Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gumiidhaa Nama Baasuun Qophii Jaalala Irratti Hundaaʼe Dha Kan Jennu Maaliifi?

Gumiidhaa Nama Baasuun Qophii Jaalala Irratti Hundaaʼe Dha Kan Jennu Maaliifi?

HULIYAAN wanta isa mudatee ture yaadachuudhaan akkana jedheera: “Mucaan koo gumiidhaa akka baafame beeksisa yeroon dhagaʼetti wanti hundumtuu natti duukkanaaʼe. Mucaa koo hangafaa ti; baayʼee walitti dhihaanna, waan hedduus waliin hojjenna turre. Mucaa fakkeenya taʼu ture; yeroo booda garuu amala hin taane argisiisuu jalqabe. Haati manaa koo yeroo hunda boossi turte; akkamitti akkan ishee jajjabeessuus hin beekun ture. ‘Wanta akka warraatti nu irraa eegamu tokko tokko utuu hin raawwatin hafneerraa laata?’ jennee of gaafanna turre.”

Nama tokko gumiidhaa baasuun dhiphina hammanaa geessisa taanaan, qophiin kun jaalala irratti kan hundaaʼe dha jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? Yaadawwan Caaffata Qulqullaaʼoo tarkaanfii cimaa akkanaa fudhachuuf buʼuura taʼan kam faʼi? Sababiin namni tokko gumiidhaa itti baafamu maali dha?

SABABII NAMNI TOKKO GUMIIDHAA ITTI BAAFAMU LAMA

Dhugaa Baatuun tokko wantoota armaan gaditti ibsaman lamaan yeroo tokkotti yoo raawwate gumiidhaa ni baafama. Tokkoffaa, cubbuu cimaa yoo raawwate. Lammaffaa immoo, cubbuu isaatiif qalbii yoo geddarachuu baate.

Yihowaan mudaa kan hin qabne akka taanu kan nu irraa hin eegne taʼus, ulaagaa qulqullummaa tajaajiltoonni isaa akka guutan barbaadu qaba. Fakkeenyaaf, cubbuu cimaa kan akka halalummaa, waaqayyolii tolfaman waaqessuu, hanna, saamicha, nama gumaa taʼuu [ykn nama ajjeesuu] fi qoricha namatti gochuu [ykn gocha hafuura xuraaʼummaa] irraa akka fagaannu nu irraa eega.—1 Qor. 6:9, 10; Mul. 21:8.

Ulaagaaleen Yihowaan qulqullinaaf baase sirrii fi eegumsa kan nuu godhan akka taʼan sitti hin dhagaʼamuu? Namni namoota naga qabeeyyii taʼan, tasgabbii qabanii fi amanamoo taʼan gidduu jiraachuu hin barbaanne jiraa? Obboloota hafuuraa keenya gidduu haalli akkasii jira; kun taʼuu kan dandaʼe, yeroo Yihowaadhaaf of murteessinetti qajeelfama isaa wajjin wal simnee jiraachuuf waadaa waan seenneefi.

Haa taʼu malee, Kiristiyaanni cuuphame tokko dadhabina fooniitiin cubbuu cimaa yoo raawwate maaltu godhama? Tajaajiltoonni Yihowaa durii amanamoo taʼan dogoggora akkasii kan raawwatan taʼus, Yihowaan guutummaatti isaan hin dhiisne. Haalli Daawit Mootichaa kana argisiisa. Daawit ejjaa fi ajjeechaa kan raawwate taʼus, Naataan, “Waaqayyo yakka kee siif dhiiseera” isaan jedheera.—2 Sam. 12:13.

Waaqayyo Daawitiif dhiifama kan godhe, garaadhaa qalbii waan geddarateefi dha. (Far. 32:1-5) Yeroo harʼaas tajaajilaan Yihowaa tokko gumiidhaa kan baafamu, yoo qalbii geddarachuu baate ykn gocha gadhee raawwachuu isaa yoo itti fufe qofa dha. (HoE. 3:19; 26:20) Jaarsoliin koree murtii taʼan, namni sun garaadhaa qalbii akka hin geddaranne yoo hubatan gumiidhaa isa baasuu qabu.

Keessattuu nama gumiidhaa baafame sanaa wajjin walitti dhihaatta taanaan, jalqaba murtoon akkasii cimaa akka taʼe, darbees gaarummaa akka hin taane sitti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Dubbiin Yihowaa sababii quubsaa murtoon akkasii jaalala irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa amanuuf nu dandeessisu qabateera.

FAAYIDAA GUMIIDHAA NAMA BAASUUN QABU

Yesus, “Ogummaan qajeelaa taʼuun isaa buʼaa isaatiin mirkaneeffameera” jedheera. (Mat. 11:19, NW, miiljalee) Nama qalbii geddarachuu dide tokko gumiidhaa baasuudhaan murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuun buʼaa qajeelinaa argamsiisa. Buʼaa argamu keessaa kan armaan gadii sadan haa ilaallu:

Nama cubbuu hojjete gumiidhaa baasuun maqaa Yihowaatiif ulfina fida. Maqaa Yihowaatiin waan waamamnuuf, amalli nuti argisiisnu maqaa isaa irratti dhiibbaa ni geessisa. (Isa. 43:10) Akkuma amalli mucaa tokkoo warra isaa kabachiisuu ykn arrabsiisuu dandaʼu, amalli gaariin ykn gadheen namoonni maqaa Yihowaatiin waamaman argisiisan ilaalcha namoonni isaaf qaban irratti hamma taʼe dhiibbaa ni geessisa. Namoonni maqaa isaatiin waamaman ulaagaalee amalaa inni baase hojii irra kan oolchan yoo taʼe, maqaan Waaqayyoo ulfina ni argata. Haalli isaa haala bara Hisqiʼelitti turee wajjin wal fakkaata; yeroo sanatti saboonni kaan maqaa Yihowaa Yihudootaa wajjin wal qabsiisu turan.—His. 36:19-23.

Gocha halalummaa kan raawwannu yoo taʼe maqaa Waaqayyoo arrabsiisna. Phexros Kiristiyaanotaaf gorsa akkana jedhu kenneera: “Akka ijoollee abboomamanii taʼaa malee, kajeellaa foonii isa bara gowwummaa keessanii duukaa hin luuccaʼinaa! Inni isin waame qulqulluu akkuma taʼe, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota taʼaa! Inni caaffata qulqullaaʼaa keessatti, ‘Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa!’ jedheera.” (1 Phe. 1:14-16) Jireenyi qulqulluu taʼe maqaa Waaqayyootiif ulfina fida.

Dhugaa Baatuun tokko gocha gadhee yoo raawwate, michoonni isaa fi namoonni isa beekan kaan wanta sana beekuun isaanii hin oolu. Kanaafuu, murtoon gumiidhaa baasuuf godhamu, Yihowaan waaqeffattoota qulqulluu taʼanii fi qulqullina isaanii kana eeguufis qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti hordofan akka qabu argisiisa. Namni Siwiizarlaanditti walgaʼii gumii irratti yeroo jalqabaatiif argame tokko, miseensa gumichaa taʼuu akka barbaadu dubbatee ture. Obboleettiin isaa cubbuu cimaa waan raawwatteef gumiidhaa baafamtee turte. Dhaabbata “amala gadhee callisee hin ilaalletti” makamuu akka barbaadu dubbatee ture.

Gumiidhaa baasuun qulqullina gumichaa eega. Phaawulos ergamaan, namoonni taʼe jedhanii cubbuu raawwatan isaan gidduu akka jiraatan heyyamuun balaa akka qabu gumii Qorontos akeekkachiisee ture. Dhiibbaa gadhee namoonni akkasii geessisan raacitii guutummaa bukoo bukeessutti fakkeesseera. “Raacitiin xinnoon ishee guutummaa bukichaa akka bokoksu [ykn bukeessu]” ibseera. Achii, “Isa hamaa hojjetu of keessaa baasaa!” jedheen.—1 Qor. 5:6, 11-13.

Namichi ‘gocha hamaa’ raawwatee fi Phaawulos caqase nama ifatti gocha halalummaa raawwate taʼuu hin oolu. Miseensonni gumichaa illee gocha isaa kana beekaniiru. (1 Qor. 5:1, 2) Cubbuu cimaa akkasii callisanii ilaalaniiru utuu taʼee, tarii Kiristiyaanonni kaanis gocha gadhiisii magaalatti keessatti babalʼatee ture raawwachuuf qoramuu ni dandaʼu turan. Cubbuu taʼe jedhamee raawwatame callisanii ilaaluun, namoonni kaan ulaagaalee Waaqayyoo akka laayyootti akka ilaalan godha. (Lal. 8:11) Kana malees, cubbamaan qalbii hin geddaranne akka ‘dhagaa bishaan keessa dhokatee’ taʼuu fi akkuma dhagaan bishaan keessaa doonii caccabsu amantii miseensota gumichaa balleessuu dandaʼa.—Yih. 4, 12.

Gumiidhaa baasuun namni cubbuu hojjete qalbii isaatti akka deebiʼu gochuu dandaʼa. Yesus yeroo tokko waaʼee dargaggeessa mana abbaa isaa dhiisee deemee fi jireenya gadhiisii jiraachuudhaan dhaala argate balleessee dubbatee ture. Ilmi badee ture kun, jireenyi mana abbaa isaatii ala jiru gatii kan hin qabnee fi hubaatii kan geessisu akka taʼe rakkina isa irra gaʼe irraa barateera. Achii, gara qalbii isaatti kan deebiʼe siʼa taʼu, qalbii geddaratee gara maatii isaatti deebiʼe. (Luq. 15:11-24) Yesus abbaan mucichaa inni jaalala qabeessa taʼe jijjiirama ilmi isaa godhetti akka gammade dubbachuun isaa, miira Yihowaatti dhagaʼamu hubachuuf nu gargaara. Yihowaan, “Namni jalʼaan karaa isaatii akka deebiʼuu fi akka jiraatu malee, ani duʼa nama jalʼaatti hin gammadu” jechuudhaan kana nuu mirkaneesseera.—His. 33:11.

Namoonni gumiidhaa baafamanis sana booda miseensa gumichaa, jechuunis miseensa maatii isaanii hafuuraa waan hin taaneef, wanta gochi isaanii isaan dhabsiise hubachuu dandaʼu. Wanti cubbuun raawwatan isaan irratti geessise, akkasumas yeroo Yihowaa fi saba isaa wajjin walitti dhufeenya gammachiisaa itti dabarsanii wajjin haala wal qabateen yaadannoon isaan qaban gara qalbii isaanitti akka deebiʼan gochuu dandaʼa.

Namni gumiidhaa baafame akka deebiʼuuf jaalalaa fi ejjennoo cimaa qabaachuun barbaachisaa dha. Daawit faarfatichi, “Namni qajeelaan na rukutuun anaaf gaarii dha, na ifachuun isaas akka dibata mataa kootii ti” jedheera. (Far. 141:5) Fakkeenyaan ibsuuf, namni tokko utuu nyaata nyaachaa jiruu foon isa hudhe haa jennu. Hafuura baafachuu dadhabe; humnas ni dhabe. Dubbachuu illee hin dandeenye. Namni tokko dafee yoo isa gargaaruu baate duʼuun isaa hin oolu. Kanaafuu, hiriyaan isaa tokko foon isa hudhe akka baʼuuf dugda isaa rukute. Rukuttaan kun isa dhukkubsus, lubbuu isaa isaaf oolchuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, Daawit faayidaa isaatiif jecha namni qajeelaan sirreeffama cimaa illee isaaf kennuu akka dandaʼu hubateera.

Yeroo baayʼee, gumiidhaa baasuun namoonni cubbuu hojjetan sirreeffama isaan barbaachisu akka argatan godha. Ilmi Huliyaan, waggaa kudhan booda akkaataa jireenyaa isaa sirreessee gara gumiitti kan deebiʼe siʼa taʼu, amma jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira. “Gumiidhaa baafamuun koo, rakkoo jireenyi ani filadhe na irra geessise dura akkan dhaabadhu na godheera. Sirreeffamni akkasii na barbaachisa ture” jedhee ifatti dubbateera.—Ibr. 12:7-11.

WALITTI DHUFEENYA NAMOOTA GUMIIDHAA BAAFAMANII WAJJIN QABAACHUU QABNU

Gumiidhaa nama baasuun gadda guddaa kan geessisu taʼus, haalli nama sanaa jijjiiramuu hin dandaʼu jechuu miti. Hundi keenya iyyuu kaayyoon namni sun gumiidhaa itti baafame akka milkaaʼu gumaacha gochuu ni dandeenya.

Warri qalbii geddaratan gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruuf carraaqqiin ni godhama

Jaarsoliin nama tokko gumiidhaa baasuuf murteessuu irratti itti gaafatamummaa qaban, jaalala Yihowaa calaqqisiisuuf carraaqqii ni godhu. Murtoo isaanii kana nama sanatti ennaa himan, gara gumiitti deebiʼuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabu gaarummaadhaan, akkasumas ifatti ibsuufii qabu. Namoonni gumiidhaa baafaman gara Yihowaatti deebiʼuuf maal gochuu akka qaban yaadachiisuuf, jaarsoliin warra jijjiirama tokko tokko gochuu jalqaban darbee darbee ni daawwatu taʼa. *

Miseensonni maatii murtoo nama sana gumiidhaa baasuuf godhame kabajuudhaan, jaalala gumichaafis taʼe nama cubbuu hojjete sanaaf qaban argisiisuu dandaʼu. Huliyaan, “Gumiidhaa baafamus mucaa koo ti; akkaataan jireenyaa inni hordofaa ture garuu wal irraa nu fageessee ture” jedheera.

Miseensonni gumichaa hundis nama gumiidhaa baafamee wajjin walitti dhufeenya akkamii iyyuu qabaachuu dhiisuudhaan, jaalala argisiisuu ni dandaʼu. (1 Qor. 5:11; 2 Yoh. 10, 11) Karaa kanaan sirreeffama Yihowaan jaarsoliitti fayyadamee isaaf kenne deggeruu ni dandaʼu. Kana malees, maatiin nama gumiidhaa baafame sanaa baayʼee waan gaddaniif, akkasumas gumichi of irraa akka isaan fageesse akka isaanitti hin dhagaʼamneef jaalala itti argisiisuu fi deggersa gochuufii ni dandaʼu.—Rom. 12:13, 15.

Huliyaan akkana jedheera: “Gumiidhaa nama baasuun qophii ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simnee jiraachuuf nu gargaaru waan taʼeef barbaachisaa dha. Dhiphina kan geessisu taʼus, yeroo booda buʼaa gaarii argamsiisa. Amala gadhee mucaan koo argisiisaa ture utuun callisee ilaaleera taʼe jijjiirama hin godhu ture.”

^ KEY. 24 Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1991 (Amaariffa), fuula 21-23 ilaali.