Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Waaqa Jaalalaa Ti

Yihowaan Waaqa Jaalalaa Ti

“Waaqayyo jaalala.”—1 YOH. 4:8, 16.

FAARFANNAA: 18, 51

1. Amalli Waaqayyoo inni hunda caalu maali dha? Kana beekuun kee hoo waaʼee isaa maaltu akka sitti dhagaʼamu godha?

KITAABNI QULQULLUUN inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame “Waaqayyo jaalala” akka taʼe dubbata. Kitaabni kun, jaalalli amalawwan dinqisiisoo inni qabu keessaa tokko akka taʼe qofa utuu hin taʼin, “Waaqayyo jaalala” akka taʼe dubbata. (1 Yoh. 4:8) Jaalalli, amala isaa isa hunda caaluu fi baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Yihowaan jaalala kan qabu qofa utuu hin taʼin, innumti iyyuu jaalala. Waaqni uumama cufaa fi lubbu qabeeyyii hundumaa uume jaalala qabeessa taʼuu isaa beekuun nama gammachiisa! Wanti inni raawwatu hundi amala kanaan geggeeffama.

2. Jaalalli Waaqayyoo maal nuu mirkaneessa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

2 Jaalalli hoʼaan gaarummaa irratti hundaaʼee fi Waaqayyo uumamawwan isaatiif qabu, kaayyoon inni ilmaan namootaatiif qabu hundi karaa hunda irra caaluun akka raawwatamuu fi kun immoo warra isa jalatti bulan hundaaf faayidaa guddaa akka argamsiisu nuuf mirkaneessa. Fakkeenyaaf, Yihowaan “guyyaa itti harka nama foʼate sanaatiin [Yesus Kiristosiin], biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaaʼeera; namicha foʼate sana duʼaa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera.” (HoE. 17:31) Kun akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Namoota garaa qajeelaa qabanii fi ajajamaniif murtoo gaariin kan kennamu siʼa taʼu, kunis eebba hamma bara baraatti itti fufu argamsiisa.

SEENAAN MAAL MIRKANEESSA?

3. Waaqayyo ilmaan namootaa hin jaallatu utuu taʼee jireenyi maal fakkaata ture?

3 Waaqayyo ilmaan namootaatiif jaalala hin qabu utuu taʼee gara fuulduraatti jireenyi maal akka fakkaatu yaadi. Namoonni namoota bulchuu isaanii kan itti fufan taʼuu isaa irra iyyuu, waaqa isa jaalaala hin qabneen, jechuunis Seexanaan dhiibbaan isaan irra gaʼuun isaa itti fufa ture. (2 Qor. 4:4; 1 Yoh. 5:19; Mulʼata 12:9, 12 dubbisi.) Uumamni cufti jaalala Waaqayyoo utuu hin argatin jiraata utuu taʼee, haalli gara fuulduraa baayʼee gadhee taʼa ture.

4. Yihowaan mormii bulchiinsa isaa isa qajeelaa irratti kaʼe kan heyyame maaliifi?

4 Diyaabilos bulchiinsa Yihowaa irratti mormii yeroo kaasetti, dhiiraa fi dubartiin jalqabaas akkuma isaa akka godhan dhiibbaa isaan irratti godheera. Seexanni, Waaqayyo bulchuuf mirga qabaachuu isaa irrattii fi bulchiinsi isaa qajeelaa taʼuu isaa irratti gaaffii kaaseera. Seexanni bulchiinsi isaa kan Yihowaa irra akka wayyu dubbachuu isaa ture. (Uma. 3:1-5) Yihowaan, Seexanni kun dhugaa taʼuu isaa akka mirkaneessu kan heyyame taʼus, heyyamni kun kan kenname yeroodhaafi. Yihowaan, ogummaa isaa isa guddaatti fayyadamuudhaan, bulchiinsa isaatiin alatti bulchiinsi kan biraan gaʼumsa akka hin qabne saaxiluuf yeroo gaʼaa kenneera. Seenaan ilmaan namootaa gaddisiisaa taʼe, namoonnis taʼan Seexanni bulchiinsa gaarii wajjin haala wal qabateen wanta nu barbaachisu nuu guutuu akka hin dandeenye argisiisa.

