Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Barsiisa Yihowaatiif’ Saboota Qopheessuu

‘Barsiisa Yihowaatiif’ Saboota Qopheessuu

“Bulchaan biyyaa sunis barumsa Yihowaa dinqisiifatee waan tureef . . . ni amane.”—HoE. 13:12, NW.

1-3.Bartoonni Yesus wangeelicha “saba hundumaatti” labsuu wajjin haala wal qabateen rakkinni akkamii isaan mudatee ture?

HOJIIN Yesus Kiristos duuka buutota isaatiif kenne salphaa hin turre. “Dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedhee isaan ajajeera. Hojii kana yeroo raawwatanitti, olee bulee, “saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama.”—Mat. 24:14; 28:19.

2 Bartoonni Yesus, isas taʼe misiraachicha ni jaallatu turan. Taʼus, hojii isaaniif kenname kana akkamitti raawwachuu akka dandaʼan gaaffii isaanitti taʼuu hin oolle. Lakkoofsi isaanii muraasa ture. Yesus inni isaan Ilma Waaqayyoo akka taʼe labsaa turanis ajjeefameera. Bartoonni isaa “barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes” akka taʼanitti ilaalamu turan. (HoE. 4:13) Haa taʼu malee, ergaan isaan dubbachuu qaban, barumsa geggeessitoonni amantii duudhaa bara durii kaasee ture baratanii fi kabajamoo taʼan barsiisanii wajjin kan wal faallessu ture. Bartoonni isaa biyya dhalootaa isaanitti illee kabajni isaaniif hin kennamu ture. Akkasumas, biyyoota Bulchiinsa Roomaa jala jiranii fi ulfina qabeessa taʼan kaanii wajjin yeroo wal bira qabamu, sabni Israaʼel iddoo guddaan kan kennamuuf hin turre.

3 Kana malees, Yesus akka jibbamanii fi ariʼatamni akka isaan irra gaʼu, akkasumas isaan keessaa tokko tokko akka ajjeefaman bartoota isaatti himeera. (Luq. 21:16, 17) Dhiibbaa ariʼatamni fi raajonni sobaa isaan irra geessisan, akkasumas dhiibbaa seera malee jiraachuun inni babalʼatee ture isaan irra geessisu dandamachuu qabu turan. (Mat. 24:10-12) Utuma ergaan isaanii bakka hundatti fudhatama argatee iyyuu, ergaa kana “hamma andaara lafaatti” geessuu kan dandaʼan akkamitti? (HoE.1:8) Haalawwan rakkisaa taʼan kun isaan yaaddessanii taʼuu qaba!

4. Bartoonni jaarraa jalqabaatti turan hojii lallabaa irratti hammam milkaaʼaniiru?

4 Wanti isaan yaaddessu maali iyyuu yoo taʼe, bartoonni isaa Yerusaalemii fi Samaariyaa keessatti qofa utuu hin taʼin, addunyaa yeroo sana ture maratti wangeelicha lallabuudhaan qabamanii turan. Bartoota kana irra rakkinni garaa garaa gaʼus, wangeelichi waggaa 30 keessatti “waaqa jalaa uumama hundumaatti lallabamee” ture; akkasumas, addunyaa mara irratti ‘ija godhachaa fi balʼachaa’ ture. (Qol. 1:6, 23) Fakkeenyaaf, wanta Phaawulos odoola Qophrositti dubbatee fi godheen kan kaʼe, bulchaan biyyaa lammii Roomaa Sergiiyos Phaawulos jedhamu “barumsa Yihowaa dinqisiifatee waan tureef . . . ni amane” (NW).—Hojii Ergamootaa 13:6-12 dubbisi.

5. (a) Yesus bartoota isaatiif maal mirkaneessee ture? (b) Haala jaarraa jalqabaatti ture ilaalchisee kitaabni seenaa tokko maal jedhe?

