Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenya Keenya Hundumaatti Qulqulluu Taʼuu Qabna

Jireenya Keenya Hundumaatti Qulqulluu Taʼuu Qabna

“Adeemsa [“Jireenya,” hiika bara 1899] keessan hundumaan qulqulloota taʼaa.”1 PHE. 1:15.

1, 2. (a) Akkaataa jireenyaa wajjin haala wal qabateen saba Waaqayyoorraa maaltu eegama? (b) Mataduree kana keessatti gaaffilee kamiif deebii arganna?

YIHOWAAN qulqullummaa ilaalchisee yaada Seera Lewwootaa keessatti balʼinaan ibsameefi akka Kiristiyaana tokkootti qulqulluu taʼuun kan nurraa eegamu taʼuusaa wal qabsiisee akka ibsuuf Phexros ergamaa hafuurasaatiin geggeesseera. (1 Phexros 1:14-16 dubbisi.) Yihowaan ‘inni qulqulluu taʼe,’ Kiristiyaanonni dibamoonis taʼan ‘hoolonni kan biraan’ jireenyasaanii murtaaʼeen qofa utuu hin taʼin, jireenyasaanii hundumaan qulqulluu taʼuuf wanta dandaʼan hunda akka godhan isaanirraa eega.—Yoh. 10:16.

2 Barumsawwan hafuuraa gati jabeessa Seera Lewwootaa keessa jiran caalaatti qoruun keenya baayʼee kan nu fayyadu siʼa taʼu, wanta baranne hojiirra oolchuun keenyammoo jireenya keenya hundumaan qulqulluu taʼuu keenya argisiisuuf nu gargaara. Mataduree kana keessatti gaaffilee kanneen akka armaan gadii ilaalla: Ejjennoo laaffisuudhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Olaantummaa Yihowaa deggeruu ilaalchisee Seerri Lewwootaa maal nu barsiisa? Aarsaa bara duriitti dhihaachaa turerraa maal baranna?

EJJENNOO KEESSAN AKKA HIN LAAFFISNE OF EEGGADHAA

3, 4. (a) Kiristiyaanonni seeraafi seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee ejjennoosaanii laaffisuu kan hin qabne maaliifi? (b) Ijaa baʼuu ykn haaloo qabachuu kan hin qabne maaliifi?

3 Yihowaa gammachiisuu barbaanna taanaan, seeraafi seera buʼuuraasaa ilaalchisee ilaalcha qulqulluu hin taane qabaachuufi ejjennoo keenya laaffisuu mannaa, guutummaatti ajajamuu qabna. Seera Musee jala kan jirru taʼuu baannus, ulaagaaleen seericha keessatti caqasaman wanta Waaqayyo duratti fudhatama qabuufi hin qabne hubachuuf nu gargaaru. Fakkeenyaaf ajajni, “Ani Waaqayyoo dha; ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabatin” jedhu Israaʼelootaaf kennamee ture.—Lew. 19:18.

4 Yihowaan ijaa baʼuurraafi haaloo qabachuurraa akka fagaannu barbaada. (Rom. 12:19) Yoo seeraafi seera buʼuuraa Waaqayyoo hojiirra oolchuu baanne, Seexanni kan gammadu taʼuusaarrayyuu Yihowaa arrabsiisna. Namni tokko taʼe jedhee yoo nu miidhellee, qodaa haaloon keessa kaʼamu taʼuu hin barbaannu. Yihowaan “qodaa suphee” wanti gati jabeessi keessa taaʼu akka taanuuf mirga nuu kenneera. Wanti gati jabeessi kun tajaajila keenyadha. (2 Qor. 4:1, 7) Haaloon akka asiidii waan taʼeef, qodaa wanti gati jabeessi keessa jiru kana keessa taaʼuu hin qabu!

