Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Saba Yihowaan Waaqa Isaa Taʼe’

‘Saba Yihowaan Waaqa Isaa Taʼe’

“Sabni gooftichi [“Yihowaan,” NW] Waaqayyo isaa taʼeef haa gammadu!”—FAR. 144:15.

1. Warra Waaqayyoon waaqeffatan ilaalchisee namoonni tokko tokko maal jedhanii amanu?

NAMOONNI hedduun amantiiwwan gurguddaan kutaa saba Kiristiyaanaa taʼaniifi hin taane, namoota fayyaduudhaaf wanti isaan hojjetan muraasa akka taʼe dubbatu. Namoonni muraasni amantiiwwan akkasii waaʼee Waaqayyoo barumsa dhugaa waan hin barsiisneefi gocha yeellaasisaa waan raawwataniif Waaqayyo duratti fudhatama akka hin qabne irratti walii galu. Haataʼu malee, amantii hunda keessayyuu namoonni gaariin Waaqayyo isaan arguufi waaqeffattootasaa lafarra jiran akka taʼanitti isaan ilaalu akka jiran amanu. Namoonni kun, namoonni garaa qajeelaa qaban akkasii amantii sobaa keessaa baʼuuniifi kophaasaanii isa waaqeffachuunsaanii barbaachisaa miti jedhu. Waaqayyo garuu ilaalcha akkasii qabaa? Mee seenaa waaqeffattoota Yihowaa Macaafa Qulqulluurratti argamu tokko tokko qoruudhaan deebiisaa haa ilaallu.

UUMMATA KAKUUN WAJJINIIN GALAME

2. Yeroo booda uummata Yihowaadhaaf adda baʼe kan taʼe eenyu? Uummata kaanirraa kan adda isaan godhuhoo maal ture? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

2 Dh.K.D. jaarraa 20⁠ffaatii jalqabee Yihowaan uummata adda baʼe qaba ture. Abrahaam inni ‘warra amanan hundumaaf abbaa’ jedhame, maatii namoota dhibbaan lakkaaʼaman of keessatti qabate geggeessa ture. (Rom. 4:11; Uma. 14:14) Bulchitoonni Kanaʼaan keessa turan “nama guddaa” akka taʼetti isa ilaalanii ulfina isaaf kennaniiru. (Uma. 21:22; 23:6) Yihowaan Abrahaamiifi sanyiisaatiif kakuu galee ture. (Uma. 17:1, 2, 19) Waaqayyo Abrahaamiin akkas jedhee ture: “Kakuun koo inni anaa fi si gidduutti, namoota kee gidduutti, si booddeedhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif taʼu, ‘Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu!’ isa jedhuu dha. . . . Kunis kakuu isa anaa fi isin gidduutti dhaabateef milikkita in taʼa.” (Uma. 17:10, 11) Ajaja kanarratti hundaaʼuudhaan, Abrahaamiifi dhiironni maatiisaa keessa jiran hundi dhagna qabatan. (Uma. 17:24-27) Dhagna qabaan, uummanni Yihowaa wajjin kakuu galeefi isaa wajjin walitti dhufeenya qabu sanyii Abrahaam qofa akka taʼe mallattoo argisiisu ture.

3. Sanyiin Abrahaam baayʼatanii uummata kan taʼan akkamitti?

3 Ilma, ilma Abrahaam kan ture Yaaqoob ykn Israaʼel ilmaan 12 qaba ture. (Uma. 35:10, 22b-26) Yeroo booda ijoolleen kun abbootii gosoota Israaʼel 12n geggeessan taʼan. (HoE. 7:8) Biyyasaaniitti beelli waan kaʼeef Yaaqoobiifi maatiinsaa gara Gibxii yeroo deemanitti, ilma Yaaqoob kan taʼe Yoseef, Gibxii keessatti toʼataa midhaanii taʼee muudamee ture; akkasumas Faraʼoon biratti nama iddoo guddaa qabu taʼee ture. (Uma. 41:39-41; 42:6) Sanyiin Yaaqoob garmalee baayʼatanii, “tuuta sabaa” taʼanii turan.—Uma. 48:4; Hojii Ergamootaa 7:17 dubbisi.