5 Bartoonni Yesus hojii lallabaa kana ofii isaaniitiin qofa raawwachuu akka hin dandeenye beeku turan. Yesus, inni isaanii wajjin akka taʼuu fi hafuurri qulqulluun akka isaan gargaaru isaanitti himee ture. (Mat. 28:20) Karaa tokko tokkoon, haalawwan addunyaa yeroo sanaa Mootummicha lallabuuf mijataa kan turan fakkaata. Kitaabni Ingiliffaa Waldaa Jalqabaa Keessatti Hojii Wangeela Labsuu jedhamu akkas jedha: “Seenaa keessatti addunyaan waldaa reefuu hundeeffame kana akka fudhatuuf jaarraa tokkoffaa caalaa yeroon mijataa ture kan biraan hin turre jechuun ni dandaʼama. . . . Jaarraa lammaffaatti Kiristiyaanonni . . . hundeeffama Kiristiyaanummaatiif addunyaa kana kan qopheesse Waaqayyo akka taʼetti yaaduu jalqabanii turan.”

6. (a) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla? (b) Mata duree itti aanu keessatti waaʼee maalii ilaalla?

6 Hojiin lallabaa balʼinaan akka hojjetamuuf Waaqayyo haalawwan jaarraa jalqabaatti turan toʼachuudhaan gargaarsa akka godhe Macaafni Qulqulluun hin dubbatu. Wanti mirkanaaʼoo taanee dubbachuu dandeenyu garuu, Yihowaan misiraachichi akka lallabamu kan barbaadu taʼus, Seexanni kun akka taʼu hin barbaadu ture. Mata duree kana keessatti haalawwan yeroo kaan caalaa jaarraa tokkoffaatti hojiin lallabaa salphaa akka taʼu godhan tokko tokko ilaalla. Mata duree itti aanu keessatti immoo, wantoota guddinni ammayyaa argamsiisee fi misiraachicha hamma andaara lafaatti labsuuf nu gargaaran ilaalla.

PAAKSI ROOMAANAAN KAN ISAAN GARGAARE AKKAMITTI?

7. Paaksi Roomaanaan maali dha? Adda kan isa godhu hoo maali?

7 Bulchiinsi Roomaa jaarraa jalqabaatti ture karaa tokko tokkoon Kiristiyaanota fayyadeera. Fakkeenyaaf, yeroon Paaksi Romaanaa ykn Nagaa Roomaa jedhamu jira ture. Bulchiinsi Roomaa inni balʼaan uummata isa jala jiruuf tasgabbii argamsiisee ture. Taʼus, akkuma Yesus dursee dubbate, al tokko tokko ‘lollii fi oduun lolaa’ jira ture. (Mat. 24:6) Dh.K.B. bara 70tti waraanni Roomaa Yerusaalemiin kan balleesse siʼa taʼu, naannoo daangaawwan bulchiinsa Roomaattis walitti buʼiinsi tokko tokko ni uumama ture. Haa taʼu malee, bara Yesusii jalqabee gara waggaa 200f biyyoonni naannoo Mediteraaniyaanii lola irraa bilisa turan jechuun ni dandaʼama. Kitaabni tokko akkas jedheera: “Seenaa dhala namaa keessatti nageenyi walii galaa yeroo dheeraa hammasiitiif jiraatee hin beeku; sana boodas uummata hammas baayʼatu gidduu nagaan haala dhaabbataa taʼeen akka jiraatu hin godhamne.”

8. Nagaan yeroo sana ture Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa kan fayyade akkamitti?

8 Hayyuun amantii jaarraa sadaffaatti jiraatee fi Oriijan jedhamu akkana jechuudhaan yaada isaa ibseera: “Bulchiinsa garaa garaatu ture utuu taʼee barsiisni Yesus addunyaa maratti akka hin babalʼanne godha ture . . . Sababni isaas utuu akkas taʼee dhiironni bakka hunda jiran loltuu taʼanii akka tajaajilaniif, akkasumas biyya isaanii eeguudhaaf akka lolan ni dirqisiifamu turan. . . . Kanaafuu, utuu haalli addunyaa bakka hunda jiru hin jijjiiramne taʼee fi bara Yesusitti tasgabbiin hin turre taʼee, barumsi nagaa labsuu fi namoonni diinota isaanii irratti illee haaloo akka hin baane dhorku kun akkamitti babalʼachuu dandaʼa ture?” Bulchiinsa Roomaa keessatti labsitoota Mootummichaa irra ariʼatamni gaʼeera; haa taʼu malee isaan naga qabeeyyii turan; haala yeroo sanaa hamma tokko naga qabeessa ture irraas faayidaa waan argatan fakkaata.—Roomaa 12:18-21 dubbisi.

KARAAN HAMMA TOKKO MIJATAA TAʼE KAN ISAAN GARGAARE AKKAMITTI?

