Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Obboloota Kiristos Amanamummaadhaan Deggeruu

Obboloota Kiristos Amanamummaadhaan Deggeruu

“Obboloota koo warra hundumaa irra gad deebiʼan kana keessaa isa tokkoof hammi isin gootan, anaaf gootan.”—MAT. 25:40.

1, 2. (a) Yesus bartoota isatti dhihaatanitti fakkeenyota kamfaa hime? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu ilaalchisee maal beekuu qabna?

YESUS bartoota isaa baayʼee isatti dhihaatanitti, jechuunis Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohannisitti dubbachaa ture. Fakkeenya waaʼee hojjetaa amanamaa fi ogeessaa, waaʼee durboota kurnanii fi waaʼee taalaantii dubbatu isaanitti himee xumuruu isaa ture. Yesus fakkeenya dabalataa tokko isaanitti himuudhaan yaada isaa xumure. Waaʼee yeroo “ilmi namaa” ‘namoota biyya lafaa hunda’ irratti murtoo itti dabarsuu dubbate. Fakkeenyi kun qalbii bartoota isaa hawwatee taʼuu qaba! Fakkeenyicha keessatti Yesus gareewwan lama irratti kan xiyyeeffate siʼa taʼu, gareen inni tokko hoolota, inni kan biraan immoo reʼoota akka taʼetti ibse. Kana malees garee sadaffaa barbaachisaa taʼe tokko kan caqase siʼa taʼu, “obboloota” ‘mootichaa’ akka taʼanitti isaan ibseera.—Maatewos 25:31-46 dubbisi.

2 Sabni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf fakkeenya kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennaa turan; fakkeenyicha keessatti Yesus waaʼee wanta gara fuulduraatti namoota eeggatuu waan dubbateef akkas gochuun isaanii sirrii dha. Yesus namoonni kaan yeroo balleeffamanitti namoonni tokko tokko jireenya bara baraa kan argatan maaliif akka taʼe ibseera. Jireenyi keenya dhugaa Yesus dubbate hubachuu fi hojii irra oolchuu keenya irratti kan hundaaʼe dha. Kanaaf gaaffilee armaan gadii gaafachuu qabna: Yihowaan hubannaan fakkeenya kana irratti qabnu suuta suutaan akka dabalu kan godhe akkamitti? Fakkeenyichi barbaachisummaa hojii lallabaa kan addeessu dha kan jennu maaliifi? Hojiin lallabaa kan kenname eenyuufi? Yeroon ‘mootichaa’ fi warra inni “obboloota koo” jedhee waameef amanamoo taʼuu itti qabnu amma dha kan jennu maaliifi?

HUBANNAAN KEENYA DABALAA KAN DHUFE AKKAMITTI?

3, 4. (a) Fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu hubachuuf wantoota gurguddaa kamfaa beekuu qabna? (b) Bara 1881tti Masaraan Eegumsaa Xiyoon fakkeenya kana kan ibse akkamitti?

3 Fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu sirritti hubachuuf, wantoota gurguddaa fakkeenya kana keessatti caqasaman sadii hubachuu qabna: Isaanis, eenyummaa qaamolee caqasamanii, yeroo murtoon sun itti raawwatamuu fi sababii namoonni hoolota ykn reʼoota jedhamanii adda itti baafamani dha.

4 Bara 1881tti, Masaraan Eegumsaa Xiyoon “ilmi namaa” inni ‘mooticha’ jedhamee waamame Yesus akka taʼe ibsee ture. Barattoonni Macaafa Qulqulluu jalqaba turan, jechi Hiika Kiingi Jamsi Varshin keessatti “obboloota koo” jedhu warra Yesusii wajjin bulchanii fi warra yeroo namoonni mudaa kan hin qabne taʼanitti lafa irra jiraatan hunda argisiisa jedhanii yaadu turan. Hoolonni reʼoota irraa adda kan baafaman yeroo Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti akka taʼe godhanii yaadu turan. Akkasumas, namoonni akka hoolotaatti kan ilaalaman wanta raawwatan hundaan jaalala Waaqayyoo waan calaqqisiisaniif akka taʼe amanu turan.

