Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bilchina Akka Kiristos Bira Gaʼaa Jirtuu?

Bilchina Akka Kiristos Bira Gaʼaa Jirtuu?

‘Akkuma Kiristos bilchina guutuu bira gaʼaa.’—EFE. 4:13, NW.

FAARFANNAA: 11, 42

1, 2. Kiristiyaanonni hundi guddina akkamii gochuuf carraaqqii gochuu qabu? Fakkeenyaan ibsi.

HAATI MANAA muuxannoo qabdu tokko gabaa deemtee fuduraa ennaa filattu, kan ilaaltu guddina isaa ykn rakasa taʼuu isaa qofa utuu hin taʼin, kan bilchaate taʼuu isaa ti. Fuduraa miʼaawaa fi foolii gaarii qabu, akkasumas fayyaadhaaf gaarii taʼe bitachuu barbaaddi. Eeyyee, fuduraa akka gaariitti bilchaate filatti.

2 Namni tokko of murteessee erga cuuphamee boodas guddina gochuu isaa itti fufa. Kaayyoon isaa tajaajilaa Waaqayyoo gaʼeessa taʼe taʼuu dha. Gaʼeessummaan kun gaʼeessummaa qaamaa utuu hin taʼin gaʼeessummaa hafuuraa ti. Phaawulos ergamaan karaa hafuuraa guddina gochuun barbaachisaa akka taʼe Kiristiyaanota Efesoon keessa jiraataniif barreesseera. ‘Tokkummaa, isa amantii fi waaʼee Ilma Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuudhaan argamu bira akka gaʼan, akkasumas hamma bilchaatoo taʼanitti, jechuunis akkuma Kiristos hamma bilchina guutuu bira gaʼanitti’ akka carraaqan isaan jajjabeesseera.—Efe. 4:13, NW.

3. Haala gumii Efesoon keessa ture akkamiitu saba Yihowaa yeroo harʼaa jiran gidduu jira?

3 Phaawulos xalayaa isaa yeroo barreessetti, gumiin Efesoon erga hundeeffamee waggoonni muraasni darbaniiru. Duuka buutonni achitti argaman hedduun karaa hafuuraa baayʼee guddataniiru. Haa taʼu malee, isaan keessaa tokko tokko gaʼeessummaatti guddachuun isaan barbaachisa ture. Haalli Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaas kanaa wajjin wal fakkaata. Obboloonni hedduun yeroo dheeraadhaaf Waaqayyoon kan tajaajilanii fi karaa hafuuraa gaʼeessummaatti kan guddatani dha. Taʼus, sadarkaa kana irra kan gaʼan Kiristiyaanota hunda miti. Fakkeenyaaf, waggaa waggaadhaan namoonni kumaan lakkaaʼaman kan cuuphaman siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko amma iyyuu gaʼeessota taʼuuf carraaqqii gochuun isaan barbaachisa. Ati hoo?—Qol. 2:6, 7.

GUDDINA KIRISTIYAANOTAA

4, 5. Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼan garaa garummaa akkamii qabaachuu dandaʼu? Taʼus wanti tokko isaan godhu maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Bakka gabaatti fuduraa bilchaate yommuu ilaaltu, fuduraan hundi akka wal hin fakkaanne argita. Taʼus, hundi isaanii wanta akka bilchaatan argisiisu qabu. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼanis lammummaa, akkaataa guddinaa, fayyaa, umurii fi muuxannoo garaa gara taʼe qabaachuu dandaʼu. Eenyummaanii fi aadaan isaaniis garaa gara dha. Taʼus, warri karaa hafuuraa guddatan hundi amalawwan gaʼeessota taʼuu isaanii argisiisan qabu. Amalawwan kun maal faʼi?