9,10. Bartoota Yesusiif Bulchiinsa Roomaa keessa biyya tokkoo gara kan biraatti imaluun mijataa ture kan jennu maaliifi?

9 Karaawwan warri Roomaa hojjetan Kiristiyaanotaaf faayidaa guddaa argamsiisaniiru. Roomaan humna waraanaa cimaa fi buʼa qabeessa nageenyi akka jiraatu gochuuf, akkasumas bitamtoota ishee toʼachuuf ishee gargaaru qabdi turte. Humna waraanaa isaanii dafanii sochoosuu akka dandaʼanitti karaan gaarii taʼe ni barbaachisa ture; warri Roomaa immoo karaa hojjechuu irratti ogummaa qabu turan. Ogeessonni Roomaa, karaawwan kiilomeetira 80,000 ol dheeratanii fi bulchiinsawwan isaanii hedduu wal qunnamsiisan hojjetaniiru. Karaawwan kun daggalawwan, gammoojjiiwwanii fi gaarreen kan qaxxaamuran turan.

10 Karaawwan kanaan alattis, warri Roomaa lageen uumamaa fi nam-tolchee adeemsa gara kiilomeetira 27,000 dheeratu gochuuf gargaaran qabu turan. Karaawwan galaana irraa 900 ol taʼanii fi buufatawwan dhibbaan lakkaaʼaman wal qunnamsiisanis qabu turan. Kanaafuu, Kiristiyaanonni gara biyyoota Bulchiinsa Roomaa jala jiran hundaatti imaluu ni dandaʼu turan. Haalli rakkisaan tokko tokko kan ture taʼus, Phaawulos ergamaanii fi obboloonni kaan biyya Bulchiinsa Roomaa jala jiru tokkoo gara isa kan biraatti deemuuf ragaawwan seeraa garaa garaa, paaspoortii fi viizaan isaan hin barbaachisu ture. Saamtonni adabbii warra Roomaa waan sodaataniif, karaawwan isaanii nagaa turan jechuun ni dandaʼama. Akkasumas, humni waraanaa galaanaa warra Roomaa, saamtonni galaana irraa akka hin jiraanne toʼannaa waan godhuuf, adeemsi galaana irratti godhamu nagaa ture. Phaawulos balaan caccabuu markabaa yeroo garaa garaatti kan isa mudatee fi galaana irratti rakkinni tokko tokko kan ture taʼus, Macaafni Qulqulluun adeemsa irratti rakkinni kan isa mudate saamtota galaana irraatiin akka taʼe adda baasee hin dubbatu.—2 Qor. 11:25, 26.

QOOQNI KAN ISAAN GARGAARE AKKAMITTI?

Koodeeksii fayyadamuun caqasa tokko argachuun salphaa akka taʼu godhee ture(Keeyyata 12 ilaali)

11. Bartoonni Yesus Afaan Giriikiitti kan fayyadaman maaliif ture?

11 Gosni Afaan Giriikii inni baramaa taʼee fi Koyinee jedhamu, gumiiwwan Kiristiyaanotaa gidduu qunnamtiin gaariinii fi tokkummaan akka jiraatu gargaareera. Aleeksaandar Guddichi, biyyoota Bulchiinsa Roomaa jala turan hedduu Roomaan toʼachuu ishee dura toʼannaa isaa jala galchee waan tureef, Afaan Giriikii balʼinaan dubbatama ture. Kanaafuu, tajaajiltoonni Waaqayyoo namoota gosa hundaa qunnamuu ni dandaʼu turan; kun immoo misiraachichi akka babalʼatu godheera. Kana malees, Yihudoonni Gibxii jiraatan, Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa gara Afaan Giriikiitti hiikanii turan. Namoonni hiikkaa Saptuujanti jedhamee waamamu kana akka gaariitti fayyadamaa kan turan siʼa taʼu, duuka buutonni Kiristos jaarraa jalqabaatti turanis hiikkaa kanatti fayyadamaniiru. Kana malees,  barreessitoonni Macaafa Qulqulluu kutaa Macaafa Qulqulluu isa hafe barreessuuf Afaan Giriikiitti fayyadamaniiru. Qooqni kun jechoota hedduu waan qabuuf, dhugaa Macaafa Qulqulluu isa gadi fageenya qabu ibsuuf mijataa ture.

