Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qophii Yihowaa Irraa Guutummaatti Fayyadamaa

Qophii Yihowaa Irraa Guutummaatti Fayyadamaa

“Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisu . . . dha.”—ISA. 48:17.

FAARFANNAA: 20, 37

1, 2. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabu? (b) Kutaan Kitaaba Qulqulluu baayʼee jaallattu isa kami?

DHUGAA BAATONNI YIHOWAA Kitaaba Qulqulluu ni jaallatu. Kitaabni kun qajeelfama amansiisaa, akkasumas jajjabinaa fi abdii namaaf kenna. (Rom. 15:4) Kitaaba Qulqulluu akka yaada namoota irraa walitti qabameetti utuu hin taʼin, ‘akka dubbii Waaqayyootti’ ilaalla; “dhuguma iyyuu dubbii Waaqayyoo ti.”—1 Tas. 2:13.

2 Hundi keenya iyyuu kutaa Kitaaba Qulqulluu baayʼee jaallannu akka qabnu beekamaa dha. Namoonni tokko tokko Wangeelota amalawwan Yihowaa Yesuus irratti mulʼatan akka gaariitti ibsan jaallatu. (Yoh. 14:9) Kaan immoo kutaawwan Kitaaba Qulqulluu raajii of keessatti qabatan, tarii kitaaba Mulʼataa isa “wanta dhiheenyatti taʼuu qabu” qabate jaallatu taʼa. (Mul. 1:1) Nu keessaa macaafa Faarfannaa irraa jajjabina kan hin arganne ykn macaafa Fakkeenyaa irraa barumsa gaarii kan hin arganne jiraa? Dhuguma iyyuu Kitaabni Qulqulluun kitaaba nama hundaaf taʼu dha.

3, 4. (a) Barreeffamoota keenyaaf ilaalcha akkamii qabna? (b) Barreeffamoota garee namootaa adda taʼaniif qophaaʼan kamfaa arganna?

3 Kitaaba Qulqulluu waan jaallannuuf, barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanis ni jaallanna. Fakkeenyaaf, nyaata hafuuraa bifa kitaabotaa, birooshurootaa, barruulee fi bifa barreeffamoota kaaniitiin qophaaʼe ni dinqisiifanna. Qophiiwwan Yihowaan nuu godhe kun, karaa hafuuraa dammaqoo taanee akka jiraannu, akka gaariitti akka soorannuu fi ‘amantii cimaa kan qabnu’ akka taanu godhu.—Tit. 2:2.

4 Barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa hundaaf akka walii galaatti qophaaʼaniin alas, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi dhuunfaadhaan garee namootaa adda taʼaniif qophaaʼan ni arganna. Barreeffamoonni tokko tokko keessumaa dargaggoota gargaaruuf kan qophaaʼan siʼa taʼu, kaan immoo warra isaanii gargaaruuf kan qophaaʼani dha. Barreeffamoonni maxxanfamanii fi weebsaayitii keenya irratti baʼan hedduun isaanii namoota Dhugaa Baatota hin taane sammuutti qabachuudhaan kan qophaaʼani dha. Nyaanni hafuuraa akka kanaan baayʼinaan nuu dhihaachuun isaa, Yihowaan waadaa “saba hundumaaf cidha nyaataa” qopheessuuf gale eeguu isaa nu yaadachiisa.—Isa. 25:6.

5. Yihowaan maal akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

5 Baayʼeen keenya, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuuf yeroo dabalataa utuu qabaannee akka nutti tolu beekamaa dha. Yihowaan, yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼannaa dhuunfaa gochuudhaan ‘yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf’ carraaqqii goonu akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Efe. 5:15, 16) Dhugaa isaa dubbachuuf, nyaata hafuuraa argannu hundaaf, yeroo hunda xiyyeeffannaa wal fakkaatu kennuu hin dandeenyu taʼa. Haa taʼu malee, balaa jiru tokko hubachuu qabna. Balaan kun maali dha?

