Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ija Jabinaa Fi Hubannaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa

Ija Jabinaa Fi Hubannaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa

“Isin isa . . . hin argine yoo taʼe iyyuu, isa in jaallattu; amma yoo isa arguu dhaabaattan iyyuu, isatti in amantu.” —1 PHE. 1:8.

1,2. (a) Fayyina argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Karaa fayyinatti geessu irra deemuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

DUUKA BUUTUU Kiristos yeroo taanetti karaa deemuu jalqabneerra. Karaan kun jireenya samii irratti ykn lafa irratti arganutti nu geessuu dandaʼa. Yesus, “Namni hamma dhumaatti [hamma dhuma jireenya isaatti ykn dhuma sirna hamaa kanaatti] jabaatee dhaabatu garuu in fayya” jedheera. (Mat. 24:13) Eeyyee, amanamummaadhaan yoo itti fufne, fayyina argachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, yeroo karaa kana irra deemnutti xiyyeeffannaan keenya akka hin hihhiramne ykn karaa irraa akka hin maqne of eeggachuu qabna. (1 Yoh. 2:15-17) Adeemsa keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Yesus karaa kana irra deemuudhaan fakkeenya nuu taʼeera. Adeemsi inni godhe Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffameera. Wanta galmeeffame kana qorachuudhaan, Yesus amala akkamii akka qabu beekuu ni dandeenya. Karaa kanaan, isa jaallachuu fi isatti amanuu ni dandeenya. (1 Phexros 1:8, 9 dubbisi.) Phexros ergamaan, Yesus  faana isaa duukaa akka buunu fakkeenya akka nuu kaaʼe dubbachuu isaa yaadadhu. (1 Phe. 2:21) Fakkeenya isaa akka gaariitti yoo hordofne, ‘akeeka’ amantii keenyaa irra ni geenya, jechuunis fayyina ni arganna. * Mata duree darbe irratti, amala gad of deebisuu fi gara laafinaa argisiisuudhaan Yesusiin fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalleerra. Amma immoo ija jabinaa fi hubannaa qabaachuudhaan fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

YESUS IJA JABEESSA DHA

3. Ija jabinni maali dha? Ija jabina qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Ija jabinni, miira nu jabeessuu fi rakkina dandaʼuuf nu gargaaru dha. Ija jabina qabaachuun, “rakkina keessatti jabaatanii dhaabachuu,” “wanta sirrii taʼe deggeruu,” akkasumas “ulfinaa fi amantiidhaan rakkina dandamachuu” jedhamee ibsameera. Ija jabinni sodaa, abdii fi jaalalaa wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba. Akkamitti? Waaqayyoon sodaachuun, sodaa namootaa moʼuuf ija jabina nuu kenna. (1 Sam. 11:7; Fak. 29:25) Abdiin dhugaan, rakkina keessa jirru qofa akka hin ilaallee fi yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan akka eeggannu nu gargaara. (Far. 27:14, NW) Jaalala fedhii ofii aarsaa godhu qabaachuun, haala balaadhaaf nu saaxilu keessatti illee ija jabina argisiisuuf nu gargaara. (Yoh. 15:13) Waaqayyotti amanamuu fi faana Ilma isaa duukaa buʼuudhaan ija jabina qabaachuu ni dandeenya.—Far. 28:7.

4. Yesus mana qulqullummaatti “barsiisota gidduu” yeroo turetti ija jabina akka qabu kan argisiise akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Yesus yeroo mucaa waggaa 12 turetti illee ija jabinaan wanta sirrii taʼe deggereera. Yommuu “mana qulqullummaa keessa, barsiisota gidduu taaʼee” turetti wanta taʼe hubadhu. (Luqaas 2:41-47 dubbisi.) Barsiisonni sun Seera Musee qofa utuu hin taʼin, seera namootaa isa Seerichaa wajjin wal faallessus akka gaaritti beeku turan. Taʼus Yesus sodaatee callisuu mannaa ‘gaaffii isaan gaafateera.’ Gaaffii yeroo baayʼee ijoolleen waan tokko beekuuf gaafatan isaan gaafachaa akka hin turre ifa dha. Kanaa mannaa, gaaffii barsiisonni barumsa qaban sun of eeggannoodhaan akka irratti yaadan godhu isaan gaafachaa akka ture tilmaamuu dandeenya. Tarii, kiyyoo keessa isa galchuuf gaaffii rakkisaa taʼe isa gaafataniiru yoo taʼes isaaniif hin milkoofne. Barsiisota dabalatee namoonni isa dhaggeeffachaa turan hundi, “hubannaa isaa fi deebii” inni dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru deggeruudhaan kenne kan “dinqifatan” kanaafi!