5 Tajaajilaan Yihowaa gaʼeessa taʼe, Yesus isa ‘faana isaa duukaa akka buunuuf’fakkeenya nuuf kaaʼee hordofa. (1 Phe. 2:21) Wanti Yesus baayʼee barbaachisaa akka taʼe dubbate maali dha? Garaa guutuu, jireenya guutuu fi yaada guutuudhaan Yihowaa jaallachuu, akkasumas nama akka mataa ofiitti jaallachuu dha. (Mat. 22:37-39) Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe tokko gorsa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf carraaqqii godha. Akkaataan jireenyaa isaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuuf dursa akka kennuu fi namootaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka qabu kan argisiisu dha.

Kiristiyaanonni maanguddoota taʼan dargaggoota itti gaafatamummaa qaban deggeruudhaan akka Kiristos akka gad of deebisan argisiisuu dandaʼu (Keeyyata 6 ilaali)

6, 7. (a) Amaloonni Kiristiyaana gaʼeessa taʼe tokko adda baasanii beeksisan maal faʼi? (b) Maal jennee of gaafachuu qabna?

6 Haa taʼu malee, jaalalli akaakuu ija hojii hafuuraa Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe tokko argisiisu keessaa tokko qofa akka taʼe ni hubanna. (Gal. 5:22, 23) Amalawwan kaan kan akka garraamummaa, of dhowwuu fi obsaas barbaachisoo dha. Amalawwan kun Kiristiyaanni tokko haalawwan rakkisaa taʼan utuu hin dheekkamin akka dabarsuu fi haalawwan nama gaddisiisan utuu abdii hin kutatin akka dandaʼu isa gargaaru. Yeroo qayyabannaa dhuunfaa isaatti, qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼoo wanta sirrii taʼe isa dogoggora taʼe irraa adda baasuuf isa gargaaru argachuuf yeroo hunda qorannaa godha. Achii, murtoo tokko yeroo godhu karaa hafuuraa gaʼeessa taʼuu isaa argisiisa. Fakkeenyaaf, yaada garaa isaa isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjiʼe ni dhaggeeffata. Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe, karaanii fi qajeelfamni Yihowaa yeroo hunda kan isaa irra akka caalu hubachuudhaan akka gad of deebisu argisiisa. * Hinaaffaadhaan misiraachicha lallaba; akkasumas tokkummaa gumiitiif gumaacha godha.

7 Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, hundi keenya ‘Guddina hafuuraa gochuu koo itti fufuuf, karaan ani caalaatti Yesusiin itti hordofuu qabu jiraa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.

‘NYAANNI JABAAN KAN WARRA GAʼANII TI’

8. Waaʼee beekumsaa fi hubannaa Yesus Caaffata Qulqullaaʼoo irratti qabuu maal jechuutu dandaʼama?

8 Yesus Kiristos beekumsa Dubbii Waaqayyoo qaba ture. Yeroo umuriin isaa waggaa 12 turetti illee barsiisota mana sagadaa wajjin dhimmoota Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼan irratti mariʼachuu dandaʼee ture. “Warri isa dhaggeeffatan hundinuu immoo hubannaa isaa fi deebii deddeebisuu isaatiif in dinqifatan.” (Luq. 2:46, 47) Yeroo boodas, lafa irratti yeroo tajaajilaa turetti, Dubbii Waaqayyoo irraa ragaa sirrii taʼe caqasuudhaan diinota isaa afaan qabsiiseera.—Mat. 22:41-46.

9. (a) Namni karaa hafuuraa guddachuu barbaadu tokko barsiifata qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkamii qabaachuu qaba? (b) Macaafa Qulqulluu qayyabachuun kan barbaachisu maaliifi?

