Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wantoota Utuu hin Taʼin, Mootummicha Barbaadaa

Wantoota Utuu hin Taʼin, Mootummicha Barbaadaa

“Hundumaa dura Mootummicha barbaadaa; wantoonni kun isiniif ni dabalamu.”—LUQ. 12:31.

FAARFANNAA: 40, 44

1. Wanta nu barbaachisuu fi wanta barbaadnu gidduu garaa garummaa akkamiitu jira?

WANTI nama barbaachisu muraasa, wanti namni barbaadu garuu lakkoofsa hin qabu. Namoonni hedduun garaa garummaa wanta isaan barbaachisuu fi wanta barbaadan gidduu jiru waan hubatan hin fakkaatu. Garaa garummaan wantoota kanaa maali dha? ‘Wanti si barbaachisu,’ jireenyi kee kan irratti hundaaʼe waan taʼeef, wanta qabaachuu qabdu dha. Nyaanni, uffannii fi manni wantoota buʼuuraa jireenyaaf barbaachisani dha. ‘Wanti barbaaddu’ immoo, wanta qabaachuu barbaaddu taʼus, jireenya guyyaa guyyaatiif kan hin barbaachisne dha.

2. Wantoonni namoonni barbaadan tokko tokko maal faʼi?

2 Wanti namoonni barbaadan iddoo isaan jiraatan irratti hundaaʼuudhaan garaa garummaa qabaachuu dandaʼa. Biyyoota guddachaa jiranitti, namoonni hedduun moobaayilii, doqdoqqee ykn lafa xinnoo bitachuuf qarshii gaʼaa argachuu barbaadu. Namoonni biyyoota badhaadhan keessa jiran immoo, saanduqa uffataa bareedaa taʼe, mana guddaa ykn konkolaataa gatiin isaa guddaa taʼe bitachuu barbaadu. Gama lamaaniin iyyuu balaan jira; wantoonni kun kan nu barbaachisan taʼanis taʼuu baatanis ykn bituuf humna qabaannus qabaachuu baannus, kiyyoo jaalala qabeenyaatiin, akkasumas kiyyoo wantoota dabalataa argachuuf hawwuutiin qabamuu dandeenya.

JAALALA QABEENYAA IRRAA OF EEGAA

3. Jaalalli qabeenyaa maali dha?

3 Jaalala qabeenyaa jechuun maal jedhuu dha? Wantoota hafuuraa irratti utuu hin taʼin, wantoota foonii irratti xiyyeeffachuu jechuu dha. Namni tokko jaalala qabeenyaa akka qabaatu wantoonni godhan fedhii isaa, wantoota inni dursa kennuuf, akkasumas wantoota inni irratti xiyyeeffatu dha. Jaalalli qabeenyaa, qabeenya hedduu argachuuf hawwii akka qabaannu godha. Namni jaalala qabeenyaa qabu tokko qarshii hedduu qabaachuu dhiisuu ykn wantoota miʼaa taʼan bituu dhiisuu dandaʼa. Namoonni hiyyeeyyii taʼan illee, jaalala qabeenyaatiin qabamuu fi Mootummicha dursuu dhiisuu dandaʼu.—Ibr. 13:5.

4. Seexanni ‘hawwii ijaatti’ kan fayyadamu akkamitti?

4 Seexanni sirna daldalaa addunyaa isaatti fayyadamee, gammachuu qabaachuuf, kan nu barbaachisu caalaa qabeenya argachuu akka qabnu nu amansiisuu barbaada. Seexanni, ‘hawwii ijaatti’ fayyadamee nama gowwoomsuu irratti dandeettii guddaa qaba. (1 Yoh. 2:15-17; Uma. 3:6; Fak. 27:20) Addunyaan kun qabeenyaa wajjin haala wal qabateen, wanta barbaachisus wanta hin barbaachisnes nuuf dhiheessa; wantoota kana keessaa tokko tokko immoo baayʼee kan nama gammachiisan fakkaatu. Wanta tokko waan si barbaachisuuf utuu hin taʼin, beeksisa irratti ykn suuqiitti argitee waan sitti toleef qofa bittee beektaa? Wanta bitte sana malee jiraachuu akka dandeessu yeroo booda hubatteettaa? Wantoonni barbaachisoo hin taane akkanaa jireenya keenya wal xaxaa godhu, akkasumas baʼaa nutti taʼu. Wantoonni kun kiyyoo nutti taʼuu fi yaada keenya hihhiruudhaan, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi irratti argamuu akkasumas tajaajila irratti yeroo hunda hirmaachuu akka hin dandeenye nu dhowwuu dandaʼu. Yohaannis ergamaan, “Addunyaanii fi hawwiin isaa darbaa jiru” jedhee akka akeekkachiise yaadadhu.