5. Seenaa waaʼee Aaroniifi duʼa ijoolleesaa dubbaturraa maal baranna? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

5 Haalli baayʼee gaddisiisaan maatii Aaron mudate tokko, Seera Lewwootaa 10:1-11⁠rratti galmeeffameera. Yeroo ibiddi samiirraa buʼee ijoollee Aaron kan taʼan Naadaabiifi Abiihuu nyaatetti baayʼee naʼanii taʼuu qaba. Aaroniifi maatiinsaa miseensota maatiisaanii duʼaniif akka hin boonye ajajamuunsaanii amantiisaanii qoree taʼuu qaba! Miseensa maatii ykn namoota gumiidhaa baafaman kaanii wajjin wal qunnamuu dhiisuudhaan qulqulluu taʼuukee argisiisaa jirtaa?—1 Qorontos 5:11 dubbisi.

6, 7. (a) Cidha tokkorratti argamuu ykn dhiisuudhaaf yeroo murteessinutti wantoonni xiyyeeffannaa kennuufii qabnu maalidha? (Miiljalee ilaali.) (b) Cidha waldaa amantii keessatti raawwatamu ilaalchisee ejjennoo qabnu firoota Dhugaa Baatota hin taaneef haala kamiin ibsuu dandeenya?

6 Qorumsi cimaan Aaroniifi maatiisaarra gaʼee wajjin wal fakkaatu nurra gaʼuu dhiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, sirna gaaʼelaa fira keenya Dhugaa Baatuu hin taanee waldaa amantii keessatti raawwatamurratti akka hirmaannu yoo afeeramnehoo? Caaffata Qulqullaaʼoo keessaa seerri qophii kanarratti akka hin argamneef kallattiidhaan nu dhowwu jiraachuu baatus, seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu murtoo akkasii gochuurratti nu gargaaru jiraa? *

7 Haala armaan olitti ibsamee wajjin haala wal qabateen, murtoon nuti Yihowaa duratti qulqulluu taʼuu keenya argisiisuuf goonu firoota dhugaa baatuu hin taanetti bitaa taʼuu dandaʼa. (1 Phe. 4:3, 4) Isaan aarsuu dhiisuudhaaf carraaqqii ni goona; taʼus, gaarummaadhaan garuummoo kallattiidhaan isaan haasofsiisuun keenya gaariidha. Akkas kan goonu yoo dandaʼame guyyaan qophii sanaa gaʼuusaa dura utuu taʼee gaariidha. Isaan galateeffachuu, akkasumas cidhasaaniirratti akka hirmaannuuf nu afeeruusaaniitti akka gammanne itti himuu dandeenya. Achiis, cidhicharratti wantoonni amantii wajjin wal qabatan waan raawwatamaniif, achitti argamuun keenya gammachuu isaan guyyaa adda taʼe kanatti argatan jalaa hirʼisuu, akkasumas isaaniifi namoota qophicharratti argaman kaan qaanessuu akka dandaʼu itti himuu dandeenya. Kun karaa nuti amantii keenya laaffisuurraa itti fagaannu isa tokkodha.

OLAANTUMMAA YIHOWAA DEGGERAA

8. Seerri Lewwootaa olaantummaa Yihowaa kan ibsu akkamitti?

8 Seerri Lewwootaa Yihowaan olaantummaa kan qabu taʼuusaa ibsa. Seerawwan Seera Lewwootaa keessatti caqasaman kan dhufan Yihowaa biraa akka taʼe al 30 ol ibsameera. Museen kana hubachuudhaan wanta Yihowaan isa ajaje raawwateera. (Lew. 8:4, 5) Haaluma walfakkaatuun, nutis yeroo hunda wanta Yihowaan inni olaantummaa qabu nu ajaju raawwachuu qabna. Gama kanaan deggersa jaarmiyaa Waaqayyoo qabna. Taʼus, akkuma Yesus lafa onaa keessatti qorame, nutis kophaa keenya yeroo jirrutti amantiin keenya qoramuu dandaʼa. (Luq. 4:1-13) Olaantummaa Waaqayyoorratti kan xiyyeeffannuufi kan isatti amanamnu taanaan, eenyuyyuu ejjennoo keenya akka laaffisnuufi kiyyoo sodaatiin akka qabamnu nu gochuu hin dandaʼu.—Fak. 29:25.