9 Kiristiyaanni karaa hafuuraa guddachuu barbaadu tokko fakkeenya Yesus waan hordofuuf beekumsa Macaafa Qulqulluu muraasa argachuu isaatti qofa hin gammadu. ‘Nyaanni jabaan kan warra gaʼanii’ taʼuu isaa hubachuudhaan, yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan qora. (Ibr. 5:14) Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe, “ilma Waaqayyoo beekuu” akka barbaadu beekamaa dha. (Efe. 4:13) Sagantaa baafachuudhaan guyyaa guyyaatti Macaafa Qulqulluu ni dubbistaa? Sagantaa qayyabannaa dhuunfaa itti godhattu qabdaa? Torban torbaniin waaqeffannaa maatii godhachuudhaaf yeroo ni ramaddaa? Yeroo Dubbii Waaqayyoo qortutti seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akkaataa Yihowaan itti yaaduu fi miira isaa hubachuuf si gargaaran irratti xiyyeeffadhu. Achiis seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan murtoo godhi; akkas yoo goote caalaatti Yihowaatti dhihaatta.

10. Beekumsi Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe tokko qabu jireenya isaa keessatti maal gochuuf isa kakaasa?

10 Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe beekumsi qofti gaʼaa akka hin taane beeka. Beekuu qofa utuu hin taʼin, karaa Waaqayyoo fi seerawwan buʼuuraa isaa ilaalchisee wanta beeku jaallachuu qaba. Karaa jaalalli akkasii itti argisiifamu keessaa tokko fedhii namaa caalaa wantoota fedha Yihowaa wajjin wal qabataniif dursa kennuu dha. Kana malees, Kiristiyaanni kun ilaalchaa fi amala isaa duraanii ‘of keessaa baasuuf’ carraaqqii akka godhu beekamaa dha. Kiristiyaanni tokko jijjiirama kana yeroo godhu, namummaa akka Kiristos, jechuunis “namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame” uffata. (Efesoon 4:22-24 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame. Kiristiyaanni tokko beekumsa ulaagaalee Macaafa Qulqulluu ilaalchisee qabuu fi jaalala isaaniif qabu yommuu guddifatu, hafuurri qulqulluun isa keessatti akka hojjetu heyyama. Kun immoo guddina hafuuraa gochuuf isa gargaara.

TOKKUMMAA QABAACHUU

11. Walitti dhufeenyi Yesus maatii isaa fi duuka buutota isaa wajjin qabu maal fakkaata ture?

11 Yesus yeroo lafa irra ture cubbamaa taʼuu baatus, namoota cubbamoo wajjin jiraata ture. Kan isa guddisan warra isaa cubbuu dhaalani dha; waggoota hedduudhaaf kan jiraates firoota isaa cubbuu dhaalanii wajjini. Duuka buutonni isaa warri isatti dhihaatan illee amaloota namoonni naannoo isaanii jiran argisiisan kan akka kooraa fi ofittummaa ni argisiisu turan. Fakkeenyaaf, galgala guyyaa Yesus itti ajjeefame dura turetti, “nu keessaa eenyutu caala jechuu irraa kan kaʼe, ergamoota isaa gidduutti morkiin kaʼee ture.” (Luq. 22:24) Haa taʼu malee, Yesus duuka buutonni isaa warri cubbuu dhaalan karaa hafuuraa guddina gochuu fi gumii tokkummaa qabu ijaaruu akka dandaʼan amanannaa qaba ture. Galgala sana Yesus tokkummaa jaalala irratti hundaaʼe akka qabaatan akka isaan gargaaru Abbaa isaa isa samii akkana jechuudhaan kadhateera: ‘Isaanis tokko haa taʼan; yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraatan; akkuma nuyi tokko taane, isaanis tokko haa taʼan.’—Yoh. 17:21, 22.

12, 13. (a) Efesoon 4:15, 16 gumii keessa tokkummaan akka jiraatu gochuun barbaachisaa taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti? (b) Obboleessi tokko dadhabina isaa kan moʼee fi tokkummaan akka jiraatu gochuu kan barate akkamitti?

