Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaa Waaqayyootiif Amanamoo Taʼuu Keessan Itti Fufaa

Mootummaa Waaqayyootiif Amanamoo Taʼuu Keessan Itti Fufaa

Isaan kan biyya lafaa miti.’—YOH. 17:16.

FAARFANNAA: 18, 54

1, 2. (a) Kiristiyaanonni Waaqayyoof amanamoo taʼuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kun hoo siyaasa irraa fagaachuu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Namoonni hedduun amanamummaa akkamii qabu? Kun hoo maal geessisuu dandaʼa?

KIRISTIYAANONNI yeroo waraanaatti qofa utuu hin taʼin, yeroo hundumaa amanamoo taʼuu fi siyaasa irraa fagaachuu qabu. Maaliif? Sababni isaas namoonni Yihowaadhaaf of murteessan hundi, isa jaallachuuf, isaaf amanamuu fi isaaf ajajamuuf waadaa galaniiru. (1 Yoh. 5:3) Eessa iyyuu kan jiraannu yoo taʼe, akkasumas akkaataan guddinaa keenya, lammummaan keenyaa fi aadaan keenya maal iyyuu yoo taʼe ulaagaa qajeelinaa Waaqayyoo jalatti buluu barbaanna. Amanamummaan nuti Yihowaa fi Mootummaa isaatiif qabnu walitti dhufeenya nuti qabnu kam iyyuu kan caalu dha. (Mat. 6:33) Amanamummaan akkasii walitti buʼiinsaa fi wal dhabiinsa addunyaa keessa jiru kam irraa iyyuu fagaachuu kan gaafatu dha.—Isa. 2:4; Yohannis 17:11, 15, 16 dubbisi.

2 Namoonni amantii keenya hin hordofne biyya, sanyii ykn aadaa isaaniitiif, darbees garee ispoortii biyyoolessaa isaaniitiif amanamummaa adda taʼe argisiisu. Amanamummaan akkasii, wal dorgommii fi wal morkiin akka jiraatu kan godhu taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo tokko tokko immoo namoonni akka wal ajjeesan gochuu dandaʼa. Walitti buʼiinsa akkanaa irratti kan hin hirmaanne taʼus, nuunis taʼe maatii keenya irratti dhiibbaa geessisuu fi yeroo tokko tokko immoo jalʼinni akka nu irratti raawwatamu gochuu dandaʼa. Waaqayyo haqa akka jaallannu godhee waan nu uumeef, murtoon mootummoonni ilmaan namootaa kennan nu gaddisiisuu dandaʼa. (Uma. 1:27; Kes. 32:4) Haalawwan akkasii keessatti maaltu nutti dhagaʼama? Yeroo kanatti dhimmoota addunyaa keessaa isa tokko deggeruunii fi walitti buʼiinsa keessa seenuun salphaa taʼuu dandaʼa.

3, 4. (a) Kiristiyaanonni wal morkii addunyaa kanaa irraa fagaachuu kan qaban maaliifi? (b) Mata dureen kun waaʼee maalii ibsa?

3 Dhaabbileen ilmaan namootaa bulchan, walitti buʼiinsi yeroo uumamu lammiileen garee tokko akka deggeran dhiibbaa isaan irraan gaʼu taʼa. Kiristiyaanonni dhugaan garuu kana gochuu hin dandaʼan. Wal morkii siyaasaa addunyaa kanaa irrattis taʼe waraana irratti hin hirmaannu. (Mat. 26:52) Kiristiyaanonni dhugaan kutaan addunyaa Seexanaa tokko isa kaan irra fooyyaʼaa akka taʼetti hin yaadan. (2 Qor. 2:11) Kutaa biyya lafaa taʼuu dhiisuudhaan, wal morkii addunyaa kana keessa jiru irraa fagaanna.—Yohannis 15:18, 19 dubbisi.

4 Cubbamoota waan taaneef, nu keessaa tokko tokko yaada moofaa, jechuunis ilaalcha wal qoqqooduu nu keessa jiru balleessuuf walʼaansoo gochaa jirra taʼa. (Er. 17:9; Efe. 4:22-24) Kanaafuu, mata dureen kun seerawwan buʼuuraa fedhiiwwan akkasii moʼuuf nu gargaaran qabateera. Akkasumas, Mootummaa Waaqayyootiif amanamoo taʼuuf, sammuu fi yaada garaa keenya leenjisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

KUTAA ADDUNYAA KANAA KAM IYYUU KAN HIN DEGGERRE MAALIIFI?

