Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Yeroo Seena Qabeessa Ani Tajaajilarratti Dabarse

Yeroo Seena Qabeessa Ani Tajaajilarratti Dabarse

 

 

Bara 1947⁠tti, qeesonni Kaatolikii Saantaa Aanaa, Eel Saalvaador keessa turan Dhugaa Baatotarratti rakkina uumuuf yaalanii turan. Obboloonni Masaraa Eegumsaa qayyabachaa utuu jiranii, ijoolleen karaa balbala isa banaa mana Misiyoonotaatti dhagaa gurguddaa darbatan. Achiis namoonni qeesotaan geggeeffaman ni dhufan. Namoota kana keessaa tokko tokko guca, kaanimmoo fakkii waaqeffannaa qabatanii turan. Saʼaatii lamaaf, galmicha dhagaadhaan rukutaafi “Maariyaam barabaraaf haa jiraattu!” akkasumas “Yihowaan haa duʼu!” jedhanii iyyaa turan. Kana kan godhan, misiyoononni sodaatanii magaalattiidhaa akka baʼan gochuuf ture. Kana beekuu kanan dandaʼe, anis walgaʼii waggaa 67 dura godhame kanarratti hirmaadhee waanan tureefidha. *

HAALLI olitti ibsame raawwatamuusaa waggaa lama dura, aniifi misiyooniin anaa wajjin tajaajiltu Eevlan Tiraabarti, kutaa arfaffaa Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaadirraa eebbifamne; yeroo sana manni barumsaa kun naannoo Itaakaa, Niiwu Yoorkitti argama ture. Achii, Saantaa Aanaa keessatti akka tajaajilluuf ramadamne. Seenaa tajaajila misiyoonummaakoo isa gara waggaa 29 gabaabsee isinitti himuukoo dura garuu, tajaajila kana kanan filadhe maaliif akka taʼen isinitti hima.

DHAALA HAFUURAAKOO

Bara1923 yeroon dhaladhetti, warrikoo Jooniifi Iivaa Olsan, Waashingitan, Yunaayitid Isteetis, magaalaa Ispookeen keessa jiraatu turan. Amantii Luutaraan kan hordofan taʼus, siiʼoliin ilaalchisee wanti amantiinsaanii barsiisu, Waaqayyo jaalala taʼuusaa ilaalchisee amantii qabanii wajjin waan wal hin simneef, barumsa kanatti hin amanan turan. (1 Yoh. 4:8) Abbaankoo mana daabboo keessa hojjeta ture; gaaf tokko namni isaa wajjin hojjetu tokko Macaafni Qulqulluun siiʼol bakka itti gubatan akka taʼetti akka hin barsiisne itti hime. Baayʼee utuu hin turin, warrikoo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qayyabachuu kan jalqaban siʼa taʼu, yeroo duunu maal akka taanu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu baratan.

Umriinkoo waggaa sagal qofa kan ture taʼus, warrikoo waaʼee dhugaa Macaafa Qulqulluu baratan kanaa gammachuudhaan yeroo dubbatan nan yaadadha. Maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu yeroo beekaniifi barumsa Sillaasee isa nama burjaajessurraa walaba yeroo taʼanittimmoo gammachuunsaanii kun ni dabale. ‘Dhugaa birmaduu nama baasu’ kana yeroon baradhu, barumsawwan hafuuraa dinqisiisaa taʼan kana akkuma ispoonjiitti fudhachaan ture. (Yoh. 8:32) Kanaafuu, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu na hin nuffisiisu ture; kanaa mannaa Dubbii Waaqayyoo qoruun yeroo hunda na gammachiisa ture. Ija laafettii taʼus, warrakoo wajjin hojii lallabaarratti nan hirmaadhan ture. Warrikoo bara 1934⁠tti cuuphaman. Bara 1939⁠tti yeroo umriinkoo waggaa 16 taʼu, anis cuuphameen tajaajiltuu Yihowaa taʼe.

