Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenya Addunyaa Haaraatiif Ammuma Qophaaʼaa

Jireenya Addunyaa Haaraatiif Ammuma Qophaaʼaa

‘Jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf, wanta gaarii taʼe haa hojjetan’—1 XIM. 6:18, 19.

FAARFANNAA: 43, 40

1, 2. (a) Eebba karaa foonii lafa Jannata taatu irratti argamu keessaa caalaatti isa kam argachuuf hawwita? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Addunyaa haaraa keessa eebba hafuuraa akkamiitu jiraata?

“JIREENYA DHUGAA.” Yaadni kun, abdii jireenya bara baraa lafa Jannata taatu irra jiraachuuf qabnu nu yaadachiisa. Phaawulos ergamaan “jireenya bara baraa” “jireenya dhugaa” wajjin wal qabsiisee ibseera. (1 Ximotewos 6:12, 19 dubbisi.) Jireenya bara baraaf itti fufuu fi gammachuu itti fufiinsa qabu nuuf argamsiisu eeggachaa jirra. Guyyaa hunda ennaa hirribaa kaanu karaa qaamaa, sammuu fi miiraa fayyaa guutuu qabaannee yeroo kaanu miirri akkamii akka nutti dhagaʼamu tilmaamuu hin dandeenyu. (Isa. 35:5, 6) Warra duʼaa kaafaman dabalatee, michootaa fi hiriyoota keenya warra jaallannuu wajjin taʼuun hammam gammachiisaa akka taʼu tilmaamaa! (Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15) Akkasumas karaa saayinsii, muuziqaa, hojii ijaarsaa ykn karaa kan biraatiin dandeettii keenya guddifachuuf carraa arganna.

2 Gara fuulduraatti wantoota kana argachuuf kan hawwinu taʼus, wantoota addunyaa haaraa keessatti argannu keessaa inni guddaan eebba hafuuraa ti. Maqaan Yihowaa akka qulqullaaʼee fi ol aantummaan isaa akka mirkanaaʼe beekuun gammachuu guddaa kan argamsiisu taʼa! (Mat. 6:9, 10) Kaayyoon jalqabaa Yihowaan ilmaan namootaatii fi lafaaf qabu yeroo raawwatamu arguun baayʼee nu gammachiisa. Akkasumas, cubbuu irraa walaba taʼaa ennaa deemnuu fi dhuma irratti immoo guutummaatti walaba ennaa taanu, Yihowaatti dhihaachuun hammam salphaa akka taʼu yaadaa!—Far. 73:28; Yaq. 4:8.

3. Qophii akkamii gochuu qabna?

3 Yesus ‘Waaqayyoof wanti hundinuu akka dandaʼamu’ waan nuu mirkaneesseef eebbawwan kana ni arganna. (Mat. 19:25, 26) Haa taʼu malee, addunyaa haaraa sana keessa jiraachuu fi Bulchiinsa Kiristos Isa Waggaa Kumaa boodas jiraachuu keenya itti fufuu yoo barbaanne, jireenya bara baraa ‘harka keessa galfachuuf’ ammuma tarkaanfii fudhachuu qabna. Jireenya addunyaa haaraatiif qophaaʼuuf, dhuma addunyaa hamaa kanaa eeggachaa jiraachuu fi ammumaa tarkaanfiiwwan barbaachisaa fudhachuu qabna. Sirna hamaa taʼe kana keessa utuu jiraannuu kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

QOPHAAʼUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

4. Jireenya addunyaa haaraa keessa jiruuf ammuma qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

4 Jireenya addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraatuuf ammuma qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaaf, biyya kan biraa deemnee achi jiraachuuf karoorfanneerra haa jennu. Qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Afaan namoonni biyya sanaa dubbatan barachuu jalqabna taʼa. Waaʼee aadaa isaanii beekuunis nu fayyada. Akkasumas, nyaata isaanii tokko tokko dhandhamachuuf yaalla taʼa. Hamma tokko akkuma namoota biyya sanaatti jiraachuu jalqabna. Yeroo achi geenyu immoo, haala akkasiitiin akka jiraannu eegna. Haaluma wal fakkaatun, hamma dandeenye jireenya addunyaa haaraa keessatti jiraannu ammuma jiraachuudhaan, jireenya sanaaf qophaaʼuu dandeenya. Kanaa wajjin haala wal qabateen fakkeenyota armaan gadii ilaalaa.

