Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalala Yihowaa Isa Hin Badne Irratti Xiinxalaa

Jaalala Yihowaa Isa Hin Badne Irratti Xiinxalaa

“Waaʼee wanta ati hojjettees nan yaada.”—FAR. 77:12.

FAARFANNAA: 18, 29

1, 2. (a) Yihowaan saba isaa akka jaallatu mirkanaaʼaa kan taate maaliifi? (b) Namoonni hundi uumamaan fedhii akkamii qabu?

YIHOWAAN saba isaa akka jaallatu mirkanaaʼaa kan taate maaliifi? Gaaffii kanaaf deebii kennuu kee dura fakkeenyawwan armaan gadii ilaali: Taayiliin waan baayʼee akka of irraa hin eegne obboloonni yeroo baayʼee gaarummaadhaan kakaʼanii ishee gorsaa turan. “Yihowaan na hin jaallatu utuu taʼee, gorsi isaa irra deddeebiʼamee naa hin kennamu ture” jetteetti. Birijat isheen erga abbaan manaa ishee duʼee booda ijoollee lama kophaa ishee guddisaa jirtu akkana jetteetti: “Sirna Seexanaa kana keessatti ijoollee guddisuun keessumaa haadha ykn abbaa qeentee taʼaniif baayʼee rakkisaa dha. Taʼus, Yihowaan yeroo rakkinaatti qajeelfama waan naa kenneef akka na jaallatu mirkaneeffadheera; akkasumas, rakkinni humna kootii ol taʼe akka na irra gaʼu hin godhu.” (1 Qor. 10:13) Saandiraan dhukkuba hin fayyinee wajjin walʼaansoo gochaa jirti. Walgaʼii guddaa tokko irratti obboleettiin tokko akka isheedhaaf yaaddu argisiistee turte. Abbaan manaa Saandiraa akkana jedheera: “Kanaan dura baayʼee ishee beekuu baannus, akka nuuf yaaddu argisiisuun ishee baayʼee nu gammachiiseera. Obboloonni keenya jaalala nuuf qaban karaa xinnoo taʼeen illee nuu ibsuun isaanii Yihowaan hammam akka nu jaallatu argisiisa.”

2 Namoonni jaallatamuu fi jaallachuu akka barbaadanitti uumaman. Wanti isaan barbaachisu kun wantoota akka tasaa uumamaniin, gaddaan, rakkina fayyaatiin, rakkina qarshiitiin ykn tajaajila irratti milkaaʼina dhabuudhaan kan kaʼe utuu hin guutamin yoo hafe salphaatti abdii kutachuu dandaʼu. Yihowaan akka nu hin jaallanne nutti dhagaʼamuu yoo jalqabe, isa duratti iddoo guddaa akka qabnuu fi “harka [keenya] mirgaa qabee” nu gargaaruuf qophaaʼaa taʼuu isaa yaadachuu qabna. Yoo isaaf amanamoo taane matumaa nu hin irraanfatu.—Isa. 41:13; 49:15.

3. Jaalalli Yihowaan nuuf qabu kan hin badne akka taʼe amanannaa qabnu cimsachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

3 Obboloonni jalqaba irratti caqasaman Waaqayyo yeroo rakkinaatti isaanii wajjin akka ture mirkanaaʼoo dha. Nutis Yihowaan akka nu cinaa jiru mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Far. 118:6, 7) Mata dureen kun wantoota Waaqayyo akka nu jaallatu argisiisan ibsa. Isaanis (1) wantoota inni uume, (2) Dubbii isaa isa hafuura qulqulluudhaan barreeffame, (3) kadhannaa fi (4) furicha dha. Wantoota gaarii Yihowaan raawwate irratti xiinxaluun keenya, jaalala isaa isa hin badneef galateeffannaa qabnu akka nuu dabalu beekamaa dha.—Faarfannaa 77:11, 12 dubbisi.

