Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Dhuguma Yesus namoota duʼaa kaaseeraa?

Yesus, Alaazaar isa erga duʼee guyyaa afur isa taʼe duʼaa kaaseera

Macaafni Qulqulluun Yesus namoota duʼaa akka kaase ifatti dubbata. Seenaawwan kun oduu durii miti; iddoo fi yeroo beekamaa taʼetti kan raawwatamani dha. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. bara 31 yeroo gannaatti (Yerusaalemitti bona dha), namoonni baayʼeen Yesusii wajjin Qifirnaahomii gara Naayin deemaa turan. Yeroo achi gaʼanitti, namoota baayʼee kan biraa wajjin walitti dhufan. Duʼaa kaʼuun achitti raawwatame Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe keessatti kan galmeeffamee fi namoota sana hunda duratti kan raawwatame waan taʼeef, dhugaa taʼuu isaa amanuu ni dandeessa.—Luqaas 7:11-15 dubbisi.

Yesus michuu isaa Alaazaar isa erga duʼee guyyaa afur isa taʼes duʼaa kaaseera. Namoota hedduu duratti kan raawwatame waan taʼeef, wanta Yesus guyyaa sanatti raawwate ilaalchisee yaada barreeffame amanuu ni dandeessa.—Yohannis 11:39-45 dubbisi.

Yesus namoota duʼaa kan kaase maaliifi?

Yesus namoota duʼaa kan kaase gara laafinaan kakaʼee ti. Akkasumas, Abbaan isaa inni Uumaa taʼe duʼa irratti aangoo akka isaaf kenne argisiisuufi dha.—Yohannis 5:21, 28, 29 dubbisi.

Yesus namoota duʼaa kaasuun isaa, abdii gara fuulduraa ilaalchisee kenne irratti amanannaa akka qabaannu godha. Jalʼoota waaʼee Waaqa isa dhugaa homaa hin beekne dabalatee namoota hedduu duʼaa ni kaasa. Sana booda Yihowaa akka beekanii fi akka isa jaallatan carraan ni kennamaaf.—Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi.