Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | YAADDOO MOʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Yaaddoon Bakka Hunda Jira!

Yaaddoon Bakka Hunda Jira!

“Nyaata bituu yeroon deemu wanti ani argadhe buskutii qofa ture, inni iyyuu gatiin isaa harka 10,000 dabalee ture! Guyyaa itti aanutti immoo suuqii keessa nyaanni tokko illee hin jiru ture.”—Pool, Zimbaabuwee.

“Abbaan manaa koo taaʼi naan jedhee, nu dhiisee deemuuf akka jedhu dubbate. Gocha gantummaa akkanaa akkamittan dandaʼee jiraadha? Ijoolleen koo hoo akkam taʼu?” —Jaaneet, Yunaayitid Isteetis.

“Sagaleen meeshaa balaa akeekkachiisu yommuu dhagaʼamu, iddoon itti dhokadhu argachuuf nan fiige, yommuu rokkeettiin dhukaʼus lafa irra nan ciise. Saʼaatii hedduu booda illee harki koo ni hollata ture.”—Aloonaa, Israaʼel.

‘Yeroo sodaachisaa’ yaaddoon itti baayʼate keessa jiraanna. (2 Ximotewos 3:1) Namoonni baayʼeen, rakkina qarshiitiin, maatiin diigamuu isaatiin, waraanaan, dhukkuboota akka tasaa kaʼanii nama fixaniin, akkasumas balaawwan uumamaatiin ykn balaawwan nam tolcheetiin jeeqamaa jiru. Kana malees, wantoonni dhuunfaatti nama yaaddessan kanneen, ‘Wanti qaama koo irratti baʼe kun gara kaansariitti jijjiiramaa laata?’ ‘Addunyaan ijoolleen ijoollee koo keessatti guddatan kan akkamii taʼa laata?’ jedhan jiru.

Taʼus yaaddoon hundi gadhee dha jechuu miti. Qorumsa jalqabuu, namoota duratti waa raawwachuu ykn hojii qacaramuuf gaafannoodhaaf dhihaachuu keenya dura yaaddaʼuun waanuma jiru dha. Kana malees wanta balaa geessisu tokko sodaachuun keenya miidhaa irraa fagaachuuf nu gargaara. Taʼus, akka malee ykn yeroo hunda yaaddaʼuun badii guddaa geessisa. Dhiheenya kana qorannoon gaʼeessota 68,000 taʼan irratti walitti aansee godhame tokko, yaaddoon salphaa taʼe illee carraa namni tokko yeroo malee duʼuudhaaf qabu akka dabalu ibseera. Kanaaf Yesus, “Isin keessaa namni tokko hammam yaadda’u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa dabalachuu kan danda’u jiraa ree?” jedhee gaafachuun isaa sirrii ture. Dhuguma iyyuu yaaddoon umurii eenyuu illee hin dheeressu. Kanaan kan kaʼes Yesus gorsa, “Hin yaaddaʼinaa!” jedhu kenneera. (Maatewos 6:25, 27) Haa taʼu malee yaaddaʼuu dhiisuun ni dandaʼamaa?

Deebiin gaaffii kanaa, ogummaatti fayyadamu, amantii dhugaa Waaqayyoo irratti qaban guddifachuu fi waaʼee gara fuulduraa abdii amansiisaa qabaachuu irratti kan hundaaʼe dha. Yeroo ammaa rakkinni cimaan nu irra gaʼaa kan hin jirre yoo taʼe illee, gara fuulduraatti nu mudachuu dandaʼa. Kanaafuu Pool, Jaaneetii fi Aloonaan tarkaanfiiwwan armaan olitti ibsaman fudhachuun isaanii yaaddoo moʼuuf akkamitti akka isaan gargaare haa ilaallu.