Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Amma Iyyuu Jireenya Keessan Jijjiiraa Jiraa?

Kitaabni Qulqulluun Amma Iyyuu Jireenya Keessan Jijjiiraa Jiraa?

“Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.”—ROM. 12:2.

FAARFANNAA: 29, 52

1-3. (a) Erga cuuphamnee booda jijjiirama akkamii gochuutu nutti ulfaachuu dandaʼa? (b) Fooyyaʼiinsa gochuun isa nuti eegne caalaa yoo nutti ulfaate, gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandeenya? (Fakkiiwwan jalqaba irra jiran ilaali.)

KEEVAN [1] dhugaa akkuma barateen, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu barbaadee ture. Haa taʼu malee, waggoota hedduudhaaf qumaara taphachaa, tamboo xuuxaa, dhugaatii garmalee dhugaa fi qoricha sammuu nama hadoochu fudhachaa ture. Keevan, Waaqayyo duratti fudhatama argachuudhaaf sochiiwwan Kitaabni Qulqulluun dhorku kana irratti hirmaachuu dhiisuu qaba ture. Yihowaatti, akkasumas humna Dubbiin isaa inni barreeffamaan jiru qabutti amanuudhaan kana gochuu dandaʼeera.—Ibr. 4:12.

2 Keevan, erga cuuphamee booda jireenya isaa keessatti jijjiirama gochuu dhiisee turee? Erga cuuphamee boodas amalawwan Kiristiyaana tokko irraa barbaadaman guddifachuu fi haareffachuuf ciminaan hojjechuu waan qabuuf jijjiirama gochuu isaa itti fufuu qaba ture. (Efe. 4:31, 32) Fakkeenyaaf, aarii isaa toʼachuun itti ulfaata ture. Keevan, “Aarii koo toʼachuun, amalawwan gadhee ani kanaan dura qabu dhiisuu caalaa natti ulfaatee ture?” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Keevan, garaadhaa kadhachuudhaan, akkasumas Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuudhaan sirreeffama barbaachisu gochuu dandaʼeera.

3 Akkuma Keevan, baayʼeen keenya cuuphamuu keenya dura jireenyi keenya ulaagaalee buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin akka wal simuuf jijjiirama guguddaa gochuun nu barbaachiseera. Erga cuuphamnee boodas, caalaatti Waaqayyoo fi Kiristoosiin fakkaachuuf amaloota warra kaanitti hin mulʼanne irratti jijjiirama gochuu itti fufuun keenya barbaachisaa taʼuu isaa hubanneerra. (Efe. 5:1, 2; 1 Phe. 2:21) Fakkeenyaaf, warra kaan akka ceephaanu, nama akka sodaannuu fi namoota akka hamannu ykn dadhabina kan biraa akka qabnu hubanneerra taʼa. Gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuun, isa nuti eegne caalaa nutti ulfaateeraa? Yoo akkana taʼe, ‘Kanaan dura jijjiirama guddaa gochuu dandaʼee utuun jiruu, amma maaliifan sirreeffama xixinnoo gochuu dadhabe? Kitaabni Qulqulluun jireenya koo akka jijjiiru gochuu irratti fooyyaʼiinsa gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee gaafatta taʼa.

WAAN HIN DANDEENYE OF IRRAA HIN EEGINAA

4. Wanta hojjennu hundumaan Yihowaa gammachiisuu kan hin dandeenye maaliifi?

4 Nuti warri Yihowaa beeknuu fi isa jaallannu, garaa keenya guutuu wanta isa gammachiisu hojjechuu hawwina. Haa taʼu malee, fedhiin keenya hammam iyyuu guddaa yoo taʼe, mudaa qabaachuu keenyaan kan kaʼe yeroo hundumaa Waaqayyoon gammachiisuu hin dandeenyu. Haalli Phaawulosiin mudate nuunis nu mudata; akkana jedhee barreesseera: “Ani wanta gaarii hojjechuuf hawwii qaba; haa taʼu malee, wantan hawwu hojjechuu hin dandaʼu.”—Rom. 7:18; Yaq. 3:2.

5. Cuuphamuu keenya dura jijjiirama akkamii gooneerra? Haa taʼu malee, amma iyyuu dadhabina akkamii wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa?

5 Cubbuuwwan miseensota gumii Kiristiyaanaa akka hin taane nu dhowwan irratti hirmaachuu dhiisneerra. (1 Qor. 6:9, 10) Taʼus, amma iyyuu cubbuu irraa walaba miti. (Qol. 3:9, 10) Kanaafuu, erga cuuphamnee booda ykn dhugaa keessatti waggaa hedduu illee yoo dabarsine, dogoggora hin hojjennu, hin gufannu ykn hawwii fi fedhii gadheen nu hin dhiphisu jennee yaaduu hin qabnu. Amalawwan tokko tokko waggoota dheeraadhaaf itti fufuu dandaʼu taʼa.

