Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Duʼaa Kaʼuun Yesus—Nuuf Hiika Maalii Qaba?

Duʼaa Kaʼuun Yesus—Nuuf Hiika Maalii Qaba?

“Kaʼeera.”—MAT. 28:6.

1, 2. (a) Geggeessitoonni amantii tokko tokko maal beekuu barbaadanii turan? Phexros hoo haala akkamiitiin deebii kenneef? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Phexros yeroo sanatti ija jabina akka qabaatu kan isa gargaare maalidha?

YESUS duʼee torban muraasa booda, namoonni sodaachisoofi hamoo taʼan Phexros ergamaa mudatanii turan. Namoonni kun geggeessitoota amantii Yihudii aangoo qabaniifi Yesus akka ajjeefamu haala mijeessanidha. Namoonni kun Phexros ibsa akka isaaniif kennu barbaadan. Phexros nama naafa taʼee dhalate tokko fayyisee ture; jarri kunis aangoo maaliitiin ykn maqaa eenyuutiin akka kana godhe beekuu barbaadan. Phexrosis akkas jechuudhaan ija jabinaan deebii kenneef: “Namichi amma fayyaa taʼee isin dura dhaabatu kun, maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin [fayye] . . . Isin Yesusin in fanniftan, in ajjeeftanis; Waaqayyo garuu warra duʼan keessaa isa kaase.”—HoE. 4:5-10.

2 Sana dura Phexros waan sodaateef al sadii Yesusiin ganee ture. (Mar. 14:66-72) Amma geggeessitoota amantii kana duratti ija jabina akka qabaatu kan isa gargaare maalidha? Hafuurri qulqulluun gama kanaan gaʼee guddaa kan qabu taʼus, Phexros Yesus duʼaa akka kaʼe mirkanaaʼaa taʼuunsaa baayʼee isa gargaareera. Phexros, Yesus duʼaa kaʼuusaa ilaalchisee hammana mirkanaaʼaa akka taʼu kan isa godhe maalidha? Nuhoo mirkanaaʼoo akka taanu kan nu gargaaru maalidha?

3, 4. (a) Ergamoonni Yesus dhalachuusaanii dura eenyufaatu duʼaa kaʼe? (b) Yesus eenyufaa duʼaa kaase?

3 Namoonni duʼan deebiʼanii jiraachuu dandaʼuunsaanii ergamoota Yesusiif haaraa hin turre; isaan dhalachuusaanii dura namoonni duʼaa kaʼan jiru. Waaqayyo Eliyaas raajichaafi Elsaaʼi raajichaaf humna kennuudhaan dinqii akkasii akka raawwatan gochuusaa beeku turan. (1 Mot. 17:17-24; 2 Mot. 4:32-37) Reeffisaa awwaala keessatti darbatamee lafee Elsaaʼi yeroo tuqetti namichi duʼe tokko duʼaa kaʼeera. (2 Mot. 13:20, 21) Akkuma nuyi Dubbiin Waaqayyoo dhugaa taʼuusaa amannu, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas seenaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti argaman kana amananiiru.

4 Hundi keenyayyuu seenaawwan Yesus namoota duʼaa kaasuusaa ibsan yeroo dubbisnu miirri keenya akka tuqamu beekamaadha. Haati hiyyeessaa tokko Yesus ilmashee tokkicha yeroo duʼaa kaasetti baayʼee gammaddee taʼuu qaba. (Luq. 7:11-15) Yeroo kan biraattimmoo, Yesus intala waggaa 12 tokko duʼaa kaaseera. Warrishee baayʼee gaddanii turan, yeroo intallisaanii duʼaa kaatetti hammam akka gammadaniifi akka dinqisiifatan mee yaadaa! (Luq. 8:49-56) Yeroo Alaazaar fayyaa taʼee lubbuudhaan awwaala keessaa baʼu, namoonni achi turan baayʼee ajaaʼibsiifatanii taʼuu qaba!—Yoh. 11:38-44.

DUʼAA KAʼUUN YESUS ADDA KAN TAʼE MAALIIFI?