5, 6. Qophiiwwan tiʼookraasiitiif bitamuu barachuun keenya, jireenya addunyaa haaraa keessa jiraatuuf kan nu leenjisu akkamitti?

5 Addunyaa haaraa keessatti ol aantummaan Waaqayyoo guutummaatti mirkanaaʼa. Haalli kun amala ofiin of bulchuu addunyaa Seexanni toʼatu kana keessatti babalʼatee argamu irraa baayʼee adda taʼa! Namoonni hedduun ofiin of bulchuun barbaachisaa akka taʼee fi Waaqayyoof bitamuun barbaachisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama. Ilaalchi akkasii rakkinnii fi haalli gaddisiisaan hedduun akka jiraatu godheera. (Er. 10:23) Yeroo namoonni hundi ol aantummaa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼeef itti bitaman hawwiidhaan eegganna!

6 Addunyaa haaraa keessatti qajeelfama Yihowaatiin lafa bareechuun, namoota duʼaa kaʼan barsiisuun, akkasumas hojii Yihowaan nuu kennu kaan raawwachuun baayʼee kan nama gammachiisu dha. Haa taʼu malee, hojii nutti hin tolle tokko akka hojjennu yoo ajajamne hoo? Qajeelfama nuu kennameef ajajamnee hamma dandeenye, akkasumas gammachuudhaan hojii nu kenname ni raawwannaa? Baayʼeen keenya eeyyee jennee deebisna taʼa! Haa taʼu malee, yeroo ammaattis qajeelfamawwan tiʼookraasiitiif ni bitamnaa? Akkana kan goonu yoo taʼe, jireenya bara baraa bulchiinsa Yihowaa jala jiraatuuf qophaaʼaa jirra jechuu dha.

7, 8. (a) Wal deggeruu barachuu kan qabnu maaliifi? (b) Kiristiyaanonni tokko tokko jijjiiramni akkamii isaan mudateera? (c) Jireenya addunyaa haaraa keessa jiraatu ilaalchisee waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

7 Jireenya addunyaa haaraa keessa jiraatuuf qophaaʼuu kan dandeenyu, qophiiwwan Yihowaan yeroo ammaatti godheef bitamuudhaan qofa utuu hin taʼin, ammumaa kaasnee wanta qabnutti gammaduu fi wal deggeruu barachuudhaani. Obboloota yeroo harʼaatti nu geggeessan kan deggerru yoo taʼe, fakkeenyaaf ramaddii tajaajilaa haaraa nuu kennametti kan gammadnu yoo taʼe, addunyaa haaraa keessattis ilaalcha kanaa wajjin wal fakkaatu qabaachuu dandeenya. (Ibroota 13:17 dubbisi.) Biyyattii Abdachiifamte keessatti dhaalli Israaʼelootaaf kenname iddoo baayʼeetti carraadhaan hiramee ture. (Lak. 26:52-56; Iya. 14:1, 2) Yeroo harʼaatti, sirna haaraa keessatti tokkoon tokkoon keenyaaf iddoon jireenyaa bakka kamitti akka nuu kennamu hin beeknu. Haa taʼu malee, kan wal deggerru yoo taʼe, eessa iyyuu yoo jiraanne wanta Yihowaan barbaadu raawwachuutti ni gammanna.