5. Bara 1920mmaniitti hubannaan keenya kan fooyyaʼe akkamitti?

5 Jalqaba bara 1920mmaniitti, Yihowaan hubannaan sabni isaa fakkeenya kana irratti qaban akka fooyyaʼu gargaareera. Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1923, “ilmi namaa” Yesus akka taʼe mirkaneesse. Haa taʼu malee, eenyummaa obboloota Kiristos warra samii irratti isaa wajjin bulchanii ilaalchisee ibsa Caaffata Qulqullaaʼoo amansiisaa taʼe kan dhiheesse siʼa taʼu, hoolotatti kan fakkeeffaman namoota bulchiinsa Mootummaa Kiristos jalatti lafa irra jiraachuuf abdii qaban akka taʼan ibseera. Waaʼee yeroo hoolonni reʼoota irraa adda itti baafamanii hoo maal jedhe? Mata dureen kun, obboloonni Kiristos yeroo Bulchiinsa Barkumeetti isaa wajjin waan bulchaniif, gargaarsa warra lafa irra jiraatanii argachuu ykn dhabuu akka hin dandeenye ibsee ture. Kanaafuu, hoolonni reʼoota irraa adda kan baafaman Bulchiinsi Barkumee Kiristos jalqabuu isaa dura taʼuu qaba. Mata dureen kun, sababiin namoonni hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffamu, Yesus Gooftaa isaanii akka taʼe waan hubatanii fi jireenya gaarii kan fidu Mootummicha taʼuu isaa waan amananiif akka taʼe ibsee ture.

6. Bara 1990mmaniitti hubannaan keenya caalaatti kan dabale akkamitti?

6 Hubannaa keenya isa fooyyaʼe kanaan kan kaʼe, sabni Yihowaa namoonni hoolota ykn reʼoota akka taʼanitti murtoon kan dabarfamu guutummaa bara dhumaatti akka taʼee fi kunis deebii ergaa Mootummichaatiif kennan irratti hundaaʼuudhaan akka taʼe yaaduu jalqaban. Haa taʼu malee, walakkeessa bara 1990mmaniitti hubannaan dhimma kana irratti qabnu ni dabale. Mata dureewwan Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1995 (Amaariffa) irratti baʼan lama irratti, yaadawwan Yesus Maatewos 24:29-31 (dubbisi) fi Maatewos 25:31, 32 (dubbisi) irratti dubbate kan wal fakkaatan akkamitti akka taʼe ibsamee ture. * Xumura akkamii irra gaʼame ree? Mata dureen inni jalqabaa akkana jedha: “Hoolotaa fi reʼoota irratti murtoon kan dabarfamu gara fuulduraatti dha.” Garuu yeroon isaa kallattiidhaan yoomi? “‘Rakkinni guddaan’ Maatewos 24:29, 30 irratti ibsame erga jalqabee fi Ilmi namaa ‘ulfina isaatiin erga dhufee’ booda dha. . . . Achii, Yesus yeroo dhuma sirna hamaa kanaatti murtoo dabarsa, akkasumas ni raawwachiisa.”

7. Yeroo ammaatti hubannaa ifa taʼe akkamii qabna?

7 Yeroo harʼaatti, fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu ilaalchisee hubannaa ifa taʼe qabna. Eenyummaa qaamolee caqasamanii ilaalchisee hubannaa armaan gadii qabna: “Ilmi namaa,” jechuunis Mootichi Yesusi dha. Warri “obboloota koo” jedhee waame, dhiirotaa fi dubartoota hafuuraan dibamanii fi samii irraa Kiristosii wajjin bulchani dha. (Rom. 8:16, 17) ‘Hoolonnii’ fi ‘reʼoonni’ namoota saba hundumaa kan argisiisani dha. Warri kun hafuura qulqulluudhaan kan dibaman miti. Yeroon murtoon itti dabarfamu hoo yoomi? Murtoon kan dabarfamu gara fuulduraatti, jechuunis gara dhuma rakkina guddaatti dha. Sababiin namoonni hoolota ykn reʼoota akka taʼanitti itti murteeffamu hoo maali dha? Murtoon kan dabarfamu karaa itti isaan obboloota Kiristos warra hafuuraan dibamanii fi lafa irra jiran itti qaban irratti hundaaʼuudhaani. Yeroo dhumni sirna kanaa baayʼee dhihaatee jiru kanatti, Yihowaan hubannaan fakkeenya kanaa fi fakkeenyota Maatewos boqonnaa 24 fi 25 irratti caqasaman kaan irratti qabnu suuta suutaan akka dabalu gochuu isaatti baayʼee galateeffanna!