5, 6. Yesus yeroo lafa irra jiraachaa turetti namoota garaa garaatiif ilaalcha akkamii qaba ture? Maaliif?

5 Haalawwan hanga ammaatti ilaallee wajjin haala wal qabateen maal gochuu akka qabdu yoo shakkite, ‘Yesus utuu taʼee maal godha ture?’ jettee of gaafachuun kee gaarii dha. Yesus, namoota naannoo garaa garaa, jechuunis Yihudaa, Galiilaa, Samaariyaa fi naannoowwan kan birootii dhufan gidduu jiraachaa ture. Macaafa Qulqulluu irraa hubachuun akka dandaʼamutti, namoota naannoo garaa garaatii dhufan kana gidduu walii galteen hin jiru ture. (Yoh. 4:9) Fariisotaa fi Saduqoota (HoE. 23:6-9), namoota kaanii fi warra qaraxa sassaaban (Mat. 9:11), akkasumas namoota barsiisota seeraa irraa baratanii fi warra hin baranne gidduus walii galteen hin jiru ture. (Yoh. 7:49) Jaarraa jalqabaatti, biyyi Israaʼel warra Roomaatiin bulaa turte; namoonni biyyattii garuu bulchiinsa kana hin jaallatan turan. Yesus amantii dhugaa kan deggeruu fi fayyinni warra Yihudootaa keessaa akka dhufu kan beeku taʼus, bartoonni isaa warra kaanii wajjin wal morkii keessa akka galan hin jajjabeessine. (Yoh. 4:22) Kanaa mannaa, namoota hundumaa akka jaallatan isaan jajjabeesseera.—Luq. 10:27.

6 Yesus namoota kan wal hin caalchisne maaliifi? Innis taʼe Abbaan isaa walitti buʼiinsa addunyaa kanaa keessa waan hin seenneefi dha. Yihowaan karaa Ilma isaa dhiiraa fi dubartii kan uume baayʼatanii lafa akka guutaniif ture. (Uma. 1:27, 28) Waaqayyo namoonni sanyii garaa garaa horuu akka dandaʼanitti isaan uume. Yihowaanis taʼe Yesus sanyii, lammii ykn afaan kam iyyuu isa kaan irra caalchisanii hin ilaalan. (HoE. 10:34, 35; Mul. 7:9, 13, 14) Nutis fakkeenya isaanii kana hordofuu qabna.—Mat. 5:43-48.

7, 8. (a) Kiristiyaanonni maal deggeruu qabu? (b) Dhimmawwan hawaasaa fi siyaasaatiif furmaata kennuu ilaalchisee Kiristiyaanonni maal hubachuu qabu?

7 Ol aantummaa Yihowaa waan deggerruuf bulchaas taʼe bulchiinsa ilmaan namootaa kam iyyuu hin deggerru. Ol aantummaa Yihowaa irratti jalqaba mormiin kan kaʼe, yeroo Seexanni Eeden keessatti bulchiinsa Yihowaa irratti gaaffii kaasetti dha. Yeroo harʼaatti namni hundi karaan Waaqayyo itti hojjetu kan Seexanaa irra caalmaa guddaa akka qabu amanuuf ykn amanuu dhiisuuf murteessuu qaba. Gama hundumaatiin, wanta tokko karaa mataa kee raawwachuu mannaa, seera Yihowaa fi ulaagaalee inni baaseef ajajamuudhaan isa cinaa ni dhaabbattaa? Rakkina ilmaan namootaa hundumaatiif furmaata kan kennu Mootummaa isaa qofa akka taʼe hoo ni amantaa? Moo namni ofiin of bulchuuf dandeettii akka qabu sitti dhagaʼama?—Uma. 3:4, 5.