8 Addunyaa haaraa keessatti bulchiinsa Mootummichaa jala taʼuudhaan Yihowaa tajaajiluun mirga guddaa dha! Kanaafuu, yeroo ammaatti gammachuudhaan jaarmiyaa Yihowaa ni deggerra; akkasumas hojii tiʼookraasii nuu kenname kam iyyuu gammachuudhaan ni raawwanna. Dhugaa dha, yeroon darbaa ennaa deemu haalli keenyas jijjiiramuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, miseensonni Betʼel Yunaayitid Isteetis tokko tokko, Betʼelii baʼanii hojii lallabaa irratti akka hirmaatan kan ramadaman siʼa taʼu, yeroo ammaatti bifa tajaajila yeroo guutuu kan biraa irratti hirmaachuudhaan eebba hedduu argachaa jiru. Obboloonni hojii daawwannaa irratti hirmaachaa turan tokko tokko, sababii umuriitiin ykn sababii kan biraatiin qajeelchitoota addaa akka taʼan godhameera. Haala keessa jirrutti kan gammadnu, Waaqayyo akka nu gargaaru kan kadhannuu fi tajaajila isaa irratti wanta dandeenye hunda kan goonu yoo taʼe, gammachuu kan argannu siʼa taʼu, yeroo dhumaa rakkinaan guutame kana keessatti illee eebba hedduu argachuu dandeenya. (Fakkeenya 10:22 dubbisi.) Addunyaa haaraa keessatti naannoo taʼe tokko jiraachuu kan barbaadnu taʼus, naannoo kan biraa deemnee akka jiraannu gaafatamuu dandeenya taʼa. Eessatti iyyuu yoo tajaajille, akkasumas hojiin keenya maal iyyuu yoo taʼe, waan argannuuf akka galateeffannuu fi akka gammadnu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Nah. 8:10.

9, 10. (a) Addunyaa haaraa keessatti obsa argisiisuun kan nu barbaachisu gama kam faʼiin taʼuu dandaʼa? (b) Obsa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Addunyaa haaraa keessatti, yeroon obsa argisiisuun itti nu barbaachisu jiraachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko duʼaa kaʼuu isaaniitiin firoonnii fi michoonni isaanii akka gammadan ni dhageenya taʼa. Nuyi garuu firoonnii fi michoonni keenya hamma duʼaa kaʼanitti eeguun nu barbaachisa taʼa. Akkas yoo taʼe, warra kaanii wajjin gammaduudhaan obsaan ni eeggannaa? (Rom. 12:15) Yeroo ammaatti hanga abdiiwwan Yihowaan kenne raawwatamanitti obsaan eeggachuu barachuun keenya, yeroo sanatti obsa argisiisuuf nu gargaara.Lal. 7:8.

10 Akkasumas, dhugaawwan sirreeffamni irratti godhamee wajjin haala wal qabateen obsa argisiisuudhaan, jireenya addunyaa haaraa keessa jiraatuuf qophaaʼuu dandeenya. Hubannaa haaraa arganne irratti qorannaa ni goonaa? Guutummaatti yoo nuu galuu baate illee obsaan ni eeggannaa? Akkas kan goonu yoo taʼe, yommuu Yihowaan addunyaa haaraa keessatti ulaagaalee ilmaan namootaatiif baase beeksisu obsa argisiisuun nutti hin ulfaatu.—Fak. 4:18; Yoh. 16:12.

11. Yihowaan walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnu ilaalchisee yeroo ammaatti maal nu barsiisaa jira? Kun addunyaa haaraa keessatti kan nu fayyadu akkamitti?

11 Amalli jireenya addunyaa haaraatiif nu qopheessu inni kaan immoo dhiifama gochuu dha. Yeroo Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti, hanga qajeelonnis taʼan jalʼoonni cubbuu irraa guutummaatti walaba taʼanitti yeroo muraasa fudhachuu dandaʼa. (HoE. 24:15) Yeroo sanatti jaalala waliif qabaachuu ni dandeenyaa? Yeroo ammaatti namoota kaaniif dhiifama gochuu fi namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo baranne, addunyaa haaraa keessatti akkas gochuun nutti salphata.—Qolosaayis 3:12-14 dubbisi.