FAKKEENYICHI BARBAACHISUMMAA HOJII LALLABAA KAN ADDEESSU AKKAMITTI?

8, 9. Hoolonni fakkeenyicha irratti ibsaman ‘qajeelota’ kan jedhaman maaliifi?

8 Fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu irratti Yesus waaʼee hojii lallabaa kallattiidhaan hin dubbanne. Fakkeenyichi barbaachisummaa hojii lallabaa ni addeessa kan jennu maaliifi ree?

9 Tokkoffaa, Yesus fakkeenyatti fayyadamee barsiisaa akka jiru hubadhaa. Hoolota reʼoota irraa adda baasuu ilaalchisee wanti inni dubbate fakkeenya akka taʼe ifa dha. Haaluma wal fakkaatuun, namni akka hoolaa taʼetti isaaf murteeffamu hundi, obboloota Kiristos keessaa isa tokkoof nyaata kennuu, daara baasuu, yeroo dhukkubsatetti ykn hidhametti isa gaafachuu akka qabu dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, ilaalcha namoonni hoolotatti fakkeeffaman obboloota isaatiif qaban ibsuu barbaadee ti. Hoolonni kun Kiristos lafa irratti obboloota dibamoo akka qabu waan hubatanii fi guyyoota dhumaa sodaachisaa taʼan kanatti amanamummaadhaan obboloota isaa kana waan deggeraniif, ‘qajeelota’ akka taʼan dubbateera.—Mat. 10:40-42; 25:40, 46; 2 Xim. 3:1-5.

10. Namoonni hoolotatti fakkeeffaman obboloota Kiristositti gaarummaa argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

10 Lammaffaa, yaada naannoo fakkeenyichaa jiru ilaalaa. Yesus waaʼee mallattoo argamuu isaa fi dhuma sirnichaa dubbachaa ture. (Mat. 24:3) Jalqaba haasaa isaa irratti, mallattichi wanta dinqisiisaa gara fuulduraatti raawwatamu, jechuunis misiraachoo Mootummichaa ‘guutummaa biyya lafaatti lallabuu’ akka dabalatu dubbatee ture. (Mat. 24:14) Fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa ibsu dubbachuu isaa dura immoo fakkeenya waaʼee taalaantii ibsu dubbatee ture. Akkuma mata duree darbe irratti ibsame, Yesus fakkeenya kana kan dubbate bartoonni isaa hafuuraan dibaman, jechuunis ‘obboloonni’ isaa hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaachuu akka qaban addeessuufi. Haa taʼu malee, dibamtoonni muraasni yeroo Yesus argamee kaasee lafa irra jiran, hojiin ulfaataan dhumni dhufuu isaa dura misiraachoo Mootummichaa “saba hundumaatti” lallabuu gaafatu isaanii kennameera. Fakkeenyi waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu dibamtoonni gargaarsa akka argatan argisiisa. Kanaafuu, karaan namoonni hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffamu obboloota Kiristositti gaarummaa itti argisiisan inni guddaan hojii lallabaa irratti isaan gargaaruu dha. Deggersi isaan godhan maalfaa dabalata? Qabeenyaan gargaarsa gochuu fi jajjabina kennuu qofa moo wanta kan biraa gochuu ni dabalata?

LALLABUU KAN QABU EENYU?