6. Qophiiwwan Yihowaa tokko tokko irraa akka hin fayyadamne kan nu godhu maal taʼuu dandaʼa?

6 Qophiiwwan hafuuraa tokko tokko nuuf akka hin hojjenne yaaduudhaan, itti fayyadamuu dhiisna taʼa. Fakkeenyaaf, kutaan Kitaaba Qulqulluu tokko haala keenyaaf akka hin taane yoo nutti dhagaʼame maal goona? Yookiin immoo barreeffamni tokko kan qophaaʼe kallattiidhaan nuuf yoo taʼuu baate hoo? Akkuma haala isaatti dubbisnee bira darbinaa? Yookiin guutummaa isaa dubbisuu itti dhiisnaa? Taanaan, barumsa faayidaa guddaa nuuf argamsiisuu dandaʼu of dhowwachaa jirra jechuu dha. Kiyyoo kana irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Hunda caalaa, tokkoon tokkoon keenya Maddi qophiiwwan hafuuraa kanaa Waaqayyo taʼuu isaa yaadachuu qabna. Karaa Isaayaas raajichaa, “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisu . . . dha” jedheera. (Isa. 48:17) Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu hundaa fi akaakuuwwan nyaata hafuuraa hunda irraa fayyadamuuf, yaadawwan sadii ilaaluun keenya nu fayyada.

YAADAWWAN DUBBISA KITAABA QULQULLUU IRRAA FAYYADAMUUF GARGAARAN

7. Kitaaba Qulqulluu sammuu banaadhaan dubbisuu kan qabnu maaliifi?

7 Sammuu banaadhaan dubbisi. Dubbiin Waaqayyoo, “Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame siʼa taʼu . . . ni fayyada” jechuudhaan ifatti dubbata. (2 Xim. 3:16) Dhugaa dha, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko jalqaba irratti nama tokkoof ykn garee tokkoof barreeffaman. Kitaaba Qulqulluu sammuu banaadhaan dubbisuu kan qabnu kanaafi dha. Obboleessi tokko, “Yeroon Kitaaba Qulqulluu dubbisu, caqasa tokko irraa barumsi baayʼeen argamuu akka dandaʼu yaadachuufan yaala” jedheera. Itti dabalees, “Kana yaadachuun koo barumsa kallattiidhaan hubatamu irra darbee akkan yaadu na kakaaseera” jedheera. Dubbii Waaqayyoo dubbisuu keenya dura, barumsa Yihowaan nu barsiisu hubachuu akka dandeenyutti sammuu banaa fi ogummaa argachuuf kadhachuun keenya barbaachisaa dha.—Iz. 7:10; Yaaqoob 1:5 dubbisi.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee irraa guutummaatti fayyadamaa jirtaa? (Keeyyata 7 ilaali)

8, 9. (a) Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnu gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu dandeenya? (b) Ulaagaaleen jaarsolii irraa eegaman waaʼee Yihowaa maal nu barsiisu?

8 Gaaffii gaafadhu. Yaada Kitaaba Qulqulluu tokko yeroo dubbistu, xinnoo dhaabadhuutii gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhu: ‘Yaadni kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Barumsa kana jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Warra kaan gargaaruuf akkamittan itti fayyadamuu dandaʼa?’ Gaaffiiwwan akkanaa irratti yoo yaadne, dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa caalaatti faayidaa akka argannu hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, ulaagaalee jaarsoliin Kiristiyaanaa guutuu qaban yaadi. (1 Ximotewos 3:2-7 dubbisi.) Baayʼeen keenya jaarsolii waan hin taaneef, jalqaba irratti yaadni kun jireenya keenyaaf baayʼee akka hin fayyadne nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, yaadawwan gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii taʼuu dandaʼan keessaa muraasa irratti yeroo yaadnu, ulaagaaleen kun karaa adda addaatiin hunda keenya fayyaduu akka dandaʼan hubanna.