12. Wanta gara fuulduraatti eeggannuu fi akkaataa jireenyaa amma jiraannu gidduu walitti dhufeenya jiru ibsi.

12 Addunyaa haaraa keessatti wanta barbaadne tokko yeroo barbaannetti kan argannu yeroo hunda taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, yeroo ol aantummaa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼeef bitamuudhaan faayidaa argannutti, haala akkamii keessatti iyyuu wanta arganne dinqisiifachuu fi wanta argannetti gammaduun nu barbaachisa. Yeroo sanattis amalawwan Yihowaan yeroo ammaatti akka horannu nu barsiisu hojii irra oolchuun nu barbaachisa. Akkaataa jireenyaa yeroo sana akka jiraannu eegnu ammas jiraachuudhaan, amalawwan bara baraaf yeroo jiraannu nu barbaachisan guddifachuu dandeenya. Kana gochuun keenya, amantii ‘biyyi lafaa inni dhufuuf jiru’ dhugaa taʼuu isaa irratti qabnu nuu guddisa. (Ibr. 2:5; 11:1) Hunda caalaa immoo, jireenya qajeelinaa yeroo sanatti lafa irra jiraatu hammam akka hawwinu argisiisa. Dhuguma iyyuu, jireenya bara baraa addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraatuuf qophaaʼaa jirra.

YEROO AMMAATTII GALMAWWAN HAFUURAA IRRATTI XIYYEEFFADHAA

Tajaajila irratti hirmaannaa gaarii godhaa

13. Addunyaa haaraa keessatti sochiiwwan kamiif dursi kennama?

13 Jireenya dhugaa gara fuulduraatti jiraannuuf karaa itti qophoofnu kan biraa ilaalaa. Addunyaa haaraa keessatti nyaataa fi wantoota nu barbaachisan kan biraa baayʼinaan akka argannu abdiin kan nuu kenname taʼus, hunda caalaa kan nu gammachiisu wanti karaa hafuuraa nu barbaachisu nuu guutamuu isaa ti. (Mat. 5:3) Yeroo sanatti sochiiwwan hafuuraatiif dursa kennuu kan qabnu siʼa taʼu, Yihowaatti akka gammadnus ni argisiisna. (Far. 37:4) Yeroo ammaatti wantoota hafuuraatiif dursa kennuudhaan, jireenya dhugaa gara fuulduraatiif qophoofna.—Maatewos 6:19-21 dubbisi.

14. Galmawwan hafuuraa jireenya addunyaa haaraatiif qophaaʼuuf si gargaaran kam faʼi?

14 Gammachuu sochiiwwan tiʼookraasii irraa argannu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko galmawwan hafuuraa baafachuu dha. Dargaggeessa yoo taatee fi hojii tajaajila Yihowaa keessatti hojjetamu irratti yaadaa jirta yoo taʼe, barreeffamoota waaʼee bifawwan tajaajila yeroo guutuu dubbatan qorachuudhaan, galma hafuuraa tokko maaliif hin baafattu? * Tarii nama waggoota hedduudhaaf tajaajila yeroo guutuu keessa ture tokko haasofsiisuu dandeessa taʼa. Tajaajila akka hojii keetti ilaaluudhaan, tajaajila itti fufiinsa qabuu fi addunyaa haaraa keessatti Waaqayyoof dhiheessituuf qophaaʼuu dandeessa; leenjiin tiʼookraasii fi muuxannoon argatte immoo addunyaa haaraa keessatti buʼaa guddaa argamsiisa.

Sochiiwwan tiʼookraasii irratti hirmaadhaa

15. Galmawwan hafuuraa labsitoonni Mootummichaa irra gaʼuu dandaʼan kam faʼi?

15 Labsitoota Mootummichaa waan taaneef, galmawwan hafuuraa akkamii baafachuu dandeenya? Dandeettii bifa tajaajilaa tokko tokko irratti qabnu guddifachuuf galma baafachuu dandeenya. Yookiin hubannaa seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irratti qabnu, akkasumas hubannaa karaa seerawwan buʼuuraa kun hojii irra ooluu itti dandaʼan irratti qabnu guddifachuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Karaa waltajjii irratti itti dubbisnu, haasaa itti dhiheessinuu fi walgaʼii irratti yaada itti kenninu irratti fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Wantoota gochuu dandeessan kan biraa irrattis yaaduu dandeessu. Yaadni dabarsuuf barbaadame kana dha: Galmawwan hafuuraa baafachuun keessan, kakaʼumsa sochiiwwan tiʼookraasii irratti hirmaachuuf qabdan isinii guddisa; kun taʼuun isaa immoo jireenya addunyaa haaraa keessatti jiraattaniif of qopheessuuf isin gargaara.