12 Tajaajilaan Yihowaa gaʼeessa taʼe gumii keessa tokkummaan akka jiraatu godha. (Efesoon 4:1-6, 15, 16 dubbisi.) Sabni Waaqayyoo ‘wal fudhatanii walitti kan qabsiifaman [‘wal taʼuudhaan walitti kan hidhaman,’ NW]’ akkasumas miseensonni hundi kan wal deggeran akka taʼan gochuu barbaadna. Dubbiin Yihowaa akka jedhutti tokkummaa akkanaa irra gaʼuuf amala gad of deebisuu horachuun nu barbaachisa. Obboloonni gaʼeessota taʼan yeroo namoonni kaan dogoggora raawwatanitti illee gad of deebisuudhaan tokkummaa isaanii eegu. Obboleessi ykn obboleettiin tokko yeroo dogoggora raawwatan yoo argite maal goota? Yookiin namni gumii kee keessa jiru tokko balleessaa yoo si irratti raawwate maal goota? Sochii ykn amala nama si aarse sana irraa si fageessu argisiisuudhaan dallaa ijaartaa? Moo garaa garummaa gidduu keessanitti uumame hambisuuf riqicha ijaaruuf yaalta? Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe dallaa utuu hin taʼin riqicha ijaaruu barbaada.

13 Fakkeenya Uuvaa ilaalaa. Duraan hidhattoonni amantii isaa yeroo dogoggora raawwatan baayʼee aara ture. Achii Macaafa Qulqulluu fi kitaaba Caaffata Qulqullaaʼoo Gadi Fageenyaan Qoruu [Ingiliffa] jedhamutti fayyadamee jireenya Daawit irratti qorannaa gochuuf murteesse. Maaliif Daawitiin filate? Uuvaan akkana jedheera: “Daawit hidhattoonni amantii isaa amala Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal faalleessu yeroo argisiisan argeera. Fakkeenyaaf, Saaʼol Mootichi isa ajjeesuuf yaaleera; namoonni muraasni dhagaadhaan isa rukutuu barbaadanii turan; haati manaa isaa illee itti qoostee turte. (1 Sam. 19:9-11; 30:1-6; 2 Sam. 6:14-22) Haa taʼu malee, Daawit amalli namoonni kaan argisiisan jaalala Yihowaadhaaf qabu akka jalaa balleessu hin heyyamne. Akkasumas, Daawit garaa dhiifama gochuuf qophaaʼe qaba ture; anis amala kana horachuun na barbaachisa. Wantin qayyabannaa koo irraa baradhe ilaalchan dogoggora hidhattoonni amantii koo raawwataniif qabu naa jijjiireera. Kana booda dogoggora warra kaanii galmeeffadhee hin qabadhu. Kanaa mannaa, tokkummaa gumichaatiif gumaacha gochuuf carraaqqiin godha.” Ati hoo akkuma Uuvaa gumii keessa tokkummaan akka jiraatu gochuuf kutatteettaa?

NAMOOTA JAALALA WAAQAYYOO RAAWWATAN GIDDUUDHAA MICHOOTA FILADHAA

14. Yesus michoota isaa akka taʼan kan filate namoota akkamii ti?

14 Yesus Kiristos namoota jaalalaan qaba ture. Namoonni garaa garaa dhiironni, dubartoonni, dargaggoonni, maanguddoonnii fi ijoolleen illee salphaatti itti dhihaatu turan. Haa taʼu malee, michoota isaa of eeggannoodhaan filata ture. Ergamoota isaa warra amanamoo taʼaniin, “Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti” jedheera. (Yoh. 15:14) Yesus namoota amanamummaadhaan isa duukaa buʼanii fi garaadhaa Yihowaa tajaajilan keessaa michoota filateera. Ati hoo namoota garaadhaa Yihowaa tajaajilan keessaa michoota filattaa? Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

15. Obboloonni dargaggoota taʼan Kiristiyaanota gaʼeessota taʼanii wajjin walitti dhihaachuudhaan fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

