Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akeekkachiisa Kenname Hordofuun Lubbuu Kee Oolchuu Dandaʼa!

Akeekkachiisa Kenname Hordofuun Lubbuu Kee Oolchuu Dandaʼa!

MUDDEE 26, 2004, sochoʼi lafaa reektariskeelii 9.1 taʼu odoola Siimaluuyi jedhamtuu fi qarqara galaanaa kaaba lixa Sumaatraa, Indooneeshiyaatti argamtu rukute. Namoonni qarqara galaanichaa turan hundi galaanicha ilaaluu jalqaban. Bishaanichi isa baramee irraa hirʼachuu eegale. Bataluma sana namoonni hundi “Simoongi! Simoongi!” (afaan biyya sanaatiin obomboleettii jechuu dha) jechaa gara tabbaatti ol fiigan. Daqiiqaa 30 keessatti dambaliin humna guddaa qabu gara qarqara galaanichaatti kan dhufe siʼa taʼu, manneenii fi gandoota hedduu barbadeesse.

Obomboleettii hamaa sanaan bakki rukutame inni jalqabaa Odoola Siimaluuyii ti. Taʼus jiraattota 78,000 keessaa namoota 7 qofatu duʼe. Namoonni muraasni qofti kan duʼan maaliifi? * Jechi jiraattota kana biratti baramaa taʼe tokko jira; innis, ‘sochoʼi lafaa cimaan uumamee galaanichi yoo hirʼate, galaanichi yeroo muraasa booda gara qarqaraatti waan fiiguuf, gara tabbaatti baqadhu’ kan jedhu dha. Uummanni Siimaluuyi muuxannoo kanaan duraa irraa kaʼuudhaan, jijjiirama galaanicha irratti taʼu ilaaluudhaan obomboleettiin dhufaa jiraachuu isaa beekuu dandaʼaniiru. Akeekkachiisa kenname hordofuun isaanii lubbuu isaanii oolcheera.

Kitaabni Qulqulluun, “rakkinni guddaan taʼuuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebiʼees hin taʼu” jechuudhaan waaʼee balaa dhufaa jiru tokkoo dubbata. (Maatewos 24:21) Kaayyoon Waaqayyoo lafti bara baraaf akka jiraattu waan taʼeef, yaadni kun balaan uumamaa hamaa taʼe ykn namoonni itti gaafatamummaan itti hin dhagaʼamne gocha isaaniitiin lafa akka balleessan kan argisiisu miti. (Lallaba 1:4) Kanaa mannaa, rakkinni dhufu ‘warra biyya lafaa balleessan balleessuuf’ tarkaanfii Waaqayyo fudhatu argisiisa. Sana booda hamminnii fi dhiphinni hin jiraatu. (Mulʼata 11:18; Fakkeenya 2:22) Kun eebba guddaa dha!

Kana malees, obomboleettii, sochoʼa lafaa fi dhoʼiinsa volkaanoo irraa haala adda taʼeen badiisni dhufu namoota balleessaa hin qabne hin ajjeesu. Kitaabni Qulqulluun “Waaqayyo jaalala” jedha; Waaqni maqaan isaa Yihowaa jedhamu “warri qajeelonni biyya in qabaatu [“lafa indhaalu,” hiika bara 1899], yeroo hundumaafis keessa in taaʼu” jedhee waadaa galeera. (1 Yohannis 4:8; Faarfannaa 37:29) Maarree rakkina guddaa irraa ooltee eebba abdachiifame argachuu kan dandeessu akkamitti? Akeekkachiisa kennamu yoo hordofte dha!

JIJJIIRAMA MULʼATUUF XIYYEEFFANNAA KENNI

Yesus “Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan” waan jedheef, guyyaa itti hammeenyii fi dhiphinni hundi badu beekuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, Yesus ‘dammaqoo’ akka taanu nu jajjabeesseera. (Maatewos 24:36; 25:13) Maaliif akkana jedhe? Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo sirna kana balleessuu isaa dura addunyaa keessa haalli akkamii akka jiraatu ibsa kenneera. Akkuma mallattoowwan mulʼatan jiraattonni odoola Siimaluuyi obomboleettiin dhufaa jiraachuu isaa akka beekan gargaaran, jijjiiramni addunyaa irratti taʼu dhumni sirna kanaa akka dhihaate argisiisa. Saanduqni fuula kana irra jiru jijjiiramawwan guguddaa Kitaabni Qulqulluun ibsu keessaa tokko tokko qabateera.