9. Sabni Waaqayyoo saba hundumaa biratti kan jibbaman maaliifi?

9 Duuka buutota Yesusiifi Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef addunyaa mararratti ariʼatamni nurra gaʼa. Yesus bartootasaatiin, “Rakkinatti dabarsanii isin in kennu; isin in ajjeesu; anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu” waan jedheef kun akka taʼu beekna. (Mat. 24:9) Taʼus, utuma akkas jibbamnuu hojii lallabaa keenyatti ni jabaanna, akkasumas Yihowaa duratti qulqulluu akka taane argisiisuu keenya itti fufna. Haataʼu malee amanamoo, jireenya qulqulluu kan jiraannuufi seera kan kabajnu taanee utuu jirruu kan jibbamnu maaliifi? (Rom. 13:1-7) Yihowaan Waaqa olaantummaa qabu taʼuusaa amannee waan fudhanneefidha! Tajaajila qulqulluu kan dhiheessinu “isa duwwaaf” siʼa taʼu, seerawwansaafi seerawwan buʼuuraasaa qajeeloo taʼan ilaalchisee ejjennoo keenya hin laaffisnu.—Mat. 4:10.

10. Obboleessa ejjennoosaa laaffise tokko maaltu mudate?

10 Akkasumas, nuti ‘kan biyya lafaa miti.’ Kanaaf, waraana addunyaa kanarratti godhamurratti hin hirmaannu, dhimma siyaasaa keessas hin seennu. (Yohannis 15:18-21; Isaayaas 2:4 dubbisi.) Obboloonni Yihowaadhaaf of murteessan tokko tokko gama kanaan ejjennoosaanii laaffisaniiru. Obboloota kana keessaa hedduun qalbiisaanii jijjiirrachuudhaan, walitti dhufeenya Abbaa keenya isa araara qabeessa taʼee wajjin qaban deebisanii argataniiru. (Far. 51:17) Muraasni garuu qalbiisaanii hin jijjiirranne. Fakkeenyaaf, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti abbootiin taayitaa obboloota umriinsaanii waggaa 45 gadi taʼeefi dabaan hidhaman 160, manneetii hidhaa Hangaarii jiran hunda keessaa magaalaa tokko keessatti walitti isaan qaban. Achii, loltoota taʼanii akka tajaajilan isaan ajajan. Obboloonni amanamoo taʼan ejjennoosaaniitti kan ciman taʼus, isaan keessaa sagal akka seera loltootaatti waadaa seenanii uffata loltootaa fudhatan. Waggaa lama booda, obboloota ejjennoosaanii laaffisan keessaa inni tokko, namoota Dhugaa Baatota amanamoo taʼan rasaasaan akka ajjeesaniif ramadaman keessaa tokko ture. Warra ajjeefamuuf turan keessaammoo tokko isaaf obboleessa dhiigaa ture! Taʼus, haalli ture waan jijjiirameef, ajjeechaan yaadamee ture utuu hin raawwatamin hafeera.

YIHOWAADHAAF HAMMA HUMNA KEESSANII KENNAA

11, 12. Aarsaa bara duriitti Israaʼeloonni dhiheessanirraa maal baranna?

11 Akka Seera Museetti, Israaʼeloonni gosa aarsaa akkamii dhiheessuu akka qaban isaanitti himamee ture. (Lew. 9:1-4, 15-21) Aarsaan isaan dhiheessan aarsaa Yesus isa mudaa hin qabne kan argisiisu waan taʼeef, kan hirʼina hin qabne taʼuu qaba ture. Kana malees, akkaataa tokkoon tokkoon gosa kennaa ykn aarsaa itti dhiheessan ilaalchisee qajeelfama garaagaraa hordofuu qabu turan. Fakkeenyaaf, haadha reefuu mucaa godhatte tokkorraa wanta eegamu ilaalaa. Seerri Lewwootaa 12:6 akkas jedha: “Yommuu isheen ilma yookiis durba deessee yeroon itti qullooftu gaʼu immoo, xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo qalma gubamuuf akkasumas gugee horaa tokko yookiis gugee sookkee tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhiʼaatuuf balbala dunkaana walgaʼii duratti lubichatti haa fiddu!” Seerichi wanta Waaqayyo isaanirraa eegu adda baasee kan ibse taʼus, jaalala qabeessaafi haala namootaa kan hubatu taʼuusaas nu hubachiisa. Haati tokko hoolaa bituuf humna hin qabdu taanaan, gugee horaa lama ykn gugee sosookkee lama dhiheessuun ni heyyamamaaf ture. (Lew. 12:8) Waaqeffattuun kun hiyyeettii taatus akkuma namoota kennaa gatii guddaa qabu fidanii Yihowaa duratti ni jaallatamti akkasumas ni dinqisiifatamti turte. Kanarraa maal baranna?

