Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Amantiitti Cimaatii Dhaabadhaa”

“Amantiitti Cimaatii Dhaabadhaa”

“Amantiitti cimaatii dhaabadhaa, . . . jajjaboo taʼaa!” —1 QOR. 16:13.

FAARFANNAA: 23, 34

1. (a) Yeroo ciisa bishaan Galiilaa irratti qilleensi jabaan kaʼetti Phexrosiin maaltu mudate? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Phexros bishaaniin liqimfamuu kan jalqabe maaliifi?

PHEXROS ergamaanii fi bartoonni kaan qilleensi jabaan utuu jiruu halkan keessa bidiruu isaanii Ciisa Bishaan Galiilaa irra oofuuf carraaqaa turan. Achiis akka tasaa, Yesus utuu bishaan irra deemuu argan. Phexros Yesusiin waamee, bishaan irra deemee gara isaa dhaquu kan dandaʼu taʼuu isaa isa gaafate. Yesus yommuu isa waamu Phexros bidiruu irraa buʼee, dinqiidhaan bishaan irra deemaa gara Yesus dhaquu jalqabe. Haa taʼu malee, yeroo muraasa booda Phexros bishaaniin liqimfamuu jalqabe. Maaliif? Qilleensa jabaa ilaalee waan sodaateefi dha. Phexros iyyee Yesusiin waammate; innis hiixatee isa qabee, “Yaa namicha amantii hirʼuu! Maaliif mamte?” isaan jedhe.—Mat. 14:24-32.

2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

2 Haalawwan Phexrosiin mudatanii fi amantii wajjin wal qabatan sadii jechuunis, (1) Phexros Waaqayyo akka isa gargaaru jalqaba irratti amantii akka qabu kan argisiise akkamitti akka taʼe, (2) amantiin Phexros laafuu kan jalqabe maaliif akka taʼe, akkasumas (3) Phexros amantii isaa deebisee akka jabeeffatu wanti isa gargaare maal akka taʼe haa ilaallu. Qabxiilee kana qoruun keenya ‘amantiitti cimnee dhaabachuu’ kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beekuuf nu gargaara.—1 Qor. 16:13.

GARGAARSA WAAQAYYOO IRRATTI AMANTII QABAACHUU

3. Phexros bidiruu irraa kan buʼe maaliifi? Nuti hoo wanta kanaa wajjin wal fakkaatu akkamii gooneerra?

3 Phexros bidiruu irraa buʼee bishaan irra yeroo deemetti amantii qaba ture. Yesus yeroo isa waametti, Phexros humni Waaqayyoo akkuma Yesusiin gargaaraa jiru isas akka gargaaru amantii qaba ture. Haaluma wal fakkaatuun, nutis Yihowaadhaaf of murteessuudhaan kan cuuphamne amantii waan qabnuufi dha. Yesus, duuka buutota isaa akka taanuuf, jechuunis faana isaa duukaa akka buunuuf nu waame. Yesusii fi Waaqayyo karaa garaa garaatiin nu deggeruu akka dandaʼan amanuudhaan, isaan irratti amantii haa qabaannu.—Yoh. 14:1; 1 Phexros 2:21 dubbisi.

4, 5. Amantiin qabeenya gati jabeessa dha kan jennu maaliifi?

4 Amantiin qabeenya gati jabeessa taʼe dha. Akkuma amantiin Phexros bishaan irra deemuuf isa dandeessise, amantiin keenyas wanta akka ilaalcha namaatti kan hin dandaʼamne fakkaatu raawwachuuf nu dandeessisa. (Mat. 21:21, 22) Fakkeenyaaf, baayʼeen keenya hamma namoonni kanaan dura nu beekan nu wallaalanitti amallii fi ilaalchi keenya baayʼee jijjiirameera. Tarkaanfiiwwan kana kan fudhanne isa irratti amantii qabaachuudhaan waan taʼeef, Yihowaan nu deggereera. (Qolosaayis 3:5-10 dubbisi.) Amantiin nuti Yihowaa irratti qabnu isaaf akka of murteessinu waan nu kakaaseef, wanta ofii keenyaan argachuu hin dandeenye, jechuunis michuu isaa taʼuu dandeenyeerra.—Efe. 2:8.