WANTOOTA YIHOWAAN UUME IRRATTI XIINXALAA

4. Wantoota Yihowaan uume irratti yoo xiinxalle maal hubanna?

4 Wantoota Yihowaan uume irraa inni nuuf jaalala hin badne qabaachuu isaa arguu ni dandeenyaa? Eeyyee, wanti uumama irratti arginu jaalala Waaqayyoo kan calaqqisiisu waan taʼeef ni dandeenya. (Rom. 1:20, NW) Yihowaan lafti haala naannoo jireenyaaf mijaaʼaa taʼe akka qabaattu godhee uume. Haa taʼu malee, kan barbaadu akkasumaan akka jiraannu qofa miti. Jiraachuu keenya itti fufuuf nyaachuun akka nu barbaachisu godhee nu uume. Yihowaan lafti utuu wal irraa hin kutin biqiltoota akaakuu hammana hin jedhamne qabanii fi nyaata fayyaa keenyaaf taʼu argamsiisan akka oomishtu godhee uume. Nyaachuun kan nama gammachiisuu fi kan namatti tolu akka taʼu illee godheera! (Lal. 9:7) Obboleettiin Kaatriin jedhamtu Kaanaadaa keessatti keessumaa waqtii arfaasaatti uumama ilaaluudhaan, gammachuu guddaa akka argattu dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Akkaataan daraaraan lafa keessaa akka baʼu godhamee itti uumame, akkasumas simbirroo xinnoo hamiingi bardi jedhamtuu fi gabatee karaa foddaa kushinaa kootii kaaʼame irraa nyaachuu dhuftu dabalatee akkaataan simbirroonni godaansaa deebiʼanis taʼe wanti hundi gara jireenyaatti itti dhufe baayʼee nama dinqisiisa. Yihowaan gammachuu kan nuu kennu waan nu jaallatuuf akka taʼe beekamaa dha.” Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe, wantoota uumetti ni gammada; nuyis wantoota kanatti akka gammadnu barbaada.—HoE. 14:16, 17.

5. Akkaataan namoonni itti uumaman jaalala Yihowaa kan argisiisu akkamitti?

5 Yihowaan hojii buʼaa qabuu fi gammachuu nuu argamsiisu hojjechuuf dandeettii akka qabaannu godhee nu uume. (Lal. 2:24) Ilmaan namootaa lafa akka guutanii fi harka jala akka galfatan, akkasumas qurxummii, simbirrootaa fi wantoota lubbuu qaban kaan akka bulchan kaayyoo isaa ture. (Uma. 1:26-28) Kana malees, Yihowaan amalawwan fakkeenya isaa hordofuuf nu gargaaran akka qabaannu gochuun isaa baayʼee akka nu jaallatu kan argisiisu dha!—Efe. 5:1.

DUBBII WAAQAYYOOTIIF BAKKA GUDDAA KENNAA

6. Dubbii Waaqayyootiif iddoo guddaa kennuu kan qabnu maaliifi?

6 Waaqayyo Dubbii isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame nuu kennuudhaan jaalala guddaa nuuf qabu argisiiseera. Dubbiin isaa kun waaʼee isaa fi walitti dhufeenya inni ilmaan namootaa wajjin qabu ilaalchisee wanta beekuun nu barbaachisu ifa godha. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo Israaʼeloota isaaf ajajamuu didanii turanitti akkamitti obsa akka argisiise dubbata. Faarfannaan 78:38 akkana jedha: “Inni garuu ooʼa-qabeessa waan taʼeef, yakka isaanii isaaniif in dhiise, lafa irraas isaan hin balleessine, inni yeroo baayʼee aarii isaa gad ittise, dheekkamsa isaa hundumaas ol hin kaafne.” Caqasa kana irratti xiinxaluun keessan Yihowaan dhuunfaatti akka isin jaallatuu fi akka isiniif yaadu hubachuuf isin gargaara. Yihowaa biratti iddoo guddaa akka qabdan mirkanaaʼoo taʼa.—1 Phexros 5:6, 7 dubbisi.

