Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | JAJJABINA EESSAA ARGACHUU DANDEESSA?

Waaqayyo kan Nama Jajjabeessu Akkamitti?

Waaqayyo kan Nama Jajjabeessu Akkamitti?

Phaawulos ergamaan, Yihowaan * ‘Waaqa jajjabina hundaa rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessu’ akka taʼe barreesseera. (2 Qorontos 1:3, 4) Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo nama hunda jajjabeessuu akka dandaʼuu fi haala gaddisiisaa akkamii iyyuu keessatti nu jajjabeessuu akka dandaʼu mirkaneessa.

Waaqayyo irraa jajjabina argachuuf wanti gochuu qabnu jira. Mana yaalaa yoo dhaquu baanne doktoorri tokko akkamitti nu gargaaruu dandaʼa? Kanaaf Kitaabni Qulqulluun, “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata?” jedhee nu gorsa.—Yaaqoob 4:8.

Waaqayyo akka nutti dhihaatu akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Tokkoffaa, nu gargaaruu akka barbaadu irra deddeebiʼee ibseera. ( Saanduqa fuula itti aanu irra jiru ilaali.) Lammaffaa, namoonni isa biraa jajjabina argatan ragaa nuuf taʼu; kun namoota bara keenyattis taʼe bara duriitti dhugumaan jiraatan dabalata.

Akkuma namoota hedduu yeroo harʼaatti gargaarsa Waaqayyoo barbaadanii, Daawit Mootichis rakkinni hedduun isa irra gaʼee ture. Yeroo tokko, “Sagalee himata koo isa ani gargaarsaaf sitti iyyadhu, anaaf dhaga’i!” jedhee Yihowaa kadhateera. Waaqayyo deebii isaaf kennee turee? Eeyyee. Daawit itti fufee, “Ani gargaarsa argadheera, kanaafis garaan koo in ililcha” jedheera.—Faarfannaa 28:2, 7.

GAHEE YESUUS WARRA GADDAN JAJJABEESSUUF QABU

Waaqayyo, Yesuus jajjabina kennuu irratti gahee guddaa akka qabaatu godheera. Hojiiwwan Waaqayyo isaaf kenne keessaa tokko ‘warra garaan isaanii cabe fayyisuu’ fi ‘warra gaddan hundumaa jajjabeessuu’ dha. (Isaayaas 61:1, 2) Akkuma raajiidhaan dubbatame, Yesuus namoota ‘dadhabanii fi baʼaan isaanitti ulfaateef’ xiyyeeffannaa addaa kenna.—Maatewos 11:28-30.

Yesuus gorsa isaa isa ogummaa irratti hundaaʼeen, gaarummaadhaan isaan qabuudhaan, al tokko tokko immoo dhukkuba irraa isaan fayyisuudhaan namoota jajjabeesseera. Gaaf tokko namni dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko, “Yoo fedha kee taʼe, na fayyisuu dandeessa” jedhee Yesuusiin kadhate. Yesuusis isaaf gaddee, “Nan fedha! Fayyi!” jedheen. (Maarqos 1:40, 41) Namichi sunis ni fayye.

Yeroo harʼaatti, Ilmi Waaqayyoo lafa irra waan hin jirreef dhuunfaatti nu jajjabeessuu hin dandaʼu. Taʼus Abbaan isaa, jechuunis Yihowaa inni “Waaqa jajjabina hundaa” taʼe warra rakkatan gargaaruu isaa itti fufeera. (2 Qorontos 1:3) Karaawwan guguddaa Yihowaan ittiin namoota jajjabeessu afur ilaali.

  • Kitaaba Qulqulluu. “Jabaannee dhaabachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffamaniiru.”—Roomaa 15:4.

  • Hafuura Waaqayyoo. Yesuus duʼee baayʼee utuu hin turin, guutummaan gumii Kiristiyaanaa nagaa argatee ture. Maaliif? ‘Sodaa Yihowaatiin deddeebiʼaa fi jajjabina hafuura qulqulluu irraa argachaa’ waan tureefi dha. (Hojii Ergamootaa 9:31) Hafuurri qulqulluun, jechuunis humni Waaqayyoo humna guddaa qaba. Waaqayyo nama haala rakkisaa akkamii iyyuu keessa jiru jajjabeessuuf itti fayyadama.

  • Kadhannaa. Kitaabni Qulqulluun, “Waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa” jechuudhaan nu gorsa. Dabalees akkana jedha: “Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”—Filiphisiyus 4:6, 7.

  • Kiristiyaanonni nuu wajjin waaqeffatan michoota dhugaa yeroo rakkinaatti jajjabina irraa argannu dha. Phaawulos michoonni isaa ‘dhiphinaa fi rakkina hunda keessatti’ “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼan dubbateera.—Qolosaayis 4:11; 1 Tasalonqee 3:7.

Tarii wantoonni ibsaman hundi dhuguma kan nu gargaaran taʼuu isaanii ni shakkita taʼa. Mee muuxannoo namoota rakkinni garaa garaa seensa irratti caqasame isaan irra gaʼe balʼinaan haa ilaallu. Atis akkuma isaanii Waaqayyo amma iyyuu waadaa gammachiisaa, ‘Haati mucaa ishii akka jajjabeessitu, akkanuma ani isinan jajjabeessa’ jechuudhaan gale akka raawwatu mirkaneeffachuu dandeessa.—Isaayaas 66:13, hiika bara 1899.

^ KEY. 3 Kitaabni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe dubbata.