Walgaʼii bara 1941⁠tti, Seeyint Luuwiis, Miizuuriitti godhamerratti haadhakoofi abbaakoo wajjin

Bara 1940 jiʼa Adoolessaatti, warrikoo manasaanii erga gurguranii booda sadan keenyayyuu Koor Di Aliin, Idaahoo keessatti qajeelchitoota taʼuudhaan tajaajila yeroo guutuu jalqabne. Manni kireeffannee keessa jiraachaa turre, jallisaa gaaraajii ture. Mana keenya keessatti walgaʼiinis ni godhama ture. Yeroo sanatti, gumiiwwan Galma Mootummaa qaban muraasa turan; gumiiwwan kaan, mana dhuunfaa ykn mana kiraa keessatti walgaʼu turan.

Bara 1941⁠tti aniifi warrikoo walgaʼii guddaa Seeyinti Luuwiis, magaalaa Miizuurii keessatti godhamerratti hirmaanne. Dilbatni “Guyyaa Ijoollee” ture; ijoolleen umriinsaanii waggaa 5 hanga 18 taʼe waltajjicha fuuldura akka taaʼan godhame. Obboleessi keenya Raazarfordi xumura haasaa isaarratti nu warra ijoollee taaneen, ‘Ijoolleen Waaqayyoofi Mootummichaaf ajajamuuf walii galtan hundi keessan takkaa ol kaʼaa!’ jedhe. Hundi keenya ni kaane. Achii obboleessi keenya Raazarfordi, “Ilaa, dhugaa baatota Mootummichaa haaraa 15,000 taʼan!” jedhe. Haalli kun, murtoon umriikoo guutuu qajeelchaa taʼee tajaajiluuf godhe naa cimseera.

HOJII MAATII KEENYAAF KENNAME

Seeyinti Luuwiisitti walgaʼiin godhamee jiʼoota muraasa booda, maatiin keenya kibba Kaalifoorniyaa jiraachuu jalqabe. Achitti magaalaa Oksinaardi keessatti gumii akka hundeessinuuf hojiin nuu kennamee ture. Mana xinnoo siree tokko qofa qabdu keessa jiraanna turre. Galgala galgala minjaala nyaataarrattan “siree” tolfadha ture; sana dura kutaa mataa kootii waanan qabuuf, kun anaaf jijjiirama guddaa ture!

Kaalifoorniyaa dhaquu keenya dura, Muddee 7, 1941⁠tti Jaappaan, Parli Haarbar ishee Hawaay keessaa rukutte. Guyyaa itti aanutti, Yunaayitid Isteetis Waraana Addunyaa Isa Lammaffaatti seente. Abbootiin taayitaa dukkana akka taʼu waan labsaniif galgala galgala ibsaa hunda dhaamsuu qabna turre. Dooniiwwan Jaappaan galaana keessa deeman, qarqara galaanaa Kaalifoorniyaa toʼatanii kan turan siʼa taʼu, guutummaa biyyattiitti dukkanni taʼuunsaa dooniiwwan kun magaalattii keessaa bakka barbaadan akka hin rukunneef isaan dhorkeera.

Jiʼoota muraasa booda, Fulbaana 1942⁠tti, Walgaʼii Tiʼookraasii Addunyaa Haaraa Kiliivlaandi, Ohaayootti godhamerratti argamne. Walgaʼii kanarratti, obboleessi keenya Naataan Noor haasaa, “Nagaan Itti Fufuu Dandaʼaa?” jedhu dhiheessee ture. Obboleessi kun, Mulʼata boqonnaa 17 isa waaʼee ‘bineensa takka jiraataa turee, amma immoo hin jirreefi iddoo lafa jalaa keessaa ol baʼuuf jiruu’ dubbaturratti ibsa kenne. (Mul. 17:8, 11) Obboleessi keenya Noor, ‘bineensichi’ Waldaa Mootummoota Addunyaa isa bara 1939⁠tti hojiisaa dhaabe akka taʼe ibse. Macaafni Qulqulluun, Waldaan kun dhaabbata biraatiin akka bakka buufamuufi sana booda hamma tokko nagaan akka jiraatu raajii dubbateera. Bara 1945⁠tti kun raawwatameera. Yeroo kanatti Waraanni Addunyaa Inni Lammaffaan ni dhaabate. Sana booda, ‘bineensichi’ Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taʼee lammata mulʼate. Yeroo sana Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojii lallabaasaanii kan babalʼisan siʼa taʼu, yeroo kamiyyuu caalaa lakkoofsisaanii ni dabale!