5. Namoota wantoota hedduu argachuuf dhamaʼan maaltu mudachuu dandaʼa?

5 Seexanni Yihowaadhaaf utuu hin taʼin, qabeenyaaf akka bitamnu barbaada. (Mat. 6:24) Wantoota hedduu argachuu irratti qofa kan xiyyeeffannu yoo taʼe, jireenyi keenya hiika hin qabaatu. Abdii kutachuu fi rakkina qarshii keessa galuu dandeenya. Caalaatti immoo, amantii Yihowaa fi Mootummaa isaa irratti qabnu nu dhabsiisuu dandaʼa. (1 Xim. 6:9, 10; Mul. 3:17) Haalli kun, fakkeenya Yesuus waaʼee nama sanyii facaasuu dubbatee wajjin wal fakkaata. Ergaan Mootummichaa yeroo “qoree gidduutti facaafametti . . .  hawwiin wantoota kaanii garaa isaanii seenee dubbicha ni hudha; innis firii kan hin godhanne taʼa.”—Mar. 4:14, 18, 19.

6. Baaruk irraa maal baranna?

6 Barreessaa Ermiyaas raajichaa kan ture Baarukiin haa ilaallu. Yeroo badiisni Yerusaalem inni raajiidhaan dubbatame dhihaatee turetti, Baaruk “wanta guddaa argachuu,” jechuunis qabeenya isa faayidaa bara baraa hin argamsiisne hawwee ture. Haa taʼu malee, wanta Yihowaan “Lubbuu kee akka oolfattu nan godha” jechuudhaan waadaa isaaf gale qofa abdiidhaan eeggachuu qaba ture. (Er. 45:1-5) Waaqayyo nama magaalaa baduuf jettu sana keessa jiraatu kamiif iyyuu qabeenya isaa akka hin oolchine beekamaa dha. (Er. 20:5) Gara dhuma sirna kanaatti dhihaachaa waan jirruuf, yeroon kun yeroo qabeenya dabalataa itti kuufannu miti. Qabeenyi keenya hammam iyyuu bakka guddaa kan kenninuuf yoo taʼe ykn gatiin isaa guddaa yoo taʼe, rakkina guddaa irraa akka oolu eeguu hin qabnu.—Fak. 11:4; Mat. 24:21, 22; Luq. 12:15.

7. Kanatti aansinee waaʼee maalii ilaalla? Maaliif?

7 Yesuus yaadni keenya utuu hin hihhiramin, jaalalli qabeenyaa utuu nu hin moʼin ykn dhiphinatti utuu hin galin wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akkamitti argachuu akka dandeenyu gorsa gaarii nuu kenneera. Gorsa kana kan kenne Lallaba isaa isa gaaraa irratti dha. (Mat. 6:19-21) Mee yaada Maatewos 6:25-34 irratti argamu dubbisuudhaan irratti haa mariʼannu. Kana gochuun keenya, wantoota utuu hin taʼin ‘Mootummicha barbaaduu’ akka qabnu nu amansiisa.Luq. 12:31.

YIHOWAAN WANTA KARAA FOONII NU BARBAACHISU NUU GUUTA

8, 9. (a) Wantoota nu barbaachisan ilaalchisee garmalee yaaddaʼuu kan hin qabne maaliifi? (b) Yesuus waaʼee namootaa fi wanta isaan barbaachisu ilaalchisee maal beeka ture?

8 Maatewos 6:25 dubbisi. Yesuus dhaggeeffattoonni isaa ‘waaʼee jireenya isaanii yaaddaʼuu akka dhiisan’ yeroo itti himetti, ‘dhiphachuu keessan dhiisaa’ jechuu isaa ture. Dhaggeeffattoonni sun wantoota isaan yaaddessuu hin qabne irratti yaaddaʼaa turan. Yesuus kana akka dhiisan barbaada ture; sababa itti kana jedhes qaba. Waaʼee wantoota buʼuura taʼanii illee utuu hin barbaachisin yaaddaʼuun ykn dhiphachuun, namni tokko yaadni isaa hihhiramee wantoota hafuuraa jireenyaaf caalaatti barbaachisan akka dhiisu godha. Yesuus barattoota isaatiif baayʼee waan yaaduuf, lallaba isaa irratti waaʼee hawwii balaa qabu kanaa siʼa afur dabalee isaan akeekkachiiseera.—Mat. 6:27, 28, 31, 34.