12. (a) Koodeeksiin maali dha? Macaafa maramuu wajjin yeroo wal bira qabamu hoo caalmaa akkamii qaba? (b) Kiristiyaanonni koodeeksiitti balʼinaan fayyadamuu kan jalqaban yoomi?

12 Kiristiyaanonni tajaajila isaanii irratti Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamaa kan turan akkamitti? Jalqaba macaafa maramutti fayyadamu turan. Macaafota kana walitti maruun, yeroo itti fayyadamuu barbaadanitti immoo diriirsuun waan barbaachisuuf, akkasumas yeroo baayʼee kan barreeffamu gara tokkoon qofa waan taʼeef, maraawwan macaafotaa kana baachuunis taʼe itti fayyadamuun salphaa hin turre. Wangeelli Maatewos kophaa isaa macaafa maramu tokko guuta ture. Yeroo booda garuu, Caaffanni Qulqullaaʼaan haala kitaabaatiin qophaaʼee fi koodeeksi jedhamu ni qophaaʼe. Kitaabni kun kan qophaaʼe fuulli hedduun walitti hodhamee ti. Namni dubbisu koodeeksii kana banee salphaadhumatti caqasa barbaadu argachuu ni dandaʼa ture. Kiristiyaanonni koodeeksii fayyadamuu kan jalqaban yoom akka taʼe sirriitti beekamuu baatus, kitaabni tokko, “Jaarraa lammaffaatti koodeeksii fayyadamuun Kiristiyaanota biratti baayʼee baramaa taʼee waan tureef, kan itti fayyadamuu jalqaban Dh.K.B. bara 100 dura taʼuu qaba” jedheera.

SEERRI ROOMAA KAN ISAAN GARGAARE AKKAMITTI?

13,14. (a) Phaawulos mirga lammii Roomaa taʼuun isaa isaaf argamsiisutti kan fayyadame akkamitti? (b) Seerri Roomaa Kiristiyaanota kan fayyade akkamitti?

13 Seerri Roomaa guutummaa bulchiinsa ishee keessatti hojii irra oolaa kan ture siʼa taʼu, lammiiwwan Roomaatiif mirga adda taʼe ni kenna, akkasumas eegumsa ni godha ture. Phaawulos yeroo garaa garaatti mirga lammii Roomaa taʼuun isaa isaaf argamsiisutti fayyadameera. Yerusaalem keessatti reebichaan adabamuuf yeroo turetti Phaawulos angafa dhibbaa Roomaa tokko, “Nama Roomaa tokko, firdiinis kan itti hin faradamin reebuun seeraa ree?” jedhee gaafatee ture. Seerichi haala kana hin heyyamu ture. Phaawulos dhalootaan lammii Roomaa akka taʼe yeroo dubbatetti, “warri isa qoruudhaaf turan achumaan isa irraa deebiʼan; angafni kumaa sun Phaawulos nama Roomaa taʼuu isaa erga hubatee, waan isa hiisiseef in sodaate.”—HoE. 22:25-29.

14 Mirgi Phaawulos lammii Roomaa taʼuudhaan qabu akkaataa Filiphos keessatti isa itti qaban irratti jijjiirama fideera. (HoE. 16:35-40) Efesoonitti, barreessaan mandaraa tokko namoota jeequmsa kaasan erga tasgabbeessee booda seera warra Roomaa caqaseera. (HoE. 19:35-41) Phaawulos Qisaariyaa utuu jiruu ol iyyannoon inni  seera warra Roomaatiin murtoo argachuuf dhiheesse, Qeesaar duratti amantii isaatiif falmuuf karaa isaa baneera. (HoE. 25:8-12) Kanaafuu, seerri Roomaa ‘wangeelaaf falmuu fi wangeelicha seeraan cimsanii dhaabuuf’ dandeessisee ture.—Filp. 1:7, NW.