5. Seenaan ilmaan namootaa maal argisiisa?

5 Waggoota 100 darban keessatti qofa illee namoonni miliyoona dhibba tokkoo ol taʼan sababa waraanaatiin lubbuu isaanii dhabaniiru. Yeroo harʼaattis haalli addunyaa caalaatti hammaachuu isaa itti fufeera. Kitaabni Qulqulluun “guyyoota gara dhumaa” ilaalchisee, “Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu” jedha. (2 Xim. 3:1, 13) Kitaabni Qulqulluun, “Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka” jechuudhaan wanti dubbatu dhugaa taʼuu isaa seenaan guutummaatti mirkaneesseera. (Er. 10:23) Yihowaan, ilmaan namootaa isa irraa adda baʼanii ofiin of bulchuuf dandeettii ykn mirga akka qabaatan godhee isaan hin uumne.

6. Waaqayyo hamminni yeroodhaaf akka itti fufu heyyamuun isaa faayidaa akkamii argamsiise?

6 Waaqayyo yeroodhaaf hamminni akka jiraatu heyyamuun isaa, bulchiinsi ilmaan namootaa faayidaa kan hin qabne taʼuu isaa saaxiluu qofa utuu hin taʼin waan kan biraas mirkaneesseera. Milkaaʼina kan qabu bulchiinsa Waaqayyoo qofa akka taʼe guutummaatti mirkaneesseera. Yihowaan hammeenyaa fi warra madda hamminaa taʼan erga balleessee booda, qaamni kam iyyuu karaa inni jaalalaan kakaʼee itti bulchu irratti gaaffii yoo kaase obsa argisiisuun isa hin barbaachisu. Hamminni deebiʼee akka hin jiraanneef, mormitoota akkasii yeruma sana balleessuuf wanta seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwatame akka ragaatti dhiheessuu ni dandaʼa.

YIHOWAAN JAALALA AKKA QABU ARGISIISEERA

7, 8. Karaawwan hedduu Yihowaan jaalala isaa isa guddaa itti argisiise keessaa tokko tokko kam faʼi?

7 Jaalalli Yihowaa karaa hedduudhaan argisiifameera. Fakkeenyaaf, uumamni cufti hammam dinqisiisaa akka taʼe ilaali. Gaalaaksiiwwan biliyoonaan lakkaaʼaman kan jiran siʼa taʼu, tokkoon tokkoon gaalaaksiiwwan kanaa keessa urjiilee fi pilaaneetota biliyoona hedduudhaan lakkaaʼamantu jira. Urjiilee gaalaaksii Milkii Weey jedhamuu fi nuti keessa jirru keessatti argaman keessaa tokko aduu siʼa taʼu, uumamni lafa irraa ishee malee jiraachuu hin dandaʼu. Uumamawwan kun hundi Waaqummaa Yihowaa fi amalawwan isaa kan akka humnaa, ogummaa fi jaalalaa kan argisiisani dha. Eeyyee, “Bifni [Waaqayyoo] ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in dandaʼa.”—Rom. 1:20.

8 Yihowaan wanta lafa irra jiru hunda kan uume, uumamawwan isaa lafa irra akka jiraataniif uumaman akka fayyaduufi dha. Ilmaan namootaatiif jannata bareedduu kan uume siʼa taʼu, sammuu fi qaama mudaa hin qabnee fi bara baraaf jiraachuu dandaʼu isaaniif kenneera. (Mulʼata 4:11 dubbisi.) Kana malees, “inni foon kan uffate hundumaa in soora; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.”—Far. 136:25.

9. Yihowaan amala jaalalaa kan qabu taʼus, yeroo tokko tokko maaltu itti dhagaʼama? Maaliif?

9 Yihowaan Waaqa jaalalaa akka taʼe qofa utuu hin taʼin, hammeenya akka jibbus argisiiseera. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 5:4-6 waaʼee Yihowaa, “Ati yaa Waaqayyo, isa jalʼinni itti tolu mitiʼo, . . . warra wanta waaʼee hin baafne hojjetan hundumaas in jibbita” jedha. Itti dabaluudhaanis, “Waaqayyo warra dhiiga namaa dhangalaasanii fi warra nama wallaalchisan in ciiggaʼa” jedha.

HAMMINNI YEROO DHIHOOTTI NI BADA

10, 11. (a) Yihowaan namoota hamoo maal godha? (b) Yihowaan namoota garaa qajeelaa qaban kan kiisu akkamitti?