AMMA IYYUU EEBBA ARGACHUU JALQABNEERRA!

Nyaata hafuuraatiif dinqisiifannaa akka qabdan argisiisaa

16. Yihowaa tajaajiluun akkaataa jireenyaa hunda irra caalu kan taʼe akkamitti?

16 Haa taʼu malee, addunyaa haaraa Waaqayyo fiduuf of qopheessuudhaan yeroo keenya dabarsuun, yeroo ammaatti jireenya gaarii fi milkaaʼina qabu akka hin jiraanne nu godhaa? Matumaa! Yihowaa tajaajiluun karaa hunda caalaa jireenya gammachuu qabu jiraachuuf nu dandeessisu dha. Kan isa tajaajillu dhiibbaan nu irratti godhamee ykn rakkina guddaa jalaa ooluuf jennee qofa miti. Kan uumamne akka isa tajaajilluu fi kanaanis gammachuu guddaa akka argannu godhamnee ti. Jireenya keenya keessatti jaalala Yihowaa fi qajeelfama isaa argachuun, isa irraa fagaatanii jiraachuu irra baayʼee kan wayyu dha. (Faarfannaa 63:1-3 dubbisi.) Dhugaa dha, eebba hafuuraa garaadhaa Yihowaa tajaajiluudhaan argamu argachuuf addunyaa haaraa eeguun nu hin barbaachisu; eebbawwan kana amma iyyuu argachuu ni dandeenya! Nu keessaa tokko tokko eebbawwan akkasii waggoota hedduudhaaf argachaa turreerra; akkasumas, akkaataan jireenyaa gammachuu akkanaa argamsiisuu dandaʼu kan biraan akka hin jirre muuxannoo keenya irraa argineerra.—Far. 1:1-3; Isa. 58:13, 14.

Qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼe argachuuf carraaqqii godhaa

17. Fedhiinii fi gammachuun Jannata keessatti iddoo akkamii qabaatu?

17 Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti fedhiin keenya ni guutama; gammachuus ni qabaanna. Yihowaan fedhii keenya nuuf hin guutu utuu taʼee, milkaaʼina argachuu fi wantoota qulqulluu nama gammachiisan irratti hirmaachuuf fedhii akka qabaannu godhee nu uuma turee? (Lal. 2:24) Yihowaan karaa kanaanis taʼe karaa kan biraatiin yeroo hunda ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa in quufsa.’ (Far. 145:16) Bashannanni barbaachisaa taʼus, gammachuun irraa argamu kan guddatu walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf dursa yoo kennine dha. Addunyaa haaraa keessattis haalli kun dhugaa dha. Kanaafuu, fedhii dhuunfaa keenyaaf iddoo isaaf malu kennuun, akkasumas Mootummichaaf dursa kennuunii fi eebbawwan hafuuraa yeroo ammaatti tajaajiltoonni Yihowaa argachuu dandaʼan irratti xiyyeeffachuun keenya barbaachisaa dha!—Mat. 6:33.

18. Jireenya bara baraa Jannata keessatti jiraannuuf qophaaʼaa akka jirru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Jannata dhuftu keessatti, gammachuu guddaa hanga ammaatti argannee hin beekne arganna. Jireenya dhugaatiif ammuma qophii gochuudhaan, jireenya sana argachuuf fedhii guddaa akka qabnu haa argisiisnu. Amalawwan Waaqayyoon gammachiisan haa qabaannu; akkasumas, hojii Mootummicha lallabuu akka hojjennu ajajamne irratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan gammachuu guddaa haa argannu. Wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuun gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu haa taʼu. Akkasumas, abdiiwwan Yihowaan kenne irratti amantii guutuu qabaachuudhaan, karaa jireenya addunyaa haaraa eeggachaa akka jirru argisiisuun haa jiraannu!

^ KEY. 14 Kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa Fi—Deebiiwwan Hoji Irra Ooluu Dandaʼan (Amaariffa) jedhamu Jildii 2, ful. 311-318 ilaali.