UUMMATA FURAME

4. Jalqabarratti warra Gibxiifi sanyii Yaaqoob gidduu walitti dhufeenya akkamiitu ture?

4 Sanyiin Yaaqoob waggaa 200 oliif Gibxii keessa naannoo Gooshen jedhamu turan. (Uma. 45:9, 10) Gara waggaa 100tiif magaalaa xinnoo keessa jiraachaa kan turan siʼa taʼu, horiisaanii horsiifachaafi warra Gibxii wajjin nagaadhaan jiraachaa waan turan fakkaata. Faraʼoon inni Yoseefiin beekuufi bakka guddaa kennuuf gammachuudhaan isaan simatee ture. (Uma. 47:1-6) Warri Gibxii namoota hoolota horsiisan ni tuffatu turan. (Uma. 46:31-34) Haataʼu malee, Israaʼeloota achi jiraachaa turan dandaʼanii jiraachuuf dirqamanii turan.

5, 6. (a) Uummanni Waaqayyoo Gibxii keessa turan haallisaanii kan jijjiirame akkamitti? (b) Museen duʼarraa kan oole akkamitti? Yihowaan uummatasaatiif maal godhe?

5 Haataʼu malee, haalli uummanni Waaqayyoo keessa ture akka tasaa jijjiirame. “Mootiin haaraan Yoseefin hin beekne tokko biyya Gibxii irratti in moʼe. Mootichi saba isaatiin, ‘Ilaa! Namoonni Israaʼel kun guddaa baayʼatanii nutti jabaataniiru’ [jedhe]. Warri Gibxii Israaʼelootatti hammaatanii akka garbaatti isaan hojjechiifatan. Suphee isaan kuchisiisuudhaan, xuuphii isaan tolchisiisuudhaan, hojii garaa garaa maasii keessaa hojjechiisuudhaanis hojii isaanitti ulfaachisanii jireenya itti hadheessan; hojii kana hundumaa hojjechiisuudhaan isaanitti in hammaatan.”—Bau. 1:8, 9, 13, 14.

6 Faraʼoon kanarrayyuu darbee ilmaan Ibrootaa hundi akkuma dhalataniin akka ajjeefaman labse. (Bau. 1:15, 16) Museen kan dhalate yeroo kanatti ture. Jiʼa sadii yeroo isa taʼu, haatisaa caffee laga Abbayyaa bira jiru keessa kan isa dhoksite siʼa taʼu, intalli Faraʼoon kan isa argatte achitti. Achii akka mucaasheetti guddisuuf isa fudhatte. Ijoollummaasaatti haatisaa amanamtuun Yokebeed jedhamtu kan isa guddiste yommuu taʼu, innis tajaajilaa Yihowaa amanamaa taʼeera. (Bau. 2:1-10; Ibr. 11:23-25) Yihowaan rakkina uummatasaa waan ‘beekeef’ Museetti fayyadamee warra isaan hacuucan jalaa isaan baasuuf murteesse. (Bau. 2:24, 25; 3:9, 10) Haala kanaan uummata Yihowaan “fure” taʼaniiru.—Bau. 15:13; Keessa Deebii 15:15 dubbisi.

UUMMATA SABA TAʼE

7, 8. Sabni Yihowaa saba qulqulluu kan taʼe akkamitti?

7 Yihowaan hamma yeroo sanaatti Israaʼeloota akka saba tokkootti gurmeessuu baatus, uummatasaa akka taʼanitti isaan ilaala ture. Kanaafuu, Museefi Aaron gara Faraʼon dhaqanii akkas akka jedhan ajajaman: “Waaqayyo gooftaan inni kan Israaʼel, ‘Sabni koo lafa onaatti ayyaana anaaf haa ayyaaneffatanii, gad isaan dhiisi!’ jedhe.”—Bau. 5:1.

