Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mataduree Fuula Jalqabaa | MOOTUMMAAN WAAQAYYOO​—SIIF HIIKA MAALII QABA?

Mootummaan Waaqayyoo Xiyyeeffannaa Keenya Kan Hawwatu Maaliifi?

Mootummaan Waaqayyoo Xiyyeeffannaa Keenya Kan Hawwatu Maaliifi?

Namoonni addunyaa maratti argamaniifi miliyoonaan lakkaaʼaman Mootummaa Waaqayyoorratti abdii guddaa qabu. Fakkeenya Yesus kaaʼeefi “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee . . . lafa irratti haa taʼu!” jechuudhaan duuka buutotasaa barsiise hordofu.—Maatewos 6:10.

Kan nama dinqisiisu, namoonni hedduun Mootummaa Waaqayyoof xiyyeeffannaa kan kennan taʼus, amantiiwwan hedduun garuu Mootummaa kanaaf xiyyeeffannaa hin kennan. Gama kanaan barreessaa seenaa kan taʼan Harbarti Joorji Weelsi, Yesus ‘Barumsa Mootummaa Samiirraa jedhee moggaaseef iddoo guddaa’ kan kenne taʼus, barumsi kun ‘manneen sagadaa hedduu biratti bakki guddaan kan hin kennamneef taʼuunsaa’ baayʼee nama dinqisiisa’ jechuudhaan ibsaniiru.

Manneen sagadaa kanarraa haala adda taʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa Mootummaa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa guddaa kennu. Fakkeenyaaf, barruun keenya dubbisaa jirtu kun afaan 220n maxxanfama. Koppii gara miliyoona 46tiin kan maxxanfamu yommuu taʼu, addunyaarratti barruun akkasaa balʼinaan raabsamu hin jiru. Ergaan barruu kanaa inni guddaan maalidha? Maqaansaayyuu, Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu  jedha. *

Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuuf ykn beeksisuuf carraaqqii akkasii kan godhan maaliifi? Yaanni ijoon Macaafni Qulqulluun inni kitaabota addunyaarra jiran hunda caalu dubbatu waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka taʼe ni amanna. Akkasumas, rakkina yeroo harʼaa ilmaan namootaa mudataniif furmaata kan argamsiisu Mootummaa Waaqayyoo akka taʼe ni amanna.

Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkeenya Yesus hordofuudhaan Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuuf carraaqqii godhu. Yesus yommuu lafarra turetti tajaajilasaarrattis taʼe guutummaa jireenyasaa keessatti Mootummaa Waaqayyoof iddoo guddaa kenneera. (Luqaas 4:43) Yesus Mootummichaaf iddoo guddaa akkasii kan kenne maaliifi? Atoo iddoo akkamii kennitaaf? Deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennuufi matadureewwan ittaananirratti argamu akka dubbistu si afeerra.

^ key. 5 Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamedha.