Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Hojii Barsiisuu Addunyaa Mara Irratti Raawwannu Geggeessaa Jira

Yihowaan Hojii Barsiisuu Addunyaa Mara Irratti Raawwannu Geggeessaa Jira

“Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.”ISA. 48:17.

1. Hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen Kiristiyaanota ammayyaa rakkina akkamiitu mudatee ture?

BARATTOONNI MACAAFA QULQULLUU, * naannoo dhuma jaarraa 19ffaa fi naannoo jalqaba jaarraa 20ffaatti rakkinni hedduun isaan mudatee ture. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, isaanis kan labsan ergaa namootaaf keessummaa taʼe ture. Lakkoofsi isaanii muraasa kan ture taʼuu isaa irra iyyuu, addunyaan namoota hin barannee akka taʼanitti isaan ilaala ture. Kana malees, yeroo booda ‘aarii Seexanaa isa guddaatu’ isaan eeggata ture. (Mul. 12:12) Hojii lallabaa kan raawwatan, “guyyoota gara dhumaa” sodaachisaa taʼuu isaaniitiin beekaman keessatti ture.—2 Xim. 3:1.

2. Hojii lallabaa yeroo ammaatti hojjetamaa jiru gargaaruuf Yihowaan maalfaa godhe?

2 Haalli rakkisaa taʼe kun jiraatus, Yihowaan sabni isaa misiraachicha haala kanaan dura hojjetamee hin beekneen balʼinaan akka lallaban kaayyoo isaa ture; wanti kaayyoon isaa kun akka hin raawwatamne gochuu  dandaʼu immoo hin jiru. Yihowaan akkuma saba Israaʼel durii Baabilon jalaa bilisa baase, tajaajiltoota isaa yeroo harʼaa jiranis “Baabilon guddittii” ishee bulchiinsa amantii sobaa taate jalaa bilisa baaseera. (Mul. 18:1-4) Barumsa faayidaa keenyaaf taʼu nu barsiiseera; nagaa nuu kenneera; akkasumas, barumsa isaa namoota kaanitti himuu akka dandeenyu nu gargaareera. (Isaayaas 48:16-18 dubbisi.) Kana jechuun garuu, Yihowaan dandeettii isaatti fayyadamee wanta gara fuulduraatti taʼu beekuudhaan, misiraachicha babalʼisuuf mijataa akka taʼuuf haala addunyaa keessa jiru hunda toʼata jechuu miti. Wantoonni addunyaa irratti uumaman tokko tokko misiraachicha lallabuun salphaa akka nuu taʼu godhaniiru. Taʼus, ariʼatamnii fi rakkinni garaa garaa addunyaan Seexanaa fidu nu irra gaʼuun isaa hin oolu. Hojii lallabaa keenya raawwachuu kan dandeenye gargaarsa Yihowaatiin qofa akka taʼe beekamaa dha.—Isa. 41:13; 1 Yoh. 5:19.

3. “Beekumsi dhugaan” kan baayʼate akkamitti?

3 Yihowaan Daaniʼel raajichi bara dhumaatti “beekumsi [“beekumsi dhugaan,” NW]” kan baayʼatu taʼuu isaa raajii akka dubbatu godheera. (Daaniʼel 12:4 dubbisi.) Yihowaan, dhugaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo buʼuura taʼanii fi barsiisa Saba Kiristiyaanaatiin bara dheeraadhaaf dhokfamanii turan akka hubatan Barattoota Macaafa Qulqulluu gargaareera. Amma beekumsi dhugaan addunyaa maratti akka beekamu gochuuf saba isaatti fayyadamaa jira. Yeroo harʼaatti, raawwii raajii Daaniʼel dubbatee argaa jirra. Namoonni gara 8,000,000 taʼan dhugaa Macaafa Qulqulluu kan beekan siʼa taʼu, addunyaa maratti dhugaa kana labsaa jiru. Haalawwan addunyaa maratti lallabuun akka dandaʼamu godhan tokko tokko maal faʼi?

MACAAFNI QULQULLUUN HIIKAMUUN ISAA KAN NU GARGAARE AKKAMITTI?

4. Jaarraa 19ffaatti hojiin hiikkaa Macaafa Qulqulluu hammam babalʼatee ture?

4 Wanti misiraachicha labsuu irratti nu gargaare inni tokko Macaafni Qulqulluun baayʼinaan argamuu kan dandaʼe taʼuu isaa ti. Jaarraawwan hedduudhaaf, Sabni Kiristiyaanaa namoonni Macaafa Qulqulluu akka hin dubbisne dhorkaa, akkasumas warra dubbisan mormaa turte; warra Macaafa Qulqulluu hiikan tokko tokkos ajjeesteetti. Haa taʼu malee, jaarraa 19ffaatti waldaaleen Macaafa Qulqulluu, Macaafni Qulqulluun guutuun ykn gar tokkoon isaa afaan 400 oliin akka qophaaʼu godhan. Dhuma jaarraa kanaatti, namoonni hedduun Macaafa Qulqulluu qabaachuu kan dandaʼan taʼus, beekumsa Caaffata Qulqullaaʼoo sirrii taʼe hin qaban turan.

5. Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu hiikuu wajjin haala wal qabateen maal raawwataniiru?

5 Barattoonni Macaafa Qulqulluu lallabuu akka qaban beekanii turan; kanaaf, dadhabne utuu hin jedhin wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu lallabaa turan. Kana malees, sabni Yihowaa hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu garaa garaatti fayyadamaniiru, akkasumas raabsaniiru. Bara 1950 kaasee immoo, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa guutuu isaa ykn gar tokkoo isaa afaan 120 oliin qopheessaniiru. Hiikni Addunyaa Haaraa bara 2013tti Afaan Ingiliffaatiin qophaaʼe, Macaafa Qulqulluu gara afaanota biraatti hiikuun salphaa akka taʼu godha. Macaafa Qulqulluu hubachuuf salphaa taʼee fi dubbisuuf nama hin rakkisnetti fayyadamuun immoo hojiin lallabaa keenya irratti gargaarsa godheera.

NAGAAN KAN NU GARGAARE AKKAMITTI?

6,7. (a) Bara ammayyaa kanatti waraanni hammam babalʼatee ture? (b) Nagaan biyyoota tokko tokko keessa jiraachuun isaa hojii lallabaa keenya kan gargaare akkamitti?

6 ‘Addunyaa keessa nagaa maaliitu ture?’ jettee yaadda taʼa. Fakkeenyaaf, jaarraa 20ffaa keessa sababa waraanaatiin, keessumaa sababa waraana addunyaa lamaaniitiin, namoonni miliyonaan lakkaaʼaman duʼaniiru. Bara 1942tti Waraanni Addunyaa Lammaffaa hammaatee yeroo turetti, Naataan Noor inni yeroo sana hojii Dhugaa Baatota Yihowaa geggeessaa ture, walgaʼii guddaa tokko irratti haasaa, “Nagaan Itti Fufuu Dandaʼaa?” jedhu dhiheessee ture. Waraanni yeroo sana ture gara Armaagedoonitti kan geessu utuu hin taʼin, yeroo nagaan itti jiraatutti kan geessu akka taʼe haasaa sana irratti Mulʼata boqonnaa 17 irraa ragaan dhihaatee ture.—Mul. 17:3, 11.

7 Waraanni Addunyaa Lammaffaa erga xumuramee booda nagaan kan argame bakka hundatti hin turre. Ragaan tokko akka argisiisutti bara 1946 hanga bara 2013tti waraanni 331 raawwatameera. Kanaan kan kaʼes, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman duʼaniiru. Haa taʼu malee, waggoota kana keessatti biyyoota hedduu keessa nagaan kan ture siʼa taʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaas misiraachicha labsuuf haala mijataa taʼe kanatti fayyadamaniiru. Buʼaa akkamiitu argame? Bara 1944tti addunyaa mara irra babalʼistoota Mootummichaa 110,000 hin guunnetu ture. Harʼa garuu gara 8,000,000 taaneerra! (Isaayaas 60:22 dubbisi.) Nagaa misiraachicha lallabuuf nu dandeessisu yeroo argannutti galateeffachuu hin qabnuu?

GEEJJIBNI MIJATAAN KAN NU GARGAARE AKKAMITTI?

8,9. Gama geejjibaatiin guddina akkamiitu argame? Kun hoo hojii keenya kan gargaare akkamitti?

8 Guddinni gama geejjibaatiin argame hojii lallabaa keenya irratti nu gargaareera. Bara 1900tti, jechuunis Masaraan Eegumsaa inni jalqabaa erga maxxanfamee waggaa 21 booda, guutummaa Yunaayitid Isteetis keessa konkolaataa galmeeffame 8,000 qofatu ture; akkasumas, karaawwan konkolaachisuuf mijataa taʼan kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼaman qofatu ture. Yeroo ammaatti addunyaa mara irra konkolaattota biliyoona tokkoo fi walakkaa ol taʼanii fi karaawwan mijataa kiilomeetira miliyoona hedduudhaan lakkaaʼamantu jira. Konkolaattonnii fi karaawwan, namoota naannoowwan fagoo taʼan keessa jiraataniif misiraachicha geessuuf nu dandeessisu. Haa taʼu malee, geejjibatti fayyadamuuf haalli mijataan yoo jiraachuu baatee fi miilaan karaa dheeraa deemuuf yoo dirqamne illee, bartoota gochuuf carraaqqii barbaachisu gochuu irraa duubatti hin jennu.—Mat. 28:19, 20.

9 Gosoonni geejjibaa kan biraa hedduunis hojii keenya irratti nu gargaaraniiru. Konkolaattonni feʼumsaa, dooniiwwanii fi baaburoonni, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan torban muraasa keessatti naannoowwan baayʼee fagoo taʼanitti geessuuf nu dandeessisaniiru. Daawwattoonni olaanaa aanaa, miseensonni Koree Waajjira Damee, misiyoononnii fi obboloonni kaan walgaʼii guddaatiif ykn hojii tiʼokraasiitiif bakka tokkoo gara bakka biraatti saffisaan imaluuf xiyyaaratti ni fayyadamu. Miseensonni Qaama Olaanaa fi obboloonni waajjira muummee keessa tajaajilan kaanis, obboloota jajjabeessuu fi leenjisuuf gara biyyoota hedduu yeroo dhaqanitti xiyyaaratti fayyadamu. Kanaafuu, guddinni gama geejjibaatiin argame tokkummaa saba Yihowaa gidduu jiru cimsuu irratti gumaacha godheera.—Far. 133:1-3.

QOOQNI KAN NU GARGAARE AKKAMITTI?

10. Ingiliffi afaan biyyoolessaa ti kan jennu maaliifi?

10 Jaarraa jalqabaatti, Bulchiinsa Roomaa keessatti  gosa Afaan Giriikii baramaa taʼee fi Koyinee jedhamutu balʼinaan dubbatama ture. Yeroo harʼaatti hoo qooqni balʼinaan dubbatamu jiraa? Afaan Ingiliffaa addunyaa maratti balʼinaan akka dubbatamu beekamaa dha. Kitaabni Afaan Ingiliffaa Ingiliffa Akka Qooqa Biyyoolessaatti jedhamu, “Uummata addunyaa keessaa kurmaana kan taʼan Afaan Ingiliffaa akka gaariitti dubbachuu ykn ittiin walii galuu ni dandaʼu” jedha. Qooqni kun biyyoota hedduu keessatti ni barsiifama; addunyaa maratti dinagdee, siyaasa, saayinsii fi teknoolojii wajjin haala walqabateen wal qunnamuufis ni tajaajila.

11. Afaan Ingiliffaa waaqeffannaa dhugaa babalʼisuu irratti gumaacha akkamii godheera?

11 Afaan Ingiliffaa balʼinaan hojii irra kan oolu taʼuun isaa, waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf gargaareera. Waggoota hedduudhaaf Masaraan Eegumsaa fi barreeffamoonni Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan jalqaba Afaan Ingiliffaatiin maxxanfamu turan. Afaan Ingiliffi waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti afaan hojii ti. Wiirtuu Barumsaa Waachtaawar, Paatarsan, Niiwu Yoorkitti argamutti barumsi kan kennamus Afaan Ingiliffaatiini.

12. Tajaajiltoonni Yihowaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan gara afaan meeqaatti hiikaniiru? Teknooloojiin gama kanaan kan isaan gargaare hoo akkamitti?

12 Saba hundumaaf misiraachoo Mootummichaa lallabuuf itti gaafatamummaa waan qabnuuf, barreeffamoota keenya gara afaan 700tti hiikneerra. Sooftiweeriin Meepsi (Maltiilaanguweej Eleektirooniik Pabliishiing Siistam) jedhamu qophaaʼuu isaa dabalatee, guddinni gama teknoolojii kompiitaraatiin argame, carraaqqii guddaa nuti goonu deggereera. Wantoonni kun ergaa Mootummichaa babalʼisuu fi tokkummaa nu gidduu jiru cimsuuf nu gargaaraniiru. Hunda caalaa garuu tokkummaa kan qabaanne, “qooqa qulqulluu” isa baayʼee barbaachisaa taʼe kan dubbannu taʼuu keenyaani.—Sefaaniyaa 3:9, NW dubbisi. *

SEERRI KAN NU GARGAARE AKKAMITTI?

13,14. Kiristiyaanonni ammayyaa seera irraa fi murtoowwan mana murtii irraa kan fayyadaman akkamitti?

13 Akka mata duree darbe irratti ilaalle, Kiristiyaanonni durii seera Roomaa isa guutummaa bulchiinsa ishee keessatti hojii irra oolaa ture irraa fayyadamaniiru. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni ammayyaas mirga seerri isaaniif argamsiisetti fayyadamaniiru. Fakkeenyaaf, Yunaayitid Isteetisitti, jechuunis bakka waajjirri muummee keenya jirutti, Heerri biyyattii mirga amantii, mirga dubbachuu fi mirga walgaʼuu ni kenna. Kunis, obboloonni Yuunaayitid Isteetis keessa jiran bilisummaadhaan walgaʼuu fi wanta baratan namootatti  himuuf isaan dandeessiseera. Haa taʼu malee, mirga seerri kennu tokko tokkotti fayyadamuuf, mana murtiitti dhihaachuudhaan seeraan mirga isaanii kabachiisuun isaan barbaachiseera. (Filp. 1:7, NW) Yunaayitid Isteetisitti yeroo manneen murtii mirga isaanii raggaasisuu didanitti, yeroo garaa garaatti manneen murtii ol aanaatti iyyachuudhaan mirga labsitoota Mootummichaa taʼuuf qaban kabachiifataniiru.

14 Biyyoota kan biraattis manneen murtii mirga waaqeffannaa fi mirga lallabaa keenya nuu kabachiisaniiru. Biyyoota tokko tokko keessatti manni murtii biyyichaa nuu murteessuu baatus, gara manneen murtii biyyoolessaatti iyyanneerra. Fakkeenyaaf, hanga Waxabajjii 2014tti Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa dhimmoota 57 irratti kan nuu murteessee siʼa taʼu, murtiin dabarfame biyyoota miseensa Mana Maree Awurooppaa taʼan hunda keessatti hojii irra kan oolu dha. ‘Saba hundumaa biratti kan jibbamne’ taanus, manneen murtii biyyoota garaa garaa mirga waaqeffannaa keenya nuu raggaasisaniiru.—Mat. 24:9.

WANTOONNI KAN BIRAAN HOJII BARSIISUU KEENYA KAN DEGGERAN AKKAMITTI?

Namoonni addunyaa mara irra jiran barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan akka argatan gochaa jirra

15. Gama maxxansaatiin guddina akkamiitu argame? Kun kan nu gargaare hoo akkamitti?

15 Guddinni hojii maxxansaa irratti argame hojii misiraachicha lallabuu addunyaa mara irratti hojjennuuf gumaacha godheera. Jaarraawwan hedduudhaaf namoonni meeshaa maxxansaa Yohaannas Gutanbargi bara 1450tti tolche fayyadamaa turan. Haa taʼu malee, jaarraawwan darban lamaan keessatti gama maxxansaatiin guddina nama ajaaʼibsiisutu argame. Meeshaaleen maxxansaa baayʼee guddaa, saffisa kan qabanii fi ammayaaʼaa taʼaniiru. Maallaqni waraqaa oomishuu fi kitaaba hojjechuuf barbaachisu xinnaateera. Meeshaaleen boodatti hafoo taʼan meeshaalee ammayyaa saffisa oomishaa fi qulqullina maxxansaa dabalaniin bakka buufamaniiru. Wantoonni kun hojii keenyaaf gumaacha akkamii godhan? Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa jalqabaa (Adoolessa 1879) kan maxxanfame koppii 6,000 siʼa taʼu, fakkii hin qabu ture; akkasumas afaan tokkoon, jechuunis Afaan Ingiliffaatiin qofa qophaaʼee ture. Waggaa 136 booda, jechuunis yeroo harʼaatti, Masaraan Eegumsaa maxxansi tokko qofaan koppii 50,000,000 ol maxxanfamee raabsamaa jira. Barruun kun, fakkiiwwan babbareedoo halluu qaban kan qabu siʼa taʼu, afaan 200 oliin qophaaʼa.

16. Addunyaa maratti lallabuu irratti meeshaaleen nu gargaaran kam faʼi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

16 Meeshaalee waggoota 200n darban keessatti oomishamanii fi sabni Waaqayyoo misiraachicha lallabuuf itti fayyadaman tokko tokko haa ilaallu. Armaan olitti baabura, konkolaataa fi xiyyaara caqasnee turre; kana malees biskileetii, taayippii, meeshaa Bireeyilii qopheessuuf gargaaru, telegiraafii, bilbila, kaameeraa, meeshaa sagalee fi viidiyoo waraabu, raadiyoo, televijinii, fakkiiwwan sosochoʼan, kompiitaraa fi Intarneetiittis fayyadamaniiru. Hojii bartoota gochuu nuu kenname raawwachuu irratti wantoonni kun karaa garaa garaatiin nu gargaaraniiru. Macaafa Qulqulluu fi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan hedduudhaan qopheessuuf, qabeenya sabootaa kan akka teknoolojii ammayyaatti ogummaadhaan fayyadamaa turre; kunis raajiin sabni Yihowaa ‘aannan saba warra kaanii akka dhugan’ dubbatame akka raawwatamu godheera.—Isaayaas 60:16 dubbisi.

17. (a) Ragaan jiru xumura akkamii irra akka geenyu godha? (b) Yihowaan ‘isaa wajjin akka hojjennu’ kan nuu heyyame maaliifi?

17 Dhuguma iyyuu Yihowaan hojii lallabaa keenya geggeessaa akka jiru ragaa quubsaa qabna. Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf gargaarsi keenya akka isa hin barbaachisne beekamaa dha. Haa taʼu malee, Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe ‘isaa wajjin akka hojjennu’ nuu heyyamuudhaan, jaalala isaa fi namootaaf qabnu akka argisiisnu karaa nuu baneera. (1 Qor. 3:9, hiika bara1899; Mar. 12:28-31) Hojii ergaa Mootummichaa labsuu isa hunda caalu raawwachuuf haala mijataa jirutti haa fayyadamnu. Yihowaan hojii barsiisuu addunyaa maratti hojjechaa jirru geggeessaa fi eebbisaa kan jiru taʼuu isaatiif galateeffannaa qabnu karaa hundaan haa argisiisnu!

^ KEY. 1 Barattoonni Macaafa Qulqulluu maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu kan argatan bara 1931tti dha.—Isa. 43:10.

^ KEY. 12 Sefaaniyaa 3:9 (NW): “Hundi isaanii maqaa Yihowaa akka waammataniif, harka wal qabatanii akka isa tajaajilaniifis, yeroo sanatti qooqa namootaa qooqa qulqulluutti nan jijjiira.”