5. Yesus lafa irra ennaa tajaajilaa turetti ija jabina kan argisiise karaawwan kamiini?

5 Yesus yeroo lafa irratti tajaajilaa turetti ija jabina akka qabu karaa garaa garaatiin argisiiseera. Barsiisonni amantii barumsa sobaatiin sabicha dogoggorsuu isaanii ija jabinaan saaxileera. (Mat. 23:13-36) Dhiibbaa biyya lafaa isa nama faalu ciminaan moʼeera. (Yoh. 16:33) Mormitoonni utuma dhiibbaa isa irraan gaʼanii lallabuu isaa itti fufeera. (Yoh. 5:15-18; 7:14) Namoota waaqeffannaa dhugaa xureessan ariʼuudhaan, yeroo lama sodaa malee mana qulqullummaa qulqulleesseera.—Mat. 21:12, 13; Yoh. 2:14-17.

6. Yesus guyyaa itti ajjeefametti ija jabina kan argisiise akkamitti?

6 Ija jabina Yesus haala rakkisaa keessatti argisiise hordofuun keenya amantii keenya nuu jabeessa. Mee ija jabina guyyaa itti ajjeefametti argisiise haa ilaallu. Yesus wanta namni isa dabarsee kennu gochuuf jedhu beeka ture. Taʼus, irbaata Faasikaa irratti Yihuudaadhaan, “Waan gochuuf jettu dafii godhi!” jedheera. (Yoh. 13:21-27) Yesus iddoo dhaabaa Getesemaaneetti, loltoota isa qabuuf dhufaniif sodaa malee eenyummaa isaa ibseera. Lubbuun isaa iyyuu balaadhaaf saaxilamee utuu jiruu, duuka buutota isaa akka dhiisan isaan gaafateera. (Yoh. 18:1-8) Ennaa yaaʼii Yihudootaa  duratti gaaffiidhaaf dhihaatetti, angafni lubootaa sababa itti isa ajjeesu barbaadaa akka jiru kan beeku taʼus, inni Kiristos, akkasumas Ilma Waaqayyoo akka taʼe ija jabinaan dubbateera. (Mar. 14:60-65) Yesus hanga muka irratti fannifamee duʼuutti amanamummaa isaa eegeera. Yommuu hafuura isaa isa dhumaa baafatetti miira injifannootiin, “Fiixaan baʼeera” jedheera.—Yoh. 19:28-30.

IJA JABINA YESUS HORDOFAA

7. Dargaggoonni, maqaa Yihowaatiin waamamuuf mirga argachuu keessanitti maaltu isinitti dhagaʼama? Ija jabina akka qabdan argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

7 Ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mana barumsaatti. Dargaggoonni, Dhugaa Baatota Yihowaa akka taatan dubbachuun keessan ijoolleen isinii wajjin baratan ykn namoonni kan biroon akka isinitti qoosan kan godhu taʼus, akkas gochuun keessan ija jabina akka qabdan argisiisa. Karaa kanaan, maqaa Yihowaatiin waamamuu keessanitti akka boontan argisiistu. (Faarfannaa 86:12 dubbisi.) Tarii, barumsi jijjiirama tirannaa dhugaa akka taʼe akka amantan dhiibbaan isin irratti godhamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, uumama ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu amanuuf sababa gaʼaa qabdu. ‘Nama waaʼee abdii keessanii isin gaafatuuf’ ragaa dhiheessuuf, birooshura Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shanan (Amaariffa) jedhamutti fayyadamuu dandeessu. (1 Phe. 3:15) Yeroo kanatti dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru deggeraa akka jirtan beekuun keessan isin gammachiisa.