8 Yihowaan, Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa baasuuf dhaʼicha kudhan kan fide taʼuusaarrayyuu, Faraʼooniifi loltoonnisaa Galaana Diimaa keessatti akka dhuman godheera. (Bau. 15:1-4) Sana booda jiʼa sadii utuu hin guutin, Yihowaan Tulluu Siinaarratti Israaʼelootaa wajjin kakuu kan gale siʼa taʼu, “Isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu. . . . Saba qulqullaaʼaa anaaf in taatu” jechuudhaan waadaa seena qabeessa taʼe isaaniif galeera.—Bau. 19:5, 6.

9, 10. (a) Keessa Deebiin 4:5-8 akka dubbatutti, Seerichi Israaʼeloota saba kaanirraa adda kan baase akkamitti? (b) Israaʼeloonni ‘saba Waaqayyoof qulqullaaʼe akka taʼan’ kan argisiisan akkamitti ture?

9 Ibroonni garbummaa jala utuu hin seenin dura, yeroo Gibxii keessa jiraachaa turanitti gosa gosaan gurmaaʼanii kan turan siʼa taʼu, itti gaafatamtoota maatii ykn abboota gosaatu isaan geggeessa ture. Itti gaafatamtoonni maatii kun, akkuma tajaajiltoota Yihowaa isaan dura turanii, bulchitoota, abbootii firdiifi luboota taʼanii maatiisaanii tajaajilu turan. (Uma. 8:20; 18:19; Iyo. 1:4, 5) Haataʼu malee, Yihowaan karaa Musee seera saboota kaan hundarraa adda isaan taasisu Israaʼelootaaf kenne. (Keessa Deebii 4:5-8 dubbisi; Far. 147:19, 20) Seerichi qophiin lubummaa adda taʼe akka jiraatu kan godhe siʼa taʼu, ‘maanguddoonni’ beekumsaafi ogummaasaaniitiin kabajaman haqni akka raawwatamu godhu turan. (Kes. 25:7, 8) Seerichi sochii amantiifi hawaasummaa wajjin haala wal qabateen saba haaraa kanaaf qajeelfama kenneera.

10 Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte seenuusaanii dura, Yihowaan irra deebiʼee seerotasaa isaanitti himeera; Museen sabichaan akkas jedhe: “Waaqayyo akkuma si abdachiisetti ati addumaan saba dhuunfaa isaa akka taate, abboommii isaa hundumaas eeguun akka si irra jiru harʼa beeksiseera. Inni immoo ol si fuudhee, ati jajamuudhaan, maqaa godhachuudhaan, ulfinaanis saba ofii isaatii uume hundumaa gararraa akka ooltu gochuudhaaf, . . . saba isaaf qulqullaaʼe akka taatu beeksiseera.”—Kes. 26:18, 19.

NAMOOTA GALAA TAʼAN SIMACHUU

11-13. (a) Saba Waaqayyo filatetti kan makaman eenyufaʼi? (b) Namni nama Israaʼel hin taane tokko Yihowaa Waaqeffachuu yoo barbaade maal gochuu qaba ture?

11 Yihowaan lafarratti saba filatame kan qabu taʼus, namoonni Israaʼeloota hin taane sabasaa gidduutti akka hin argamne hin dhorkine. Yihowaan yeroo uummannisaa Gibxiidhaa baʼanitti, “tuuti saba garaa garaa” Gibxoota dabalatee namoota Israaʼeloota hin taane of keessatti qabate, isaanii wajjin akka deeman heyyameera. (Bau. 12:38.) Dhaʼicha isa torbaffaarratti, “hojjetoota mootichaa keessaa” warri wanta Yihowaan dubbate sodaatan, tuuta garaagaraa Israaʼeloota faana Gibxiidhaa baʼan keessaa tokko akka taʼan hin shakkisiisu.—Bau. 9:20.