5. Duʼaa kaʼuun Yesus, duʼaa kaʼuu sana dura raawwatamerraa adda kan taʼe akkamitti?

5 Duʼaa kaʼuun Yesus, duʼaa kaʼuu sana dura raawwatamerraa adda taʼuusaa ergamoonnisaa beeku turan. Namoonni sanaan dura duʼaa kaʼan qaama fooniitiin kan kaʼan taʼuusaarrayyuu, yeroo booda deebiʼanii duʼaniiru. Yesus garuu qaama hafuuraa duʼuu hin dandeenye qabaatee duʼaa kaʼe. (Hojii Ergamootaa 13:34 dubbisi.) Phexros, “[Yesus] foon uffatee . . . ajjeefame, hafuuraan jiraachifame” jechuudhaan barreesseera. Kana malees, “inni duʼaa kaʼe sun gara waaqaatti ol baʼee, gara mirga Waaqayyoo jira; ergamoonni Waaqayyoo, warri aboo qabu jedhamanii sodaataman, humnoonnis harka isaa jala jiru.” (1 Phe. 3:18-22) Duʼaa kaʼuun sana dura raawwatame dinqisiisaa taʼus, duʼaa kaʼuu Yesus isa baayʼee dinqisiisaa taʼee wajjin wal hin gitu.

6. Duʼaa kaʼuun Yesus, bartootasaarratti dhiibbaa akkamii geessise?

6 Duʼaa kaʼuun Yesus, bartootasaarratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Yesus akka diinonnisaa yaadanitti duʼee hin hafne. Qaama hafuuraa humna guddaa qabuufi namni kamiyyuu miidhuu hin dandeenye taʼee duʼaa kaʼeera. Duʼaa kaʼuunsaa Ilma Waaqayyoo akka taʼe mirkaneesseera. Bartoonnisaa duʼaa kaʼuusaa beekuunsaanii gaddisaanii gara gammachuu guddaatti akka jijjiiramu godheera. Sana booda sodaachuu dhiisanii ija jabeeyyii taʼaniiru. Duʼaa kaʼuun Yesus, kaayyoo Yihowaatiifis taʼe misiraachoo isaan balʼinaan, akkasumas ija jabinaan lallabaniif buʼuura guddaa taʼeera.

7. Yesus yeroo harʼaa maal gochaa jira? Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

7 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, Yesus nama iddoo guddaa qabu qofa akka hin turre beekna. Yeroo harʼaa lubbuudhaan kan jiru siʼa taʼu, hojii namoota lafarra jiran hundaa wajjin wal qabate geggeessaa jira. Yesus Kiristos Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, dhiheenyatti hammeenya balleessuudhaan lafa kana jannata namoonni barabaraaf irra jiraatan godha. (Luq. 23:43) Utuu Yesus duʼaa kaʼuu baatee, kun hundi taʼuu hin dandaʼu ture. Yesus duʼaa kaʼuusaa amanuuf sababii maalii qabnaree? Duʼaa kaʼuunsaa nuuf hiika maalii qaba?

YIHOWAAN DUʼARRATTI HUMNA QABAACHUUSAA ARGISIISEERA

8, 9. (a) Geggeessitoonni amantii Yihudii awwaalli Yesus akka eegamu kan gaafatan maaliifi? (b) Dubartoonni gara awwaalichaa yeroo dhaqanitti maaltu taʼe?

8 Erga Yesus ajjeefamee booda angafoonni lubootaafi Fariisonni gara Philaaxos dhufanii akkas jedhaniin: “Gooftaa! Inni wallaalchifataan sun utuu jiruu, ‘Guyyaa sadii booddee nan kaafama’ akka inni jedhe yaadanneerra. Kanaafis awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu, abboomi! Kun yoo taʼuu dhaabaate garuu bartoonni isaa dhufanii isa hatanii namootaan immoo, ‘Inni duʼaa kaʼeera’ in jedhu; wallaalchisuun inni gara dhumaa kun immoo isa duraa irra caalaa kan hammaatu in taʼa.” Philaaxosis deebisee, “Warra eegan fudhadhaa dhaqaatii akka beektanitti eegsifadhaa!” isaaniin jedhe. Isaanis akkasuma godhan.—Mat. 27:62-66.