9 Yaadni kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Yihowaan ulaagaalee kana baasuudhaan, namoota muudaman irraa waan guddaa akka eegu argisiiseera. Fakkeenya gaarii akka taʼan isaan irraa eega; akkasumas gumii inni “dhiiga Ilma isaatiin bite” akkaataa itti qabaniif isaan gaafata. (HoE. 20:28) Yihowaan eegumsa tiksitoota isa jala jiranii jalatti tasgabbiidhaan akka jiraannu barbaada. (Isa. 32:1, 2) Kanaafuu, ulaagaan Kitaaba Qulqulluu jaarsolii Kiristiyaanaa irraa barbaadamu, Yihowaan hammam akka nuuf yaadu nu yaadachiisa.

10, 11. (a) Ulaagaalee jaarsolii irraa barbaadaman yeroo dubbisnu, barumsicha jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Barumsa kanatti fayyadamnee warra kaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

10 Barumsa kana jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Namni muudame tokko karaa kamiin fooyyaʼiinsa gochuun akka isa barbaachisu yaaduudhaan, yeroo yerootti ulaagaawwan kana irratti hundaaʼee of gamaaggamuu qaba. Obboleessi “ilaaltuu ol aanaa taʼuuf carraaqu” tokko, hamma dandaʼe ulaagaalee kana guutuu waan qabuuf, xiyyeeffannaa addaa kennuufii qaba. (1 Xim. 3:1) Ulaagaalee kana keessaa hedduun isaanii wanta Yihowaan Kiristiyaanota hunda irraa barbaadu waan taʼaniif, hundi isaanii iyyuu ulaagaalee kana irraa barumsa argachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, hundi keenya tole kan jennuu fi sirriitti kan yaadnu taʼuu qabna. (Filp. 4:5; 1 Phe. 4:7) Jaarsoliin “tuutichaaf fakkeenya taʼuu” yeroo yaalan, nuti immoo isaan irraa barachuu fi ‘amantii isaanii hordofuu’ dandeenya.—1 Phe. 5:3; Ibr. 13:7.

11 Barumsa kanatti fayyadamee warra kaan gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti? Ulaagaalee Kiristiyaanota ilaaltuu ol aanaa taʼaniif baʼan kanatti fayyadamnee, namoonni fedhii qaban ykn Kitaaba Qulqulluu barachaa jiran jaarsoliin Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan qeesota saba Kiristiyaanaa irraa adda taʼuu isaanii akka hubatan gargaaruu dandeenya. Kana malees, ulaagaalee kana yeroo dubbisnu, jaarsoliin gumii keenyaa nuuf jecha carraaqqii akkamii akka godhan hubanna taʼa. Aarsaa hammamii akka kaffalan yaaduun keenya, ‘kabajni warra nu gidduutti jabaatanii hojjetaniif’ qabnu akka dabalu godha. (1 Tas. 5:12) Kabaja dhugaa ilaaltota ol aanaa dhimmanii hojjetan kanaaf qabnu dabalaa yeroo deemnu, gammachuun isaanii akka dabalu goona.—Ibr. 13:17.

12, 13. (a) Barreeffamoota argachuu dandeenyutti fayyadamnee qorannaa akkamii gochuu dandeenya? (b) Odeeffannoon dabalataa barumsa fuulleetti hin mulʼanne mulʼisuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

12 Qorannaa godhi. Barreeffamoota argachuu dandeenyutti fayyadamuudhaan, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii barbaaduu dandeenya:

  • Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana eenyutu barreesse?

  • Eessattii fi yoom barreeffame?

  • Kutaan Kitaaba Qulqulluu kun yeroo barreeffametti, wanta adda taʼe akkamiitu raawwatame?

Odeeffannoowwan dabalataa akkanaa, barumsawwan fuulleetti hin mulʼanne akka hubannu nu gargaaruu dandaʼu.

