Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA | Amanamoo Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?

Amanamaa Taʼuun Faayidaa Qabaa?

Amanamaa Taʼuun Faayidaa Qabaa?

“Guutummaatti amanamummaa gaarii haa argisiisan malee, warra waa miliqsan hin taʼin!”—Tiitoos 2:10.

Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi Afaan Giriikii yeroo tokko tokko “amanamummaa” jedhamee hiikame jechaa jechatti yeroo hiikamu “baayʼee gaarii kan taʼe” jechuu dha. Akkasumas wanta gama amalaatiin fudhatama qabu tokko argisiisuu dandaʼa.

Kiristiyaanonni yaada Phaawulos ergamaan, “Guutummaatti amanamummaa gaarii haa argisiisan” jechuudhaan dubbateef bakka guddaa kennu. Kun maal dabalata?

WALʼAANSOO JIRU

Namoonni hedduun manaa baʼuu isaanii dura daawwitiidhaan of ilaalu. Maaliif? Hamma isaanii dandaʼametti bareeduu waan barbaadaniifi dha. Garuu wanti akkaataa rifeensaa fi uffata baayʼee bareedu qabaachuu caalaa barbaachisaa taʼe jira. Dhugaa dha, eenyummaan keenya inni keessaa bifni keenya caalaatti akka bareedu ykn akka fokkisu gochuu dandaʼa.

Dubbiin Waaqayyoo namoonni wanta hamaa hojjechuuf fedhii akka qaban ifatti dubbata. Uumamni 8:21, “wanti namni mucummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hamaa” akka taʼe dubbata. Kanaaf, amanamoo taʼuudhaaf fedhii cubbuu keessa keenya jiruu wajjin walʼaansoo gochuu qabna. Phaawulos ergamaan walʼaansoo ofii isaatii cubbuu wajjin godhu akkana jechuudhaan akka gaariitti ibseera: “Ani keessa namummaa kootiitiin seera Waaqayyootti nan gammada. Seerri kan biraa immoo buʼaa dhagna kootii keessaa, seera isa yaadni garaa kootii fudhatee wajjin utuu wal loluu nan arga; lola kanaanis seera cubbuu, isa buʼaa dhagna kootii keessatti hojjechaa jiru jalatti na boojisiisa.”—Roomaa 7:22, 23.

Fakkeenyaaf, garaan keenya waan hamaa akka raawwannu yeroo nu jajjabeessu ykn amanamoo akka hin taane dhiibbaa yeroo nu irratti godhu, fedhii garaa keenyaatiif moʼamuu hin qabnu. Wanti gochuu dandeenyu jira. Yaada hamaa yoo of irraa ittisne, namoonni naannoo keenya jiran amanamoo taʼuu baatanis, amanamoo taanee itti fufuu ni dandeenya.

WALʼAANSOO GOONU IRRATTI MOʼUU

Amanamoo taʼuudhaaf, seera naamusaa cimaa taʼe qabaachuu qabna. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni hedduun waaʼee naamusa mataa isaanii caalaa waaʼee uffannaa isaanii yaaduudhaan yeroo hedduu dabarsu. Kanaan kan kaʼes, akka haala isaaniitiif taʼutti amanamummaa isaanii hammam hirʼisuu akka dandaʼan murteeffatu. Kitaabni The (Honest) Truth About Dishonesty (Amanamoo Taʼuu Dhiisuu Ilaalchisee Dhugaa Jiru) jedhamu, “Hanni nuti raawwannu, ilaalcha nuti amanamoo akka taanetti ofiif qabnu kan hin tuqne dha” jedheera. Haa taʼu malee, qajeelfamni amansiisaan amanamoo taʼuu dhiisuun hammam fudhatama akka qabu ofuma keenyaa murteessuuf nu gargaaru jiraa? Eeyyee jira.

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman Kitaabni Qulqulluun qajeelfama amansiisaa akka qabate hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun seera naamusaa waan ittiin qixxaatu hin qabne qabateera. (Faarfannaa 19:7) Wantoota akka jireenya maatii, hojii, naamusaa fi dhimmoota hafuuraa irratti qajeelfama amansiisaa kenna. Qajeelfamni isaas yeroon kan itti darbe miti. Seerrii fi qajeelfamni isa keessatti argamu lammiilee, gosoota, sanyii fi saboota hundumaaf kan taʼu dha. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, wanta inni jedhu irratti xiinxaluu fi gorsa isaa hojii irra oolchuudhaan, garaan keenya amanamaa fi qajeelaa akka taʼu leenjisuu dandeenya.