9 Reeffi Yesus awwaala garaa kattaa keessatti tolfameefi dhagaa geengoo taʼeen qadaadame keessa kaaʼamee ture. Geggeessitoonni amantii Yihudii, Yesus bakka kana barabaraaf akka turu, jechuunis duʼee awwaala keessatti akka hafu barbaadu turan. Wanti Yihowaan yaade garuu kanarraa guutummaatti adda ture. Maariyaam isheen Magdalaafi Maariyaam isheen kan biraan guyyaa sadaffaatti gara awwaalichaa yeroo dhaqan, dhagichi awwaalicharraa konkolaatee kan ture siʼa taʼu, ergamaan tokkos dhagicharra taaʼee ture. Eegdonni achi turan sodaadhaan romʼaa turan. Ergamichi gara keessaa akka ilaalaniifi awwaalichi duwwaa taʼuusaa akka mirkaneeffatan dubartoota kanatti hime. Ergamichi, “Inni as hin jiru, . . . kaʼeera” isaaniin jedhe. (Mat. 28:1-6) Yesus lubbuudhaan jira ture!

10. Phaawulos, Yesus duʼaa kaʼuusaatiif ragaa akkamii dhiheesse?

10 Wantoonni guyyoota 40 duʼaa kaʼuusaa booda turanitti raawwataman, Yesus duʼaa akka kaʼe kan mirkaneessanidha. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Qorontosiif ragaa jiru gabaabsee yeroo ibsu akkas jedheera: “Hundumaa irra caalaa waanan ofii kootii fudhadhe isinitti dabarsee kenneera; innis caaffanni qulqullaaʼoon akka jedhanitti, Kristos cubbuu keenyaaf duʼeera; inni awwaalameera, caaffanni qulqullaaʼoon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis duʼaa kaafameera. Inni Phexrositti mulʼate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa warra hafanitti mulʼate. Kana booddee immoo ergaan-takkaa obboloota dhibba shan caalanitti mulʼate; isaan keessaa kaan illee boqotaniiru garri caalan garuu amma iyyuu jiru. Erga Yaaqoobitti mulʼatee booddee immoo, warra ergamoota jedhaman hundumaatti mulʼate. Hundumaa booddee ana isa akka nama iddoo hin gaʼin dhalateetti immoo mulʼateera.”—1 Qor. 15:3-8.

SABABII YESUS DUʼAA KAʼUUSAA ITTI AMANNU

11. Duʼaa kaʼuun Yesus “caaffanni qulqullaaʼoon akka jedhanitti” kan raawwatame akkamitti?

11 Yesus duʼaa kaʼuusaa sababiin itti amannu inni jalqabaa, duʼaa kaʼuunsaa “caaffanni qulqullaaʼoon akka jedhanitti” waan raawwatameefidha. Dubbiin Waaqayyoo, Yesus duʼaa akka kaʼu raajii dubbatee ture. Fakkeenyaaf, ‘inni Waaqayyoof of kenne’ awwaala keessatti akka hin hafne Daawit barreesseera. (Faarfannaa 16:10 dubbisi.) Dh.K.B. bara 33, guyyaa Phenxeqosteetti, Phexros ergamaan, raajiin kun kan dubbatu waaʼee Yesus taʼuusaa akkas jechuudhaan ibseera: “[Daawit] duraan dursee argee, waaʼee duʼaa kaʼuu Kristosiif, ‘Inni iddoo warra duʼaniitti hin dhiifamne, foon isaas tortoratti hin kennamne’ jedhee raajii dubbate.”—HoE. 2:23-27, 31.

12. Yesus isa duʼaa kaʼe eenyufaatu arge?

12 Yesus duʼaa kaʼuusaa sababiin itti amannu inni lammaffaanimmoo, namoonni hedduun kan isa argan taʼuusaati. Yesus guyyaa 40 sana keessatti iddoo dhaabaa awwaallisaa itti argamutti, karaa gara Emaahus geessurrattiifi bakka kan biraatti bartootasaatti mulʼateera. Yeroo kanatti Phexrosiin dabalatee namoota kaan dhuunfaadhaan haasofsiiseera; akkasumas gareedhaan namootatti dubbateera. Yesus inni duʼaa kaʼe, yeroo tokko namoota 500 ol taʼanittis mulʼateera! (Luq. 24:13-15) Wanti namoonni hedduun ijaan argan kun, soba taʼuu hin dandaʼu.

