Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hin Sodaatin. Ani Sin Gargaara”

“Hin Sodaatin. Ani Sin Gargaara”

HALKAN walakkaa daandii irra deemaa akka jirtutti yaadi. Achiis wanti tokko si hordofaa akka jiru hubatte. Yeroo ati dhaabattu, inni si hordofaa jirus ni dhaabata. Saffisa kee yeroo dabaltu immoo, saffisa isaa dabala. Achiis fiigdee, mana hiriyaa keetii naannoo sanatti argamutti baqatta. Hiriyaan kee sun balbala sii banee yommuu si simatu tasgabbiin waan sitti dhagaʼamuuf ‘uffee’ jetta.

Tarii haalli akkanaa kallattiidhaan si mudatee hin beeku taʼa; garuu yaaddoo kan biraan jireenya kee keessatti si mudatu akka ati sodaattu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, dogoggora dhiisuu barbaadduu fi irra deddeebitee raawwachaa jirtu tokkoo wajjin walʼaansoo gochaa jirtaa? Yeroo dheeraadhaaf hojii malee jiraachaa jirtaa? Hojii argachuuf carraaqqii gootus hojii argachuu hin dandeenyee? Dullumaa fi rakkina fayyaa gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu ilaalchisee yaaddaʼaa jirtaa? Yookiin immoo wanti si dhiphisu kan biraan jiraa?

Rakkinni si mudatu maal iyyuu yoo taʼe, qaama yaaddoo kee itti himattuu fi yeroo barbaachisutti si gargaaruu dandaʼu qabaachuu hin barbaadduu? Michuu dhihoo akkanaa qabdaa? Eeyyee, qabda! Isaayaas 41:8-13 irratti Yihowaan Abrahaam isa amanamaa tureef michuu akka taʼe ibsameera; siifis michuu akkanaa ti. Lakkoofsa 10 fi 13 irratti Yihowaan tajaajiltoota isaatiin akkana jedheera: “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na’in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba. Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o’ siin jedhuu dha.”

“OL SIN QABA”

Yaadni kun si hin jajjabeessuu? Wanta Yihowaan waadaa siif gale kana yaadaan ilaali. Caqasni kun Yihowaa wajjin harka wal qabdee akka deemtu akka hin ibsine hubadhu; kana yaaduun iyyuu baayʼee namatti tola. Taʼus, Yihowaa wajjin harka wal qabdee deemta yoo taʼe, harka isaa mirgaatu harka kee bitaa qaba. Haa taʼu malee, Yihowaan haala dhiphisaa jireenya kee keessatti si mudatu jalaa si baasuuf, ‘irree qajeelummaa isaa isa mirgaa’ diriirsee “harka kee mirgaa” qaba. Yeroo kana godhuttis, “Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o” jedhee si jajjabeessa.

Yihowaa Abbaa jaalala qabeessaa fi Michuu yeroo dhiphinaatti si gargaaru akka taʼetti ilaaltaa? Inni waaʼee kee ni yaada, nageenyi kee isa yaaddessa, akkasumas si gargaaruuf qophaaʼaa dha. Yihowaan baayʼee waan si jaallatuuf, rakkinni yeroo si irra gaʼu tasgabbiin akka sitti dhagaʼamu barbaada. Inni dhuguma iyyuu “rakkina keessatti gargaaraa” dha.—Far. 46:1.

DOGOGGORA KANAAN DURA RAAWWANNEEF OF CEEPHAʼUU

Namoonni tokko tokko amala isaanii kanaan duraatiin kan kaʼe baayʼee of komatu; akkasumas Waaqayyo kan isaaniif dhiisu taʼuu isaa ni shakku. Haalli kee kanaa wajjin wal fakkaata yoo taʼe, waaʼee Iyoob isa amanamaa “yakka bara ijoollummaa” isaa dubbatee yaadi. (Iyo. 13:26) Daawit faarfatichis miirri wal fakkaatu waan itti dhagaʼameef, “Cubbuu ijoollummaa koo fi irra-daddarbaa koo hin yaadatin” jedhee Yihowaa kadhateera. (Far. 25:7) Mudaa waan qabnuuf hundi keenya iyyuu ‘cubbuu hojjenneerra; ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandeenye.’—Rom. 3:23.

