Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Kiristiyaanonni reeffa gubuunsaanii sirriidhaa?

Reeffi nama duʼe tokkoo akka gubamu gochuu ykn dhiisuun murtoo dhuunfaati. Macaafni Qulqulluun waaʼee dhimma kanaa kallattiidhaan kan hin dubbanne taʼus, reeffi Saaʼoliifi Yonaataan kan awwaalame erga gubamee booda taʼuusaa hubachuun keenya barbaachisaadha. (1 Sam. 31:2, 8-13)—6/15, fuula 7.

Raajii Waaqayyo dubbate amanuu kan dandeenyu maaliifi?

Raajiin namootaa, yeroo baayʼee qorannoo saayinsiirratti, ibsa ogeeyyiin kennanirratti, yeroo tokko tokkommoo yaada namoota humna adda taʼe qabna jedhanii yaadaniirratti kan hundaaʼedha. Waaqayyo garuu wanta hundumaa beeka. Inni uumamaafi fedhii namootaa guutummaatti beeka; kanaaf, Waaqayyo yeroo barbaadutti, wanta namoonniifi saboonni raawwatan dursee beekuu ni dandaʼa.—Ado.-Ful. fuula 4-6.

Qorumsa moʼuudhaaf maal gochuu dandeessa?

Ijakee, yaadakeefi adeemsakee eeggadhu. Akkasumas abdii kutattee carraaqqii gochuukee hin dhiisin.—Ado.-Ful. fuula 11-13.

Namni tokko naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf gara biyya alaa ennaa deemu rakkoowwan akkamii isa mudachuu dandaʼu?

(1) Akkaataa jireenyaa haaraa taʼe baruu, (2) maatiifi michoota yaaduu, (3) obboloota biyyichaa wajjin wal baruudha. Obboloonni haala rakkisaa taʼe akkasii moʼan hedduun eebba guddaa argataniiru.—7/15, fuula 4-5.

Tiraaktonni haaraan arganne buʼa qabeessa kan taʼaniifi itti fayyadamuuf salphaa kan taʼan maaliifi?

Akkaataan tiraaktonni kun itti qophaaʼan wal fakkaata. Tiraaktonni kun hundi caqasa Macaafa Qulqulluu akka dubbisnuufi nama haasofsiisnu gaaffii gaafachuu akka dandeenyu nu gargaaru. Deebiin nama haasofsiisnuu maaliyyuu yoo taʼe, tiraakticharraa wanta Macaafni Qulqulluun jedhu itti argisiisuu dandeenya. Gaaffii yeroo deddeebii gaaffiitti irratti mariʼannus itti argisiisuu dandeenya.—8/15, fuula 12-14.

Yesus Saduqootaan namoonni duʼaa kaʼan “hin fuudhan hin heerumanis” ennaa jedhetti, waaʼee namoota lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼanii dubbachuusaa turee?

Yesus kana kan dubbate namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼan sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa. Sababnisaas, Yesus namoonni kun ‘duʼaa kaʼuuf ayyaana akka argataniifi’ ‘deebiʼanii duʼuu akka hin dandeenye’ dubbatee ture.—8/15, fuula 29-30.

‘Carraaqqii’ gochuu jechuun maal jechuudha?

Jechi Macaafa Qulqulluu “carraaqu” jedhu, jecha afaan Giriikii garaadhaa hawwuu ykn hiixachuu argisiisurraa dhufe. Taʼus, mirga “ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa” taʼuu argachuuf ofittummaadhaan hiixachuu jechuu miti. Namoonni jaarsa taʼanii tajaajiluuf fedhan, galmisaanii aangoo argachuuf utuu hin taʼin “hojii baʼeessa” hojjechuuf taʼuu qaba.—9/15, fuula 3-6.

Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleesaanii tiksuuf maal gochuu dandaʼu?

Sirritti isaan beekuuf ijoolleesaanii dhaggeeffachuufi karaa hafuuraa isaan sooruuf carraaqqii gochuu qabu. Akkasumas, jaalalaan isaan qajeelchuu qabu; fakkeenyaaf, yeroo dhimmawwan hafuuraa wajjin haala wal qabateen shakkiin isaanitti uumamu kana gochuu dandaʼu.—9/15, fuula 18-21.

Wantoonni bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti hin jiraanne maalfaʼi?

Rakkinni fayyaa, duuti, hojii dhabuun, waraanni, hanqinni nyaataafi hiyyummaan hin jiraatu.—Onk.-Mud. fuula 6-7.

Kakuun Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameefi warri kaan Yesuusii wajjin akka bulchan dandeessisu isa kami?

Yesus Irbaata Gooftaa erga hundeessee booda, bartootasaa amanamoo taʼanii wajjin kakuu galeera; kakuun kun kakuu Mootummichaa jedhama. (Luq. 22:28-30) Kakuun kun samiirratti Yesusii wajjin akka bulchan isaaniif mirkaneesseera.—10/15, fuula 16-17.

Hojii Ergamootaa 15:14rratti (NW) akka ibsametti, Yaaqoob “saba maqaa isaatiif taʼu” kan jedhe eenyuuni?

Sabni kun, amantoota Yihudii taʼaniifi Yihudii hin taʼin of keessatti kan qabate siʼa taʼu, warra Waaqayyo qomoo foʼamaa akka taʼaniifi “hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif” filatedha. (1 Phe. 2:9, 10)—11/15, fuula 24-25.