Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jannata Hafuuraa Bareechuuf Ciminaan Hojjedhaa

Jannata Hafuuraa Bareechuuf Ciminaan Hojjedhaa

Iddoo miilli koo ejjetu ulfina qabeessa nan godha.”—ISA. 60:13, NW.

FAARFANNAA: 28, 9

1, 2. Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa keessatti yaadni ‘ejjeta miillaa’ jedhu maal argisiisa?

WAAQNI keenya Yihowaan, “Bantiin waaqaa teessoo koo ti, laftis ejjeta miilla kootii ti” jechuun isaa sirrii dha. (Isa. 66:1) Akkasumas, “Ejjeta miilla” isaa ilaalchisee, “Iddoo miilli koo ejjetu ulfina qabeessa nan godha” jedheera. (Isa. 60:13, NW) Kana kan godhu akkamitti? “Ejjeta miilla” Waaqayyoo irra jiraachaa waan jirruuf nuuf kun hiika maalii qaba?

2 Yaadni ‘ejjeta miillaa’ jedhu lafa qofa utuu hin taʼin, Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa keessatti mana qulqullummaa bara duriitti Israaʼeloonni itti fayyadamaa turan argisiisuufis itti hojjetameera. (1 Sen. 28:2, NW; Far. 132:7) Manni qulqullummaa kun lafa irratti wiirtuu waaqeffannaa dhugaa taʼee tajaajileera. Sababii kanaan kan kaʼe, Yihowaa duratti miidhagaa ture; akkasumas, manni qulqullummaa kun jiraachuun isaa iddoon miilli Yihowaa ejjetu ulfina qabeessa akka taʼu godheera.

3. Manni qulqullummaa hafuuraa inni guddichi maali dha? Kan hundeeffame hoo yoomi?

3 Yeroo harʼaatti wiirtuun waaqeffannaa dhugaa mana qulqullummaa lafa irratti argamu miti. Haa taʼu malee, manni qulqullummaan hafuuraa, gamoo kam iyyuu caalaa Yihowaadhaaf ulfina fidu jira. Qophii karaa lubummaa fi aarsaa Yesus Kiristosiin Waaqayyotti araaramuun akka dandaʼamu godhu dha. Qophiin kun kan hundeeffame yeroo Yesus Dh.K.B. bara 29tti cuuphamuudhaan, Angafa Lubootaa mana qulqullummaa hafuuraa isa guddichaa taʼee muudametti dha.—Ibr. 9:11, 12.

4, 5. (a) Faarfannaan 99 fedhii waaqeffattoota Yihowaa kan ibsu akkamitti? (b) Maal jennee of gaafachuu qabna?

4 Dinqisiifannaa qophii mana qulqullummaa hafuuraatiif qabnuun kakaanee, maqaa Yihowaa beeksisuudhaan galata isaaf galchina; akkasumas, dhiifama akka argannuuf qophii furii nuu gochuu isaatiif isa jajanna. Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni dhugaan miliyoona saddeetii ol taʼan Yihowaadhaaf ulfina kennaa akka jiran beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa! Namoota gara samii erga deemnee booda Waaqayyoon jajanna jedhanii yaadan irraa haala faallaa taʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi amma lafa irratti Yihowaa jajachuun barbaachisaa akka taʼe hubataniiru.

5 Karaa kanaan fakkeenya tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼanii fi Faarfannaa 99:1-3, 5 irratti caqasamanii hordofna. (Dubbisi.) Faarfannaan kun akka argisiisutti Museen, Aaronii fi Saamuʼel qophii Yihowaan bara isaaniitti waaqeffannaa dhugaadhaaf godhe guutummaatti deggeraniiru. (Far. 99:6, 7) Yeroo harʼaa, obboloonni Yesus warri lafa irra jiran gara samii deemuudhaan isaa wajjin luboota taʼanii tajaajiluu isaanii dura, dallaa mana qulqullummaa hafuuraa isa lafa irraa keessatti amanamummaadhaan tajaajilaa jiru. ‘Hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaaʼamanis amanamummaadhaan isaan deggeru. (Yoh. 10:16) Gareewwan kun lamaan abdii garaa garaa kan qaban taʼus, ejjeta miillaa Waaqayyoo irratti tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatu. Haa taʼu malee dhuunfaatti, ‘Qophii Yihowaan waaqeffannaa dhugaatiif godhe guutummaatti deggeraan jiraa?’ jennee of gaafachuu qabna.