Waraqaa ragaa Giilʼaadirraa naaf kenname

Raajiin kun wanta gara fuulduraatti taʼu hubachuuf na gargaareera. Waggaa itti aanutti Manni Barumsaa Giilʼaad akka jalqabamu yeroo beeksifamu, hawwiin misiyoonii taʼuuf qabu ni guddate. Bara 1943⁠tti qajeelchituu taʼeen Poortilaandi, Ooreganitti ramadame. Yeroo sana, foonoogiraafiitti fayyadamnee balbalasaanii duratti haasaawwan waraabaman namoota dhaggeeffachiisna turre; achii, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbatan kenninaaf turre. Waggaa sana guutuu, waaʼee tajaajila misiyoonummaa yaadaan ture.

Bara 1944⁠tti, hiriyaakoo ishee jaallatamtuu Eevlan Tiraabarti wajjin Giilʼaaditti afeeramuu keenyatti baayʼeen gammade. Jiʼa shaniif, barsiisonni keenya qayyabannaa Macaafa Qulqulluurraa akkamitti gammachuu argachuu akka dandeenyu nu barsiisaa turan. Kan gad of deebisan taʼuunsaanii baayʼee nu dinqisiisa ture. Yeroo nyaata nyaannu darbee darbee kan nu keessummeessu obboloota kana ture. Amajjii 22, 1945⁠tti Giilʼaadirraa eebbifamne.

TAJAAJILA MISIYOONUMMAAKOO

Aniifi Eevlan, Liʼoofi Eestar Mahaanii wajjin Waxabajjii 1946⁠tti bakka ramaddii keenyaa kan taate Eel Saalvaador dhaqne. Naannoon tajaajilaa sun ‘bilchaatee haamaadhaaf gaʼee ture.’ (Yoh. 4:35) Haalli jalqaba seenaa kanaarratti ibsame, geggeessitoonni amantii hammam aaranii akka turan argisiisa. Haalli kun nu mudachuusaa torban tokko dura, walgaʼii aanaa isa jalqabaa Saantaa Aanaatti goonee turre. Haasaa sabaa walgaʼicharratti dhihaatu balʼinaan kan beeksisne siʼa taʼu, namoonni gara 500 taʼan achirratti argamuusaaniitti baayʼee gammadne. Sodaannee magaalattiidhaa baʼuu mannaa, achuma turree namoota garaa qajeelaa qaban gargaaruuf caalaatti murteessine. Geggeessitoonni amantii, namoonni Macaafa Qulqulluu akka hin dubbisne akeekkachiisaa turan; akkasumas Macaafa Qulqulluu bitachuuf humna kan qaban namoota muraasa qofa turan; haataʼu malee, namoonni baayʼeen dhugaa dheebotanii turan. Namoonni kun waaʼee Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼeefi abdii inni lafa jannata gochuuf gale isaan barsiisuuf jecha afaan Ispeen barachuuf carraaqqii nuti goonu dinqisiifataniiru.

Obboloota Giilʼaaditti waliin leenjifamnee Eel Saalvaadoritti ramadamne shanan. Bitaadhaa gara mirgaatti: Eevlan Tiraabarti, Miilii Bireeshir, Eestar Mahaan, anaafi Liʼoo Mahaan

Roosaa Asseensiyoon, namootan jalqabarratti qayyabsiise keessaa tokko turte. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu erga jalqabdee booda, nama wajjin jiraachaa turterraa addaan baate. Achii, innis Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Sana booda kan wal fuudhan siʼa taʼu, cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa hinaaffaa qaban taʼaniiru. Roosaan, dhalattuu biyya sanaa Saantaa Aanaa keessatti qajeelchituu taate ishee jalqabaati. *

Roosaan suuqii wantoonni nyaataaf taʼan itti gurguraman qabdi turte. Yeroo tajaajila baatu suuqicha kan cuftu siʼa taʼu, Yihowaan wanta ishee barbaachisu akka isheedhaaf guutu amantii qabdi turte. Saʼaatii muraasa booda suuqiishee yeroo bantu, maamiltoonnishee baayʼinaan dhufu turan. Maatewos 6:33 dhugaa taʼuusaa jireenyashee keessatti kan argite siʼa taʼu, hamma duututti amanamtuu turte.