6, 7. (a) Mudaa kan qabnu taanus michuu Yihowaa taʼuu akka dandeenyu kan godhe maali dha? (b) Yihowaan dhiifama akka nuu godhu gaafachuu irraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi?

6 Cubbuu kan dhaalle taʼuun keenya, michuu Yihowaa akka hin taane ykn isa tajaajiluu keenya akka itti hin fufne gochuu hin qabu. Mee yaadi: Yihowaan michuu isaa akka taanuuf kan ofitti nu harkise, darbee darbee dogoggora akka raawwanu utuma beekuu ti. (Yoh. 6:44) Waaqayyo amala keenyaa fi wanta garaa keenya keessa jiru waan beekuuf, hawwii gadheen nu rakkisu isa kam akka taʼe beeka. Akkasumas darbee darbee akka nuti dogoggora raawwannu beeka. Taʼus, wantoonni kun akka nuti michuu Yihowaa hin taane hin godhan.

7 Waaqayyo jaalalaan kakaʼee kennaa guddaa, jechuunis Ilma isaa isa jaallatamaa aarsaa godhee nuu kenneera. (Yoh. 3:16) Dogoggora yommuu raawwannu kennaa guddaa kanatti fayyadamuudhaan akka dhiifama nuu godhu Yihowaa kan gaafannu yoo taʼe, michummaan isaa wajjin qabnu akka addaan hin cinne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Rom. 7:24, 25; 1 Yoh. 2:1, 2) Qulqulluu akka hin taane ykn cubbamoo akka taane waan nutti dhagaʼameef qofa, faayidaa furiin argamsiisutti fayyadamuu irraa duubatti jechuu qabnaa? Akkas taʼuu hin qabu! Furichatti fayyadamuu dhiisuun, harka xuraaʼe dhiqachuuf bishaanitti fayyadamuu dhiisuu wajjin wal fakkaata. Kana malees, furiin kan dhihaate cubbamoota qalbii isaanii jijjiirrataniifi dha. Cubbamoota taanee utuu jirruu, sababii furichaatiin kan kaʼe michuu Yihowaa taʼuu ni dandeenya.—1 Ximotewos 1:15 dubbisi.

8. Dadhabina keenya callisnee bira darbuu kan hin qabne maaliifi?

8 Dhugaa dha, dadhabina keenya callisnee bira darbuu hin qabnu. Michummaa Yihowaa wajjin qabnu guddisuun, caalaatti Waaqayyoo fi Kiristoosiin fakkaachuuf carraaquu, akkasumas namoota isaan barbaadan taʼanii argamuu kan dabalatu dha. (Far. 15:1-5) Kana malees, fedhiiwwan dogoggoraa toʼachuu, yoo dandaʼame immoo balleessuu illee kan dabalatu dha. Dhiheenyatti kan cuuphamnes taane dhugaa keessa waggoota hedduudhaaf kan turre, ‘sirreeffama gochuu keenya itti fufuu’ qabna.—2 Qor. 13:11.

9. Namummaa haaraa uffachuu keenya itti fufuu akka dandeenyu akkamitti beekna?

9 ”Sirreeffama gochuu” fi “namummaa haaraa” uffachuuf utuu wal irraa hin kutin carraaquu qabna. Phaawulos amantoota hidhata isaa taʼaniin akkana jedheera: “Namummaa moofaa isa jireenya keessan isa durii wajjin wal simuu fi hawwii isaa isa gowwoomsaa taʼeen mancaʼaa deemu hunda of irraa baastanii akka gattan barattaniittu. Humna sammuu keessan hojjechiisuunis haareffamuu keessan itti fufaa; akkasumas, namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffachuu qabdu.” (Efe. 4:22-24) Yaadni “haareffamuu keessan itti fufaa” jedhu, namummaa haaraa uffachuun adeemsa itti fufiinsa qabu taʼuu isaa argisiisa. Kun, Yihowaa tajaajilaa kan turre waggoota hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, amalawwan Kiristiyaanaa namummaa haaraa akka uffannu godhan horachuu fi fooyyeffachuu keenya itti fufuu akka dandeenyu waan mirkaneessuuf, baayʼee nama jajjabeessa. Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya jijjiiruu isaa itti fufuu ni dandaʼa.

BAAYʼEE ULFAATAA KAN TAʼE MAALIIFI?