WARRA MANA QULQULLUMMAA HAFUURAA KEESSATTI TAJAAJILAN ADDA BAASANII BEEKUU

6, 7. Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduutti rakkina akkamiitu kaʼe? Jaarraawwan hedduu booda hoo maaltu taʼe?

6 Gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee jaarraa tokko utuu hin guutin, gantummaan inni raajiidhaan dubbatame babalʼachuu jalqabe. (HoE. 20:28-30; 2 Tas. 2:3, 4) Yeroo sanaa kaasee, mana qulqullummaa hafuuraa keessatti warra dhugumaan Waaqayyoon tajaajilaa jiran adda baasanii beekuun caalaatti rakkisaa taʼee ture. Waggoota hedduu booda, yeroon Yihowaan karaa ilma isaa Yesus Kiristos isa Mootii taʼee dhimma kana ifa itti godhu ni gaʼe.

7 Bara 1919tti warri Yihowaa biratti fudhatama argatanii fi mana qulqullummaa hafuuraa keessatti isa tajaajilaa jiran ifatti beekaman. Tajaajilli isaan Waaqayyoof dhiheessan isa duratti caalaatti fudhatama akka qabaatuuf, karaa hafuuraa ni haareffaman. (Isa. 4:2, 3; Mil. 3:1-4) Wanti Phaawulos jaarraawwan hedduu dura mulʼataan arge hamma tokko raawwii isaa argachuu jalqabe.

8, 9. Bifawwan ‘jannataa’ Phaawulos mulʼataan arge sadan ibsi.

8 Mulʼanni Phaawulos arge 2 Qorontos 12:1-4 irratti ibsameera. (Dubbisi.) Yihowaan mulʼata kana irratti wanta gara fuulduraatti raawwatamu Phaawulositti argisiise. ‘Jannanni,’ Phaawulos yeroo ‘bantii waaqaa keessaa gara tarree isa sadaffaatti ol butametti’ arge maali dha? Tokkoffaa, jannata ishee gara fuulduraatti lafa irratti taatu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (Luq. 23:43) Lammaffaa, jannata hafuuraa addunyaa haaraa keessatti guutummaatti jiraatu argisiisuu ni dandaʼa. Sadaffaa, haala eebbifamaa samii irratti “jannata Waaqayyoo” keessa jiru kan argisiisu taʼuu ni dandaʼa.—Mul. 2:7.

9 Haa taʼu malee, Phaawulos “dubbii dubbatamuu hin dandeenye, dubbii namatti himuunis hin taane [akka] dhagaʼe” kan dubbate maaliifi? Wantoota dinqisiisaa mulʼata sana irratti arge balʼinaan ibsuun yeroo isaa waan hin turreefi dha. Haa taʼu malee, amma waaʼee eebba saba Waaqayyoo gidduu jiru kanaa dubbachuuf yeroo isaa ti!

10. “Jannanni hafuuraa” fi “manni qulqullummaa hafuuraa” tokko miti kan jennu maaliifi?

10 Yaada “jannata hafuuraa” jedhutti yeroo baayʼee fayyadamna. Jannanni hafuuraa, haala addaa karaa hafuuraa nuyi keessa jirru, jechuunis haala Waaqayyoo fi obboloota keenyaa wajjin nagaa qabaachuuf nu dandeessisu dha. Haa taʼu malee, yaadni “jannata hafuuraa” fi “mana qulqullummaa hafuuraa” jedhu tokko akka taʼetti ilaalamuu hin qabu. Manni qulqullummaan hafuuraa, qophii Waaqayyo waaqeffannaa dhugaadhaaf godhe dha. Jannanni hafuuraa immoo, warra Waaqayyo duratti fudhatama qabanii fi yeroo harʼaatti mana qulqullummaa hafuuraa keessatti isa tajaajilaa jiran adda baasanii beekuuf kan tajaajilu dha.—Mil. 3:18.