Yeroo tokko, qeesiin naannoo sanaa nama manasaa misiyoonota jaʼan achi turreef kireesse bira dhufee, manasaa nuu kireessuusaa yoo itti fufe inniifi haati manaasaa waldaasaanii keessaa akka baafaman isa akeekkachiise. Abbaan manichaa inni daldaltuu beekamaa ture, durumayyuu amala geggeessitoota amantiisaa jibbee waan tureef, dhiibbaa kanaaf harka hin kennine. Waldaa sana keessaa yoo ariʼame homaa akka isatti hin fakkaanne qeesichatti hime. Manasaa keessa hamma barbaanne turuu akka dandeenyu nuu mirkaneesse.

JIRAATAA KABAJAMAAN TOKKO DHUGAA BAATUU TAʼE

Waajjira damee bara 1955⁠tti ijaarame

Magaalaa guddoo biyyattii kan taate Saan Saalvaadoor keessatti, misiyooniin tokko haadha manaa injinara Baaltaasaar Peerlaa jedhamu tokkoo qayyabsiisti turte. Namichi garaansaa qajeelaa taʼe kun, fakkeessitummaa geggeessitoota amantii waan argeef, Waaqayyotti amanuu dhiisee ture. Baaltaasaar yeroo sanatti dhugaa keessa kan hin turre taʼus, yeroo waajjirri damee ijaaramuuf jedhu kaffaltii malee diizaayinii baasuufi gamoo kana ijaaruuf fedhii akka qabu dubbate.

Baaltaasaar Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin hojii ijaarsaa sanarratti erga hirmaatee booda, amantii dhugaa akka argate mirkaneeffate. Bara 1955 Adoolessa 22⁠tti kan cuuphame siʼa taʼu, haati manaasaa Paawuliinaanis baayʼee utuu hin turin cuuphamteetti. Ijoolleensaanii lamaanuu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. Ilmisaa Baaltaasaar, waggaa 49f Betʼel Biruukiliinitti argamu keessa tajaajileera; achitti hojii lallabaa addunyaa maraa isa yeroo kamiyyuu caalaa babalʼachaa jiru deggeruu dandaʼeera; yeroo ammaattimmoo miseensa Koree Waajjira Damee Yunaayitid Isteetis taʼee tajaajilaa jira. *

Saan Saalvaadoritti walgaʼiiwwan gurguddaa gochuu yeroo jalqabnetti, obboleessi keenya Peerlaan galma ispoortii tokko akka fayyadamnu haala nuu mijeesse. Jalqabarratti teessoowwan galmichaa keessaa kan fayyadamne muraasatti qofa ture. Haataʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin lakkoofsi keenya waggaadhaa gara waggaatti waan dabaleef galmicha kan guunne taʼuusaarrayyuu, yeroo boodammoo nutti dhiphatee ture! Yeroowwan gammachiisaa sanatti namootan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisee wajjin wal arguu dandaʼeera. Namoonni ani kanaan dura qayyabsiisaa ture, “ijoollee ijoolleekoo” wajjin, jechuunis namoota isaanii wajjin qayyabatanii reefuu cuuphamanii wajjin yeroo wal na barsiisan miirri akkamii akka natti dhagaʼame tilmaamuu dandeessu!

Fireediriik Firaanz walgaʼii guddaa tokkorratti misiyoonotaaf haasaa utuu kennuu

Walgaʼii guddaa tokkorratti obboleessi tokko garakoo dhufee, cubbuusaa himachuu akka barbaadu natti hime. Eenyummaasaa kanan hin beekne taʼuusaarrayyuu, wanta natti himuuf jedhu dhagaʼuuf ariifadheen ture. “Ijoollee Saantaa Aanaatti dhagaa isinitti darbatan keessaa ani tokkodha” naan jedhe. Amma garuu akkumakoo tajaajilaa Yihowaa taʼeera! Gammachuu guddaatu natti dhagaʼame. Haalli kun, tajaajilli yeroo guutuu hojii namni tokko filachuu dandaʼu kamiyyuu caalaa kan nama kiisu akka taʼe naa mirkaneesseera.

Walgaʼii aanaa Eel Saalvaadoritti goone isa jalqabaa

FILANNOOWWAN NAMA GAMMACHIISAN

Gara waggaa 29tiif Eel Saalvaador keessatti misiyoonii taʼee tajaajiluukoo kanan itti fufe siʼa taʼu, dura magaalaa Saantaa Aanaatti, achii Sonsonaateetti, itti aansuudhaan Saantaa Teeklaatti, dhumarrattimmoo Saan Saalvaadoritti tajaajileera. Bara 1975⁠tti kadhannaadhaan ergan irratti yaadee booda, misiyoonummaakoo dhiisee gara Ispookeenitti deebiʼuufan murteesse. Warrikoo amanamoo taʼan waan dulloomaniif gargaarsikoo isaan barbaachisee ture.

