namni hundi akka fayyu” barbaada.—Yoh. 1:29; 1 Xim. 2:4-6.

8. Bartoonni Yesus hamma eessaatti lallaban? Kana gochuu kan dandaʼanoo akkamitti?

8 Bartoonni Yesus warri jaarraa jalqabaatti turan, ija jabina waaʼee Yesus lallabuusaanii itti fufuuf isaan dandeessisu qabu turanii? Eeyyee qabu turan; taʼus humna mataasaaniitiin kana gochuu hin dandaʼan. Hafuurri qulqulluun humna isaaniif kennuudhaan dhugaa baʼuusaanii akka itti fufan isaan gargaareera. (Hojii Ergamootaa 5:30-32 dubbisi.) Ayyaanni Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33⁠tti erga kabajame waggaa 27 booda, “Wangeelichi” Yihudootaafi warra Yihudoota hin taane wal gaʼee waan tureef, “waaqa jalaa uumama hundumaatti lallabamee jira” jechuun ni dandaʼama ture.—Qol. 1:5, 23.

9. Akkuma dursee dubbatame, gumiin Kiristiyaanaa inni jalqaba ture maal taʼe?

9 Kan nama gaddisiisu garuu, gumiin Kiristiyaanaa inni jalqaba ture suuta suuta mancaʼaa dhufe. (HoE. 20:29, 30; 2 Phe. 2:2, 3; Yih. 3, 4) Akkuma Yesus dubbate, gantummaan Seexana isa, ‘isa hamaa’ jedhamee waamameen babalʼatu, hamma “dhuma biyya lafaatti” guddachuusaafi amantii Kiristiyaanaa isa dhugaa faaluusaa itti fufee ture. (Mat. 13:37-43) Yeroo kanatti Yihowaan ilmaan namootaarratti Yesusiin Mootii gochuudhaan barcuma Mootummaarra isa kaaʼeera. Kunis Onkoloolessa 1914⁠tti kan raawwatame siʼa taʼu, yeroon sun yeroo ‘guyyoonni gara dhumaa’ sirna Seexanaa itti jalqabe ture.—2 Xim. 3:1.

10. (a) Kiristiyaanonni dibamoon naannoo bara 1914⁠tti turan, waaʼee guyyaa iddoo guddaa qabu kamii dubbatanii turan? (b) Onkoloolessa bara 1914⁠tti maaltu taʼe? Kunoo ifatti mulʼachaa kan jiru akkamitti?

10 Kiristiyaanonni dibamoon yeroo sana turan, Onkoloolessi 1914 bara iddoo guddaa qabu akka taʼu dursanii ibsanii turan. Ibsi isaanii kun raajii Daaniʼel isa waaʼee muka guddaa muramee tureefi ‘bara torba’ booda guddatuu dubbaturratti kan hundaaʼe ture. (Dan. 4:16) Yesus raajii waaʼee argamuusaafi “dhuma barichaa” ilaalchisee dubbaterratti barri kun ‘bara warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti kenname’ taʼuusaa ibseera. Bara 1914 kaasee, ‘milikkinni dhufa Kiristos’ isa Mootii haaraa taʼee hundumaaf ifa taʼe. (Mat. 24:3, 7, 14; Luq. 21:24) Yeroo sanaa kaasee Yihowaan Yesus Kiristosiin ilmaan namootarratti Mootii gochuunsaa “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” keessaa tokko taʼe.

11, 12. (a) Mootii haaraan inni lafa bulchu, Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda bara 1919⁠tti maal gochuu eegale? (b) Bara 1935 eegalee maaltu raawwatamuu jalqabe? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

11 Yesus Kiristos inni mootii haaraa lafa bulchu taʼe, utuu baayʼee hin turin duuka buutotasaa warra dibamoo taʼan boojuu “Baabilon Guddittii” jalaa baasuu eegale. (Mul. 18:2, 4) Bara 1919⁠tti Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda, dhugaa baatonni Yihowaa qophii Waaqayyo ilmaan namootaa fayyisuuf godhe dubbachuufi waaʼee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa yeroo sana hundeeffamee addunyaa maratti dhugaa baʼuuf carraa argatanii turan. Kiristiyaanonni dibamoon carraa kanatti fayyadamuudhaan dhugaa kan baʼan siʼa taʼu, Kiristiyaanonni dibamoon kumaan lakkaaʼaman kan biraanis Kiristosii wajjin dhaaltota akka taʼan godhaniiru.

12 Bara 1935 eegalee, Kiristos “hoolota kan biraa” miliyoonaan lakkaaʼamaniifi saba addaddaa keessaa baʼuudhaan “tuuta sonaan baayʼee” taʼan walitti qabaa akka jiru ifa taʼe. Tuutni sonaan baayʼeen kun qajeelfama Kiristiyaanota dibamoorraa argataniin fakkeenya Yesus hordofuudhaan, fayyinni kan Waaqayyoofi kan Kiristos taʼuusaa labsu. Hojii kanarratti jabinaan hirmaachuufi furii Yesusitti amanamuusaanii yoo itti fufan, “rakkina guddaa” isa sirna Seexanarratti badiisa geessisurraa ooluuf mirga argatu.—Yoh. 10:16; Mul. 7:9, 10, 14.