12 Israaʼeloonni Kanaʼaaniin qabachuudhaaf Laga Yordaanos ceʼuusaanii dura, Museen ‘warra galaa akka jaallatan’ isaanitti himee ture. (Kes. 10:17-19) Uummanni Waaqayyo filate, nama galaa taʼeefi Seera Musee hordofuudhaaf fedhii qabu gara hawaasa isaaniitti simachuu qabu turan. (Lew. 24:22) Namoonni Israaʼeloota hin taane tokko tokko, akkuma Ruut ishee nama Moʼaab taateefi Naaʼomii ishee nama Israaʼel taateen, “Sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa” jettee waaqeffattoota Yihowaa taʼaniiru. (Rut.1:16) Namoonni Israaʼeloota hin taane kun amantiisaanii jijjiiranii waaqeffattoota Yihowaa kan taʼan taʼuusaarrayyuu, dhiironnisaanii dhagna qabataniiru. (Bau. 12:48, 49) Yihowaan miseensota sabasaa isa filatamaa akka taʼanitti isaan simateera.—Lak. 15:14, 15.

Israaʼeloonni namoota galaa taʼan ni jaallatu turan (Keeyyata 11-13 ilaali)

13 Manni qulqullummaa Solomoon ijaare Yihowaadhaaf yeroo murteeffametti, waaqeffattoota Israaʼeloota hin taaneef qophiin godhamee akka ture kadhannaa Solomoonirraa hubachuun ni dandaʼama. Akkas jedhee kadhate: “Akkasuma immoo sanyii saba kee Israaʼel keessaa kan hin taʼin, namni ormi tokko waaʼee maqaa kee isa guddaa, irree kee isa cimaa fi harka kee isa balʼifamaa dhagaʼee biyya fagoodhaa dhufee, gara mana kanaatti garagalee yommuu kadhatutti, waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii isaaf dhagaʼi! Sabni lafa irraa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel maqaa kee akka beekanitti, akka si sodaatanitti, manni ani ijaare kunis maqaa keetiin akka waamamu akka beekanitti waan inni ormi sun si kadhatu dhagaʼiif!” (2 Sen. 6:32, 33) Bara Yesusittis, namni nama Israaʼel hin taane tokko yoo barbaade saba Waaqayyo kakuu wajjiniin seene duukaa Yihowaa waaqeffachuu ni dandaʼa ture.—Yoh. 12:20; HoE. 8:27.

SABA DHUGAA BAATUU

14-16. (a) Israaʼeloonni Yihowaadhaaf dhugaa baʼuuf carraa akkamii argatanii turan? (b) Yihowaan saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jirurraa maal eega?

14 Israaʼeloonni Waaqasaanii Yihowaa kan waaqeffatan siʼa taʼu, sabni kaanimmoo waaqoliisaanii waaqeffatu turan. Bara Isaayaasitti Yihowaan haala yeroo sanaa, dhimma mana murtiitti dhihaatuu wajjin wal fakkeessee ture. Waaqoliin saboota sanaa dhugaa baatuu waaqa taʼuusaanii mirkaneessu akka dhiheeffatan akkas jechuudhaan gaafatee ture: “Sabni lafa irraa hundinuu walitti haa qabaman, sabni garaa garaas wal haa gaʼan, kun dhugaa taʼuu isaa akka himanitti, namnis kana dhagaʼee, ‘Kun dhuguma!’ akka jedhutti, isaan keessaa [waaqolii isaanii keessaa] eenyutu wanta amma taʼe kana duraan dursee hime? Mee nama kana dhugaa isaaniif baʼu as haa dhiʼeessan kaa!”—Isa. 43:9.

15 Waaqoliin saboota sanaa waaqa taʼuusaaniitiif ragaa tokkollee dhiheessuu hin dandeenye. Waaqolii tolfamoo dubbachuu hin dandeenyeefi namni baatee asiifi achi isaan geessu turan. (Isa. 46:5-7) Waaqayyo garuu sabasaa Israaʼeliin akkas jedhee ture: “Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani foʼadhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka taʼe akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu. Ana duwwaatu Waaqayyoo dha, ana malee fayyisaan kan biraa hin jiru. . . . ani duwwaan Waaqayyo akkan taʼe isin dhuga-baatuu koo ti!”—Isa. 43:10-12.