13 Fakkeenyaaf, yaada Hisqiʼel 14:13, 14 irra jiru ilaali; akkana jedha: “Biyyi amanamuu dhabee ana duratti yommuu cubbuu hojjetu, ani immoo harka koo isa irratti ol fudhadhee midhaan irraa kutee beela itti nan erga, nama isaa horii isaas ciree nan balleessa; ‘Nohii fi Daaniʼel, Iyoobis jarri kun sadan biyyicha keessa utuu jiraatanii illee, isaan kun qajeelummaa isaaniitiin ofiidhuma isaanii duwwaa oolfachuu danda’u turan’ jedha Waaqayyo gooftaan.” Qorannaa tokko tokko yoo goone, kutaan kitaaba Hisqiʼel kun Dh.K.D. naannoo bara 612⁠tti akka barreeffame baranna. Yeroo sanatti Nohii fi Iyoob erga duʼanii jaarraawwan hedduun darbaniiru; amanamummaan isaanii garuu Waaqayyo biratti ni yaadatama ture. Daaniʼel garuu lubbuudhaan jira ture. Yihowaan akkuma Nohii fi Iyoob innis qajeelaa taʼuu isaa yeroo dubbatetti, umuriin Daaniʼel dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba waggoota digdammanii taʼuu hin oolu. Kana irraa maal baranna? Yihowaan, dargaggoota dabalatee amanamummaa waaqeffattoonni isaa hundi argisiisan ni hubata, akkasumas bakka guddaa ni kennaaf.—Far. 148:12-14.

BARREEFFAMOOTA GARAA GARAA IRRAA FAYYADAMI

14. Barreeffamoonni dargaggootaaf qophaaʼan kan isaan gargaaran akkamitti? Warri kaan hoo barreeffamoota kana irraa fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

14 Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu hunda qoʼachuudhaan faayidaa akkuma argannu, nyaatawwan hafuuraa argachuu dandeenyu hunda irraa fayyadamuu ni dandeenya. Fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Barreeffamoota dargaggootaaf qophaaʼan. Waggoota dhihoodhaa asitti, dargaggootaaf barreeffamoonni hedduun qophaaʼaa jiru. [1] Barreeffamoota kana keessaa tokko tokko, dhiibbaa mana barumsaatti isaan irra gaʼu ykn rakkina umurii dargaggummaa irra jiraachuu isaaniitiin isaan irra gaʼu akka moʼan isaan gargaaruuf kan qophaaʼani dha. Hundi keenya iyyuu barreeffamoota akkanaa dubbisuudhaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Barreeffamoota kana dubbisuun keenya, dargaggoota keenya amanamoo taʼan irra qorumsi akkamii akka gaʼu nu yaadachiisa. Kun immoo isaan gargaaruu fi isaan jajjabeessuu akka dandeenyu godha.

15. Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼan barreeffamoota dargaggootaaf qophaaʼan dubbisuu kan qaban maaliifi?

15 Rakkoowwan barreeffamoota dargaggootaaf qophaaʼan irratti ibsaman keessaa baayʼeen isaanii, isaan irratti qofa kan mulʼatan miti. Hundi keenya iyyuu, amantii keenyaaf falmuu, miira keenya toʼachuu, dhiibbaa hiriyaa moʼuu, akkasumas hiriyummaa gadhee fi bohaartii qulqulluu hin taane irraa fagaachuu qabna. Mata dureewwan kunii fi kaan, barreeffamoota dargaggoota umurii waggoota kurnanii keessatti argamaniif qophaaʼan irratti ni baʼu. Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼan barreeffamoota dargaggootaaf qophaaʼan dubbisuun ulfina isaanii akka tuqu itti dhagaʼamuu qabaa? Matumaa akkas taʼuu hin qabu! Barreeffamichi kan qophaaʼe haala dargaggoota hawwatuun taʼus, barumsi achi irratti baʼu dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu isa yeroon itti hin darbine irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, hundi keenya iyyuu qophiiwwan hafuuraa kana irraa fayyadamuu dandeenya.