Yaadni Isaayaas boqonnaa 41 irra jiru, jalqaba kan barreeffame saba Waaqayyoo warra duriitiif ture. Cubbuun isaanii cimaa waan tureef, Yihowaan Baabiloniin akka boojiʼaman isaanitti murteessee ture. (Isa. 39:6, 7) Haa taʼu malee, yeroo kanatti iyyuu Waaqayyo namoota qalbii jijjiirratanii gara isaatti deebiʼan yeroo itti oolchu hawwiidhaan eeggata ture! (Isa. 41:8, 9; 49:8) Yihowaan yeroo harʼaattis namoota isa biratti fudhatama argachuu barbaadaniif garaan isaa balʼaa dha.—Far. 51:1.

Muuxannoo Taakuyaa * haa ilaallu; Taakuyaan, poornoogiraafii ilaaluu fi qaama hormaataa ofii susukkuumuudhaan gammaduun amala isatti taʼee ture. Amalli kun yeroo baayʼee itti deddeebiʼee isa rakkisa ture. Maaltu isatti dhagaʼama ture? “Guutummaatti gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama ture; Yihowaan dhiifama akka naa godhu yeroon isa kadhadhu garuu, bakkan kufee na kaasa ture.” Yihowaan kana kan godhe akkamitti? Gumii Taakuyaa keessa jaarsoliin jiran, yeroo amalli kun itti deebiʼu hundatti akka isaan haasofsiisu isatti himanii turan. Taakuyaan, “Isaan haasofsiisuun salphaa hin turre; yeroon isaan haasofsiisu hundatti garuu jajjabinan argadha ture” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Achiis jaarsoliin kun, ilaaltuun ol aanaa aanaa Taakuyaa akka haasofsiisuuf haala mijeessan. Ilaaltuun ol aanaa aanaa kunis akkana jedheen: “Kanan as dhufe akkuma tasaa miti. Jaarsoliin asitti akkan argamu waan barbaadaniifi. Daawwannaan kun akka siif godhamu si filataniiru.” Taakuyaan, “Cubbuu kanan hojjedhe taʼus, Yihowaan karaa jaarsolii gargaarsa naaf godheera” jedheera. Taakuyaan guddina gochuudhaan qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu kan dandaʼe siʼa taʼu, yeroo ammaatti immoo waajjira damee tokko keessatti tajaajilaa jira. Waaqayyo akkuma obboleessa kana gargaare, siinis iddoo ati kuftee si kaasa.

WANTOOTA JIREENYAAF BARBAACHISAN ARGACHUU ILAALCHISEE YAADDAʼUU

Hojii dhabuun namoota hedduu yaaddessa. Namoonni tokko tokko hojii isaanii kan dhaaban siʼa taʼu, hojii kan biraa argachuun immoo itti ulfaateera. Nama qacaru hunda biratti fudhatama utuu dhabdee maaltu akka sitti dhagaʼamu yaadi. Haalli akkanaa namoonni tokko tokko kabaja ofiif qaban akka dhaban godha. Yihowaan kan si gargaaru akkamitti ree? Takkaatti hojii gaarii akka argattu gochuu dhiisuu dandaʼa; haa taʼu malee, wanta Daawit Mootichi akkana jechuudhaan dubbate akka yaadattu gochuudhaan si gargaaruu dandaʼa: “Dargaggummaa argeera, dulluma biras ga’eera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku.” (Far. 37:25) Eeyyee, Yihowaa biratti gatii guddaa qabda; wanta isa tajaajiluu kee itti fufuuf si barbaachisu akka argattu ‘irree qajeelummaa isaa isa mirgaatiin’ si gargaaruu dandaʼa.

Yoo hojii dhabde Yihowaan si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Saaraan ishiin Kolombiyaa jiraattu, humna Yihowaan oolchuuf qabu jireenya ishii keessatti argiteetti. Dhaabbata beekamaa tokko keessatti, hojii ulfaataa qarshii hedduu ishiidhaaf argamsiisu hojjetti turte. Taʼus, Yihowaadhaaf caalaatti hojjechuu barbaadde; kanaaf, hojii ishii dhaabdee qajeelchituu taate. Haa taʼu malee, hojii guyyaa walakkaa salphaatti argachuu hin dandeenye. Aayiskireemii gurguruu kan jalqabde taʼus, yeroo booda qarshiin waan jalaa dhumeef suuqii ishii cufte. Saaraan, “Waggoonni dheeraan sadii darbaniiru; taʼus Yihowaan haa galatoomuutii obsaan dandaʼeera” jetteetti. Garaa garummaa jireenya qananii fi wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu gidduu jiru, akkasumas waaʼee borii yaaddaʼuu akka hin qabne hubatteetti. (Mat. 6:33, 34) Yeroo booda, namni kanaan dura ishii qacare ishii waamee hojii ishii duraaniitti akka deebitu ishii gaafate. Ishiinis, guyyaa walakkaa kan hojjettu yoo taʼee fi sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuuf yeroo kan argattu yoo taʼe qofa afeerraa kana akka fudhattu itti himte. Saaraan akka kanaan duraa qarshii hedduu kan hin arganne taʼus, qajeelchituu taatee itti fufuu dandeesseetti. Yeroo kana hundatti ‘harka Yihowaa isa jaalala qabeessa akka argite’ dubbatteetti.