16 Akkuma nama mana murtiitti dhugaa baʼuu, sabni Yihowaas, Yihowaan Waaqa dhugaa isa tokkicha taʼuusaa mirkaneessuuf mirga guddaa argatanii turan. Yihowaan “Saba kana ofii kootiif uummachuun koo, akka inni na galateeffatuuf[i]” jedhee ture. (Isa. 43:21) Israaʼeloonni saba maqaasaa baatan turan. Garbummaa Gibxii jalaa kan isaan fure Yihowaa waan taʼeef, saboota lafarra jiran kaan duratti olaantummaasaa deggeruun isaanirraa eegama ture. Ejjennoonsaanii saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran ilaalchisee isa Miikiyaas akkas jechuudhaan dubbatee wajjin tokko taʼuu qaba ture; “Sabni warri kaan hundinuu adduma addaan maqaa waaqayyolii isaaniitiin in deddeebiʼu; nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin in deddeebina” jechuudhaan dubbatee wajjin tokko taʼuu qaba ture.—Mik. 4:5.

SABA GANTUU

17. Israaʼeloonni Yihowaa duratti “muka waynii isa jibbamaa waaʼee hin baafne” kan taʼan akkamitti?

17 Kan nama gaddisiisu, Israaʼeloonni Waaqasaanii Yihowaadhaaf hin amanamne. Saboonni waaqolii mukaafi dhagaarraa hojjetaman waaqeffatan dhiibbaa akka isaanirraan geessisan heyyamaniiru. Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti Hoseʼaa raajichi Israaʼeloota muka wayinii waaʼee hin baafnetti fakkeessee ture. Itti dabalees, “Iddoo aarsaas in baayʼisan; . . . Garaan isaanii walaallammii dha, amma isa yakkaniif adaba fudhachuun isaaniif in taʼa” jedhee ture. (Hos. 10:1, 2) Gara jaarraa tokkoofi walakkaa booda wanta Yihowaan sabasaa amanamaa hin taanetti dubbate, Ermiyaas akkas jechuudhaan barreesseera: “Anoo muka waynii isa foʼamaa fi baʼeessa, isa iji isaa gugguutuun si dhaabe, ati attamitti deebitee muka waynii isa jibbamaa waaʼee hin baafne na duraa taate! . . . waaqayyoliin isin tolfattan, warri hammuma mandara keessanii baayʼatan eessa jiru? Mee isaan dhufanii rakkina keessan kana keessaa isin haa baasan kaa! . . . Sabni koo . . . na irraanfate.”—Er. 2:21, 28, 32.

18, 19. (a) Yihowaan maqaasaatiif saba haaraa akka hundeessu dursee kan dubbate akkamitti? (b) Mataduree itti aanurratti maal qorra?

18 Israaʼeloonni waaqeffannaa dhugaa raawwachuufi dhugaa baatota amanamoo taʼuudhaan ija gaarii godhachuu mannaa, waaqolii sobaa waaqeffachuudhaan ija tortoraa godhataniiru. Kanaaf, Yesus geggeessitoota amantii Yihudii fakkeessituu barasaatti turaniin, “Egaa mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf akka kennamu isinittan hima” jedheera. (Mat. 21:43) Kutaa saba haaraa ykn Israaʼel hafuuraa taʼuu kan dandaʼan namoota Yihowaan filate qofadha. Inni isaanii wajjin “kakuu haaraa” ni gala. Israaʼel hafuuraa warra kakuu haaraan isaanii wajjin galame ilaalchisee Yihowaan, “Ani Waaqayyo isaanii nan taʼa, isaanis saba koo in taʼu” jechuudhaan raajii dubbateera.—Er. 31:31-33.

19 Sabni Israaʼel amanamoo taʼuu erga didanii booda, akkuma armaan olitti ibsame Yihowaan jaarraa jalqabaatti Israaʼel hafuuraa sabasaa akka taʼan godhe. Haataʼu malee, yeroo harʼaatti lafarratti sabasaa kan taʼan eenyufaʼi? Namoonni garaa qajeelaa qaban waaqeffattoota Yihowaa warra dhugaa adda baasanii beekuu kan dandaʼan akkamitti? Mataduree itti aanurratti waaʼee kanaa qorra.