‘WANGEELA LALLABUUF IJA JABINA ARGACHUU’

13. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, maal gochuuf murteessineerra? Milkaaʼina akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

13 Mirga ‘hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaafi’ yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii inni kenne beeksisuuf arganneef bakka guddaa kennuu keenya itti haa fufnu. Waaʼee kanaa dhugaa baʼuun yeroo hunda salphaa akka hin taane beekamaadha. Obboloonni keenya hedduun naannoowwan tajaajilaa namoonni misiraachichaaf dantaa hin qabne, kan isaanitti gaʼisan ykn isaan ariʼatan itti argamanitti tajaajilu. Nutis akkuma Phaawulos ergamaaniifi obboloonni hidhatasaa taʼan kaan godhan gochuu ni dandeenya. Phaawulos, “Warri nuun morman utuma baayʼatanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera” jechuudhaan dubbateera. (1 Tas. 2:2) Kanaaf, abdii kutachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, sirni Seexanaa hamma balleeffamutti murtoo goonee wajjin haala walsimuun jabaannee haa jiraannu. (Isa. 6:11) Humna mataa keenyaatiin kana gochuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofuudhaan, Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee humna humna hundumaa caalu akka nuuf kennu kadhachuu qabna.—2 Qorontos 4:1, 7 dubbisi; Luq. 11:13.

14, 15. (a) Namoonni Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti turan Kiristiyaanota yeroo sanaatiif ilaalcha akkamii qabu turan? Phexros egamaanoo waaʼee Kiristiyaanota sanaa maal jedhe? (b) Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenyatti yoo jibbamne maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?

14 Yeroo harʼaa, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Kiristiyaanota akka taʼan dubbatu. “Hojii isaaniitiin garuu [Waaqayyoon] in ganu; isaan ofii isaaniitii jibbamoo, warra hin abboomamne, warra qoramanii hojii gaarii tokkoof illee gatii dhabanii dha.” (Tit. 1:16) Kiristiyaanonni dhugaan jaarraa jalqabaatti turan, namoota hedduu bara sana turan biratti jibbamanii akka turan yaadachuun keenya gaariidha. Phexros ergamaan, “Maqaa Kristosiif jettanii yommuu arrabsamtan, isin warra gammadanii dha; hafuurri . . . Waaqayyoo isin irra in boqota” jechuudhaan kan barreesse kanaafidha.—1 Phe. 4:14.

15 Yaanni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun, Dhuga Baatota Yihowaa yeroo harʼaa jiraniif ni hojjetaa? Eeyyee, waaʼee bulchiinsa Yesus dhugaa baʼaa waan jirruuf nuufis ni hojjeta. Yesus, “Ani maqaa abbaa kootiin nan dhufe, isin garuu ana hin simanne” jechuudhaan waan dubbateef, maqaa Yihowaatiif jennee jibbamuun keenya ‘maqaa Kiristosiif jennee arrabsamuu’ wajjin tokkodha. (Yoh. 5:43) Kanaaf, kana booda utuu dhugaa baʼaa jirtanii mormiin yoo isin mudate abdii hin kutatinaa. Mormiin akkasii isin mudachuunsaa Waaqayyo biratti fudhatama akka argattaniifi hafuurri Waaqayyoo akka ‘isinirra boqote’ kan argisiisudha.

16, 17. (a) Hojiin sabni Yihowaa addunyaa maratti raawwachaa jiran maal fakkaata? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?

16 Addunyaa maratti karaa hafuuraa guddinni argamaa akka jirus hin dagatinaa. Naannoo tajaajilaa sirriitti hojjetame keessattillee, ammayyuu namoota dhagaʼuuf fedhii qabaniifi ergaa fayyinaa nuti isaanitti himnu fudhatan hedduu argachaa jirra. Kanaaf dammaqinaan deddeebii gaaffii haa goonu; akkasumas guddina gochuudhaan cuuphamuu akka dandaʼaniif Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisuuf carraaqqii gochuu keenya itti haa fufnu. Nutis akkuma Saaraa ishee Afriikaa Kibbaa keessa jiraattuufi waggaa 60 oliif hinaaffaadhaan dhugaa baʼaa jirtuu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkas jetteetti: “Karaa furii Yesus Kiristosiin Yihowaa isa uumama cufarratti olaantummaa qabuu wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandaʼuukootti baayʼeen galateeffadha; akkasumas maqaansaa inni ulfina qabeessi akka beekamu gochuu dandaʼuukootti baayʼeen gammada.” Isheeniifi abbaan manaashee Maartenas, ijoolleesaanii sadan dabalatee namoonni hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan gargaaraniiru. Saaraan itti dabaluudhaanis, “Kana caalaa hojiin gammachuu namaaf argamsiisu kan biraan hin jiru, Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee humna hojii lubbu baraarsaa kanarratti hirmaachuu keenya itti fufuuf nu dandeessisu nuu kenneera” jetteetti.

17 Kiristiyaanota cuuphamne yoo taane ykn galma kanarra gaʼuuf carraaqqii gochaa jirra yoo taʼe, sababii gaʼaa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman keessaa tokko taʼuu keenyatti galateeffachuuf nu kakaasu qabna. Kanaaf, yeroo addunyaa Seexanaa isa xuraaʼaa taʼe kana keessatti qulqulluu taanee jiraachuuf carraaqqii ennaa goonu kanatti, guutummaatti dhugaa baʼuu keenya itti haa fufnu. Akkas gochuun keenya, Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼeefi maqaasaa beeksisuuf carraa arganneef ulfina fida.