Abbaankoo bara 1979⁠tti erga duʼee booda, haadhakoo ishee suutuma suuta dadhabaa dhufteefi gargaarsi caalaatti ishee barbaachiseef kunuunsa gochaan ture. Sana booda waggaa saddeet turtee, umriishee waggaa 94⁠tti duute. Yeroo rakkisaa sanatti, qaamnikoos taʼe miirrikoo baayʼee miidhamee ture. Dhiphinni narra gaʼe dhibee shiingils jedhamuufi dhukkubbii cimaa geessisuun akkan qabamu godhe. Taʼus kadhannaadhaan, akkasumas Yihowaan jaalalaan kakaʼee harkasaatiin ol na qabuusaatiin qorumsa sana moʼuu dandaʼeera. Wanti Yihowaan, ‘Yommuu harrii baaftanittis anumatu isin baata, anatu fayyisas’ jechuudhaan dubbate dhugaadha.—Isa. 46:4.

Bara 1990⁠tti gara Oomaak, Waashingitanan dhaqe. Achitti gumii afaan Ispeeniin geggeeffamu keessatti gargaarsa gochuu akkan dandaʼu kan natti dhagaʼame siʼa taʼu, namoonni ani Macaafa Qulqulluu qayyabsiise hedduunis cuuphamaniiru. Manakoofi qeʼeekoo isa Oomaak keessa jiru kunuunsuu waanan hin dandeenyeef, Sadaasa 2007⁠tti, appaartaamaa magaalaa Shelaan, Waashingitan keessa jiru tokkottan gale. Gumiin afaan Ispeen inni as jiru, ergan achi dhaqee jalqabee kunuunsa waan naa gochaa jiruuf baayʼeen galateeffadha. Dhugaa Baatota gumicha keessa jiran keessaa maanguddoon ana qofa waan taʼeef, obboloonni akkuma “akkoo” isaaniitti gaarummaadhaan na qabu.

‘Yaannikoo waan biraatti utuu hin harkifamin’ caalaatti tajaajiluuf jecha gaaʼela kanan hin godhanneefi maatii kanan hin qabaanne taʼullee, ijoollee hafuuraa hedduun qaba. (1 Qor. 7:34, 35) Sirna ammaa kana keessatti waan hundumaa qabaachuu akkan hin dandeenye hubadheen ture. Kanaafuu, wanta dursi kennamuufii qabuuf, jechuunis murtoon garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf godheef dursa kenneera. Addunyaa haaraa keessatti, wantoota gaggaarii hundumaatti gammaduuf yeroo gaʼaatu jira. Caqasni ani baayʼee jaalladhu, Faarfannaa 145:16 isa Yihowaan ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa akka quubsu’ nuu mirkaneessudha.

Qajeelchituu taʼuunkoo, keessa kootti ijoollummaan akka natti dhagaʼamu godheera

Umriinkoo waggaa 91 taʼus, hamma tokko fayyaa waanan qabuuf qajeelchituu taʼee itti fufeera. Qajeelchituu taʼuunkoo keessa kootti ijoollummaan akka natti dhagaʼamuufi jireenyikoo kaayyoo akka qabaatu godheera. Jalqabarratti yeroon Eel Saalvaador dhaqe, hojiin lallabaa reefuu jalqabamuusaa ture. Seexanni mormii walirraa hin cinne geessisus, yeroo ammaatti biyyicha keessa babalʼistoota 39,000 ol taʼantu jira. Kun amantiikoo naaf cimseera. Yihowaan hafuurasaatiin carraaqqii sabasaa deggeraa akka jiru hin shakkisiisu!

^ key. 6 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa Bara 1981 (Ingiliffa) fuula 45-46 ilaali.

^ key. 21 Kitaaba Waggaa Bara 1981, (Ingiliffa) fuula 41-42.

^ key. 26 Kitaaba Waggaa Bara 1981, (Ingiliffa) fuula 66-67, 74-75.