7. Macaafa Qulqulluudhaaf iddoo guddaa kennuu kan qabnu maaliifi?

7 Waaqayyo adda durummaadhaan nuu wajjin kan wal qunnamu karaa Dubbii isaa waan taʼeef Dubbii isaatiif iddoo guddaa kennuu qabna. Warrii fi ijoolleen wal amanuu akka dandaʼanii fi akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamuuf, wal qunnamtiin gaarii taʼee fi gara laafina irratti hundaaʼe gidduu isaanii jiraachuun isaa barbaachisaa dha. Yihowaa irraa maal eeguu dandeenya? Isa arginee fi sagalee isaa dhageenyee beekuu baannus, Dubbii isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffametti fayyadamee kan nutti ‘dubbatu’ siʼa taʼu, nuyi immoo isa dhagaʼuun nu barbaachisa. (Isa. 30:20, 21) Yihowaan nu warra isaaf of murteessine geggeessuu fi wanta nu miidhu irraa nu eeguu barbaada. Akkasumas, akka isa beeknuu fi akka isatti amanamnu barbaada.—Faarfannaa 19:7-11; Fakkeenya 1:33 dubbisi.

Yehuun Yoshaafaaxiin gorsuun isa barbaachisee kan ture taʼus, Yihowaan Yoshaafaax irraa ‘wanta gaarii’ argateera (Keeyyata 8 fi 9 ilaali)

8, 9. Yihowaan maal akka beeknu barbaada? Macaafa Qulqulluu irraa fakkeenya tokko kenni.

8 Yihowaan akka Waaqa nu jaallatuu fi balleessaa keenya nuuf dhiisutti akka isa ilaallu barbaada. Wanta gaarii nu keessaa argachuuf nu ilaala. (2 Sen. 16:9) Fakkeenyaaf, Yoshaafaax isa mootii Yihudaa turee wajjin haala wal qabateen akkas godheera. Ahaab inni mootii Israaʼel taʼe Raamoot-Giilʼaaditti warra Sooriyaa yeroo lolu, Yoshaafaax isa gargaaruuf walii galuudhaan murtoo gadhee godhee ture. Raajonni sobaa 400 taʼan Ahaab inni hamaa taʼe milkaaʼina akka argatu kan dubbatan taʼus, raajii Yihowaa isa dhugaa kan taʼe Miikiyaas garuu akka moʼamu raajii dubbatee ture. Ahaab waraanicha irratti kan duʼe siʼa taʼu, Yoshaafaax immoo baqatee hamma xinnoodhaaf duʼa irraa ooleera. Yerusaalemitti erga deebiʼee booda Ahaabiin deggeruu isaatiin ifatamee ture. Taʼu iyyuu, ilma Haannaanii isa mulʼata arguu kan taʼe Yehuun, Yoshaafaaxiin “Wanti gaariin si irraa argameera” (hiika bara 1899) jedhee ture.—2 Sen. 18:4, 5, 18-22, 33, 34; 19:1-3.

9 Yoshaafaax bulchuu jalqabee utuu baayʼee hin turin, gurguddoonni, Lewwoonnii fi raajonni guutummaa magaalaa Yihudaa keessa deemanii uummaticha Seera Yihowaa akka barsiisan ajajee ture. Namoonni naannoo isaanii jiran Yihowaa sodaachuu waan jalqabaniif, duulli godhame buʼaa gaarii argamsiiseera jechuun ni dandaʼama. (2 Sen. 17:3-10) Yoshaafaax gocha gowwummaa kan raawwate taʼus, Yihowaan wanta gaarii inni godhe utuu hin argin hin hafne. Seenaan Macaafa Qulqulluu kun, nuyis mudaa kan qabnu taanus garaa guutuudhaan isa gammachiisuu kan barbaadnu yoo taʼe Yihowaan hamma dhumaatti akka nu jaallatu nu yaadachiisa.