11. Jannata hafuuraa wajjin haala wal qabateen yeroo harʼaatti mirga akkamii qabna?

11 Yihowaan bara 1919 eegalee ilmaan namootaa cubbamoo taʼan jannata hafuuraa lafa irratti misoomsuu, jabeessuu fi babalʼisuu irratti isaa wajjin akka hojjetan heyyamuu isaa beekuun baayʼee nama gammachiisa! Hojii dinqisiisaa kana irratti hirmaachaa jirtaa? Iddoo ‘ejjeta miilla isaa’ ulfina qabeessa gochuu irratti Yihowaa wajjin hojjechuu kee itti fufuuf kakaateettaa?

YIHOWAAN JAARMIYAAN ISAA CAALAATTI KAN NAMA HAWWATU AKKA TAʼU GOCHAA JIRA

12. Raawwii Isaayaas 60:17 wajjin haala wal qabateen hundi keenya iyyuu amantii akkamii qabna? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali)

12 Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafa irraa wajjin haala wal qabateen jijjiiramni dinqisiisaan godhamu Isaayaas 60:17 irratti dursee dubbatameera. (Dubbisi.) Dargaggoonni ykn obboloonni haaraan waaʼee jijjiirama kanaa dubbisaniiru ykn warra kaan irraa dhagaʼaniiru. Obboloonni jijjiiramni kun yommuu raawwatamu argan garuu mirga guddaa argataniiru! Yihowaan karaa Ilma isaa isa Mootii taʼee jaarmiyaa isaa geggeessaa fi qajeelchaa akka jiru akka mirkaneeffatan hin shakkisiisu! Akkuma keenya amanannaan isaanii ragaa qabatamaa irratti kan hundaaʼe akka taʼe beeku. Muuxannoo isaanii dhagaʼuun keessan amantii Yihowaa irratti qabdan isiniif jabeessa.

13. Faarfannaan 48:12-14 itti gaafatamummaan akkamii akka nu irra jiraatu godha?

13 Dhugaa keessa kan turre yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, waaʼee jaarmiyaa Yihowaa namootatti himuu qabna. Addunyaa hamaa, mancaʼaa fi jaalala hin qabne kana keessa jannanni hafuuraa jiraachuun isaa, dinqii bara keenyatti raawwatame dha! Wanti dinqisiisaan jaarmiyaa Yihowaa ykn “Xiyoon” keessatti argamuu fi dhugaan waaʼee jannata hafuuraa ibsu “dhaloota dhufutti” gammachuudhaan himamuu qaba.—Faarfannaa 48:12-14 dubbisi.

14, 15. Bara 1970 booda jaarmiyicha keessatti jijjiirama akkamiitu godhame? Jijjiiramni kun jaarmiyicha akka fayyade kan mirkanaaʼe akkamitti?

14 Obboloonni maanguddoon nu gidduutti argaman, waggoota hedduudhaaf jijjiirama jaarmiyaa Yihowaa keessatti taasifamaa turee fi bareedina kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafa irraa dabalu tokko tokko dhuunfaatti arganiiru. Yeroo itti gumiin tokko qaama jaarsoliitiin utuu hin taʼin tajaajilaa gumii tokkoon geggeeffamaa ture, biyyi tokko Koree Waajjira Dameetiin utuu hin taʼin tajaajilaa waajjira damee tokkoon geggeeffamaa ture, akkasumas Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin utuu hin taʼin pireezidaantii Waldaa Masaraa Eegumsaatiin yeroo qajeelfamni kennamaa ture ni yaadatu. Obboloota garaadhaa hojjetan kana namoonni amanamummaadhaan deggeran kan jiran taʼus, gumii, waajjira damee fi waajjira muummee keessatti murtoo kan dabarsu nama tokko qofa ture. Bara 1970 booda garuu, murtoon nama tokkoon utuu hin taʼin garee jaarsoliitiin akka kennamu godhame.

15 Jijjiiramni kun jaarmiyicha fayyadeera kan jennu maaliifi? Beekumsi Caaffata Qulqullaaʼoo irratti qabnu dabaluu isaa irratti kan hundaaʼe waan taʼeefi dha. Namni tokko qofaa isaa dhiibbaa akka geessisu gochuu mannaa, Yihowaan ‘dhiirota kennaa taʼanii’ fi amala gaggaarii qaban qopheessuun isaa jaarmiyicha fayyadeera.—Efe. 4:8, NW; Fak. 24:6.