5 Amantiin keenya nu cimsa. Amantiidhaan diina keenya isa humna keenyaa ol taʼe, jechuunis Diyaabiloosiin moʼuu ni dandeenya. (Efe. 6:16) Dabalataanis, Yihowaatti amanamuun keenya dhiphina yeroo rakkinaatti nutti dhagaʼamu hirʼisuuf nu gargaara. Yihowaan, amantiin keenya Mootummicha akka dursinu yoo nu kakaase, wanta karaa foonii nu barbaachisu akka nuu guutu waadaa nuuf galeera. (Mat. 6:30-34) Kana malees, amantii qabaachuun keenya, wanta namni tokko iyyuu carraaqqii mataa isaatiin argachuu hin dandeenye, jechuunis jireenya bara baraa nuuf argamsiisa.—Yoh. 3:16.

XIYYEEFFACHUU DHIISUUNN AMANTII DHABUUTTI NAMA GEESSA

6, 7. (a) Qilleensa jabaa fi dambalii Phexrositti marsee ture maalii wajjin wal fakkeessuu dandeenya? (b) Amantiin keenya salphaatti baduu akka dandaʼu dagachuu hin qabnu kan jennu maaliifi?

6 Qilleensii fi dambaliin Phexros utuu bishaan irra deemuu isa marsee ture, rakkinaa fi qorumsa yeroo harʼaa nu mudatuu wajjin wal bira qabamuu dandaʼa. Wantoonni kun humna keenyaa ol yoo taʼan illee, gargaarsa Yihowaatiin jabaannee dhaabachuu ni dandeenya. Phexros sababa qilleensaa fi dambalii galaanaatiin liqimfamuu akka hin jalqabne yaadadhu. Macaafni Qulqulluun, “Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhagaʼame garuu in sodaate” jedha. (Mat. 14:30) Phexros Yesus irratti xiyyeeffachuu waan dhiiseef amantiin isaa ni raafame. Nutis, ‘qilleensi jabaan akka nutti dhagaʼamu’ gochuudhaan humna qilleensichaa irratti xiyyeeffachuu yoo jalqabnee fi Yihowaan akka nu gargaaru yoo shakkine liqimfamuu jalqabuu dandeenya.

7 Macaafni Qulqulluun amantii dhabuu “cubbuu isa nutti qabate” akka taʼetti waan ibsuuf, amantiin keenya baduu akka dandaʼu dagachuu hin qabnu. (Ibr. 12:1) Muuxannoo Phexros irraa hubachuun akka dandaʼamutti, wanta irratti xiyyeeffachuu hin qabne irratti yoo xiyyeeffanne amantiin keenya laafuu dandaʼa. Amantiin keenya laafaa akka jiru hubachuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffilee of qoruudhaaf nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu.

8. Amantiin nuti waadaawwan Waaqayyo gale irratti qabnu isa kanaan duraa irra hirʼachuu kan dandaʼu akkamitti?

8 Amantiin ani waadaawwan Waaqayyo gale irratti qabu isa kanaan duraa irra hirʼateeraa? Fakkeenyaaf, Waaqayyo sirna kana balleessuuf waadaa galeera. Taʼus, bashannanni addunyaa kana keessatti argamu, xiyyeeffannaa keenya hihhiruudhaan amantii waadaa Waaqayyo gale irratti qabnu akka laaffisu ni heyyamnaa? Dhumni sirna kanaa akka dhihaate shakkuu jalqabuu dandeenya taʼa. (An. 2:3) Fakkeenya gara biraas haa ilaallu. Waaqayyo furicha irratti hundaaʼuudhaan dhiifama akka nuuf godhu waadaa galeera. Haa taʼu malee, dogoggora kanaan dura raawwanne irratti xiyyeeffachuudhaan, dhuguma Yihowaan cubbuu keenya hundumaa akka ‘haxaaʼe’ shakkuu jalqabuu dandeenya. (HoE. 3:19) Achiis, gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argannu dhabuu fi sochii hafuuraa irratti hirmaachuu dhiisuu dandeenya.