MIRGA KADHANNAA DINQISIIFADHAA

10, 11. (a) Kadhannaan qophii addaa Yihowaan nuu godhe kan taʼe maaliifi? (b) Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii kan nuu kennu akkamitti taʼuu dandaʼa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko ijoolleen isaa isa haasofsiisuu yoo barbaadan yeroo kennee isaan dhaggeeffata. Baayʼee waan isaaniif yaaduuf wanta isaanitti dhagaʼamu beekuu barbaada. Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaanis kadhannaa isa mirga guddaa taʼetti fayyadamnee yeroo isatti dhihaannu nu dhagaʼa.

11 Yeroo kamitti iyyuu kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu ni dandeenya. Yihowaan daangaa akkamii iyyuu nu irra hin keenye. Michuu yeroo hunda nu dhagaʼuuf qophaaʼaa taʼe dha. Taayiliin isheen olitti caqasamte, “Wanta akkamii iyyuu, akkasumas wanta hunda isatti himuu dandeessu” jetteetti. Waaqayyo miira keenya ennaa kadhannaadhaan isatti himnu, caqasa Macaafa Qulqulluu tokkotti, mata duree barruu keenya irratti baʼe tokkotti ykn dubbii gaarii namni hidhata amantii keenya taʼe tokko nutti dubbatutti fayyadamee kadhannaa keenyaaf deebii kenna taʼa. Yihowaan kadhannaa keenya ni dhagaʼa; akkasumas namni tokko iyyuu nuu hubachuu baatus miira keenya nuuf hubata. Deebiin inni kadhannaa keenyaaf kennu, karaa jaalala isaa isa hin badne itti ibsu dha.

12. Kadhannaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamaniif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenya kenni.

12 Kadhannaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti galmeeffaman irraa barumsa hedduu argachuu dandeenya. Waaqeffannaa maatii keenya irratti yeroo tokko tokko kadhannaawwan kana qoruudhaan faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Karaa tajaajiltoonni Yihowaa durii miira isaanii Waaqayyoof itti ibsan irratti xiinxaluun keenya, kadhannaa keenya fooyyessuuf nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, kadhannaa gaabbii Yoonaas utuu garaa qurxummii guddaa keessa jiruu dhiheesse irratti yaadaa. (Yon. 1:17–2:10) Kadhannaa Solomoon isa garaadhaa maddee fi yeroo manni qulqullummaan eebbifametti dhiheesse irra deebiʼaa ilaalaa. (1 Mot. 8:22-53) Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti barsiise irratti xiinxalaa. (Mat. 6:9-13) Hunda caalaa immoo, yeroo hunda “wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa.” Kana yoo gootan, “nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” Galateeffannaan jaalala Yihowaa isa hin badneef qabnu ni guddata.—Filp. 4:6, 7.

GALATEEFFANNAA FURICHAAF QABDAN ARGISIISAA

13. Qophiin furii jaalala irratti hundaaʼe ilmaan namootaatiif carraa akkamii argamsiise?

13 Aarsaan furii Yesus inni nuuf hin malle “akka nuyi isaan jireenya argannuuf” akka kennaatti nuuf kenname. (1 Yoh. 4:9) Karaa Waaqayyo jaalala isaa itti ibse isa guddaa kana ilaalchisee Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan barreesseera: “Yeroon yaadame yommuu gaʼetti Kristos warra akkuma keenya Waaqayyo irraa fagaatan hundumaaf duʼe. Tarii namni, nama waan gaarii godhe tokkoof duʼuuf fedha qaba taʼa malee, nama qajeelaadhaaf waan duʼuuf hin fakkaatu. Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.” (Rom. 5:6-8) Karaa guddaan Yihowaan jaalala isaa itti argisiise kun, ilmaan namootaa isa duratti fudhatama akka argatan carraa baneera.

14, 15. (a) Kiristiyaanota dibamoodhaaf, (b) namoota lafa irra jiraachuuf abdii qabaniif furichi hiika maalii qaba?