8 Deebiin ati gaaffilee kanaaf kennitu, deebii yeroo namoonni dhimmawwan falmii kaasan irratti yaada akka kennitu si gaafatanitti deebistu murteessa. Namoonni siyaasaa, namoonni warraaqsa irratti hirmaatanii fi jijjiirama fiduu barbaadan, dhimmoota wal qoqqooduu uumaniif furmaata kennuuf yeroo dheeraadhaaf carraaqaniiru. Carraaqqii kana kan godhan gaarummaadhaan kakaʼanii taʼuu dandaʼa. Kiristiyaanonni garuu rakkina ilmaan namootaatiif furmaata kennuu fi haqa argamsiisuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe amanu. Dhimma kana Yihowaadhaaf dhiisuu qabna. Hunda caalaa immoo, Kiristiyaanonni hundi yaadni furmaataa isaan dhiheessan fudhatama akka argatu gochuuf yaalu utuu taʼee, utuu baayʼee hin turin wal qoqqooduun gumiiwwan keenya keessatti ni uumama ture.

9. Jaarraa jalqabaatti gumii kiristiyaanaa Qorontos keessa ture rakkina akkamiitu mudate? Phaawulos hoo gorsa furmaata taʼu akkamii kenne?

9 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko yeroo gumii keessatti dhimmi wal qoqqoodinsa uumu tokko kaʼetti maal akka godhan ilaali. Namoonni Qorontos tokko tokko: “‘Ani kan Phaawulos!’ kaan, ‘Ani kan Apholos!’ kaan, ‘Ani kan Keefaa ti!’ kaan immoo, ‘Ani kan Kristos!’” jedhanii turan. Phaawulos wanta uumame kana yeroo beeku baayʼee aare. Dhimmi kun nagaa gumichaa balaadhaaf saaxilee waan tureef rakkina cimaa ture. Phaawulos, “Kristostu gargar hirame moo ree?” jedhee isaan gaafate. Dhimma akkasiitiif furmaata kennuun kan dandaʼamu akkamitti? Phaawulos akkas jechuudhaan Kiristiyaanota gorse: “Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, isin gidduutti gargar baʼuun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isinan gorsa.” Yeroo harʼas taanaan, gumiiwwan keessa wal qoqqoodiinsi akkamii iyyuu jiraachuu hin qabu.—1 Qor. 1:10-13; Roomaa 16:17, 18 dubbisi.

10. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanni tokko walitti buʼiinsa addunyaa kanaa gidduu seenuu akka hin qabne fakkeenya kamitti fayyadamee ibse?

10 Phaawulos, wantoota lafa irratti argaman irratti xiyyeeffachuu mannaa lammummaa isaanii isa samii irratti akka xiyyeeffatan Kiristiyaanota dibamoo jajjabeesseera. (Filp. 3:17-20) * Kiristiyaanonni dibamoon ambaasaaddaroota Kiristosiin bakka buʼani dha. Ambaasaaddaroonni dhimma saboota iddoo isaan itti ramadaman jiranii keessa hin seenan. Kan isaan amanaman qaama iddoo kan biraa jiruufi dha. (2 Qor. 5:20, NW) Kiristiyaanonni lafa irra jiraachuuf abdii qabanis Mootummaa Waaqayyoo jalattii kan bulan waan taʼaniif, walitti buʼiinsa addunyaa kanaa gidduu seenuudhaan garee tokko deggeruu hin qaban.

YIHOWAADHAAF AMANAMOO TAʼUUF OF LEENJISAA

11, 12. (a) Haalli Kiristiyaanni tokko Mootummaa Waaqayyootiif amanamaa taʼuun akka isa rakkisu gochuu dandaʼu maali dha? (b) Obboleettii tokko maaltu mudate? Wanta ishee mudate moʼuu kan dandeesse hoo akkamitti?