11. Gaaffiin akkamii kaʼuu dandaʼa? Maaliif?

11 Yeroo harʼaatti, bartoota Yesus miliyoona saddeet taʼan keessaa baayʼeen hafuuraan kan dibaman miti. Bartoonni kun taalaantii Yesus hojjettoota isaa warra dibamaniif kenne hin fudhanne. (Mat. 25:14-18, NW) Kanaafuu, ‘Hojiin lallabaa kenname warra hafuura qulqulluutiin hin dibamnes ni ilaallataa?’ gaaffiin jedhu kaʼuu dandaʼa. Sababii deebiin gaaffii kanaa ‘eeyyee’ itti taʼu tokko tokko haa ilaallu.

12. Yaada Yesus Maatewos 28:19, 20 irratti dubbate irraa maal baranna?

12 Yesus bartoonni isaa hundi akka lallaban ajajeera. Yesus erga duʼaa kaafamee booda, wanta inni abboome “hundumaa” barsiisuudhaan namoota bartoota akka godhan duuka buutota isaatti himeera. Wanta inni abboome keessaa tokko ajaja akka lallaban isaanii kenne dha. (Maatewos 28:19, 20 dubbisi.) Kanaafuu, abdiin isaanii samii irra taʼanii bulchuus taʼe lafa irra jiraachuu, bartoonni Kiristos hundi lallabuu qabu.—HoE. 10:42.

13. Mulʼanni Yohannis arge maal argisiisa? Maaliif?

13 Macaafni Mulʼataa hojiin lallabaa dibamtootaa fi warra kaaniin akka hojjetamu dubbata. Yesus Yohannis ergamaatti mulʼata “misirrottiin,” jechuunis namoonni dibamoon 144,000 taʼanii fi Kiristosii wajjin samii irra taʼuudhaan bulchan, ‘utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu akka fudhatan’ namoota ennaa afeeran argisiisu itti mulʼisee ture. (Mul. 14:1, 3; 22:17) Wanti bishaanitti fakkeeffame, qophii Yihowaan ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa irraa bilisa gochuuf karaa aarsaa furii Kiristos godhe kan argisiisu dha. (Mat. 20:28; Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:9, 10) Furichi ergaa lallabnu keessatti iddoo guddaa kan qabu siʼa taʼu, dibamtoonni namoonni waaʼee furichaa akka baratanii fi irraa akka fayyadaman gargaaruu irratti adda durummaadhaan hojjechaa jiru. (1 Qor. 1:23) Haa taʼu malee, Yohannis mulʼaticha irratti warra kutaa misirrittii hin taanes argeera. Isaanis “Kottu!” akka jedhan itti himameera. Kanaafuu, ajaja kana fudhachuudhaan namoonni kaan bishaan jireenyaa akka fudhatan ni afeeru. Gareen lammaffaan kun warra lafa irra jiraachuuf abdii qabani dha. Kanaafuu, mulʼanni kun warri afeerraa “Kottu!” jedhu fudhatan hundi namoota kaaniif lallabuuf itti gaafatamummaa kan qaban taʼuu isaa ifa godha.

14. “Seera Kiristos” hojii irra oolchuun maal dabalata?

14 Namoonni “seera Kristos” jala jiran hundi lallabuu qabu. (Gal. 6:2) Yihowaan dhimma tokko irratti ulaagaa lama hin qabu. Fakkeenyaaf Israaʼelootaan, “Warra biyyaa fi warra galaa taʼanii isin gidduu jiraataniif seerri tokkichuma haa taʼu!” jedhee ture. (Bau. 12:49; Lew. 24:22) Kiristiyaanonni Seera Musee jala hin jiran. Taʼus, kan dibamnes taane kan hin dibamne, hundi keenya “seera Kiristos” jala jirra. Seerri kun wanta Yesus barsiise hunda kan dabalatu dha. Barumsawwan Yesus barsiise keessaa inni hunda irra caalu immoo, barumsa inni duuka buutonni isaa jaalala argisiisuu akka qaban kenne dha. (Yoh. 13:35; Yaq. 2:8) Karaawwan gurguddaa Waaqayyoof, Kiristosii fi namootaaf jaalala akka qabnu itti argisiisnu keessaa tokko misiraachoo Mootummichaa lallabuu dha.—Yoh. 15:10; HoE. 1:8.