8. Ija jabinaan lallabuuf sababa maalii qabna?

8 Tajaajila keenya irratti. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, “aangoo Yihowaatiin ija jabinaan dubbachuu” keenya itti fufuu qabna. (HoE. 14:3, NW) Ija jabinaan lallabuuf sababa maalii qabna? Wanti lallabnu Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, dhugaa taʼuu isaa beekna. (Yoh. 17:17) ‘Waaqayyoo wajjin akka hojjennu,’ akkasumas gargaarsa hafuura qulqulluu akka qabnu beekna. (1 Qor. 3:9, hiika bara 1899; HoE. 4:31) Hinaaffaadhaan dhugaa baʼuun keenya, jaalala Yihowaa fi namootaaf qabnu akka argisiisu ni hubanna. (Mat. 22:37-39) Ija jabina waan qabnuuf, namoonni akka callisnu gochuu hin dandaʼan. Soba amantiiwwanii isa namoonni dhugaa arguu akka hin dandeenye godhe saaxiluuf kutanneerra. (2 Qor. 4:4) Akkasumas, namoonni dantaa kan hin qabne, kan nutti qoosan ykn kan nu morman taʼus misiraachicha lallabuu keenya ittuma fufna.—1 Tas. 2:1, 2.

9. Rakkinni yeroo nu mudatutti ija jabina argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Rakkinni yeroo nu mudatutti. Waaqayyotti amanamuun, amantii fi ija jabina rakkina dandaʼuuf nu dandeessisu nuu kenna. Namni jaallannu tokko yoo nu jalaa duʼe kan gaddinu taʼus abdii hin kutannu. “Waaqayyo jajjabina hundumaa” jabina akka nuu kennu amanannaadhaan gaafanna. (2 Qor. 1:3, 4; 1 Tas. 4:13) Dhukkubni ykn balaan cimaan ennaa nu mudatu haalli isaa kan nu dhiphisu taʼus, ejjennoo keenya hin laaffisnu. Yaalii fayyaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faalleessu kam iyyuu hin fudhannu. (HoE. 15:28, 29) Yeroo dhiphannutti, ‘garaan keenya kan nutti faradu’ taʼus, Waaqa isa “warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo” taʼetti waan amanamnuuf gaddaan hin liqimfamnu. *1 Yoh. 3:19, 20; Far. 34:18.

YESUS HUBATAA DHA

10. Hubannaan maali dha? Namni Yihowaa waaqeffatuu fi hubannaa qabu dubbiinii fi akkaataan jireenyaa isaa maal fakkaata?

10 Hubannaan dandeettii waa madaaluu ti; kunis, dandeettii wanta sirrii taʼe isa dogoggora taʼe irraa adda baasuu fi karaa isa sirrii taʼe filachuu ti. (Ibr. 5:14) “Dandeettii dhimmoota hafuuraa ilaalchisee murtoo sirrii gochuu” jedhamee hiikameera. Namni Yihowaa waaqeffatuu fi hubannaa qabu  karaa Yihowaa gammachiisuun dubbata, akkasumas akkaataa jireenyaa isa gammachiisu hordofa. Namni akkasii jechoota nama hubanitti utuu hin taʼin nama gargaaranitti fayyadama. (Fak. 11:12, 13) ‘Dheekkamsattis suuta jedha.’ (Fak. 14:29) Jireenya isaa keessatti murtoo gaarii gochuudhaan “karaa isa qajeelaa irra deema.” (Fak. 15:21, NW) Hubannaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii Waaqayyoo qayyabachuu fi wanta baranne hojii irra oolchuu qabna. (Fak. 2:1-5, 10, 11) Keessumaa immoo, fakkeenya Yesus isa namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa hubannaa qabuu ilaaluun keenya nu gargaara.

11. Yesus dubbii isaatiin hubannaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

11 Yesus dubbii isaatiinis taʼe gocha isaatiin hubannaa akka qabu argisiiseera. Dubbii isaatiin. Yommuu namootaaf lallabetti “dubbii gaarii” dhaggeeffattoonni isaa dinqisiifatan fayyadamuudhaan dandeettii waa madaaluutti fayyadameera. (Luq. 4:22; Mat. 7:28) Yeroo baayʼee caqasa yaada dubbatuuf ragaa taʼu Dubbii Waaqayyoo irraa dubbisuudhaan, caqasuudhaan, akkasumas afaaniin ibsuudhaan Dubbiin Waaqayyoo akka dubbatu godha ture. (Mat. 4:4, 7, 10; 12:1-5; Luq. 4:16-21) Kana malees, karaa garaa dhaggeeffattoota isaa tuquun Caaffata Qulqullaaʼoo ibsa ture. Erga duʼaa kaʼee booda bartoota isaa gara Emaahus deemaa turan lamatti ennaa dubbatetti, Caaffata Qulqullaaʼoo irraa “iddoo itti waaʼee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.” Bartoonni isaa kunis booda akkas jedhaniiru: ‘Yeroo inni macaafa keessatti kan caafame nuu ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?’—Luq. 24:27, 32.