Dhugaa dubbachuuf, taʼeewwan ykn haalawwan saanduqicha keessatti ibsaman tokko tokkokanaan dura hamma taʼe kopha kophaa raawwatamaniiru. Yesus garuu dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa kan beeknu “kana hundumaa” yeroo arginu akka taʼe dubbate. (Maatewos 24:33) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wantoonni ibsaman hundi seenaa keessatti (1) addunyaa maratti kan raawwataman, (2) yeroo wal fakkaatutti kan raawwataman, akkasumas (3) hamaa irraa isa gara caalaa hamaatti kan deeman yoomi?’ Yeroo akkasii keessa jiraachaa akka jirru ifa dha.

KARAA WAAQAYYO JAALALA ISAA ITTI IBSE

Pireezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii tokko, ‘Malli dursanii ittiin akeekkachiisan jiraachuun isaa lubbuu namootaa oolcha’ jedhaniiru. Obomboleettii bara 2004⁠tti kaʼee booda, gara fuulduraatti haala akkasiitiin lubbuun namootaa akka hin badne gochuuf, naannoowwan miidhaman keessatti malli ittiin akeekkachiisan qopheeffameera. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo dhumni sirna kanaa dhufuu isaa dura akeekkachiisni akka kennamu qophii godheera. Kitaabni Qulqulluun, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jechuudhaan raajii dubbateera.—Maatewos 24:14.

Waggaa darbe qofa, Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 240 keessatti afaan 700n misiraachicha lallabuu irratti, saʼaatii biliyoona 1.9 ol dabarsaniiru. Kun ragaalee dhumni dhihaachuu isaa mirkaneessan keessaa isa guddaa dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa jaalala namootaaf qabaniin kakaʼanii, waaʼee guyyaa murtii Waaqayyoo isa saffisaan dhihaachaa jiruu akeekkachiisuuf humna isaanii guutuutti fayyadamu. (Maatewos 22:39) Odeeffannoo kana irraa fayyadamuu kan dandeessu taʼuun isaa jaalala Yihowaan siif qabu mirkaneessa. ‘Waaqayyo namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan akka hin barbaadne’ yaadadhu. (2 Phexros 3:9) Ati hoo akeekkachiisa kenname hordofuudhaan jaalala Waaqayyo sitti argisiiseef deebii ni kennitaa?

IDDOO EEGUMSA ARGATTUTTI BAQADHU!

Jiraattonni odoola Siimaluuyii gandoota qarqara galaanaa jiran keessa jiraatan, bishaanichi hirʼachuu isaa akkuma arganiin eegumsa argachuudhaaf gara tabbaatti baqachuu isaanii yaadadhu; bishaanichi hamma deebiʼee dhufutti hin eegne. Lubbuun isaanii ooluun isaa tarkaanfii ariifachiisaa isaan fudhatan irratti kan hundaaʼe ture. Atis rakkina dhufu irraa ooluuf yeroon isaa utuu hin darbin tarkaanfii fudhachuu qabda. Akkamitti? Isaayaas raajichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee waaʼee afeerraa nama kakaasuu fi “bara booddeetti,” jechuunis yeroo keenya kanatti namootaaf dhihaatuu barreesseera. “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti. . . ol in baanaa!” jedheera.—Isaayaas 2:2, 3.

Gara tulluutti ol baʼuun asii gadi ilaaluu fi eegumsa argachuuf si dandeessisa. Haaluma wal fakkaatuun, Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee karaa Waaqayyoo barachuun isaanii, addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jireenya isaanii irratti jijjiirama isaan fayyadu akka godhan isaan gargaaraa jira. (2 Ximotewos 3:16, 17) Akkas gochuudhaan ‘daandii Waaqayyoo irra adeemuu’ kan jalqaban siʼa taʼu, surraa isaa fi eegumsa isaa argataniiru.

Ati hoo afeerraa kana fudhachuudhaan eegumsa Waaqayyo jaalalaan kakaʼee guyyoota dhumaa kanatti sii godhu irraa fayyadamuu hin barbaadduu? Mallattoowwan “guyyoota gara dhumaa” argisiisan ilaalchisee, ragaa Kitaaba Qulqulluu saanduqa mata duree kana keessa jiru irratti argamu of eeggannoodhaan akka qortu si jajjabeessina. (2 Ximotewos 3:1) Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo kee jiran caqasootas taʼe akkamitti caqasoota kana hojii irra oolchuu akka dandeessu akka hubattu si gargaaruu ni barbaadu. Yookiin gaaffiiwwan keetiif weebsaayitii keenya www.pr418.com/am jedhamu irraa deebii argachuu dandeessa. Kutaa የመጽሐፍ ቅዱስ ትምህርቶች > የመጽሐፍ ቅዱስ ጥያቄዎችና መልሶቻቸው jedhu ilaali.

^ KEY. 3 Obomboleettiin bara 2004⁠tti kaʼe kun lubbuu namoota 220,000 ol taʼanii kan galaafate siʼa taʼu, obomboleettiiwwan hamoo seenaa keessatti mudatan keessaa isa tokko dha.