12 Phaawulos ergamaan “aarsaa galataa” Waaqayyoof akka dhiheessaniif amantoota hidhatasaa taʼan jajjabeesseera. (Ibr. 13:15) Afaan keenyaan maqaa Yihowaa isa qulqulluu uummata gidduutti labsuu qabna. Obboloonni dhagaʼuu hin dandeenye afaan mallattootti fayyadamuudhaan Waaqayyoof galata akkasii dhiheessu. Kiristiyaanonni manasaaniitii baʼuu hin dandeenyemmoo xalayaadhaan, bilbilaan, akkasumas namoota isaan kunuunsaniifi namoota isaan gaafachuu dhufaniif lallabuudhaan galata isaaf dhiheessu. Aarsaa galataa dhiheessuurratti, jechuunis maqaasaa beeksisuudhaan isa jajachuurratti, akkasumas misiraachicha lallabuurratti hirmaannaan nuti goonu kan hundaaʼe haala fayyaafi dandeettii keenyarrattidha. Taʼus, hamma humni keenya dandaʼe hunda gochuu qaba.—Rom. 12:1; 2 Xim. 2:15.

13. Sochii tajaajilarratti goonu gabaasa gochuu kan qabnu maaliifi?

13 Aarsaan galataa, kennaa nuti Waaqayyoon waan jaallannuuf fedhiidhaan kakaanee isaaf kenninudha. (Mat. 22:37, 38) Haataʼu malee, sochii tajaajilarratti dabarsine yeroo yerootti gabaasa akka goonu ni gaafatamna. Qophii kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabnaree? Gabaasni jiʼa jiʼaan deebisnu, nama Waaqayyoo taʼuu keenyaa wajjin walitti dhufeenya qaba. (2 Phe. 1:7) Sochii tajaajilarratti goonuu wajjin haala wal qabateen saʼaatii baayʼee gabaasa gochuuf jecha, saʼaatii dheeraa tajaajilarratti dabarsuu akka qabnu nutti dhagaʼamee of dhiphisuu hin qabnu. Babalʼisaan Mootummichaa bakka namoota dulloomaniif kunuunsi itti godhamu keessa jiru ykn rakkina fayyaa cimaa taʼe qabu, saʼaatii tokko guutuu baatullee, daqiiqaa 15 gabaasa gochuu ni dandaʼa. Babalʼisaan kun hamma humnisaa dandaʼu waan godheef, Yihowaan tajaajilasaatiif bakka guddaa kenna. Akkasumas, Yihowaan obboloonni keenya akka isa jaallataniifi Dhugaa Baatuusaa taʼuu akka barbaadan beeka. Israaʼeloota aarsaa gatii guddaa qabu kennuuf humnisaanii hin heyyamneefii wajjin haaluma wal fakkaatuun, tajaajiltoonni Yihowaa biratti bakka guddaa qabaniifi rakkina garaagaraa qabanis gabaasa gochuu ni dandaʼu. Gabaasni dhuunfaatti goonu gabaasa walii galaa addunyaa maraatti kan idaʼamu siʼa taʼu, gabaasni walii galaa kunimmoo jaarmiyichi hojii lallabaa gara fuulduraa ilaalchisee karoora baafachuu akka dandaʼuuf gargaara. Maarree, sochii tajaajilarratti goonu gabaasa akka goonuuf gaafatamuun keenya wanta humna keenyaa ol taʼedhaa?