12,13. Fakkeenyonni, Yesus dheekkamsatti suuta jedhaa fi ilaalcha madaalamaa kan qabu akka taʼe argisiisan kam faʼi?

12 Miiraa fi ilaalcha isaatiin. Hubannaa qabaachuun isaa miira isaa akka toʼatuu fi “obsa-qabeessa [“dheekkamsatti suuta jedhaa,” NW]” akka taʼu Yesusiin gargaareera. (Fak. 16:32) Akkasumas, Yesus “garraamii” ture. (Mat. 11:29) Yeroo isaan dogoggora raawwatan dabalatee, yeroo hunda bartoota isaatti obsa argisiisa ture. (Mar. 14:34-38; Luq. 22:24-27) Yeroo jalʼinni irratti raawwatametti illee calliseera.—1 Phe. 2:23.

13 Kana malees, Yesus hubannaa qabaachuun isaa ilaalcha madaalamaa akka qabaatu isa gargaareera. Yaada Seera Musee duuba jiru hubatee ture; wanta hubates hojii irra ni oolcha ture. Seenaa Maarqos 5:25-34 irra jiru akka fakkeenyaatti ilaalaa. (Dubbisi.) Dubartiin dhiigni ishee dhangalaʼaa ture namoota hedduu keessa dabartee uffata Yesus kan tuqxe siʼa taʼu, dhukkuba ishee irraa fayyite. Akka Seerichaatti qulqulluu waan hin taaneef, nama kam iyyuu tuquu hin qabdu turte. (Lew. 15:25-27) Haa taʼu malee, Yesus wantoonni ‘seera Waaqayyoo keessaa caalaatti barbaachisan’ kan akka ‘gara-laafinaa fi amanamummaa’ taʼuu isaanii waan hubateef uffata isaa tuquu isheetti isheetti hin dheekkamne. (Mat. 23:23) Kanaa mannaa gaarummaadhaan, “Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi, dhukkuba keettiis kan fayyite taʼi!” isheedhaan jedhe. Hubannaan Yesus, gaarummaa akkanaa akka argisiisu kan isa kakaase taʼuun isaa garaa namaa kan tuqu dha!

14. Yesus maal gochuu filate? Akkaataa jireenyaa filate hordofuu isaa kan itti fufe hoo akkamitti?

14 Akkaataa jireenyaa isaatiin. Yesus akkaataa jireenyaa isa sirrii filachuudhaan, akkasumas isatti maxxanuudhaan hubannaa akka qabu argisiiseera. Jireenya isaa keessatti hojii isaa isa guddaa akka taʼetti ilaaluudhaan, misiraachicha hinaaffaadhaan lallabeera. (Luq. 4:43) Murtoo hojii isaa kana irratti xiyyeeffachuuf isa gargaaru gochuudhaan, akkasumas milkaaʼina hojiin kun argamsiisu irratti xiyyeeffachuudhaan daandii jireenyaa filate kana irra deemuu isaa itti fufeera. Jireenya salphaa jiraachuuf waan filateef, yeroo fi humna isaa guutummaatti tajaajila isaa irra oolchuu dandaʼeera. (Luq. 9:58) Erga inni duʼee boodas hojichi akka itti fufuuf namoota kaan leenjisuun akka barbaachisus hubatee ture. (Luq. 10:1-12; Yoh. 14:12) “Hamma dhuma baraatti” hojii kana irratti isaanii wajjin akka taʼu duuka buutota isaatiif waadaa galeera.—Mat. 28:19, 20.