11 Biyyoota hedduu keessatti hawaasni baayʼee walitti dhihaata. Seenaa, aadaa fi afaan tokko isaan godhu kan qaban siʼa taʼu, kun taʼuu isaattis ni boonu. Haala akkasii keessatti, Kiristiyaanonni dhimmoota siyaasaa wajjin wal qabatan ilaalchisee murtoo sirrii gochuuf, sammuu fi yaada garaa isaanii leenjisuu qabu. Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Fakkeenyaaf, Miiriyataa * ishee Yugozlaaviyaa durii keessa jiraattu ilaali. Naannoo isheen itti guddattetti namoonni Sarbiyaa ni jibbamu. Yihowaan akka nama wal hin caalchisnee fi sanyiidhaan wal qooduu kan kakaasu Seexana akka taʼe erga barattee booda miira sabboonummaa of keessaa baasuuf carraaqqii gochuu jalqabde. Haa taʼu malee, naannoo isheetti walitti buʼiinsi sanyii yeroo uumametti, jibbi kanaan dura qabdu guddachuu waan jalqabeef warra Sarbiyaatiif lallabuun itti ulfaatee ture. Yeroo kanatti callistee taaʼuudhaan fedhiin dogoggoraa kun akka ishee keessaa baʼu abdachuu akka hin qabne hubatte. Rakkina kana moʼuu akka dandeessuuf qofa utuu hin taʼin, tajaajila ishee guddifachuudhaan gaʼumsa qajeelchituu taʼuuf ishee dandeessisu qabaachuuf akka ishee gargaaru Yihowaa kadhatte. Akkana jetteetti: “Tajaajila irratti xiyyeeffachuun koo baayʼee na gargaareera. Tajaajila irratti jaalala Yihowaa hordofuuf kanan yaalu siʼa taʼu, ilaalchi dogoggoraa ani qabu yeroo badu argeera.”

13. (a) Obboleettiin tokko akka gadditu wanti godhe maali dha? Isheen hoo tarkaanfii akkamii fudhatte? (b) Muuxannoo Zooyilaa irraa maal baranna?

13 Fakkeenya gara biraas ilaali. Zooyilaan Meeksikoodhaa kan dhufte siʼa taʼu, gumii Awurooppaa keessatti argamu tokko irratti hirmaatti. Obboloonni gumii kana keessa jiranii fi Laatiin Ameerikaatii dhufan tokko tokko waaʼee biyya dhalootaa ishee, aadaa fi muuziqaa biyya isheetii tuffiidhaan yeroo dubbatan dhageessee. Utuu si taʼee maaltu sitti dhagaʼama? Yaadni akkasii Zooyilaan akka gadditu godhee akka ture hubachuun ni dandaʼama. Kan nama gammachiisu garuu, miira sirrii hin taane kam iyyuu of keessaa balleessuuf akka ishee gargaaru Yihowaa kadhatte. Nu keessaas tokko tokko amma iyyuu miira akkasii wajjin walʼaansoo gochaa akka jiran beekamaa dha. Wanta wal qoqqooduu uumu ykn obboloota keenya keessattis taʼe namoota kaan keessatti miira dogoggoraa uumu kam iyyuu gochuus taʼe dubbachuu hin barbaannu.—Rom. 14:19; 2 Qor. 6:3.

14 Akkaataan guddinaa kee ykn naannoon kee saba ykn naannoo keetiif miira adda taʼe akka qabaattu dhiibbaa si irratti godheeraa? Miirri akkasii amma iyyuu si keessa jiraa? Kiristiyaanonni, sabboonummaan ilaalcha isaan namoota kaaniif qaban akka balleessu heyyamuu hin qaban. Haa taʼu malee, namoota aadaa, afaanii fi sanyii kan biraa qabaniif ilaalcha sirrii hin taane akka qabdu yoo hubatte hoo? Yoo akkas taʼe, Yihowaan sabboonummaa fi halaalatti nama jibbuudhaaf ilaalcha akkamii akka qabu xiinxaluun kee si fayyada. Dhimmoota akkasii ilaalchisee qayyabannaa dhuunfaa fi waaqeffannaa maatii irratti qorannaa gochuun buʼaa argamsiisuu dandaʼa. Achiis, dhimma kana irratti ilaalcha akka isaa qabaachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu.—Roomaa 12:2 dubbisi.

