Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gargaarsa hojiidhaan argisiifamu, gargaarsa miiraa fi gargaarsa hafuuraa obboloota kee barbaachisu hubachuuf yaali

Gumii Kee Keessatti Gargaarsa Gochuu ni Dandeessaa?

Gumii Kee Keessatti Gargaarsa Gochuu ni Dandeessaa?

YESUS gara samiitti ol baʼuu isaa dura barattoota isaatiin, “Hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jedhee ture. (HoE. 1:8) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan hojii ulfaataa kana hojjechuu kan dandaʼan akkamitti?

Yunivarsiitii Okisfoordi keessatti Piroofeesara kan taʼan Maartiin Gudmaan, “hojiin Kiristiyaanotaaf kenname kun, amantii Yihudii dabalatee amantiiwwan bulchiinsa Roomaa durii keessa turan irraa adda akka isaan baase” hubataniiru. Yesus tajaajila isaa raawwachuuf iddoodhaa gara iddootti deemaa ture. Kiristiyaanonni dhugaan fakkeenya isaa hordofuudhaan “misraachoo mootummaa Waaqayyoo” babalʼisuun, namoota dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuuf fedhii qaban barbaaduu akka dabalatu hubatanii turan. (Luq. 4:43) Gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa ‘ergamoonni’ (jechaa jechatti yeroo hiikamu kan ergamu ykn jila jedhamuu dandaʼa) akka jiraatan kan godhame kanaafi. (Mar. 3:14) Yesus, “Egaa dhaqaa . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedhee duuka buutota isaa ajajeera.—Mat. 28:18-20.

Yeroo harʼaatti, ergamoota Yesus 12n keessaa tokko iyyuu nu gidduu hin jiru; taʼus, tajaajiltoota Yihowaa keessaa hedduun isaanii miira misiyoonotaa qabu. Tajaajila isaanii akka babalʼisan afeerraan yommuu isaaniif dhihaatu, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedhanii deebisu. (Isa. 6:8) Obboloota Mana Barumsaa Giilʼaad irraa eebbifamanii fi kumaan lakkaaʼaman dabalatee, obboloonni tokko tokko biyyoota fagoo deemaniiru. Warri kaan immoo biyyuma dhalootaa isaanii keessatti naannoo kan biraa deemaniiru. Obboloonni hedduun immoo, gumiiwwan ykn tuutawwan namoota afaan gara biraa dubbatan gargaaruuf hundeeffaman keessatti tajaajiluuf afaan haaraa barataniiru. Obboloonni iddoo gargaarsi barbaachisu deeman ykn warri afaan haaraa baratan kun, kana kan godhan haalli isaaniif mijaaʼee taʼuu dhiisuu dandaʼa. Jaalala Yihowaa fi namootaaf qaban argisiisuuf fedhii ofii aarsaa gochuun isaan barbaachisee ture. Aarsaa akka isaan kaffalchiisu kan beekan taʼus, guutummaatti of kennaniiru. (Luq. 14:28-30) Obboloonni tarkaanfii akkanaa fudhatan hojii guddaa hojjechaa jiru.

Haa taʼu malee, haalli namaa garaa gara dha. Iddoo gargaarsi barbaachisu deemee tajaajiluu ykn afaan haaraa barachuu kan dandaʼu Dhugaa Baatuu hunda miti. Taʼus, gumii keenya keessatti miira misiyoonotaa qabaachuu ni dandeenyaa?

GUMII KEE KEESSATTI MISIYOONII TAʼI

Haala amma keessa jirtutti akka gaariitti itti fayyadami:

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa miira misiyoonotaa qabu turan; garuu baayʼeen isaanii biyyuma isaanii keessatti tajaajilaa waan turan fakkaata. Taʼus, gorsi “Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun taʼuuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu” jedhuu fi Ximotewosiif kenname, akkuma tajaajiltoota Waaqayyoo hundaaf hojjetu isaaniifis ni hojjeta ture. (2 Xim. 4:5) Ajajni ergaa Mootummichaa lallabuu fi barattoota gochuuf kenname, eessa iyyuu kan jiraatan yoo taʼe Kiristiyaanota hundaaf ni hojjeta. Kana malees, wanti misiyoononni hojjetan baayʼeen, gumii keenya keessattis hojjetamuu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, misiyooniin biyya isaatii alatti ramadamu tokko haalawwan haaraa wajjin wal baruu qaba. Wantoonni bakka inni ykn ishiin itti ramadaman jiran hedduun isaaniif haaraa dha. Nuti iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemnee tajaajiluu hin dandeenyu yoo taʼe hoo? Haala naannoo tajaajilaa gumii keenya keessa jiru hunda beekna jennee yaadnaa? Moo namoota hundaaf lallabuuf, malawwan haaraatti fayyadamuuf yaalla? Fakkeenyaaf bara 1940tti, obboloonni daandii irratti tajaajiluudhaaf torbanitti guyyaa tokko akka ramadan jajjabeeffamanii turan. Ati hoo kana gochuu ni dandeessaa? Gaarii barreeffamoonni irra kaaʼamanitti fayyadamuu ilaalchisee haalli kee maal fakkaata? Qabxiin isaa kana dha: Karaawwan misiraachicha ittiin labsinu akkanaatti, jechuunis malawwan siif haaraa taʼanitti fayyadamuuf fedhii qabdaa?

“hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun taʼuuf” akka hojjetan warra kaan jajjabeessuudhaan

Ilaalcha gaarii qabaachuun, tajaajila irratti hinaaffaa fi miira hoʼaa qabaachuuf nu gargaara. Yeroo baayʼee, obboloonni iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deeman ykn warri afaan haaraa baratan babalʼistoota gaʼumsa qabani dha. Kanaafuu, fakkeenyaaf tajaajila irratti dursa fudhachuudhaan warra kaaniif eebba taʼuu dandaʼu. Akkasumas, misiyoononni yeroo baayʼee obboloonni dhalataa biyya sanaa taʼanii fi gaʼumsa qaban hamma argamanitti dursa fudhatanii gumicha ni geggeessu. Dhiira guddina gochuuf ‘carraaqaa’ jiru yoo taate, obboloota kee gumii keessa jiran gargaaruuf fedhii qabdaa?—1 Xim. 3:1, NW.

‘WAL JAJJABEESSAA’

gargaarsa hojiidhaan mulʼatu isaaniif gochuudhaan

Tajaajila irratti hinaaffaadhaan hirmaachuu fi gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu malees, karaawwan kan biraa gumii keenya ittiin gargaaruu dandeenyu qabna. Guddaas taʼe xinnaa, dhiiras taʼe durba, namni hundi hidhata amantii isaa gargaarsi isa barbaachisu ‘jajjabeessuu’ dandaʼa.—Qol. 4:11.

Obboloota keenya gargaaruuf, akka gaariitti isaan beekuu qabna. Kitaabni Qulqulluun yeroo walitti qabamnu ‘xiyyeeffannaa waliif kennuu’ akka qabnu nu jajjabeessa. (Ibr. 10:24, NW) Jechoota kana irraa akka hubannutti dhimma dhuunfaa isaanii keessa kan hin galle taʼus, obboloota keenya, akkasumas wanta isaan barbaachisu beekuu fi hubachuuf carraaqqii gochuu qabna. Gargaarsi hojiidhaan argisiifamu, akkasumas gargaarsi miiraa fi hafuuraa isaan barbaachisuu dandaʼa. Obboloota gargaaruun itti gaafatamummaa jaarsolii fi tajaajiltoota gumii qofa miti. Dhugaa dha, yeroon obboloonni kun qofti gargaarsa itti kennuu qaban jiraachuu dandaʼa. (Gal. 6:1) Taʼus, hundi keenya iyyuu obboloota dullooman ykn maatiiwwan rakkinni irra gaʼe gargaaruu dandeenya.

namoota jireenya isaanii keessatti dhiphinni isaan mudateef gargaarsa miiraa gochuudhaan

Fakkeenyaaf, Saalvaatoreen rakkina dinagdee isa irra gaʼeen kan kaʼe, dhaabbata daldalaa isaa, mana isaa, akkasumas qabeenya maatii isaa waan gurgureef, waaʼeen maatii isaa isa yaaddessee ture. Maatiin gumii isaanii keessa jiru tokko gargaarsi akka isaan barbaachisu hubate. Gama qarshiitiin isaan gargaaraniiru; Saalvaatoreenii fi haati manaa isaa hojii akka argatan godhaniiru; akkasumas, guutummaa maatichaa dhaggeeffachuu fi jajjabeessuudhaan galgala galgala isaanii wajjin yeroo dabarsu turan. Michummaan waggaa dheeraadhaaf ture isaan gidduutti uumameera. Sanaan dura rakkina hedduu kan dabarsan taʼus, maatiiwwan kun lamaan yeroo gammachiisaa waliin dabarsan hin irraanfatan.

Kiristiyaanonni dhugaan amantii isaanii ofiif qofa qabatanii hin taaʼan. Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, namoonni hundi abdii Kitaaba Qulqulluu keessa jiru akka beekan gochuu qabna. Naannoo biraa deemuu dandeenyus dandaʼuu baannus, nama hundumaaf waan gaarii gochuuf hamma humna keenyaa carraaquu dandeenya. Gumii keessatti tajaajilaa jirru keessattis kana gochuu akka dandeenyu beekamaa dha. (Gal. 6:10) Yoo akkana goone, gammachuu kennuudhaan argamu argachuu fi “hojii gaarii taʼe hundumaatti ija godhachuu” keenya itti fufuu dandeenya.—Qol. 1:10; HoE. 20:35.