HUBANNAA YESUS HORDOFAA

Fedhii namootaa hubachuudhaan jechoota haala isaanii wajjin deeman filadhu (Keeyyata 15 ilaali)

15. Dubbii keenyaan hubannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Mee karaa fakkeenya Yesus hordofuu itti dandeenyu kan biraa haa ilaallu. Dubbii keenyaan. Obboloota keenyaa wajjin ennaa haasofnu jechoota isaan miidhanitti utuu hin taʼin, jechoota isaan jajjabeessanitti fayyadamna. (Efe. 4:29) Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namootatti ennaa himnu, jechoota ‘akka soogiddaa miyaaʼaa’ taʼanitti fayyadamna. (Qol. 4:6) Wanta namoota haasofsiisnuuf barbaachisuu fi fedhii isaanii hubachuuf yaalii gochuudhaan, jechoota sirrii taʼanitti fayyadamna. Jechoota gaarii taʼanitti fayyadamuun keenya, namoonni nu dhagaʼuuf fedhii akka qabaatanii fi ergaan keenya garaa isaanii akka tuqu gochuu dandaʼa . Akkasumas, waaʼee amantii keenyaa ennaa ibsinu Macaafa Qulqulluutti fayyadamna. Macaafa Qulqulluudhaaf iddoo guddaa waan kenninuuf, yeroo nuu dandaʼame hundatti bannee isaanii dubbisna. Ergaan Macaafa Qulqulluu wanta nuyi dubbachuu dandeenyu kam irra iyyuu caalaa humna akka qabu ni hubanna.—Ibr. 4:12.

16,17. (a) Dheekkamsatti suuta jedhaa fi ilaalcha madaalamaa kan qabnu taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Tajaajila keenya irratti xiyyeeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Miiraa fi ilaalcha keenyaan. Hubannaan, miira keenya toʼachuudhaan “dheekkamuuttis suuta jedhaa” akka taanu nu gargaara. (Yaq. 1:19) Yommuu namoonni nu aarsan, wanta dubbii fi gocha isaanii duuba jiru hubachuuf yaalla. Hubannaan akkasii, aarii keenya qabbaneessuudhaan ‘balleessaa irra namaaf darbuuf’ nu gargaara. (Fak. 19:11) Hubannaan garraamii taʼuuf ykn ilaalcha madaalamaa qabaachuufis nu gargaara. Tarii, rakkina nuyi guutummaatti hubachuu hin dandeenye keessa taʼuu akka dandaʼan yaadachuudhaan, wanta obboloota keenya irraa eegnu irratti hubannaa akka qabnu argisiisuuf yaalla. Yaada isaanii dhaggeeffachuuf fedhii ni qabaanna; akkasumas, sirrii hamma taʼetti yaada isaanii ni fudhanna.—Filp. 4:5.

17 Akkaataa jireenyaa keenyaan. Duuka buutota Yesus waan taaneef, mirgi hojii misiraachicha lallabuu irratti hirmaachuu caalu akka hin jirre ni hubanna. Murtoo tajaajila keenya irratti xiyyeeffachuuf nu dandeessisu gochuudhaan akkaataa jireenyaa filanne irra deemuu keenya itti fufna. Dhumni sirna kanaa dhufuu isaa dura hojii lallabaa irratti hamma dandeenye hirmaachuuf akka nu dandeessisutti, wantoota hafuuraatiif dursa kennuu fi jireenya salphaa taʼe jiraachuuf filanna.—Mat. 6:33; 24:14.

18. Karaa gara fayyinaatti geessu irra deemuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Maal gochuuf murteessiteetta?

18 Amaloota Yesus nama hawwatan irratti xiinxaluu keenyaan gammachuu hin argannee? Amaloota isaa kaan irratti qorannaa gochuunii fi isa fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe barachuun hammam akka fayyadu yaadi. Kanaafuu, faana isaa duukaa buʼuuf haa murteessinu. Kana gochuudhaan, karaa gara fayyinaatti geessu irra deemuu keenya itti fufuu fi Waaqa keenya Yihowaa isa Yesus guutummaatti fakkeenya isaa hordofetti dhihaachuu ni dandeenya.

^ KEY. 2 Phexros Inni Duraa 1:8, 9 kan barreeffame, Kiristiyaanota samii irra jiraachuuf abdii qabaniifi. Haa taʼu malee, namoota lafa irra jiraachuuf abdii qabaniifis yaadni isaa akka seera buʼuuraatti ni hojjeta.

^ KEY. 9 Rakkinni yeroo nu mudatutti ija jabina argisiisuu ilaalchisee muuxannoowwan fakkeenya taʼan argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 2000 (Amaariffa), fuula 24-28; Dammaqaa! Caamsaa, 2003 (Amaariffa), fuula 16-19; Dammaqaa! Amajjii 22, 1995 (Ingiliffa), fuula 11-15 ilaali.