10 Yihowaan Waaqa jaalalaa waan taʼeef, akkasumas jalʼina waan jibbuuf, yeroo gaaffiin bulchiinsa isaa irratti kaʼe deebii gaʼaa akka argate itti dhagaʼamu, lafas taʼe uumama cufa hammeenya irraa qulqulleessuuf kaayyoo qaba. Dubbiin Waaqayyoo akkana jechuudhaan waadaa nuuf gala: “Warri jalʼoonni lafa irraa in balleeffamu, warri Waaqayyoon eeggatan garuu lafa in qabaatu. Inni jalʼaan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, . . . Diinonni Waaqayyoo akka miidhagina margaa ti, akkuma aarri badu, isaanis in badu.”—Far. 37:9, 10, 20.

11 Akkasumas Dubbiin Waaqayyoo, “Toloonni lafa in dhaalu isa irras bara baraan in jiraatu” jechuudhaan waadaa nuuf galeera. (Far. 37:29, hiika bara 1899) Namoonni qajeeloon akkasii “nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.” (Far. 37:11) Waaqni keenya inni jaalala qabeessi yeroo hunda wanta tajaajiltoota isaa warra amanamoodhaaf barbaachisu waan godhuuf kun ni raawwatama. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru!” (Mul. 21:4) Namoota jaalala Yihowaa dinqisiifannuu fi akka Bulchaa keenyaatti isaaf ajajamnu hunda abdii dinqisiisaatu eeggata!

12. Akka ‘hirʼina hin qabnetti’ ilaalamuu kan dandaʼan namoota akkamii ti?

12 Dubbiin Yihowaa akkana jedha: “Nama hirʼina hin qabne caqasi, nama yaada qajeelaas ilaali! Qacceen nama nagaa hin badu. Warri irra-daddarbituun garuu wal duukaa in duguugamu, qacceen warra jalʼootaas lafa irraa in balleeffamu.” (Far. 37:37, 38) “Namni hirʼina hin qabne” Yihowaa fi Ilma isaa kan beeku yommuu taʼu, fedha Waaqayyoo ni raawwata. (Yohannis 17:3 dubbisi.) Namni akkasii yaada 1 Yohannis 2:17 irra jiruu fi “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedhu akka salphaatti hin ilaalu. Dhumni addunyaa kanaa waan dhihaateef, ‘Waaqayyoon abdiidhaan eeggachuu fi karaa isaa irraa akka hin jalʼanne eeggachuun’ keenya barbaachisaa dha.—Far. 37:34.

KARAA GUDDAA WAAQAYYO JAALALA ISAA ITTI ARGISIISE

13. Yihowaan cubbamootaaf wanta guddaa jaalala isaa argisiisu akkamii raawwate?

13 Mudaa kan qabnu taʼus, karaa ‘Waaqayyoo irraa akka hin jalʼanne eeggachuu’ ni dandeenya. Wanta guddaa inni jaalalaan kakaʼee nuuf godheen kan kaʼe, isaa wajjin dhuunfaatti hariiroo qabaachuu ni dandeenya. Yesus Kiristosiin aarsaa furii godhee kan nuuf kenne siʼa taʼu, kun immoo namoonni isaaf ajajaman cubbuu fi duʼa Addaam irraa dhaalan irraa walaba akka taʼaniif karaa isaaniif baneera. (Roomaa 5:12; 6:23 dubbisi.) Yihowaan Ilma isaa isa tokkicha samii irratti waggoota hammana hin jedhamneef isaaf amanamaa ture irratti amanannaa guutuu qaba ture. Waaqayyo Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, yeroo lafa irratti Yesus irratti jalʼinni raawwatame akka gadde beekamaa dha. Haa taʼu malee, Yesus amanamummaadhaan ol aantummaa Waaqayyoo deggereera; akkasumas namni cubbuu hin dhaalle haala rakkisaa akkamii keessatti iyyuu amanamummaa isaa eeggachuu akka dandaʼu mirkaneesseera.

Waaqayyo Ilma isaa isa ajajamaa taʼe jaalalaan kakaʼee ergeera (Keeyyata 13 ilaali)

14, 15. Duuti Yesus maal argamsiise?