Haa taʼu malee, walʼaansoo amanamummaa dhabuu wajjin goonu irratti moʼuuf, Kitaaba Qulqulluu irraa beekumsa sirrii argachuu caalaa wanti nu barbaachisu jira. Addunyaa gama naamusaatiin mancaʼee fi ulaagaa isaa isa mancaʼaadhaan akka geggeeffamnu dhiibbaa nu irratti godhu keessa jiraanna. Waaqayyo akka nu gargaaru isa kadhachuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi. (Filiphisiiyus 4:6, 7, 13) Kana gochuudhaan, wanta sirrii taʼe deggeruu fi guutummaatti amanamoo taʼuuf ija jabina qabaachuu dandeenya.

FAAYIDAA AMANAMOO TAʼUUN ARGAMSIISU

Hiitooshiin inni mata duree jalqabaa irratti caqasame, maqaan hojjetaa amanamaa taʼuudhaan argate isa fayyadeera. Yeroo ammaatti, nama amanamummaa isaa dinqisiifatu tokko biratti qacaramee hojjechaa jira. “Hojii sammuu qulqulluu qabaadhee akkan itti fufu na gargaaru argachuu kootiif baayʼeen galateeffadha” jedheera.

Namoonni kaanis akkuma kana isaanitti dhagaʼameera. Namoota qajeelfama Kitaaba Qulqulluu ‘guutummaatti amanamummaa gaarii akka argisiisnu’ ajaju hojii irra oolchuudhaan faayidaa argatan tokko tokko haa ilaallu.

  • Sammuu Qulqulluu

    “Hattootaa wajjin hojjechuuf jechan umurii koo waggaa 13⁠tti barumsa addaan kute. Kanaan kan kaʼes, galii koo keessaa dhibbeentaan 95 amanamtuu taʼuu dhiisuudhaan kan argamu ture. Yeroo booda kanan heerume siʼa taʼu, anii fi abbaan manaa koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabne. Yihowaan * gochawwan amanamummaa hin taane akka jibbu waan baranneef, akkaataa jireenyaa keenya jijjiiruuf murteessine. Bara 1990⁠tti Yihowaadhaaf of murteessinee cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taane.”—Fakkeenya 6:16-19.

    “Kanaan dura manni koo meeshaawwan hatamaniin kan guutame ture; amma garuu wantoota akkanaa irraa bilisa dha; kun immoo sammuu qulqulluu naaf argamsiiseera. Waggoota hedduu ani amanamtuu utuun hin taʼin dabarse yeroon yaadu, Yihowaan dhiifama naa gochuu isaatiif baayʼeen isa galateeffadha. Amma Yihowaan akka natti gammadu waanan beekuuf guyyaa hundumaa hirriba gaariin rafa.”—Sheeral, Ayarlaand.

    “Hogganaan koo nama maamila keenya taʼuu dandaʼu tokko irraa mattaʼaa fudhachuu akkan dide yeroo beeku akkana naan jedhe: ‘Waaqni kee nama amanamaa akkanaa akka taatu godheera! Dhaabbata keenya keessatti hojjechuun kee nuuf eebba guddaa dha.’ Waan hundumaa irratti amanamaa taʼuun koo Yihowaa duratti sammuu qulqulluu akkan qabaadhu godheera. Kana malees, maatiin koo fi warri kaan akkuma koo akka godhan isaan gargaaruuf na dandeessiseera.”—Soonii, Hoong Koong.

  • Nagaa Sammuu

    “Baankii biyyoolessaa tokko keessatti hogganaa itti aanaa taʼeen hojjedha. Gosa hojii kana keessatti wanti iddoo guddaan kennamuuf amanamaa taʼuu utuu hin taʼin, sooressa taʼuu dha. ‘Qabeenya kan argamsiisuu fi dinagdee kan gargaaru taanaan hamma tokko amanamaa taʼuu dhiisuun rakkina maalii qaba?’ ilaalchi jedhu babalʼateera. Ani garuu amanamaa taʼuu kootiin nagaa sammuu argadheera. Amanamaa taʼee itti fufuu fi wanta sababii kanaan na mudatu hunda dandamachuuf murteesseera. Hoggantoonni koo akkan isaan hin sobnes taʼe isaaniif hin sobne beeku.”—Toom, Yunaayitid Isteetis.

  • Kabaja Ofiif Qabaachuu

    “Hogganaan koo meeshaalee bakka hojiitti badan ilaalchisee akkan sobu na gaafate; ani garuu nan dide. Warri meeshaalee sana hatan dhuma irratti yeroo saaxilaman, namni qacaree na hojjechiisu amanamtuu taʼuu kootiif na galateeffate. Addunyaa amanamummaan keessa hin jirre keessatti amanamaa taʼuun ija jabina gaafata. Xumura irratti garuu, namoonni kaan amantaa nu irratti qabaatu; akkasumas nu kabaju.”—Kaaʼoorii, Jaappaan.

Sammuu qulqulluun, nagaan sammuu fi kabaja ofiif qabaachuun eebbawwan amanamaa taʼuudhaan argamani dha; kun immoo amanamaa taʼuun faayidaa akka qabu argisiisa. Kana irratti walii hin galtuu?

^ KEY. 18 Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.