Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkaataan Uffannaa Kee Waaqayyoof Ulfina ni Fidaa?

Akkaataan Uffannaa Kee Waaqayyoof Ulfina ni Fidaa?

“Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa.” —1 QOR. 10:31.

FAARFANNAA: 34, 29

1, 2. Dhugaa Baatonni Yihowaa ulaagaa uffannaa ol aanaa taʼe kan hordofan maaliifi? (Suuraa fuula jalqabaa irra jiru ilaali.)

GAAZEXAAN Afaan Dachii tokko walgaʼii gaggeessitoota waldootaa ilaalchisee akkana jedhee gabaaseera: “Keessumaa yeroo hoʼaa, uffata seera qabeessa hin taane uffatanii arguun baramaa dha. Walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa irratti garuu haalli isaa kana irraa adda dha. . . . Dhiironni ijoollee taʼanii fi guguddoon uffata guutuu fi karabaatii, ijoolleen durbaa fi dubartoonni immoo qamisii dheerinni isaa . . . gaarii taʼe, garuu immoo uffata ammayyaa uffatu.” Eeyyee, Dhugaa Baatonni Yihowaa, “maal naan jedhuu fi hubannaadhaan uffata ulfina qabeessa uffachuudhaan . . . [warra] Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti” waan of miidhagsaniif yeroo baayʼee ni galateeffatamu. (1 Xim. 2:9, 10, miiljalee) Phaawulos kan dubbate waaʼee dubartootaa taʼus, ulaagaan kun dhiirota Kiristiyaanota taʼaniifis ni hojjeta.

2 Saba Yihowaa waan taaneef, ulaagaa uffataa sirrii taʼe qabaachuun keenya barbaachisaa dha; Waaqni inni waaqeffannus kanaaf iddoo guddaa kenna. (Uma. 3:21, NW) Wanti Kitaabni Qulqulluun uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsinu ilaalchisee dubbatu, Yihowaa inni uumama cufa irratti Ol Aantummaa qabu waaqeffattoota isaa warra dhugaatiif ulaagaa uffannaa seera qabeessa taʼe akka baase argisiisa. Kanaaf, uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsinu kan filannu waan nu gammachiisuuf qofa taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, wanta Yihowaa isa Gooftaa Ol Aanaa taʼe gammachiisus tilmaama keessa galchuu qabna.

3. Seera Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne irraa waaʼee uffannaa maal baranna?

3 Fakkeenyaaf, Seera Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne keessa qajeelfamni jireenya gadhiisii saboonni naannoo isaanii jiran hordofan irraa isaan eegu jira ture. Seerichi jibba Yihowaan uffannaa dhiiraa fi durba gargar baasanii beekuuf rakkisuuf qabu kan argisiisu dha. Uffannaan akkasii yeroo ammaatti faashinii saala lamaaniif taʼu jedhama. (Keessa Deebii 22:5 dubbisi.) Qajeelfama Waaqayyo uffannaa ilaalchisee kenne irraa, Waaqayyo akkaataa uffannaa dhiira durba fakkeessu, durba immoo dhiira fakkeessu ykn dhiiraa fi durba gargar baasuuf rakkisutti akka hin gammanne hubanna.

4. Uffannaa ilaalchisee Kiristiyaanonni murtoo gaarii akka godhan maaltu isaan gargaara?

4 Dubbiin Waaqayyoo dhugaa buʼuuraa Kiristiyaanonni uffannaa ilaalchisee murtoo gaarii akka godhan gargaaru qabateera. Kun eessa iyyuu yoo jiraatan, aadaan isaanii ykn haalli qilleensaa isaa maal iyyuu yoo taʼe ni hojjeta. Qajeelfamni balʼaan uffannaan inni kam fudhatama akka qabuu fi inni kam fudhatama akka hin qabne ibsu nu hin barbaachisu. Kanaa mannaa, dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu filannoo dhuunfaa gochuuf nu dandeessisuun gaggeeffamna. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wanta uffannu yeroo murteessinutti, “wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne” adda baasnee beekuuf nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu.—Rom. 12:1, 2.

“AKKA TAJAAJILTOOTA WAAQAYYOOTTI OF DHIHEESSINA”

5, 6. Uffannaan keenya namoota irratti dhiibaa akkamii geessisa?

5 Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan gaggeeffamee dhugaa buʼuuraa barbaachisaa 2 Qorontos 6:4 (dubbisi) irra jiru barreesseera. Uffannaan keenya waaʼee keenya ni dubbata. Namoonni baayʼeen ‘wanta alaan mulʼatu ilaalanii’ waaʼee keenya yaada taʼe tokko qabaachuu fi dubbachuu dandaʼu. (1 Sam. 16:7, NW) Kanaafuu, akka tajaajiltoota Waaqayyootti uffannaan keenya wantuma nutti tolu uffachuu caalaa hiika akka qabu ni hubanna. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irra jiran uffata dhaqnatti maxxanu, qaama mulʼisuu fi fedhii saalaa kakaasu uffachuu irraa akka fagaannu godha. Kun uffata kutaawwan qaamaa mulʼachuu hin qabne qullaatti hambisu ykn xiyyeeffannaa akka harkisan godhu ni dabalata. Namni kam iyyuu uffannaa keenya yeroo argu dhiphachuu ykn iddoo biraa ilaaluuf dirqamuu hin qabu.

6 Qulqulluu, seeraan kan uffannuu fi kan of miidhagsinu yoo taane, namoonni akka tajaajiltoota Yihowaa isa Gooftaa Ol Aanaa taʼeetti caalaatti nu kabaju. Waaqa isa nuti waaqeffannu beekuufis kakaʼuu dandaʼu. Kana malees, uffannaa sirrii uffachuun keenya waaʼee jaarmiyaa bakka buunee akka gaariitti ibsa. Kunis namoonni ergaa lubbu baraarsaa isaanitti himnuuf xiyyeeffannaa akka kennan godha.