BARSIIFATA QAYYABANNAA KEENYAAFI AARSAA GALATAA

14. Qayyabannaa ilaalchisee barsiifata qabnu qoruu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsi.

14 Barumsawwan hafuuraa gati jabeessa Seera Lewwootaa keessa jiran erga qortee booda, ‘Kutaan kun Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffametti kan dabalame maaliif akka taʼe amma caalaatti hubadheera’ jetta taʼa. (2 Xim. 3:16) Kana malees, amma qulqulluu taʼuukee argisiisuuf caalaatti murteessitee taʼuu dandaʼa; akkas kan gootu waan Yihowaan sirraa barbaaduuf qofa utuu hin taʼin, isa gammachiisuuf carraaqqiin ati gootu kan isaaf malu waan taʼeefidha. Waaʼee Seera Lewwootaa matadureewwan kana lamaanirratti wanti baratte, fedhii ati Macaafa Qulqulluu akka walii galaatti gadi fageenyaan qoruudhaaf qabdu sii dabaleera taʼa. (Fakkeenya 2:1-5 dubbisi.) Qayyabannaa ilaalchisee barsiifata qabdu kadhannaadhaan irratti yaadi. Aarsaan galataa dhiheessitu Yihowaa duratti fudhatama akka argatu akka barbaaddu beekamaadha. Sagantaan televijiinii, taphni viidiyoo, sochiin ispoortii garaagaraa ykn wantoonni yeroo boqonnaa keetti raawwattu guddina hafuuraa keerratti dhiibbaa geessisaa jiruu laata? Taanaan, yaada Phaawulos ergamaan dubbateefi macaafa Ibrootaa keessatti argamurratti xiinxaluunkee baayʼee si fayyaduu dandaʼa.

Sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluufi Waaqeffannaa Maatiitiif dursa kennaa jirtaa? (Keeyyata 14 ilaali)

15, 16. Phaawulos Kiristiyaanota Ibroota taʼaniif yeroo barreessetti wanta isaaniin jechuu qabu fuulleetti kan isaanitti hime maaliifi?

15 Phaawulos Kiristiyaanota Ibroota taʼaniif yeroo barreessetti wanta isaaniin jechuu qabu fuulleetti isaanitti himeera. (Ibroota 5:7, 11-14 dubbisi.) Bira qabee itti himuuf hin yaalle! Wanta dhagaʼan hubachuurratti ‘daagii taʼuusaanii’ isaanitti himee ture. Phaawulos humnaan, akkasumas kallattiidhaan kan dubbate maaliifi? Akkuma Yihowaa Kiristiyaanota aannan hafuuraatiin qofa jiraachuuf yaalaa turan kanaaf, jaalala akka qabuufi akka isaaniif yaadu argisiisuuf ture. Barumsawwan buʼuuraa Kiristiyaanummaa beekuun barbaachisaadha. Taʼus, karaa hafuuraa gaʼeessummaatti guddachuuf ‘nyaanni jabaan’ barbaachisaadha.

16 Ibroonni kun warra kaan barsiisuutti guddachuu mannaa, nama isaan barsiisu barbaadu turan. Maaliif? “Nyaata jabaa” nyaachaa waan hin turreefidha. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Nyaata hafuuraa jabaa taʼeef ilaalcha sirriin qabaa? Nyaata akkasii nyaachaan jiraa? Moo kadhachuufi Macaafa Qulqulluu qayyabachuu dhiiseera? Taanaan, rakkinni kan jiru qayyabannaa ilaalchisee barsiifatan qaburrattii laata?’ Namootaaf lallabuu qofa utuu hin taʼin, barsiisuufi duuka buutota gochuu qabna.—Mat. 28:19, 20.

17, 18. (a) Yeroo yerootti nyaata jabaa soorachuu kan qabnu maaliifi? (b) Walgaʼii Kiristiyaanaa wajjin haala walqabateen, dhugaatii alkooliitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

17 Macaafa Qulqulluu qayyabachuun baayʼee keenyaaf salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yihowaan sabnisaa qayyabannaadhaaf akka kakaʼan kan godhu sammuunsaanii akka isaan ceephaʼu gochuudhaan miti. Tajaajiltoota Yihowaa yeroo dheeraa duras taʼe dhihooti cuuphamne yoo taane, yeroo hunda nyaata jabaa of sooruu qabna. Akkas gochuun keenya qulqulluu taanee itti fufuuf nu gargaara.