BUʼAA YIHUDOONNI FAFFACAʼANII JIRAACHUUN ISAANII ARGAMSIISE

15. Yihudoonni jaarraa jalqabaa hammam faffacaʼanii turan?

15 Yihudoonni Bulchiinsa Roomaa keessa faffacaʼanii jiraachuun isaanii, karaa tokko tokkoon wangeelicha lallabuun Kiristiyaanotaaf salphaa akka taʼu godheera. Jaarraawwan hedduu dura warri Asor, yeroo booda immoo warri Baabilon Yihudoota biyya dhalootaa isaaniitii boojuudhaan fudhatanii turan. Dh.K.D. jaarraa shanaffaatti illee, Yihudoonni biyyoota Bulchiinsa Faares jala turan 127 keessa jiru turan. (As. 9:30) Yesus lafa irra yeroo turetti, Yihudoonni Gibxii fi biyyoota Kaaba Afriikaa kaan, akkasumas Giriik, Eeshiyaa Xinnoo fi Mesophotaamiyaa keessa jiru turan. Jiraattota Bulchiinsa Roomaa 60,000,000 keessaa, nama 14 keessaa 1 Yihudii ture jedhamee tilmaamama. Yihudoonni bakka dhaqan hunda amantii isaanii qabatanii dhaqu turan.—Mat. 23:15.

16,17. (a) Yihudoonni faffacaʼanii jiraachuun isaanii namoota Yihudoota hin taane hedduu kan fayyade akkamitti? (b) Bartoonni Yesus barsiifata Yihudootaa kamfaa hordofaa turan?

16 Yihudoonni biyyoota hedduu keessa waan turaniif, namoonni Yihudii hin taane hedduun Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa beeku turan. Waaqni dhugaan tokko qofa akka taʼee fi warri isa tajaajilan ulaagaa amalaa ittiin geggeeffaman akka qaban beeku turan. Kana malees, Caaffanni Qulqullaaʼoon Afaan Ibrootaa raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbatan hedduu qabataniiru. (Luq. 24:44) Yihudoonnis taʼan Kiristiyaanonni, Caaffanni Qulqullaaʼoon Afaan Ibrootaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin akka barreeffaman beeku turan; kun immoo Phaawulos wanta namoota garaa qajeelaa qaban biratti fudhatama qabu akka dubbatu isa dandeessiseera. Kanaan kan kaʼes, yeroo hunda Phaawulos mana sagadaa Yihudootaa seenuudhaan Caaffata Qulqullaaʼoo irraa isaaniif ibsa ture.—Hojii Ergamootaa 17:1, 2 dubbisi.

17 Yihudoonni waaqeffannaa wajjin haala wal qabateen barsiifata qabu turan. Yeroo hunda manneen sagadaatti ykn dirree irratti walgaʼii godhatu turan. Faarfannaa ni faarfatu, ni kadhatu, akkasumas Caaffata Qulqullaaʼoo irratti ni mariʼatu turan. Yeroo harʼaas gumiiwwan Kiristiyaanaa keessatti barsiifata akkasiitu hordofama.

GARGAARSA YIHOWAATIIN NI DANDAʼAMA

18,19. (a) Haalawwan jaarraa jalqabaatti turan maaltu akka dandaʼamu godhan? (b) Wantoonni hamma yoonaatti ilaalle waaʼee Yihowaa maaltu akka sitti dhagaʼamu godhan?

18 Haalawwan armaan olitti ilaalle, hojiin misiraachicha lallabuu milkaaʼina akka argatu gumaacha godhaniiru. Paaksi Roomaanaan, karaan hamma tokko mijataa taʼe, qooqni balʼinaan dubbatamu, seerri Roomaa fi Yihudoonni faffacaʼanii jiraachuun isaanii bartoonni Yesus hojii misiraachicha lallabuu Waaqayyo isaanii kenne akka raawwatan isaan gargaareera.

19 Yesus gara lafaa dhufuu isaa jaarraa afur dura hayyuun falaasamaa lammii Giriikii Pilaatoo jedhamu barreeffama isaa tokko irratti, “Qaama uumama cufa kana tolchee fi abbaa isaa taʼe beekuun baayʼee ulfaataa dha; utuma isa beeknee iyyuu waaʼee isaa namoota hundatti dubbachuun waan hin dandaʼamne dha” jedhee ture. Yesus garuu, “Namaaf kan hin dandaʼamne, Waaqayyoof in dandaʼama” jedheera. (Luq. 18:27) Uumaan uumama cufaa namoonni akka isa argatanii fi akka isa beekan barbaada. Kana malees, Yesus duuka buutota isaatiin, “Saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedheera. (Mat. 28:19) Gargaarsa Waaqa keenya Yihowaatiin hojii kana raawwachuun ni dandaʼama. Mata duree itti aanu irratti, hojiin kun yeroo ammaatti akkamitti hojjetamaa akka jiru ilaalla.