13. Hinaaffaan bartoonni argisiisan, Yesus duʼaa kaʼuusaa mirkanaaʼoo akka turan kan argisiisu akkamitti?

13 Yesus duʼaa kaʼuusaa sababiin itti amannu inni sadaffaan, bartoonnisaa waaʼee duʼaa kaʼuu kanaa hinaaffaadhaan lallabuusaaniiti. Waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristos hinaaffaadhaan dhugaa baʼuunsaanii, ariʼatamaaf, rakkinaafi duʼaaf isaan saaxileera. Yesus duʼaa kaʼuunsaa soba taanaan, Phexros geggeessitoota amantii Yesusiin jibbaniifi akka duʼu godhan sanatti waaʼee duʼaa kaʼuu Yesus lallabuudhaan lubbuusaa balaadhaaf kan saaxile maaliifi? Innis taʼe bartoonni kaan Yesus akka duʼaa kaʼeefi hojii Waaqayyoo geggeessaa akka jiru mirkanaaʼoo waan turaniifidha. Kana malees, Yesus duʼaa kaʼuunsaa isaanis duʼaa akka kaʼan duuka buutotasaatiif mirkaneesseera. Fakkeenyaaf, Isxifaanos yeroo duʼu namoonni duʼan akka kaʼan mirkanaaʼaa ture.—HoE. 7:55-60.

14. Yesus lubbuudhaan jiraachuusaa kan amantu maaliifi?

14 Yesus duʼaa kaʼuusaa sababiin itti amannu inni arfaffaan, yeroo ammaatti Mootii taʼee bulchaa jiraachuusaafi Mataa gumii Kiristiyaanaa taʼee tajaajilaa jiraachuusaatiif ragaa waan qabnuufidha. Kanaan kan kaʼes Kiristiyaanummaa dhugaan dagaagaa jira. Utuu Yesus duʼaa kaʼuu baatee kun ni taʼa turee? Utuu inni hin kaane taʼee, tarii waaʼeesaayyuu hin dhageenyu taʼa. Haataʼu malee, Yesus lubbuudhaan jiraachuusaafi misiraachicha addunyaa maratti yeroo lallabnu kanatti nu geggeessaa jiraachuusaa amanuuf sababii quubsaa qabna.

DUʼAA KAʼUUN YESUS NUUF HIIKA MAALII QABA?

15. Duʼaa kaʼuun Yesus ija jabinaan lallabuuf kan nu gargaaru akkamitti?

15 Duʼaa kaʼuun Kiristos ija jabinaan akka lallabnu nu gargaara. Waggoota 2,000f diinonni Waaqayyoo hojii misiraachichaa dhaabsisuuf miʼa waraanaa addaddaa kan akka gantummaa, gaʼisa, mormii uummataa, hojicha dhorkuu, miidhaa qaamaafi ajjeechaatti fayyadamaa turaniiru. Taʼuyyuu, ‘miʼi waraanaa qopheeffame’ kamiyyuu hojii lallabaafi bartoota gochuu keenya dhaabsisuu hin dandeenye. (Isa. 54:17) Jaleewwan ykn tajaajiltoota Seexanaa hin sodaannu. Yesus akkuma waadaa gale nu deggeraa jira. (Mat. 28:20) Diinonni keenya hammamiyyuu yoo yaalan hojii keenya dhaabsisuu waan hin dandeenyeef, ija jabeeyyii taʼuuf sababii quubsaa qabna!

Duʼaa kaʼuun Yesus ija jabinaan akka lallabnu nu gargaara (Keeyyata 15 ilaali)

16, 17. (a) Duʼaa kaʼuun Yesus, wanti inni barsiise akka dhugoomu kan godhu akkamitti? (b) Yohannis 11:25 akka jedhutti, Waaqayyo Yesusiif aangoo akkamii kenne?

16 Duʼaa kaʼuun Yesus wanti inni barsiise hundi akka dhugoomu godha. Phaawulos, utuu Kiristos duʼaa hin kaane taʼee amantiin Kiristiyaanummaafi hojiin lallabaa gatii akka hin qabaanne barreesseera. Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, “Kiristos utuu hin kaane taʼee, . . . Kiristiyaanonni namoota soba guddaadhaan gowwoomfamaniifi nama gaddisiisan taʼu turan” jedhaniiru. Utuu Yesus duʼaa kaʼuu baatee, seenaawwan Wangeelaa seenaa gaddisiisaa waaʼee nama gaariifi ogeessa diinonnisaa isa ajjeesan tokkoo dubbatan qofa taʼu turan. Haataʼu malee, Kiristos duʼaa kaʼeera; kun taʼuunsaammoo wanta inni waaʼee gara fuulduraa dubbate dabalatee, wanti inni barsiise hundi dhugaa taʼuusaa mirkaneessa.—1 Qorontos 15:14, 15, 20 dubbisi.