10. Gargaarsa Kitaaba Qulqulluutiin jijjiirama gochuu keenya itti fufuuf maal gochuu qabna? Gaaffiiwwan akkamii kaasuu dandeenya?

10 Dubbiin Waaqayyoo nu jijjiiruu isaa akka itti fufu yoo barbaadne dhamaʼuu qabna. Garuu carraaqqii cimaa gochuun kan nu barbaachisu maaliifi? Yihowaan carraaqqii nuti goonu eebbisaa jira erga taʼee, guddina hafuuraa gochuun nuuf salphachuu hin qabuu? Carraaqqii muraasa gochuudhaan amalawwan gaggaarii horachuu akka dandeenyutti, Yihowaan fedhiiwwan dogoggoraa nu keessa jiran dhabamsiisuu hin dandaʼu turee?

11-13. Yihowaan, dadhabina keenya moʼuuf carraaqqii akka goonu kan nu irraa eegu maaliifi?

11 Wanta hawaa keessa jiru irratti yeroo xiinxallu, Yihowaan humna guddaa akka qabu hubanna. Fakkeenyaaf, aduun sekoondii sekoondiidhaan wantoota toonii miliyoona shan taʼan gara humnaatti jijjiirti. Gara qilleensa naannoo lafaa kan dhufu humna muraasa taʼus, hoʼaa fi ifa lubbuu uumamawwan lafa irra jiranii tursuu dandaʼu argamsiisuuf gaʼaa dha. (Far. 74:16; Isa. 40:26) Yihowaan yeroo barbaachisutti tajaajiltoota isaatiif humna barbaachisu kennuun isa gammachiisa. (Isa. 40:29) Eeyyee, Waaqayyo utuu nuti dadhabina keenyaa wajjin walʼaansoo hin godhin ykn utuu dogoggora keenya irraa hin baratin, jabina dadhabina qabnu kam iyyuu moʼuuf nu dandeessisu nuu kennuu illee ni dandaʼa ture. Garuu maaliif akkas hin goone?

12 Yihowaan mirga filannoo gita hin qabne nuuf kenneera. Fedhii isaa raawwachuu fi kana gochuuf carraaquudhaan, hammam akka isa jaallannuu fi isa gammachiisuuf fedhii akka qabnu argisiisna. Kana malees, ol aantummaa isaa akka deggerru ni argisiisna. Seexanni ol aantummaan Yihowaa sirrii taʼuu isaa irratti gaaffii kaaseera; kanaafuu, fedhiidhaan, akkasumas ciminaan ol aantummaa isaa kana deggeruuf carraaqqii gochuun keenya, Abbaa keenya isa samii gaarii taʼee fi nama dinqisiifatu duratti iddoo adda taʼe qabaanna. (Iyo. 2:3-5; Fak. 27:11) Haa taʼu malee, Yihowaan akka nuti isa gammachiisnuuf jecha fedhiiwwan dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochuu irraa bilisa utuu nu baasee, gaaffiin amanamummaa keenyaa fi ol aantummaa isaa ilaalchisee kaʼe hiika hin qabaatu ture.

13 Kanaafuu, Yihowaan amalawwan gaggaarii guddifachuuf ‘wanta dandeenyu hunda akka goonu’ nu gorseera. (2 Pheexiros 1:5-7 dubbisi; Qol. 3:12) Yaada keenyaa fi miira keenya toʼachuuf ciminaan akka hojjennu nu irraa eega. (Rom. 8:5; 12:9) Gama kanaan garaadhaa carraaqqii gochuu keenyaan kan kaʼe, Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya jijjiiruu isaa akka itti fufe yommuu arginu ni gammadna.

DUBBIIN WAAQAYYOO ISIN JIJJIIRUU ISAA ITTI HAA FUFU

14, 15. Amalawwan gaggaarii horachuuf maal gochuu dandeenya? (Saanduqa “ Kitaabni Qulqulluunii fi Kadhannaan Jireenya Isaanii Jijjiire” jedhu ilaali.)