9 Yesuus waan nyaannu ykn waan dhugnu ykn waan uffannu ilaalchisee akka hin yaaddofne kan nu gorse maaliifi? Wantoonni kun wantoota buʼuuraa jireenyaaf nu barbaachisan mitii? Akka taʼan beekamaa dha! Wantoota kana argachuu yoo dadhabne yaaddaʼuun keenya hin oolu. Yesuusis kana beeka ture. Wanta guyyaa guyyaadhaan namoota barbaachisu akka gaariitti beeka ture. Kana malees, duuka buutonni isaa jaarraawwan hedduu booda “guyyoota dhumaa yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe” itti dhufu keessa jiraatan haalawwan rakkisaa keessa akka darban beeka ture. (2 Xim. 3:1) Haalawwan rakkisaan kun hojii dhabuu, kufaatii dinagdee, hanqina nyaataa fi deega guddaa namoota baayʼee irra gaʼu kan dabalatani dha. Haa taʼu malee, Yesuus ‘jireenyi nyaata irra, qaamnis uffata irra akka caalu’ hubatee ture.

10. Yesuus duuka buutonni isaa akkamitti akka kadhatan yeroo barsiisetti, wanti jireenya isaanii keessatti dursi kennamuufii qabu maal akka taʼe dubbate?

10 Yesuus lallaba isaa irratti dhaggeeffattoonni isaa, “Nyaata harʼaaf nu barbaachisu nuu kenni” jechuudhaan wantoota karaa foonii isaan barbaachisan Abbaa isaanii isa samii kadhachuu akka dandaʼan itti himeera. (Mat. 6:11) Yeroo booda immoo, “Nyaata guyyichaaf nu barbaachisu, guyyaa guyyaadhaan nuu kenni” jedhanii akka kadhatan itti himeera. (Luq. 11:3) Gorsi kun garuu, wanti karaa foonii nu barbaachisu ilaalcha keenya toʼachuu akka qabu kan argisiisu miti. Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiise kana irratti, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhachuudhaaf dursa kenneera. (Mat. 6:10; Luq. 11:2) Achiis Yesuus, dhaggeeffattoota isaa tasgabbeessuuf jecha, seenaa Yihowaan wanta uumamawwan isaa barbaachisu guutuudhaan galmeessise caqaseera.

11, 12. Akkaataa Yihowaan simbirroota samiitiif kunuunsa itti godhu irraa maal baranna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

11 Maatewos 6:26 dubbisi. ‘Simbirroota samii xiyyeeffannaadhaan ilaaluu’ qabna. Uumamawwan baayʼee xixinnoo taʼan kun firii, sanyii, ilbiisota ykn raammoo nyaatu. Ulfaatina qaama isaanii wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu namoota caalaa baayʼee nyaatu. Taʼus, nyaata argachuuf jecha lafa qotanii sanyii hin facaasan. Yihowaan wanta isaan barbaachisu hunda isaaniif guuta. (Far. 147:9) Dhugaa dha, nyaata afaan isaanii irra hin kaaʼuuf! Deemanii nyaata barbaaduu kan qaban taʼus, iddoo isaan dhaqan nyaanni guuteera.

12 Yesuus, Abbaan isaa inni samii simbirrootaaf nyaata erga kennee, namootaaf akka kennu matumaa shakkii hin qabu ture. [1] (1 Phe. 5:6, 7) Yihowaan nyaata afaan irra nu hin kaaʼu; garuu carraaqqii midhaan biqilchuuf ykn qarshii wanta yeroo hunda nu barbaachisu ittiin bitannu argachuuf goonu nuu eebbisuu dandaʼa. Wanta nu barbaachisu nuu guutuuf, warri kaan waan qaban akka nuu kennan isaan kakaasuu dandaʼa. Yesuus waaʼee simbirroota samiitiif daʼoo argamsiisuu dubbachuu baatus, Yihowaan uumamaan dandeettii fi wantoota mana isaanii ijaaruuf isaan gargaaran isaaniif kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan iddoo jireenyaa maatii keenyaaf taʼu akka argannu nu gargaara.