YAADDOO DULLUMAA DABALAA DEEMU

Yaaddoo guddaan kan biraan immoo dulluma dha. Namoonni hedduun umurii sooruma itti baʼan irra yeroo gaʼan, kana booda itti tolee jiraachuuf qarshii gaʼaa kan argatan taʼuun isaa isaan yaaddessa. Kana malees, rakkinni fayyaa yommuu caalaatti dulloomanitti isaan mudachuu dandaʼu isaan yaaddessa. “Bara dullumaatti ana hin gatin, yeroo humni koo dhumus ana hin dhiisin” jedhee Yihowaa kan kadhate Daawit taʼuu hin oolu.—Far. 71:9, 18.

Tajaajiltoonni Yihowaa umurii dullumaatti tasgabbii argachuu kan dandaʼan akkamitti ree? Waaqayyo wanta isaan barbaachisu akka isaaniif guutu isatti amanamuu isaanii itti fufuu qabu. Waggoota hedduudhaaf jireenya qananii jiraachaa kan turan yoo taʼe, jireenya isaanii salphisuu fi wanta qabanitti gammaduu akka qaban beekamaa dha. “Cooma sangaa” nyaachuu mannaa “raafuu” nyaachuun isaan gammachiisuu fi tarii immoo fayyaa isaaniitiif iyyuu caalaatti gaarii taʼuu dandaʼa! (Fak. 15:17) Yihowaa gammachiisuu irratti yoo xiyyeeffatte, yeroo dullumaatti wanta si barbaachisu siif guuta.

Hoosee fi Rooz, Toonii fi Weendii wajjin

Haala Hoosee fi Rooz warra tajaajila yeroo guutuudhaan waggaa 65 Yihowaa tajaajilanii ilaali. Waggoota hedduudhaaf, abbaa Rooz isa saʼaatii 24f xiyyeeffannaa barbaadu kunuunsaa turan. Hooseen immoo sababa kaansariitiin walʼaansi baqaqsanii hodhuu, akkasumas yaaliin keemooteeraappii isaaf godhameera. Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa amanamoo kanaaf irree isaa mirgaa diriirseeraa? Eeyyee, garuu akkamitti? Hiriyoota gaaʼelaa gumii isaanii Toonii fi Weendii jedhamanii fi mana isaaniif kennanitti fayyadamee isaan gargaareera. Toonii fi Weendiin qajeelchitoota yeroo guutuutiif mana kana kaffaltii malee kennuu barbaadu turan. Tooniin yeroo barumsa sadarkaa lammaffaa barachaa turetti Hoosee fi Rooz yeroo hundumaa tajaajila irratti yommuu hirmaatan karaa foddaa mana barumsaatiin ilaalaa ture. Hinaaffaa isaan irratti argeef baayʼee kan isaan jaallate taʼuu isaa irra iyyuu, dhiibbaa guddaa isa irratti godheera. Toonii fi Weendiin, hiriyoonni gaaʼelaa kun jireenya isaanii guutummaatti Yihowaadhaaf akka kennan yommuu argan ofitti isaan fudhachuuf kakaʼan. Toonii fi Weendiin waggoota kudha shanan darbaniif, Hoosee fi Rooz warra yeroo ammaatti walakkeessa waggoota 80⁠nii keessatti argaman gargaaraniiru. Maanguddoonni kun gargaarsa hiriyoonni gaaʼelaa kun isaaniif godhan akka kennaa Yihowaatti ilaalu.

Waaqayyo sittis ‘irree qajeelummaa isaa isa mirgaa’ qabaa jira. Ati hoo Waaqa isa, “Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o” jechuudhaan waadaa siif galetti harka ni diriirsitaa?

^ KEY. 11 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.