14 Namoonni muraasni Yihowaan karaa adda taʼeen jaalala hin badne akka isaaniif qabu itti dhagaʼama. (Yoh. 1:12, 13; 3:5-7) Namoonni kun hafuura qulqulluudhaan waan dibamaniif, “ijoollee Waaqayyoo” taʼaniiru. (Rom. 8:15, 16) Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni dibamoon ‘karaa Kristos Yesus duʼaa kaafamanii, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoo isaaniif kenname akka taaʼan’ dubbateera. (Efe. 2:6) Yihowaan Kiristiyaanonni kun samii irratti jireenya bara baraa akka argatan abdii isaaniif kenneera.—Efe. 1:13, 14; Qol. 1:5.

15 Namoonni furicha irratti amantii qaban hedduun, ijoollee Yihowaa taʼuu fi lafa Jannata taatu irra bara baraaf jiraachuuf abdachuudhaan michoota Yihowaa taʼuuf carraa argataniiru. Karaa kanaan, Yihowaan furichatti fayyadamee guutummaa ilmaan namootaatiif jaalala akka qabu argisiiseera. (Yoh. 3:16) Lafa irra bara baraaf jiraachuuf kan abdannu yoo taʼee fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya yoo itti fufne, inni addunyaa haaraa keessatti jireenya gammachiisaa akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Dhuguma iyyuu furichi karaa isa guddaa jaalalli Waaqayyoo inni hin badne itti argisiifame akka taʼe yaaduun keenya sirrii dha!

JAALALA YIHOWAADHAAF QABDAN ARGISIISAA

16. Karaawwan hedduu Yihowaan jaalala nuuf qabu itti argisiise irratti xiinxaluun keenya faayidaa maalii qaba?

16 Yihowaan jaalala hin badne nuuf qabaachuu isaa karaawwan hedduudhaan argisiiseera. Daawit faarfatichi akkana jechuudhaan faarfateera: “Yaadni kee maal maal anatti jabaata [“anaaf baayʼee gati jabeessa dha,” NW], yaa Waaqayyo! Guutummaattis maal maal baayʼata! Ani lakkoobsa isaa himuu utuun yaalee, cirracha irra in baayʼata.” (Far. 139:17, 18) Yaadawwan kun, Yihowaan waan nuu yaaduuf nuyis garaadhaa isa jaallachuuf fedhii akka qabaannu akka godhan heyyamuu qabna. Egaa, wanta hunda irra caalu isaaf haa kenninu.

17, 18. Karaawwan jaalala Yihowaadhaaf qabnu itti argisiisnu keessaa tokko tokko kam faʼi?

17 Jaalala Yihowaadhaaf qabnu karaawwan adda addaatiin ibsuu dandeenya. Fakkeenyaaf, hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan, jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabnu argisiisuu ni dandeenya. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Qorumsa sababii amantiitiin nu irra gaʼu amanamummaadhaan moʼuudhaan, dhugumaan Yihowaa akka jaallannu argisiisuu dandeenya. (Faarfannaa 84:11; Yaaqoob 1:2-5 dubbisi.) Qorumsi nu irra gaʼe cimaa yoo taʼe, Yihowaan isa duratti bakka guddaa waan qabnuuf dhiphina keenya akka beekuu fi akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 56:8.

18 Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, uumamawwan isaa fi hojiiwwan isaa dinqisiisaa taʼan irratti xiinxaluuf nu kakaasa. Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan qorachuudhaan, Waaqayyoon akka jaallannuu fi Dubbii isaatiif bakka guddaa akka kenninu argisiisna. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu yeroo kam iyyuu caalaa kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nu kakaasa. Kana malees, aarsaa furii sababii cubbuu keenyaatiin nuu dhihaate irratti ennaa xiinxallu, jaalalli Waaqayyoof qabnu caalaatti guddachaa deema. (1 Yoh. 2:1, 2) Sababiiwwan olitti ibsaman, karaawwan hedduu dinqisiifannaa jaalala Yihowaa isa hin badneef qabnu itti argisiisnu keessaa muraasa qofa dha.