Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kennaa Addaa Jaappaaniif Kenname

Kennaa Addaa Jaappaaniif Kenname

WALGAʼII addaa Ebla 28, 2013tti Naagoyaa, Jaappaan keessatti godhame irratti, miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Antoonii Mooriis barreeffamni Macaafa Qulqulluu—Wangeela Maatewos jedhamu akka baʼe beeksisuudhaan dhaggeeffattootatti oduu gammachiisaa isaan hin eegne himeera. Dhaggeeffattoonni 210,000 ol taʼanii fi qaamaan argamuudhaan, akkasumas viidiyoo Intarneetiitiin saganticha hordofaa turan utuu wal irraa hin kutin harka walitti rukutan.

Wangeelli Maatewos fuula 128 qabuu fi Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Jaappaaniin qophaaʼe irraa fudhatame kun baayʼee adda dha. Obboleessi keenya Mooriis, barreeffamni kun “fedhii Jaappaanotaa guutuuf akka qophaaʼe” dubbateera. Kitaabni kun haala akkamiitiin qophaaʼe? Kan qophaaʼe hoo maaliifi? Namoota biratti fudhatama argateeraa?

HAALA AKKAMIITIIN QOPHAAʼE?

Haalli Kitaabni Maatewos itti qophaaʼe dhaggeeffattoota dinqisiisee ture. Qubeen Afaan Jaappaan irraan gadee ykn dalga kan barreeffamu siʼa taʼu, barreeffamoota keenya dhiheenyatti qophaaʼan dabalatee barreeffamoonni muraasni dalga barreeffamu. Taʼus, qubeewwan barreeffama haaraa kanaa bifa barreeffamaa gaazexootaa fi hojiiwwan ogbarruu Jaappaan hordofuudhaan irraan gadee barreeffaman. Jaappaanonni hedduun, akkaataan barreeffamaa kun dubbisaaf salphaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Akkasumas, namoonni dubbisan yaada ijoo salphaatti hubachuu akka dandaʼanitti, ibsi gubbaa tokkoon tokkoon fuulaa irratti barreeffamu, qabiyyee fuulichaa gidduu galee akka mata duree xiqqaatti barreeffameera.

Obboloonni Jaappaan keessa jiraatan, kitaaba Maatewos isa bifa addaatiin qophaaʼe kanatti yeruma sana fayyadamuu jalqaban. Obboleettiin umurii waggoota 80mmanii keessa jirtu, “Kanaan dura Wangeela Maatewos siʼa baayʼee dubbiseera; taʼus irraan gadee barreeffamuun isaa fi mata dureewwan xixiqqaan, Lallaba Isa Gaara Irraa caalaatti hubachuuf na gargaareera” jetteetti. Obboleettiin tokko immoo, “Kitaaba Maatewos takkaattan dubbisee fixe. Ani isa dalga barreeffametti fayyadamuu bareera; namoonni Jaappaan hedduun garuu isa irraan gadee barreeffamu filatu” jetteetti.

JAAPPAANOTAAF QOPHAAʼE

Kitaabni haala addaatiin qophaaʼe kun, fedhii Jaappaanotaa kan guutu maaliifi? Namoonni Jaappaan hedduun Macaafa Qulqulluu wajjin baayʼee kan wal hin beekne taʼanis, kitaaba kana dubbisuuf fedhii qabu. Hiikkaan Wangeela Maatewos kun, namoonni Macaafa Qulqulluu arganii hin beekne, kutaa Macaafa Qulqulluu kana akka qabaatanii fi akka dubbisan carraa isaaniif bana.

Wangeelli Maatewos maaliif filatame? Jaappaanonni hedduun, jecha “Macaafa Qulqulluu” jedhu yeroo dhagaʼan Yesus Kiristosiin yaadatu. Kanaaf, Wangeelli Maatewos kan filatame, mata dureewwan xiyyeeffannaa Jaappaanota hedduu hawwatan jechuunis, seenaawwan waaʼee hidda dhalootaa Yesusii fi akkaataa dhaloota isaa dubbatan, lallaba isaa isa gaara irraa fi raajiiwwan inni guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbate waan qabateefi dha.

Babalʼistoonni Jaappaan keessa jiraatan, barreeffama kana manaa gara manaattii fi yeroo deddeebii  gaaffii godhanitti hinaaffaadhaan raabsuu jalqabaniiru. Obboleettiin tokko, “Amma namoota naannoo keenya jiraniif Dubbii Waaqayyoo raabsuuf carraa dabalataa argadheera. Gaafuma walgaʼiin addaa godhame sana iyyuu waaree booda macaafa Maatewos tokko kennuu dandaʼeera!” jetteetti.

NAMOOTA BIRATTI FUDHATAMA ARGATEERAA?

Babalʼistoonni kitaaba Maatewos kan beeksisan akkamitti? Jaappaanonni hedduun, yaadawwan kanneen akka “karra isa dhiphaa,” ‘callee booyyee dura buusuu,’ akkasumas ‘waaʼee borii hin yaaddaʼinaa’ jedhan sirriitti beeku. (Mat. 6:34; 7:6, 13) Yaadawwan kana kan dubbate Yesus Kiristos taʼuu isaa yeroo beekan baayʼee ajaaʼibsiifatu. Namoonni baayʼeen yaadawwan kana kitaaba Maatewos keessatti yeroo argan, “Yoo xinnaate siʼa tokko Macaafa Qulqulluu dubbisuu nan barbaadan ture” jedhaniiru.

Babalʼistoonni namoota kitaaba Maatewos fudhatan deebiʼanii yeroo gaafatan, baayʼeen isaanii guutummaa isaa ykn hamma tokko yeruma sana akka dubbisan dubbataniiru. Namni umurii waggoota 60mmanii keessatti argamu tokko, “Kitaabicha irra deddeebiʼee kanan dubbise siʼa taʼu, jajjabina irraa argadheera. Maaloo Macaafa Qulqulluu caalaatti na barsiisaa” jedheera.

Kitaabni Maatewos tajaajila addaa bakka namoonni itti baayʼatanitti godhamu irratti raabsamaa jira. Obboleettiin tokko tajaajila kana irratti yeroo hirmaattutti, shamarree kitaaba Maatewos fudhatte tokkoof iimeelii ishee kennite. Shamarreen kun, kitaaba kana hamma tokko akka dubbistee fi beekumsa dabalataa argachuu akka barbaaddu saʼaatii tokko booda obboleettii kanaaf barreessite. Torban tokko booda qayyabannaa kan jalqabde siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turin walgaʼii gumii irratti argamuu eegalteetti.

Barreeffamni, Macaafa Qulqulluu—Wangeela Maatewos jedhamu kun, koppiin 1,600,000 ol gara gumiiwwan Jaappaanitti ergameera; Dhugaa Baatonni jiʼa jiʼaan barreeffama kana koppii kumaatama kudhaniin lakkaaʼamu raabsaa jiru. Seensi barreeffama kanaa, “Jildii kana dubbisuun kee fedhii Macaafa Qulqulluutiif qabdu akka sii guddisu abdanna” jechuudhaan hawwii qopheessitootaa ibsa.