15 Akaakuuwwan fuduraa hedduun ifa aduu yeroo argatan akka gaariitti bilchaatu. Haaluma wal fakkaatuun, miirri hoʼaan obboloota gidduu jiru gara gaʼeessummaatti akka guddattu si gargaara. Tarii dargaggeessa jireenya keetti akkamitti itti fayyadamuu akka qabdu murteessuuf yaalaa jirtu yoo taate, obboloota Yihowaa tajaajiluu fi tokkummaa gumichaatiif gumaacha gochuu irratti muuxannoo qabanitti dhihaachuun kee ogummaa dha! Waggoota hedduudhaaf jireenya isaanii keessatti haalawwan rakkisaa taʼan, akkasumas rakkoowwan Waaqayyoon tajaajiluun illee akka isaanitti ulfaatu godhan isaan mudatanii taʼuu dandaʼa. Obboloonni akkanaa akkaataa jireenyaa hunda irra caalu akka filattu si gargaaruu dandaʼu. Obboloota akkanaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuun kee, murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuu akka dandeessuu fi gaʼeessummaatti akka guddattu si gargaaruu dandaʼa.—Ibroota 5:14 dubbisi.

16. Obboloonni gumii keessa jiran kaan obboleettii shamarree tokko kan gargaaran akkamitti?

16 Fakkeenyaaf, Helgaan yeroo barumsa ishee xumuruuf jettu, ijoolleen daree ishee waaʼee galma baafatanii dubbachaa akka turan ni yaadatti. Baayʼeen isaanii hojii gaarii argachuuf barumsa yunivarsiitii barachuu barbaadu turan. Helgaan haala jiru michoota ishee gumii keessa jiranii wajjin mariʼatte. Akkana jetteetti: “Baayʼeen isaanii umuriidhaan kan na caalan siʼa taʼu, akka gaariitti na gargaaraniiru. Tajaajila yeroo guutuu akkan jalqabu na jajjabeessan. Kanaafuu, waggaa shaniif qajeelchaa taʼee tajaajiluu dandaʼeera. Amma waggoonni muraasni erga darbanii booda, yeroo dargaggummaa koo keessaa harka caalaa isaa tajaajila Yihowaa irratti waanan dabarseef gammachuutu natti dhagaʼama. Murtoo akkanaa gochuu kootti sababiin itti gaabbu hin qabu.”

17, 18. Karaa hafuuraa gaʼeessummaa qabaachuun keenya kaayyoo keenya galmaan gaʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

17 Jireenyi keenya fakkeenya Yesus nuu kaaʼe irratti akka xiyyeeffatu gochuuf yaalii gochuun keenya guddina hafuuraa gochuuf nu gargaara. Yihowaatti ni dhihaanna; akkasumas fedhiin hamma dandeenye isa tajaajiluuf qabnu ni guddata. Tajaajilaan Yihowaa tokko guddina hafuuraa guutuu taʼe irra ennaa gaʼu, jechuunis Kiristiyaana gaʼeessa ennaa taʼu wanta qabu keessaa isa wayyu Yihowaadhaaf kennuu ni dandaʼa. Yesus, “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan . . . namoota duratti haa ifu!” jechuudhaan duuka buutota isaa jajjabeesseera.—Mat. 5:16.

18 Akkuma olitti ilaale, Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe gumii irratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼa. Akkasumas, gaʼeessummaan hafuuraa akkanaa akkaataa Kiristiyaanni tokko yaada garaa Waaqayyo isaaf kennetti itti fayyadamu irratti ni mulʼata. Yaadni garaa keenya murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf kan nu gargaaru akkamitti? Murtoo hidhattoonni amantii keenya yaada garaa isaanii irratti hundaaʼanii godhan kabajuu kan dandeenyu akkamitti? Yaadawwan kana mata duree itti aanu irratti ilaalla.

^ KEY. 6 Fakkeenyaaf, obboloonni maanguddoon muuxannoo qaban itti gaafatamummaa tokko akka dhiisanii fi dargaggoota itti gaafatamummaa sana fudhataniif gargaarsa akka kennan gaafatamuu dandaʼu.