Yihowaan, namoota iddoo hundumaatti argamaniif qajeelfama isaan barbaachisu kennaa jira (Keeyyata 16 fi 17 ilaali)

16, 17. Jijjiiramawwan yeroo dhihootti godhaman keessaa caalaatti kan si ajaaʼibsiisu isa kami? Maaliif?

16 Kana malees, waaʼee jijjiirama yeroo dhihootti taasifamee, kan akka bifaa fi qabiyyee barreeffamoota keenyaa, akkasumas jijjiirama akkaataa isaan itti raabsaman irratti godhame yaadaa. Barreeffamoota yaadni isaanii hojii irra ooluu dandaʼuu fi nama hawwatan tajaajila irratti namootaaf kennuun nama hin gammachiisuu? Akkasumas, dhugaa babalʼisuudhaaf teknoolojii ammayyaatti fayyadamna. Fakkeenyaaf, weebsaayitiin keenya jw.org jedhamu namoota hedduudhaaf gargaarsa isaan barbaachisu kennaa jira. Jijjiirama kana hunda yeroo arginu Yihowaan namootaaf akka yaaduu fi akka isaan jaallatu hubanna.

17 Faayidaan jijjiiramni Waaqeffannaa Maatii akka qabaannu ykn qayyabannaa dhuunfaatiif yeroo dabalataa akka argannuuf godhame argamsiisus dagatamuu hin qabu. Jijjiirama walgaʼiiwwan gurguddaa irratti godhames ni dinqisiifanna. Walgaʼiiwwan kun waggaa waggaatti fooyyaʼaa jiru jechuun ni dandaʼama! Akkasumas, manneen barumsaa tiʼookraasii hedduu keessatti leenjiin kennamu dabaluu isaatti akka gammannu beekamaa dha. Jijjiirama kana hunda keessatti, Yihowaan jaarmiyaa isaa geggeessaa fi jannanni hafuuraa caalaatti kan nama hawwatu akka taʼu gochaa akka jiru hubanna!

JANNATA HAFUURAA BAREECHUU IRRATTI HIRMAANNAA ATI QABDU

 

18, 19. Jannanni hafuuraa caalaatti kan nama hawwatu akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yihowaan jannata hafuuraa bareechuu irratti akka hirmaannu nuuf heyyamuun isaa mirga guddaa dha. Kanas gochuu kan dandeenyu, misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabuu fi namoonni dabalataa duuka buutota akka taʼan gargaaruudhaani. Namni tokko Yihowaadhaaf akka of murteessu yeroo gargaarru hundatti, daangaan jannata hafuuraa akka balʼatu gochaa jirra.—Isa. 26:15; 54:2.

19 Akkasumas, amala keenya irratti fooyyaʼiinsa gochuudhaan bareedina jannata hafuuraa keenyaa dabaluu dandeenya. Karaa kanaan, jannanni hafuuraa kun namoota kaan caalaatti akka hawwatu gochuu dandeenya. Wanti jalqaba irratti namoonni jaarmiyichatti, achiis Yihowaa fi Kiristositti akka dhihaatan godhu beekumsa Macaafa Qulqulluu caalaa iyyuu amala gaarii nuti qabnu dha.

Daangaa jannata hafuuraa balʼisuu irratti hirmaachuu ni dandeessa (Keeyyata 18 fi 19 ilaali)

20. Fakkeenyi 14:35 akka jedhutti fedhiin keenya maal taʼuu qaba?

20 Yeroo harʼaatti Yihowaa fi Yesus bareedina jannata hafuuraa keenyaa yeroo ilaalan baayʼee akka gammadan beekamaa dha. Gammachuun nuti yeroo ammaatti jannata hafuuraa bareechuudhaan argachaa jirru, gammachuu gara fuulduraatti lafa yeroo jannata goonutti argannu kan argisiisu dha. Fakkeenya 14:35 isa, “Mootiin hojjetaa isaa isa ogeessatti faara in tola” jedhu haa yaadannu. Jannata hafuuraa bareechuu irratti ciminaan yeroo hojjennu hundatti ogummaa haa qabaannu!