17 Yesus, “Duʼaa kaʼuun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo duʼe iyyuu in jiraata” jedheera. (Yoh. 11:25) Yaanni nama gammachiisu kun ni raawwatama. Yihowaan, Yesus namoota jireenya hafuuraa argatanii samiirra jiraachuuf abdii qaban qofa utuu hin taʼin, namoota biliyoonaan lakkaaʼamaniifi lafarratti jireenya barabaraa argachuuf abdii qaban duʼaa akka kaasu aangoo isaaf kenneera. Aarsaan Yesus inni dhiifama argamsiisuufi duʼaa kaʼuunsaa, duuti akka badu godha. Kana beekuunkee ija jabinaan qorumsa akka dandeessuufi duʼallee akka hin sodaanne si hin godhuu?

18. Duʼaa kaʼuun Yesus maal mirkaneessa?

18 Duʼaa kaʼuun Yesus, namootaaf murtoon kan kennamu ulaagaa Yihowaa isa jaalalarratti hundaaʼeen akka taʼe nuu mirkaneessa. Phaawulos namoota Ateenaa durii keessa turaniin akkas jedheera: ‘Harka nama foʼate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedha; namicha foʼate sana duʼaa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera.’ (HoE. 17:31) Eeyyee, Yesus Abbaa Seeraa Waaqayyoon muudame waan taʼeef, murtoon inni kennu haqaafi jaalalarratti kan hundaaʼe akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Isaayaas 11:2-4 dubbisi.

19. Amantiin duʼaa kaʼuu Kiristosirratti qabnu dhiibbaa akkamii nurratti geessisa?

19 Amantiin duʼaa kaʼuu Yesusirratti qabnu fedha Waaqayyoo raawwachuuf nu kakaasa. Utuu inni duʼa aarsaa duʼuufi duʼaa kaʼuu baatee, cubbuufi duʼa jalaa hin baanu turre. (Rom. 5:12; 6:23) Utuu Yesus duʼaa hin kaane taʼee nuyis, “Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!” jenna taʼa. (1 Qor. 15:32) Nuyi garuu gammachuu fooniirratti hin xiyyeeffannu. Kanaa mannaa abdii duʼaa kaʼuutiif bakka guddaa ni kennina; akkasumas karaa hundumaan qajeelfama Yihowaa hordofuuf sababii quubsaa qabna.

20. Duʼaa kaʼuun Yesus, olaantummaa Waaqayyoo kan mirkaneessu akkamitti?

20 Duʼaa kaʼuun Kiristos, Yihowaan inni ‘warra isa barbaadaniif gatii isaanii kennu’ olaantummaa qabaachuusaa mirkaneessa. (Ibr. 11:6) Yihowaan, Yesus qaama hafuuraa duʼuu hin dandeenye qabaatee akka kaʼu gochuuf humnaafi ogummaa guddaatti fayyadameera! Kana malees, abdiiwwan kenne hunda raawwachuuf dandeettii akka qabu argisiiseera. Yihowaan, ‘sanyiin’ adda taʼe tokko gaaffii olaantummaarratti kaʼeef deebii akka kennu waadaa galeera. Waadaan kun akka raawwatamuuf, Yesus duʼuufi duʼaa kaafamuu qaba ture.—Uma. 3:15.

21. Abdiin duʼaa kaʼuu siif hiika maalii qaba?

21 Yihowaa isa abdii duʼaa kaʼuu amansiisaa taʼe nuu kenne hin galateeffattuu? Caaffanni Qulqullaaʼoon akkas jechuudhaan nuu mirkaneessu: “Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa taʼuuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis taʼuuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru.” Abdiin nama gammachiisu kun Yohannis ergamaa isa amanamaa taʼetti himame; Yohannis, “Dubbiin kun amanamaa, dhugaas waan taʼeef, kana caafi!” jedhameera. Mulʼata kana Yohannisitti kan mulʼise eenyudha? Yesus Kiristos isa duʼaa kaʼedha.Mul. 1:1; 21:3-5.