9. Fedhii dhuunfaa keenyaa irratti yoo xiyyeeffanne maaltu taʼuu dandaʼa?

9 Akkuman dur gochaa ture tajaajila Yihowaa irratti hinaaffaadhaan nan hirmaadhaa? Phaawulos ergamaan, tajaajila Yihowaa irratti ciminaan hirmaachuun, ‘abdicha isa guutummaatti mirkanaaʼaa taʼe hamma dhumaatti qabaatanii itti fufuuf’ (NW) akka nu gargaaru dubbateera. Haa taʼu malee, fedhii dhuunfaa keenyaa guuttachuu irratti yoo xiyyeeffanne hoo maaltu taʼa? Fakkeenyaaf, hojii mindaa gaarii argamsiisu, garuu immoo hirmaannaa tajaajila Yihowaa irratti goonu nu jalaa daangessu ni hojjennaa? Kana gochuun keenya amantii keenya nu jalaa laaffisuu fi Yihowaadhaaf wanta humna keenyaa gadi taʼe gochuudhaan “daagii” ykn dhibaaʼoo akka taanu nu gochuu dandaʼa.—Ibr. 6:10-12.

10. Namoota kaaniif dhiifama gochuun keenya amantii Yihowaa irratti qabnu kan argisiisu akkamitti?

10 Namoota na miidhaniif dhiifama gochuun na rakkisaa? Namoonni yeroo nu aarsan ykn nu miidhan, miira keenya irratti xiyyeeffachuudhaan akkuma isaan nutti dubbatan isaanitti dubbachuuf ykn isaaniin ooduuf filachuu dandeenya. Karaa gara biraatiin immoo, dhiifama kan namaaf goonu yoo taʼe, Yihowaa irratti amantii akka qabnu argisiisna. Akkamitti? Akkuma cubbuun keenya Yihowaan idaa akka nu irraa qabaatu godhu, namoonni nu irratti cubbuu hojjetanis idaan keenya irra jira. (Luq. 11:4, NW) Yommuu warra kaaniif dhiifama goonu, Waaqayyo biratti fudhatama argachuun keenya idaa isaanii isaan kaffalchiisuu irra kan caalu taʼuu isaa akka amannu argisiisna. Duuka buutonni Yesus namoota kaaniif dhiifama gochuun amantii qabaachuu akka gaafatu hubatanii turan. Yommuu Yesus namoota irra deddeebiʼanii cubbuu isaan irratti hojjetaniif illee dhiifama gochuu akka qaban isaanitti hime, “Amantii keenya nuuf guddisi!” jedhanii isa kadhatan.—Luq. 17:1-5.

11. Gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼe irraa utuu hin fayyadamin kan hafnu maaliif taʼuu dandaʼa?

11 Yommuu gorsi Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼe naaf kennamu nan dallanaa? Karaa gorsa nuu kenname tokko irraa faayidaa itti argannu irratti yaaduu mannaa, hirʼina gorsi nuu kenname ykn namni nu gorse sun qabu irratti xiyyeeffanna taʼa. (Fak. 19:20) Kana yoo goone carraa yaada keenya yaada Waaqayyoo wajjin itti wal simsiisnutti utuu hin fayyadamin hafuu dandeenya.

12. Namni tokko yeroo hunda obboloota Yihowaan saba isaa geggeessuuf itti fayyadamu irratti guungumuun isaa maal argisiisa?

12 Obboloota gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban irratti nan guungumaa? Israaʼeloonni gabaasa gadhee gaaddonni kurnan fidan irratti waan xiyyeeffataniif, Musee fi Aaron irratti guungumanii turan. Yeroo kanatti Yihowaan, “Hamma yoomiitti anatti amanuu didu?” jechuudhaan Musee gaafate. (Lak. 14:2-4, 11) Eeyyee, Israaʼeloonni guungumuun isaanii Waaqa isa Musee fi Aaroniin muude irratti amantii akka hin qabne kan argisiisu ture. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo hunda namoota Waaqayyo saba isaa geggeessuuf itti fayyadamu irratti guungumuun keenya, amantiin Waaqayyo irratti qabnu akka laafe kan argisiisu mitii?

13. Yeroo of qorrutti amantiin keenya hamma tokko dadhabaa taʼuu isaa yoo hubanne abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

13 Yeroo of qortu amantiin kee dadhabaa taʼuu isaa yoo hubatte abdii hin kutatin. Phexros ergamaan illee yeroo itti sodaatee fi abdii itti kutate qaba. Yesus “amantii hirʼuu” qabaachuu isaaniitiin ergamoota isaa hundaaf sirreeffama kennee ture. (Mat. 16:8) Taʼus, Phexros irraa barumsa barbaachisaa taʼe tokko arganna. Phexros shakkuu fi bishaaniin liqimfamuu erga jalqabee booda maal akka godhe ilaali.