18 Qulqulluu taʼuudhaaf Caaffata Qulqullaaʼoo sirriitti qoruufi wanta Waaqayyo nurraa barbaadu raawwachuu qabna. Ijoollee Aaron lamaan Naadaabiifi Abiihuu warra ibidda hin heyyamamne aarsaa godhanii dhiheessuusaaniitiin ajjeefaman ilaalaa; aarsaa kana kan dhiheessan machaaʼanii taʼuu hin oolu. (Lew. 10:1, 2) Wanta Waaqayyo sana booda Aaronitti hime hubadhaa. (Lewwoota 10:8-11 dubbisi.) Kana jechuun gara walgaʼii Kiristiyaanaa dhaquu keenya dura dhugaatii alkoolii dhuguu hin qabnu jechuudhaa? Qabxiilee kanaa gadi jiranirratti yaadaa: Nuti Seericha jala hin jiru. (Rom. 10:4) Biyyoota tokko tokko keessatti, obboloonni tokko tokko gara gumii dhaquusaanii dura nyaatarratti dhugaatii alkoolii murtaaʼe ni fayyadamu. Ayyaana Faasikaarratti wayiniin xoofoo afuritti dhihaatee ture. Yeroo Irbaata Gooftaa hundeessetti, Yesus ergamoonni wayinii dhiigasaa bakka buʼu akka dhugan godhee ture. (Mat. 26:27) Macaafni Qulqulluun baayʼisanii dhuguufi machaaʼuu ni dhorka. (1 Qor. 6:10; 1 Xim. 3:8) Kiristiyaanonni tokko tokko tajaajila qulqulluu taʼerratti hirmaachuusaanii dura dhugaatii alkoolii dhuguu sammuunsaanii hin heyyamuuf taʼa. Haataʼu malee, haalli biyya tokkoo kan isa kaaniirraa addadha; akkasumas wanti Kiristiyaanotaaf barbaachisaa taʼe jireenya qulqulluu Waaqayyoon gammachiisu jiraachuuf, “wanta qulqullaaʼaa taʼee fi wanta xuraaʼaa” gargar baasani beekuusaaniiti.

19. (a) Waaqeffannaa maatiifi qayyabannaa dhuunfaa wajjin haala wal qabateen maal yaadachuu qabna? (b) Qulqulluu taʼuukee argisiisuudhaaf maal gochuuf murteessite?

19 Macaafa Qulqulluu yoo qayyabatte barumsa hafuuraa gati jabeessa dabalataa hedduu argachuu ni dandeessa. Sagantaa waaqeffannaa maatii keessanii ykn qayyabannaa dhuunfaakee fooyyessuuf barreeffamoota qorannaadhaaf gargaaranitti fayyadami. Beekumsa Yihowaafi kaayyoosaa ilaalchisee qabdu dabali. Caalaatti isatti dhihaadhu. (Yaq. 4:8) Akkuma faarfaticha isa, “Wanta dinqisiisaa seera kee keessaa akkan argutti, ati ija koo anaaf bani!” jedhee faarfatee atis Waaqayyoon kadhadhu. (Far. 119:18) Seerawwaniifi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee ejjennookee hin laaffisin. Seera olaanaa Yihowaan ‘inni qulqulluu taʼe’ baaseef fedhiidhaan ajajami; akkasumas “hojii qulqulluu misiraachoo Waaqayyoo” irratti hinaaffaadhaan hirmaadhu. (1 Phe. 1:15; Rom. 15:16, NW) Guyyoota dhumaa baayʼee rakkisaa taʼan kana keessatti qulqulluu taʼuukee argisiisi. Hundi keenyayyuu jireenya qulqulluu jiraachuudhaan, olaantummaa Waaqa keenya isa qulqulluu haa deggeru.

^ key. 6 Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2002⁠rraa (Amaariffa) mataduree “Gaaffii Dubbistootaa” jedhu ilaali.