14 Yesus haala baayʼee rakkisaa taʼe keessatti ejjennoo isaa eeguudhaan, akkasumas ol aantummaa Yihowaa deggeruudhaan hamma duʼaatti Abbaa isaatiif amanamaa taʼeera. Yesus duʼuudhaan gatii ilmaan namootaa cubbuu irraa walaba gochuuf barbaachisus kaffalee jireenya bara baraa Waaqayyo nu abdachiiseef karaa nuu banuu isaatiif baayʼee galateeffanna! Phaawulos ergamaan jaalalli Yihowaas taʼe kan Yesus akkamitti akka mulʼate akkana jechuudhaan ibseera: “Nuyi amma illee of-dadhaboo taanee utuu jirruu yeroon yaadame yommuu gaʼetti Kristos warra akkuma keenya Waaqayyo irraa fagaatan hundumaaf duʼe. Tarii namni, nama waan gaarii godhe tokkoof duʼuuf fedha qaba taʼa malee, nama qajeelaadhaaf waan duʼuuf hin fakkaatu. Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.” (Rom. 5:6-8) Yohannis ergamaanis akkana jedhee barreesseera: “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mulʼate. Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa taʼuuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.”—1 Yoh. 4:9, 10.

15 Jaalala Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee Yesus akkana jedheera: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa [ilmaan namootaa furamuu qaban] jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti.” (Yoh. 3:16) Jaalalli Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu guddaa waan taʼeef, maal iyyuu yoo isa kaffalchiise namootaaf waan gaarii gochuu irraa duubatti hin jedhu. Jaalalli isaa bara baraaf kan itti fufu dha. Nutis yeroo hundumaa irraa fayyadamuu dandeenya. Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu dandaʼus, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka. Wanti ol kaʼee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, dandaʼee gargar nu hin baasu.”—Rom. 8:38, 39.

MOOTUMMAA YEROO AMMAATTI HOJII IRRA JIRU

16. Mootummaan Masiihichaa maali dha? Mootummicha irratti bulchaa akka taʼuuf Yihowaan eenyuun muude?

16 Waaqayyo Mootummaa Masiihichaa qopheessuun isaas namootaaf jaalala akka qabu argisiisa. Yihowaan bulchiinsa kana Ilma isaa isa ilmaan namootaa jaallatuu fi bulchuuf gaʼumsa guddaa qabutti kenneera. (Fak. 8:31) Warri 144,000 nama taʼanii waan dabarsaniif, Yesusii wajjin bulchuuf gara samii yeroo dhaqanittis jireenyi ilmaan namootaa maal akka fakkaatu beeku. (Mul. 14:1) Mootummichi barumsa Yesus isa guddaa ture; bartoonni isaa “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Mat. 6:9, 10) Kadhannaawwan akkasii deebii yeroo argatan ilmaan namootaa ajajamoo taʼan eebba guddaa argatu!

17. Bulchiinsa Yesusii fi bulchiinsa ilmaan namootaa cubbamoo taʼanii wal bira qabii ibsi.

17 Bulchiinsa Yesus isa samii jaalala irratti hundaaʼee fi bulchiinsa ilmaan namootaa namoonni miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman sababa waraanaatiin akka duʼan godhe gidduu garaagarummaa guddaatu jira! Yesus namoota isa jalatti bulaniif ni yaada; akkasumas amalawwan Waaqayyoo warra dinqisiisoo, keessumaa immoo jaalala itti argisiisa. (Mul. 7:10, 16, 17) Yesus, akkana jedheera: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, baʼaanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, baʼaan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha.” (Mat. 11:28-30) Kun waadaa jaalala irratti hundaaʼe dha!

18. (a) Mootummaan Waaqayyoo yeroo itti hundeeffamee jalqabee maal raawwachaa jira? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

18 Raajii Kitaaba Qulqulluu irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Mootummaan Waaqayyoo inni samii yeroo Yesus bara 1914tti mootii taʼetti hundeeffame. Yeroo sanaa kaasee, namoota Yesusii wajjin samii irratti bulchan keessaa warri hafan, akkasumas ‘tuutni sonaan baayʼeen’ warri badiisa sirna kanaa irraa oolanii gara addunyaa haaraatti galan sassaabamaa jiru. (Mul. 7:9, 13, 14) Yeroo harʼaatti tuutni sonaan baayʼeen hammam baayʼatu? Warra tuuta kana keessa jiran irraa maaltu eegama? Mata duree itti aanu irratti gaaffilee kana qorra.