16. Barreeffamoonni keenya karaa kan biraa kamiin dargaggoota gargaaru?

16 Barreeffamoonni keenya dargaggoonni rakkina akka moʼan qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraa akka guddatanii fi Yihowaatti akka dhihaatanis isaan gargaaru. (Lallaba 12:1, 13 dubbisi.) Yeroo kanattis Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼan fayyadamuu ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, barruun Dammaqaa! Ebla 2009 (Amaariffa) mata duree “Gaaffii Dargaggootaa . . . Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Koo Gammachiisaa Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu qabatee baʼee ture. Mata dureen kun, yaada hedduu kan qabate siʼa taʼu, saanduqa kutamee baʼuu fi Kitaaba Qulqulluu keessa kaaʼamuu dandaʼus qaba. Gaʼeessonni mata duree kana irraa faayidaa argataniiruu? Haati umuriin ishii waggaa 24 taʼee fi abbaa manaa qabdu tokko akkana jechuudhaan barreessiteetti: “Kitaaba Qulqulluu dubbisuun walʼaansoo guddaa gochuu na gaafata ture. Yaadawwan mata duree kana keessatti kennaman hojii irra kanan oolche siʼa taʼu, saanduqa kutamee baʼu sanattis akka gaariitti fayyadamaan jira. Amma dubbisa Kitaaba Qulqulluutiif hawwii guddaan qaba. Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu kan wal siman akka taʼanittii fi akka afata bareedaa wal keessa foʼamee hojjetamee akka taʼanittan ilaala. Dubbisa Kitaaba Qulqulluutti hamma kana gammadee hin beeku” jetteetti.

17, 18. Barreeffamoota namoota kaaniif qophaaʼan dubbisuudhaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

17 Barreeffamoota namoota kaaniif qophaaʼan. Bara 2008 kaasee, maxxansa qoʼannaa Masaraa Eegumsaa adda durummaadhaan Dhugaa Baatota Yihowaatiif qophaaʼu irraa fayyadamaa jirra. Waaʼee barruulee namoota kaan sammuutti qabachuudhaan qophaaʼanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Barruulee kanas dubbisuudhaan faayidaa argachuu ni dandeenyaa? Fakkeenya tokko haa ilaallu. Gaaf tokko namni walgaʼii afeerte tokko haasaa sabaa dhagaʼuuf gara Galma Mootummaa dhufe haa jennu. Yeroo kanatti baayʼee akka gammaddu hin shakkisiisu. Obboleessi haasaa sabaa dhiheessu yeroo dubbatutti, ati waaʼee keessummaa sanaa yaadda taʼa. Kana jechuun, iddoo isaa taatee dhaggeeffachaa jirta jechuu dha. Kanaan kan kaʼes, haasaa sanaaf akka haaraatti dinqisiifannaa qabaatta.

18 Barreeffamoota warra kaaniif qophaaʼan yeroo dubbisnus, haaluma akkanaatu nu mudata. Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa maxxansa sabaa taʼe, mata dureewwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan jechoota namni Dhugaa Baatuu hin taane tokko hubachuu dandaʼuun ibsa. Mata dureewwan hedduu weebsaayitii jw.org irratti baʼan kan akka, kutaa “Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman” jedhu jalatti baʼan ilaalchisees haalli isaa wal fakkaata. Mata duree kana yeroo dubbisnu, dinqisiifannaan dhugaawwan kanaan dura beeknuuf qabnu ni dabala. Kana malees, karaawwan haaraa tajaajila irratti waaʼee amantii keenyaa itti ibsinu barachuu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, barruun Dammaqaa! jedhamus, amantii Waaqayyo jiraachuu isaa ilaalchisee qabnu nuu cimsa; akkasumas amantii keenyaaf akkamitti falmuu akka dandeenyu nu barsiisa.—1 Pheexiros 3:15 dubbisi.

19. Qophiiwwan Yihowaan nuu godheef akka isa galateeffannu akkamitti argisiisuu dandeenya?

19 Yihowaan ‘dheebuu hafuuraa’ keenya nuu baasuuf qophiiwwan hedduu nuu godheera. (Mat. 5:3) Qophiiwwan hafuuraa argachuu dandeenyu hundatti fayyadamuu keenya itti haa fufnu. Kana gochuudhaan, Yihowaa isa wanta nu fayyadu nu barsiisu akka galateeffannu argisiisuu dandeenya.—Isa. 48:17.

^ [1] (keeyyata 14) Barreeffamoonni kun, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan (Amaariffa) jedhamu Jildii 1 fi 2, akkasumas 2mata duree “Gaaffii Dargaggootaa” (Afaan Oromootiin hin argamu) jedhamuu fi intarneetii irratti walitti aanee baʼu kan dabalatu dha.