13. Simbirroota samii akka caallu wanti mirkaneessu maali dha?

13 Yesuus, “Maarree isin [simbirroota samii] irra hin caaltanii?” jedhee dhaggeeffattoota isaa gaafate. Yesuus kana kan dubbate lubbuu isaa ilmaan namootaatiif dabarsee kennuuf akka jedhu yaadatti qabatee akka taʼe hin shakkisiisu. (Luq. 12:6, 7 wajjin wal bira qabii ilaali.) Aarsaan furii Kiristoos simbirroota samii dabalatee, lubbu qabeeyyii kan biraa kamiif iyyuu hin kennamne. Kanaa mannaa, Yesuus jireenya xumura hin qabne akka argannuuf nuuf duʼe.—Mat. 20:28.

14. Namni dhiphatu tokko maal gochuu hin dandaʼu?

14 Maatewos 6:27 dubbisi. Yesuus, namni tokko yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma tokko illee dabaluu akka hin dandeenye kan dubbate maaliifi? Waaʼee wantoota guyyaa guyyaatti nu barbaachisanii utuu hin barbaachisin yaaddaʼuun umurii keenya waan hin dheeressineefi. Yaaddoon cimaan umurii keenya gabaabsuu iyyuu ni dandaʼa.

15, 16. (a) Akkaataa Yihowaan abaaboowwan bakkee itti kunuunsu irraa maal baranna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna? Maaliif?

15 Maatewos 6:28-30 dubbisi. Namni, keessattuu yeroo sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaatu, jechuunis tajaajila irratti ykn walgaʼiiwwan irratti yeroo hirmaatu uffata gaarii uffachuu hin barbaadne jiraa? Taʼus, ‘wanta uffannuuf yaaddaʼuu’ qabnaa? Yeroo kanattis Yesuus wanta Yihowaan uume irratti akka xiyyeeffannu godhe. Gama kanaan, bifa “abaaboowwan bakkee” qaban irraa waan baayʼee barachuu dandeenya. Yesuus abaaboowwan garaa garaa bifa adda addaa qabanii fi babbareedoo taʼan sammuutti qabatee taʼuu hin oolu. Uumamawwan kun jirbii foʼuun, uffata hodhuun ykn dhaʼuun isaan hin barbaachisu. Taʼus bifni isaanii baayʼee bareeda! “Solomoon inni ulfina hamma sana qabu illee, isaan keessaa hamma ishii tokkoo illee hin miidhagne!”

16 Ergaa Yesuus dabarsuu barbaade hubadhaa; akkana jedhe: “Waaqayyo biqiltoota bakkee . . .  akkanatti uffisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uffisuu ree?” Akka akkana godhu beekamaa dha! Barattoonni Yesuus garuu hamma tokko amantiin isaanii hirʼateera. (Mat. 8:26; 14:31; 16:8; 17:20) Yihowaa irratti amantii cimaa qabaachuun isaan barbaachisa ture. Nuti hoo? Fedhii fi dandeettii Yihowaan wanta nu barbaachisu nuu guutuuf qabu irratti amantiin qabnu hammam cimaa dha?

17. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu maaltu balleessuu dandaʼa?

17 Maatewos 6:31, 32 dubbisi. ‘Saboota kaan’ warra Abbaa keenya isa samii jaalala qabeessa taʼee fi namoota jireenya isaanii keessatti Mootummaa isaatiif dursa kennan kunuunsu irratti amantii dhugaa hin qabne fakkaachuu hin qabnu. ‘Wantoota saboonni kaan argachuuf hawwii guddaa qaban’ walitti qabachuuf carraaquun, walitti dhufeenya nuti Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessa. Wanta nu irraa barbaadamu yoo goone, jechuunis jireenya keenya keessatti wantoota hafuuraatiif dursa yoo kennine garuu, Yihowaan wanta gaarii nuu gochuu irraa duubatti akka hin jenne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. ‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuun keenya, “nyaataa fi uffata” ykn “waan ittiin jiraatanii fi mana” qabaachuu keenyatti akka gammadnu gochuu qaba.—1 Xim. 6:6-8; mil.

MOOTUMMAA WAAQAYYOOTIIF DURSA NI KENNITUU?