Yihowaadhaaf amanamaa taʼuun yeroo qorumsaatti jabaatanii dhaabachuu gaafata (Keeyyata 15 fi 16 ilaali)

15, 16. (a) Namoonni tokko tokko adda taʼuu keenyatti maaltu itti dhagaʼama? (b) Warri ijoolleen isaanii amanamummaa ilaalchisee qorumsa isaan mudatu akka moʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

15 Tajaajiltoonni Yihowaa hundi, namoota wajjin hojjetan, wajjin baratan, firoota isaanii ykn namoota kaan irraa ejjennoo adda taʼe akka qabaatan yaadni garaa isaanii yeroon itti isaan dirqisiisu jiraachuu dandaʼa. (1 Phe. 2:19) Taʼus, ejjennoo keenyatti cimuu qabna! Yesus dursee waan nu akeekkachiiseef, ejjennoo keenyaan kan kaʼe biyyi lafaa yoo nu jibbe nu dinqisiisuu hin qabu. Namoonni nu morman hedduun Kiristiyaanonni siyaasa irraa walaba taʼuun isaanii barbaachisaa akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamu. Nuuf garuu dhimmi kun wanta iddoo guddaa qabu dha.

16 Yihowaadhaaf amanamoo taʼuun yeroo qorumsaatti jabaatanii dhaabachuu gaafata. (Dan. 3:16-18) Sodaan namaa namoota umurii kam iyyuu keessatti argaman irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu taʼus, keessumaa dargaggoonni murtoo namoota kaan irraa adda taʼe gochuun itti ulfaachuu dandaʼa. Dhimmoonni kan akka alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kennuu ykn ayyaanota sabboonummaa calaqqisiisan irratti argamuu ijoollee keessan yoo mudatan isaan gargaaruu irraa duubatti hin jedhinaa. Qorumsawwan akkasii ija jabinaan moʼuu akka dandaʼaniif, yeroo sagantaa Waaqeffannaa Maatii keessaniitti dhimmawwan kun maalfaa akka dabalatan akka hubatan ijoollee keessan gargaaraa. Wanta itti amanan ifattii fi karaa kabaja qabuun ibsuu akka dandaʼan isaan gargaaraa. (Rom. 1:16) Barbaachisaa yoo taʼe dursa fudhadhaatii barsiisota isaanii wajjin dhimmoota akkasii irratti mariʼachuudhaan ijoollee keessan deggeraa.

WANTOOTA YIHOWAAN UUME HUNDA DINQISIIFADHAA!

17. Ilaalcha akkamii irraa fagaachuu qabna? Maaliif?

17 Biyya, aadaa, afaanii fi nyaata itti guddanneef hamma tokko jaalala qabna taʼa. Haa taʼu malee, ilaalcha “kan kootu caala” jedhu irraa fagaachuu qabna. Yihowaan uumamawwan hunda irratti garaa garummaan akka jiraatu godhee kan uume gammachuu keenyaaf jedhee ti. (Far. 104:24; Mul. 4:11) Kanaafuu, karaan wanti tokko itti raawwatamu isa kaan irra caalmaa qaba jechuuf sababii maalii qabna ree?

18. Ilaalcha akka Yihowaa qabaachuun eebba akkamii nuuf argamsiisa?

18 Waaqayyo namoonni hundi dhugaa akka beekanii fi jireenya bara baraa akka argatan barbaada. (Yoh. 3:16; 1 Xim. 2:3, 4) Yaada kan keenya irraa adda taʼee fi fudhatama qabu fudhachuuf fedhii qabaachuun keenya gammachuu nuuf argamsiisa, akkasumas tokkummaa keenya cimsa. Amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu eeguuf wal morkii addunyaa keessa jiru irraa fagaachuu qabna. Gareedhaan wal qoqqooduudhaan isa tokko deggeruun nu gidduutti iddoo hin qabu. Yihowaan wal qoqqoodinsa, kooraa fi wal dorgommii addunyaa Seexanaa keessatti babalʼatee jiru jalaa bilisa waan nu baaseef baayʼee isa galateeffanna! Ilaalcha akka faarfatichaa haa qabaannu. Faarfatichi, “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” jedheera.—Far. 133:1.

^ KEY. 10 Filiphisiyus garbummaa warra Roomaa jala turte. Miseensonni gumichaa tokko tokko lammummaa Roomaa kan qaban taʼuu hin oolu; kun immoo mirga obboloota isaanii irra akka caalan godhu isaaniif argamsiisee taʼuu dandaʼa.

^ KEY. 12 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.