Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Ermiyaas, Raahel ijoollee isheetiif akka boosse ennaa dubbatu maal jechuusaati?

Ermiyaas 31:15 akkas jedha: “Waaqayyo itti fufee, ‘Sagaleen Raamaatti dhagaʼame, sagalee booʼichaa fi wawwaannaa guddaa ture; Raahel ijoollee isheetiif in boosse; ijoolleen ishee waan hin jirreef jajjabaachuus in didde.’”

Ijoolleen Raahel lamaan kan duʼan isheen duʼuushee dura miti. Kanaaf, wanti Ermiyaas, Raahel duʼuushee waggaa 1,000 booda barreesse dogoggora fakkaachuu dandaʼa.

Ilmi hangafaa Raahel Yoseefidha. (Uma. 30:22-24) Boodammoo, ilma kan biraa kan deesse ennaa taʼu maqaansaa Beniyaam jedhama. Raahel kan duute ilmashee isa lammataa kana yeroo deessettidha. Erga akkas taʼee, Ermiyaas 31:15 isheen kan boosse ijoolleenshee “waan hin jirreef” akka taʼe kan dubbatu maaliifi?

Ilmashee isa hangafaa kan taʼe Yooseef, ijoollee Minaaseefi Efreem jedhaman akka godhate hubachuun keenya gaariidha. (Uma. 41:50-52; 48:13-20) Yeroo booda, gosni Efreem mootummaa Israaʼel kaabaa keessatti gosa beekamaafi olaantummaa qabu taʼee kan ture siʼa taʼu, gosoota kurnan bakka buʼee ture. Karaa gara biraatiinimmoo, gosni Beniyaam (ilma Raahel isa lammataa), gosa Yihudaa wajjin taʼuudhaan kutaa mootummaa isa kibbaa taʼeera. Kanaafuu, Raahel haadhotii Israaʼel hunda, jechuunis haadhotii mootummaa isa kaabaafi isa kibbaa keessa jiran bakka buʼuu ni dandeessi.

Yeroo kitaabni Ermiyaas barreeffametti, Asoronni mootummaa kaabaa isa gosoota kudhan qabate injifatanii kan turan siʼa taʼu, namoonni achii hedduunis boojuudhaan fudhatamanii turan. Haataʼu malee, gosa Efreem keessaa namoonni tokko tokko gara Yihudaatti baqatanii taʼuu dandaʼa. Dh.K.D. bara 607⁠tti Baabilononni mootummaa kibbaa Yihudaa isa gosoota lama qabate weeraran. Yeroo kanatti boojiʼamtoonni hedduun Raamaa ishee Yerusaalemirraa gara kiilomeetira saddeet fagaattee argamtutti walitti qabamanii turan. (Er. 40:1) Tarii isaan keessaa tokko tokko, iddoo daangaa gosa Beniyaam taʼeefi Raahel itti awwaalamte kanatti ajjeefamanii taʼuu dandaʼa. (1 Sam. 10:2) Kanaaf, Raahel ijoolleesheetiif booʼuunshee, walumatti qabaatti namoota gosa Beniyaamiif ykn warra Raamaa keessa turaniif qofa akka fakkeenyaatti gadduushee kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Karaa gara biraatiinimmoo, haadhotii saba Waaqayyoo keessa jiraniifi sababii duʼa ykn boojuu Israaʼelootaatiin booʼan hunda kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kanas taʼe sana, yaanni Ermiyaas Raahel ijoolleesheetiif akka boosse dubbate, jaarraawwan hedduu booda ennaa lubbuun Yesus balaadhaaf saaxilametti wanta raawwatame raajii argisiisu ture. Herodis Mootichi, ijoolleen dhiiraa Beeteliheem ishee Yerusaalemirraa gara kibbaatti argamtu keessa jiraniifi umriinsaanii waggaa lamaa gad taʼe hundi akka ajjeefaman ajajee ture. Ijoolleen sun waan duʼaniif, sana booda hin jiran. Gadda haadhotii ijoolleensaanii jalaa duʼanitti dhagaʼame mee yaadi! Haallisaa, akkuma waan sagaleen booʼichasaanii hamma Raamaa ishee Yerusaalemirraa gara kaabaatti argamtutti dhagaʼameeti.—Mat. 2:16-18.

Kanaafuu, bara Ermiyaasittis taʼe bara Yesusitti, Raahel ijoolleesheetiif akka boosse ibsamuunsaa, haadhotii Yihudoota taʼaniifi ijoolleensaanii jalaa ajjeefamanitti gadda dhagaʼame akka gaaritti kan ibsudha. Warri duʼan, jechuunis warri gara “biyya diinaa” deeman kun yeroo duʼaa kaʼanitti, diina kana harkaa akka baʼan beekamaadha.—Er. 31:16; 1 Qor. 15:26.