14 Amalawwan gaggaarii horachuu fi Yihowaa gammachiisuuf maal gochuu dandeenya? Of fooyyessuuf karoora baafachuun qofti gaʼaa miti. Dhamaʼuu fi qajeelfama Waaqayyoo hordofuu keenya itti fufuu qabna; sababni isaas Roomaan 12:2 akkana jedha: “Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ofuma keessanii mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.” Yihowaan Dubbii isaa fi hafuura qulqulluutti fayyadamee fedhii isaa akka hubannu, akka raawwannuu fi ulaagaalee inni nu irraa barbaadu guutuudhaaf hamma nuu dandaʼametti jireenya keenya akka jijjiirru nu gargaara. Carraaqqiin nuti goonu guyyaa guyyaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, Caqasawwan irratti xiinxaluu fi hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu dabalata. (Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23) Qajeelfama hafuura qulqulluu wajjin yoo walii galle, akkasumas yaada keenya ilaalcha Waaqayyoo Dubbii isaa keessatti ibsamee wajjin yoo wal simsiisne yaadni keenya, dubbiin keenyaa fi sochiin keenya Yihowaa kan gammachiisu taʼa. Yeroo kanattis taanaan, dadhabina qabnu tokkoof akka harka hin laanne of eeggannoo gochuu qabna.—Fak. 4:23.

Caqasawwanii fi mata dureewwan dadhabina qabdu moʼuuf si gargaaran walitti qabattee irra deebitee ilaaluun kee si gargaaruu dandaʼa (Keeyyata 15 ilaali)

15 Guyyaa guyyaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan alattis, amalawwan dinqisiisoo Yihowaan qabu hordofuuf akka nu gargaarutti, barreeffamoota keenyatti fayyadamnee Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu qabna. Namoonni tokko tokko caqasootaa fi mata dureewwan Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaa! amalawwan gaggaarii horachuuf ykn dadhabina taʼe tokko moʼuuf gargaaran walitti qabatanii irra deebiʼanii ilaaluun isaanii isaan fayyadeera.

16. Dafnee jijjiirama gochuu yoo dadhabne abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

16 Guddinni hafuuraa kee saffisa hin qabu yoo taʼe, guddinni akkanaa yeroo akka fudhatu yaadadhu. Amalawwan gaggaarii horachuun irraa jalaan wanta taʼu dha. Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu isaa akka itti fufuuf carraaqqii yeroo goonutti obsa qabaachuu qabna. Jalqaba irratti, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu raawwachuuf of toʼachuu qabna taʼa. Yeroo booda garuu, yaadni keenyaa fi gochi keenya kan Waaqa keenya Yihowaa wajjin wal simaa waan deemuuf, karaa inni barbaaduun yaaduu fi wanta inni barbaadu gochuun nuuf salphata.—Far. 37:31; Fak. 23:12; Gal. 5:16, 17.

ABDII GUDDAA NU EEGGATU YAADADHAA

17. Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane, abdii gammachiisaa akkamii eeggachuu dandeenya?

17 Waaqeffattoonni Yihowaa amanamoo taʼan, dhuma irratti mudaa malee bara baraan isa tajaajiluuf mirga argatu. Yeroo sanatti, amalawwan gaggaarii horachuun walʼaansoo nutti hin taʼu; kanaa mannaa yeroo hundumaa kan nu gammachiisu taʼa. Hamma yeroo sanaatti garuu, sababa furichaatiin kan kaʼe Waaqa keenya isa jaalala qabeessa waaqeffachuun nuuf heyyamameera. Dubbii Waaqayyoo isa nu jijjiiruuf humna qabuun geggeeffamuuf carraaquu keenya yoo itti fufne, mudaa kan qabnu taanus isa waaqeffachuu ni dandeenya.

18, 19. Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya jijjiiruuf humna akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Keevan inni olitti caqasame, aarii isaa toʼachuudhaaf carraaqii guddaa godheera. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti xiinxaleera, hojii irras oolcheera; akkasumas gargaarsaa fi gorsa Kiristiyaanonni hidhata isaa taʼan isaaf kennan fudhateera. Keevan, waggoota muraasa gidduutti jijjiirama guddaa gochuu dandaʼeera. Yeroo booda tajaajilaa gumii kan taʼe siʼa taʼu, jaarsa gumii taʼee tajaajiluu erga jalqabee immoo waggaa 20 taʼeera. Taʼus, karaa hafuuraa haala duraan turetti akka hin deebineef, of eeggannoo gochuun barbaachisaa akka taʼe hubateera.

19 Muuxannoon Keevan, Kitaabni Qulqulluun sabni Waaqayyoo jireenya isaanii keessatti jijjiirama gaarii gochuu isaanii akka itti fufan gargaaruu akka dandaʼu argisiisa. Kanaafuu, Dubbiin Waaqayyoo nu jijjiiruu isaa fi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannu gochuu isaa akka itti fufu haa heyyamnu. (Far. 25:14) Yihowaan carraaqqii keenya eebbisuu isaa yommuu arginu, Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya jijjiiruu isaa itti fufuu akka dandaʼu hubanna.—Far. 34:8.

^ [1] (keeyyata 1) Maqaan isaa jijjiirameera.