18. Waaʼee keenya ilaalchisee Yihowaan maal beeka? Achii hoo maal nuuf godha?

18 Maatewos 6:33 dubbisi. Barattoonni Kiristoos jireenya isaanii keessatti yeroo hunda Mootummichaaf dursa kennuu qabu. Yoo akkas goone, akkuma Yesuus jedhe ‘wantoonni kun hundi nuuf ni dabalamu.’ Yesuus kana kan jedhe maaliifi? “Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi [wantoonni jireenyaaf barbaachisan] akka isin barbaachisan beeka” jechuudhaan lakkoofsa kana dura jiru irratti dubbateera. Yihowaan nyaata, uffataa fi mana ilaalchisee dhuunfaatti wanti nu barbaachisu maal akka taʼe utuu nuti hin beekin iyyuu salphaatti hubachuu ni dandaʼa. (Filp. 4:19) Yeroo itti aanutti uffanni keenya inni kam akka moofaʼu beeka. Wanta nyaataaf nu barbaachisu, akkasumas iddoo jireenyaa gaʼaa maatii keenyaaf taʼu beeka. Yihowaan wanta dhuguma nu barbaachisu beeka.

19. Wanta gara fuulduraatti taʼuu dandaʼu ilaalchisee yaaddaʼuu kan hin qabne maaliifi?

19 Maatewos 6:34 dubbisi. Yesuus siʼa lammaffaadhaaf, “Hin yaaddaʼinaa” akka jedhe hubadhaa. Yesuus, Yihowaan akka nu gargaaru guutummaatti amanuudhaan, waaʼee borii akka hin yaaddofne barbaada. Namni tokko wanta gara fuulduraatti taʼu ilaalchisee garmalee kan yaaddaʼu yoo taʼe, Waaqayyotti utuu hin taʼin, ofitti amanamuu jalqaba; kun immoo walitti dhufeenya inni Yihowaa wajjin qabu jalaa miidhuu dandaʼa.—Fak. 3:5, 6; Filp. 4:6, 7.

MOOTUMMICHA DURSAA, ISA HAFE YIHOWAAN ITTI GUUTA

Caalaatti Mootummicha irratti xiyyeeffachuuf jireenya kee salphisuu ni dandeessaa? (Keeyyata 20 ilaali)

20. (a) Tajaajila Yihowaa wajjin haala wal qabateen galma akkamii baafachuu dandeessa? (b) Jireenya kee salphisuuf maal gochuu dandeessa?

20 Jaalala qabeenyaatiif jecha Mootummicha dursuu dhiisuun gowwummaa dha. Kanaa mannaa galmawwan hafuuraa hordofuu qabna. Fakkeenyaaf, gumii babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti itti barbaachisan deemtee tajaajiluu ni dandeessaa? Qajeelchaa taʼuu ni dandeessaa? Qajeelchaa taatee tajaajilaa kan jirtu yoo taʼe immoo, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti hirmaachuu yaaddee beektaa? Darbee darbee gara Betʼel ykn gara waajjiroota hiikkaa deddeebiʼuudhaan gargaarsa gochuu ni dandeessaa? Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa keessatti fedhiidhaan gargaarsa gochuudhaan, darbee darbee ijaarsawwan Galma Mootummaa irratti hirmaachuu ni dandeessaa? Sochiiwwan Mootummichaa irratti caalaatti akka hirmaattutti, jireenya kee salphisuuf maal gochuu akka dandeessu yaadi. Saanduqa “ Jireenya Keessan Salphisuu kan Dandeessan Akkamitti?” jedhu irratti kadhannaadhaan erga yaaddee booda, tarkaanfiiwwan barbaachisaa galma kee irra gaʼuuf si gargaaran fudhadhu.

21. Yihowaatti akka dhihaattu wanti si gargaaru maali dha?

21 Yesuus wantoota utuu hin taʼin, Mootummicha akka barbaadnu nu barsiisuun isaa sirrii dha. Kana gochuudhaan, wantoota karaa foonii nu barbaachisaniif yaaddaʼuu dhiisuu dandeenya. Yihowaatti yoo amanamne, akkasumas hawwiin keenya akka nu toʼatu heyyamuu yoo dhiisne ykn bituu kan dandeenyu taʼus wanta addunyaan dhiheessu hunda bituu yoo dhiisne Yihowaatti dhihaachuu ni dandeenya. Yeroo ammaatti jireenya keenya salphisuun keenya, ‘jireenya dhugaa yeroo dhihootti dhufu jabeessinee qabachuuf’ nu gargaara.—1 Xim. 6:19.

^ [1] (keeyyata 12) Yeroo tokko tokko Yihowaan Kristiyaanni tokko nyaata gaʼaa dhabee akka rakkatu kan heyyamu maaliif akka taʼe hubachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 2014, ful. 22 irra jiru ilaali.