Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Diiyaabilos Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Diiyaabilos Maal Jedha?

Diiyaabilos eenyu? Yookiin maali dha?

ATI MAAL JETTA? Diiyaabilos . . .

  • Qaama hafuuraa tii?

  • Hammeenya garaa namaa keessa jiru argisiisaa?

  • Moo wanta sammuun namaa uume dha?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Diiyaabilos Yesusii wajjin dubbateera, akkasumas isa ‘qoreera.’ (Maatewos 4:1-4) Kanaaf, Diiyaabilos wanta sammuun namaa uume ykn hammeenya kan argisiisu miti. Inni qaama hafuuraa hamaa taʼe dha.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Diiyaabilos jalqaba ergamaa qulqulluu ture; taʼus “dhugaa irra hin dhaabanne.” (Yohannis 8:44) Sobduu taʼuu isaa irra iyyuu, Waaqayyo irratti fincila kaase.

  • Ergamoonni kaanis fincila Seexanni kaase irratti hirmaatan.—Mulʼata 12:9.

  • Diiyaabilos namoonni hedduun jiraachuu isaa akka hin hubanne godheera.—2 Qorontos 4:4.

Diiyaabilos namoota toʼachuu ni dandaʼaa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO yaadni Diiyaabilos nama toʼata jedhu waan hin fakkaanne dha jedhu; namoonni kaan immoo hafuurota hamoodhaan qabamuu baayʼee sodaatu. Ati hoo maal jetta?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira.’ (1 Yohannis 5:19) Diiyaabilos ilmaan namootaa irra dhiibbaa guddaa kan geessisu taʼus, namoota hunda toʼachuu hin dandaʼu.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Diiyaabilos dhiibbaa isaa babalʼisuuf gowwoomsaatti fayyadama.—2 Qorontos 11:14.

  • Hafuuronni hamoon darbee darbee namoota toʼachuu dandaʼu.—Maatewos 12:22.

  • Gargaarsa Waaqayyootiin, ‘Seexana mormuu’ irratti milkaaʼina argachuu dandeessa.—Yaaqoob 4:7.