AMANTII KEE JABEESSUUF YESUS IRRATTI XIYYEEFFADHU

14, 15. (a) Phexros bishaaniin liqimfamuu yeroo jalqabetti maal godhe? (b) Yesusiin ijaan arguu kan hin dandeenye taʼus, ‘ija keenya isa irraa buqqifachuu’ dhiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Phexros qilleensa jabaa sana ilaaluudhaan bishaaniin liqimfamuu yeroo jalqabetti ofuma isaatii gara bidirichaatti deebiʼuuf carraaqqii gochuu ni dandaʼa ture. Bishaan daakuu waan dandaʼuuf yeroo kanatti jalqaba wanti isaaf dhufu kana taʼuu dandaʼa ture. (Yoh. 21:7) Haa taʼu malee, ofitti amanamuu mannaa, deebisee Yesus irratti kan xiyyeeffate siʼa taʼu, gargaarsa inni isaaf godhes fudhateera. Amantiin keenya akka dadhabe yoo hubanne, fakkeenya Phexros hordofuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu garuu akkamitti?

15 Akkuma Phexros deebisee Yesus irratti xiyyeeffate, nuyis “Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu.” (Ibroota 12:2, 3 dubbisi.) Nuyi akka Phexros kallattiidhaan Yesusiin arguu akka hin dandeenye beekamaa dha. Taʼus, wanta Yesus barsiisee fi raawwate qoruu, akkasumas fakkeenya isaa hordofuudhaan isa irraa ‘akka ija hin buqqifanne’ argisiisuu dandeenya. Tarkaanfiiwwan fakkeenya Yesus nuu kaaʼe irratti hundaaʼuudhaan fudhachuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu. Kana hojii irra yoo oolchine, gargaarsa amantii keenya jabeessuuf nu barbaachisu arganna.

Fakkeenya Yesus irratti xiyyeeffachuu fi faana isaa duukaa buʼuudhaan amantiitti jabaannee dhaabachuu ni dandeenya (Keeyyata 15 ilaali)

16. Karaa amantii keenya ijaaruu dandaʼuun Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Amantii Macaafa Qulqulluu irratti qabdu jabeeffadhu. Yesus, Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo qajeelfama gaarii jireenyaaf taʼu qabate akka taʼe ni amana ture. (Yoh. 17:17) Fakkeenya Yesus hordofuudhaan guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, qayyabachuu fi wanta baranne irratti xiinxaluu qabna. Kana malees, mata dureewwan gaaffii sitti taʼaniif deebii argachuuf gadi fageenyaan qorannaa godhi. Fakkeenyaaf, ragaawwan guyyoota dhumaa keessa akka jiraannu argisiisanii fi Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti argaman gadi fageenyaan qayyabachuudhaan, dhumni sirna kanaa akka dhihaate amantii qabdu guddifachuu dandeessa. Raajiiwwan raawwii isaanii argatan qorachuudhaan, abdiiwwan gara fuulduraatti raawwatamanii fi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman irratti amantii qabdu jabeeffadhu. Fakkeenyota Macaafni Qulqulluun akkamitti jireenya namootaa akka jijjiiru argisiisan qoruudhaan, amantii faayidaa guddaa Macaafni Qulqulluun qabu irratti qabdu guddifadhu. *1 Tas. 2:13.

17. Yesus qorumsi cimaan isa irra gaʼus amanamaa taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Ati hoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandeessu akkamitti?

17 Eebbawwan Yihowaan waadaa gale irratti xiyyeeffadhu. Yesus qorumsi cimaan kan isa irra gaʼe taʼus, “gammachuu fuula isaa dura jiru” irratti xiyyeeffachuudhaan amanamummaa isaa eegeera. (Ibr. 12:2) Wanta addunyaan isaaf kennuu dandaʼuun xiyyeeffannaan isaa hihhiramee hin beeku. (Mat. 4:8-10) Waadaawwan Yihowaan siif gale irratti xiinxaluudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeessa. Wanta erga Waaqayyo sirna hamaa kana balleessee booda raawwachuu barbaaddu barreessuudhaan ykn fakkii isaa kaasuudhaan yeroo sana keessa akka jirtutti of ilaali. Maqaa namoota duʼaa kaʼanii arguu barbaadduu fi dhimma isaanii wajjin haasaʼuu barbaaddu barreessi. Atis waadaawwan Waaqayyo gale, namoota hundaaf akka galametti qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti akka siif galametti yaadi.

