Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | YAADDOO MOʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Waaʼee Balaa Yaaddaʼuu

Waaʼee Balaa Yaaddaʼuu

Aloonaan akkana jetteetti: “Sagalee meeshaa balaa akeekkachiisu yommuun dhagaʼu, lapheen koo rukutuu jalqabe; achiis bakka boombii jalaa itti dhokatanitti nan fiige. Taʼus iddoo sanatti illee nan yaaddaʼan ture. Iddoon itti dhokatan waan hin jirreef yeroon gad baʼu immoo kana caalaa nan yaaddaʼe. Gaaf tokko utuun karaa irra deemaa jiruu booʼuun jalqabe, hafuura baafachuus nan dadhabe. Tasgabbaaʼuuf saʼaatii dheeraa natti fudhate. Sagalee meeshaan balaa akeekkachiisu ammas iyyuu jalqabe.”

Aloonaa

Waraanni, wantoota balaa geessisan hedduu keessaa isa tokko qofa dha. Fakkeenyaaf, ati ykn namni ati jaallatu tokko dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun akka qabamtan beekuun kee akka waan boombiidhaan rukutamtetti akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Warri kaan immoo waaʼee gara fuulduraa sodaachuun yaaddoo isaanitti taʼuu dandaʼa. Namoonni akkasii, ‘Ijoolleen keenya ykn ijoolleen ijoollee keenyaa, addunyaa waraana, yakka, faalama, jijjiirama qilleensaa fi dhukkuba daddarbaadhaan guutame keessa jiraachuuf dirqamuu laata?’ jedhanii yaaddaʼu. Yaaddoowwan akkanaa moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Wantoonni gadheen akka gaʼan waan beekuuf, “namni hubataan wanta hamaa [“balaa,” NW] argee jalaa in dhokata.” (Fakkeenya 27:12) Akkuma nageenya qaama keenyaa eeguuf carraaqqii goonu, fayyaa sammuu fi miira keenyaa eeguufis tarkaanfii fudhachuu dandeenya. Bohaartiiwwan hammina babalʼisanii fi oduuwwan fakkii nama suukanneessuun guutaman illee nu irrattis taʼe ijoollee keenya irratti yaaddoo dabalataa fiduu dandaʼu. Wantoota akkanaatiif utuu hin barbaachisin akka hin saaxilamne of eeggachuu jechuun, dhugaa jiru haaluu jechuu miti. Waaqayyo sammuun keenya hammina akka yaadu godhee hin uumne. Kanaa mannaa sammuu keenya, ‘waan dhugaa taʼe, qajeelaatti lakkaaʼamu, qulqulluu taʼee fi jaallatamaa’ taʼeen guutuu qabna. Kana yoo goone, ‘Waaqayyo inni nagaa kennu’ sammuu fi garaa keenyaaf nagaa kenna.—Filiphisiiyus 4:8, 9.

BARBAACHISUMMAA KADHANNAA

Amantii dhugaan yaaddoo moʼuuf nu gargaara. Kitaabni Qulqulluun, “Kadhata gochuufis warra eeggatan taʼaa!” jechuudhaan nu gorsa. (1 Phexros 4:7) Waaqayyo “kadhata keenya akka inni nuuf dhaga’u” amanuudhaan, haala keenya fooyyessuuf akka nu gargaaru, akkasumas ogummaa fi ija jabina akka nuu kennu isa kadhachuu ni dandeenya.—1 Yohannis 5:15.

Abbaa manaa ishii Aavii wajjin

Kitaabni Qulqulluun, ‘biyya lafaa kana kan seerratu’ Waaqayyo utuu hin taʼin, Seexana akka taʼee fi “guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru” ibsa. (Yohannis 12:31; 1 Yohannis 5:19) Kanaaf Yesus, “isa hamaa sana irraa nu oolchi” jennee akka kadhannu yommuu nu barsiisu akkasumaan fakkeenyaan dubbachuu isaa hin turre. (Maatewos 6:13, NW) Aloonaan akkana jetteetti: “Sagaleen meeshaa balaa akeekkachiisu yommuu dhagaʼamu hundatti, Yihowaan miira koo toʼachuuf akka na gargaaru na kadhadha. Abbaan manaa koos na waamee naa wajjin kadhata. Dhuguma iyyuu kadhannaan nama gargaara.” Kitaabni Qulqulluunis, “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhiʼoo dha” jedha.—Faarfannaa 145:18.

ABDII KEENYA ISA GARA FUULDURAA

Yesus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan duuka buutota isaa barsiiseera. (Maatewos 6:10) Mootummaan Waaqayyoo yaaddoo miidhaa geessisu hunda bara baraaf hundee isaatii buqqisee balleessa. Waaqayyo, Yesus isa “angafa nagaa” taʼeetti fayyadamee, “hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.” (Isaayaas 9:6; Faarfannaa 46:9) “Inni [Waaqayyo] saba baayʼee gidduutti firdii in kenna . . . Sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebiʼaniis lola hin baran. . . . Namni tokko illee isaan hin sodaachisu.” (Miikiyaas 4:3, 4) Maatiiwwan gammadoo taʼan, “Mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatanii ija isaa in nyaatu.” (Isaayaas 65:21) “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

Yeroo harʼaa of eeggannoon hammamii illee yoo godhame, yeroo hunda “wantoota ni taʼu jedhamanii hin eegamne” hambisuun ykn yeroo sirrii hin taanetti bakka sirrii hin taanetti argamuu irraa fagaachuun hin dandaʼamu. (Lallaba 9:11, NW) Waraanni, jeequmsii fi dhukkubni akkuma jaarraawwan hedduudhaaf gochaa turan namoota gaarii ajjeesuu isaanii itti fufaniiru. Namoonni gaariin ajjeefaman kun abdii maalii qabu?

Namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi lakkoofsa isaanii Waaqayyo qofti beeku deebiʼanii jiraatu. Ammaaf garuu namoonni kun hamma guyyaa ‘warri awwaala keessa jiran hundi awwaala keessaa baʼanitti’ yaadannoo Waaqayyoo isa mudaa hin qabne keessa rafanii jiru. (Yohannis 5:28, 29) Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼuu ilaalchisee, “Akka qofoon sibiilaa markaba qabee dhaabu, nuyis abdii amanamaadhaa fi cimaa . . . qabna” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Ibroota 6:19) Waaqayyos, “[Yesusiin] duʼaa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera.”—Hojii Ergamootaa 17:31.

Ammaaf garuu namoonni Waaqayyoon gammachiisuuf yaalii godhan illee yaaddoon isaan mudata. Pool, Jaaneetii fi Aloonaan tarkaanfii sirrii taʼe fudhachuu, kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuu fi abdii gara fuulduraa Kitaabni Qulqulluun kennu irratti amantii qabaachuudhaan, hundi isaanii akka gaariitti yaaddoo moʼuu dandaʼaniiru. Akkuma namoota kanaaf godhe, “Waaqayyo inni abdii namaaf kennu, isatti amanuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu!”—Roomaa 15:13.