15. Abboommiin Yesus kenne duuka buutota isaa hunda ni ilaallata kan jennu maaliifi?

15 Wanti Yesus garee xinnoo ilaalchisee dubbate garee guddaadhaafis hojjechuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Yesus Mootummicha ilaalchisee kakuu kan gale bartoota isaa 11f taʼus, kakuun kun dibamtoota 144,000 hundaaf ni hojjeta. (Luq. 22:29, 30; Mul. 5:10; 7:4-8) Haaluma wal fakkaatuun, Yesus akka lallaban abboommii kan kenne namoota muraasa yeroo duʼaa kaʼetti itti mulʼateef qofa dha. (HoE. 10:40-42; 1 Qor. 15:6) Haa taʼu malee, abboommii kana kallattiidhaan Yesus irraa dhagaʼuu baatanis bartoonni isaa amanamoon jaarraa jalqabaatti turan hundi abboommiin kun isaaniinis akka ilaallatu hubatanii turan. (HoE. 8:4; 1 Phe. 1:8) Yeroo harʼaattis, Yesus labsitoota Mootummichaa amanamoo miliyoona saddeet taʼan keessaa eenyutti iyyuu dhuunfaatti hin dubbanne. Taʼus, hundi isaanii Yesus irratti amantii qabaachuu fi amantii isaanii kanas hojii lallabaa irratti hirmaachuudhaan argisiisuuf dirqamni akka isaan irra jiru ni hubatu.—Yaq. 2:18.

YEROON AMANAMOO TAʼUU ITTI QABNU AMMA

16-18. Namoonni hoolota akka taʼanitti isaanii murteeffamu obboloota Kiristos deggeruu kan dandaʼan akkamitti?

16 Seexanni obboloota Kiristos warra dibamanii fi lafa irra jiran irratti waraana banaa kan jiru siʼa taʼu, ‘yeroo gabaabaan’ isa hafe dhumaa ennaa deemu immoo lola isaa itti cimsa. (Mul. 12:9, 12, 17) Dibamtoonni qorumsa cimaa isaan irra gaʼu dandamachuu kan qaban taʼus, duula lallabaa guddaa seenaa keessatti raawwatamee hin beekne adda durummaadhaan geggeessaa jiru. Yesus isaanii wajjin taʼuudhaan isaan geggeessaa akka jiru hin shakkisiisu.—Mat. 28:20.

17 Namoonni hoolota akka taʼanitti isaanii murteeffamuu fi lakkoofsi isaanii dabalaa jiru, hojii lallabaatiin qofa utuu hin taʼin karaa kan biraatiinis obboloota Kiristos deggeruuf carraa argachuu isaanii akka mirga guddaatti ilaalu. Fakkeenyaaf, ijaarsa Galmawwan Mootummaa, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaa fi ijaarsa waajjiroota damee qarshiidhaanis taʼe karaawwan kan biraatiin kan deggeran taʼuu isaa irra iyyuu, obboloota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” muudeef amanamummaadhaan abboomamu.—Mat. 24:45-47; Ibr. 13:17.

Namoonni hoolotatti fakkeeffaman karaa garaa garaatiin obboloota Kiristos deggeru (Keeyyata 17 ilaali)

18 Dhiheenyatti ergamoonni Waaqayyoo qilleensota rakkina guddaa geessisan ni gadhiisu. Kun kan raawwatamu, obboloota Kiristos warra lafa irra jiran hunda irratti mallattoon inni dhumaa erga godhamee booda dha. (Mul. 7:1-3) Armaagedoon jalqabuu isaa dura warri dibaman kun gara samii fudhatamu. (Mat. 13:41-43) Kanaafuu, namoonni hoolota akka taʼanitti akka isaanii murteeffamu barbaadan obboloota Kiristos yeroon itti deggeruu qaban amma dha.

^ KEY. 6 Fakkeenya kana ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, mata dureewwan “Teessoo Murtii Duratti Kan Dhihaattu Akkamitti?” akkasumas “Hoolotaa Fi Reʼoota Gara Fuulduraatti Maaltu Eeggata?” jedhanii fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1995 (Amaariffa) irratti baʼan ilaali.