18. Kadhannaan amantii kee jabeessuuf kan si gargaaru akkamitti?

18 Amantii kee akka siif dabalu Yihowaa kadhadhu. Yesus duuka buutonni isaa hafuura qulqulluu argachuuf Yihowaa akka kadhatan isaan barsiiseera. (Luq. 11:9, 13) Yeroo kana gootu amantii dabalataa argachuuf kadhadhu; amantiin ija hojii hafuuraa keessaa tokko dha. Yeroo kadhannaa dhiheessitu, warra kaaniif dhiifama gochuu dadhabuu dabalatee, rakkina amantiin kee akka hirʼate argisiisu kam iyyuu adda baastee caqasuudhaan rakkinicha moʼuuf akka si gargaaru Waaqayyoon gaafadhu.

19. Michuu gaariin kan akkamii ti?

19 Namoota amantii qabanitti michoomi. Yesus michoota isaa keessattuu warra baayʼee itti dhihaatu of eeggannoodhaan filata ture. Warri isatti dhihaatan, jechuunis ergamoonni isaa, isaaf abboomamuudhaan amantii akka qabanii fi amanamoo akka taʼan argisiisaniiru. (Yohannis 15:14, 15 dubbisi.) Kanaafuu, yommuu michoota filattu namoota Yesusiif abboomamuudhaan amantii akka qaban argisiisan filadhu. Michoonni dhugaan yeroo gorsa kennuun ykn fudhachuun isaan barbaachisutti illee utuu hin dhoksin walitti himu.—Fak. 27:9.

20. Namoonni kaan amantii isaanii akka jabeeffatan ennaa gargaarru faayidaa akkamii arganna?

20 Namoonni kaan amantii isaanii akka jabeeffatan gargaari. Yesus gochaanis taʼe dubbii isaatiin amantii duuka buutota isaa ijaareera. (Mar. 11:20-24) Amantii warra kaanii ijaaruun amantii keenya jabeeffachuuf waan nu gargaaruuf fakkeenya isaa hordofuu qabna. (Fak. 11:25) Yeroo lallabduu fi barsiistu, ragaawwan Waaqayyo akka jiru, akka nuuf yaaduu fi Macaafni Qulqulluun Dubbii isaa geggeessaa hafuura qulqulluudhaan barreeffame akka taʼe argisiisan ibsi. Obboloota kees amantii isaanii akka guddifatan gargaari. Namni tokko tarii obboloota itti gaafatamummaa qaban irratti guungumuudhaan akka shakku yoo argisiise, daftee irraa hin fagaatin. Kanaa mannaa, malaan tarkaanfii amantii isaa deebisee argachuuf isa dandeessisu akka fudhatu isa gargaari. (Yih. 22, 23) Mana barumsaatti barumsa jijjiirama tirannaa barachaa jirtu yoo taʼe, amantii uumama irratti qabdu ija jabinaan ibsi; wanti ati dubbattu namoota kaan irratti dhiibbaa akkamii akka qabaatu ennaa ilaaltu baayʼee dinqisiifamuu dandeessa.

21. Yihowaan amantii keenyaa wajjin haala wal qabateen waadaa akkamii nuu galeera?

21 Phexros sodaa fi shakkii isaa akka moʼu Yihowaa fi Yesus isa gargaaraniiru. Yeroo booda Phexros amantii qabaachuu irratti namoota kaaniif fakkeenya guddaa taʼeera. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan amantiidhaan jabaannee akka dhaabannu hunda keenya ni gargaara. (1 Phexros 5:9, 10 dubbisi.) Badhaasni amantii keenyaaf argannu wanta kam irra iyyuu kan caalu waan taʼeef, carraaqqiin amantii keenya ijaaruuf goonu kan nu gaabbisiisu miti.

^ KEY. 16 Fakkeenyaaf, mata duree “Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa isa raabsamu irratti walitti aansee baʼu ilaali.