7, 8. Keessumaa uffata sirrii uffachuu kan qabnu yoomi?

7 Waaqa keenya isa qulqulluu, obboloota keenya hafuuraa fi namoota tajaajila irratti argannuuf jecha, uffata ergaa dubbannuu fi Yihowaadhaaf ulfina fidu uffanna. (Rom. 13:8-10) Keessumaa sochiiwwan Kiristiyaanaa kan akka walgaʼii gumii fi hojii lallabaa irratti yommuu hirmaannu akkas goona. “[Namoota] Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti” uffachuu qabna. (1 Xim. 2:10) Uffanni naannoo tokkotti fudhatama qabu naannoo kan biraatti fudhatama qabaachuu dhiisuu akka dandaʼu beekamaa dha. Kanaaf, sabni Yihowaa addunyaa mara irra jiran namoota akka hin mufachiisneef jecha aadaa naannoo sanaa xiyyeeffannaa keessa ni galchu.

Uffannaan kee Waaqa isa bakka buutuuf ulfina ni fidaa? (Keeyyata 7, 8 ilaali)

8 Qorontos Isa Duraa 10:31 dubbisi. Walgaʼiiwwan guguddaa irratti yommuu argamnu, uffannaan keenya sirrii fi seera qabeessa taʼuu qaba malee akkaataa uffannaa addunyaa keessatti barame kan calaqqisiisuu taʼuu hin qabu. Hoteela yeroo qabannuu fi yeroo gadhiisnu, akkasumas walgaʼii guguddaa duraa fi booda yommuu bashannannu uffata seera qabeessa hin taane ykn akka dantaa hin qabne argisiisu uffachuu irraa of qusachuu qabna. Akkas yoo goone Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya afaan guunnee dubbachuu dandeenya. Akkasumas, carraa isaa yeroo arganutti qaanii tokko malee dhugaa baʼuu dandeenya.

9, 10. Filiphisiyus 2:4 akkaataa uffannaa keenyaaf kan hojjetu akkamitti?

9 Filiphisiyus 2:4 dubbisi. Kiristiyaanonni uffannaan isaanii waaqeffattoota kaan irra dhiibbaa akkamii akka geessisu yaaduu kan qaban maaliifi? Sababiin inni jalqabaa sabni Waaqayyoo gorsa Kitaaba Qulqulluu isa, “Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne [dha]” jedhu hojii irra oolchuuf carraaqqii cimaa waan godhaniifi dha. (Qol. 3:2, 5) Obboloonni keenya gorsa kana hojii irra oolchuun akka isaanitti ulfaatu gochuu hin barbaannu. Obboloonni jireenya gadhiisii dhiisanii dhufan tokko tokko, amma iyyuu fedhii dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochaa jiru taʼa. (1 Qor. 6:9, 10) Walʼaansoon godhan akka isaanitti ulfaatu gochuu hin barbaannu!

10 Uffanni obboloota keenyaa wajjin yeroo taanutti uffannu gumiin karaa naamusaa qulqulluu akka taʼu gochuu irratti gahee guddaa qaba. Kun walgaʼii irrattis taʼe iddoo biraatti yeroo waliin dabarsinutti ni hojjeta. Wanta uffannu filachuuf mirga qabna. Taʼus, hundi keenya iyyuu uffata warri kaan qulqullummaa isaanii eeganii jiraachuun, akkasumas yaadaan, dubbii fi gochaan ulaagaa Waaqa keenya isa qulqulluu eeguun akka isaanitti salphatu godhu uffachuuf itti gaafatamummaa qabna. (1 Phe. 1:15, 16) Jaalalli dhugaan, “amala sirrii hin taane hin argisiisu, faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.”—1 Qor. 13:4, 5.

UFFATA YEROO FI IDDOO SANAAF TAʼU

11, 12. Wanta uffannu yommuu filannu wantoota akkamii tilmaama keessa galchu qabna?

11 Tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta uffatan ilaalchisee murtoo yommuu godhan, gorsa “wanti hundinuu, hojiin hundinuus yeroo qaba” jedhu tilmaama keessa galchu. (Lal. 3:1, 17) Haalli qilleensaa adda addaa fi waqtiileen jijijjiiramuun isaanii wanta uffannu irratti dhiibbaa akka geessisan beekamaa dha. Haalli garaa garaa keessa jirruu fi akkaataan jireenyaa keenyas dhiibbaa qaba. Haa taʼu malee ulaagaan Yihowaa haala qilleensaa wajjin hin jijijjiiramu.—Mil. 3:6.

12 Haalli qilleensaa hoʼaa yeroo taʼutti, akkaataan uffannaa keenya ulfina qabeessa akka taʼu, akkasumas hubannaa fi murtoo gaarii irratti kan hundaaʼe akka taʼu gochuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Taʼus, obboloonni keenya uffata dhaqnatti maxxanu ykn uffata gara dhabaa uffachuu irraa yeroo of qusannu ni dinqisiifatu. (Iyo. 31:1) Kana malees, naannoo galaanaatti yommuu bashannannu ykn iddoo bishaan daakaatti, uffanni bishaan daakuuf uffannu madaallii isaa kan eege taʼuu qaba. (Fak. 11:2, NW; Fak. 11:20) Namoonni addunyaa hedduun uffata daakaa qaama mulʼisu kan uffatan taʼus, nuti warri Yihowaa tajaajillu Waaqa qulqulluu jaallannuuf uffannaa keenyaan ulfina kennuu barbaanna.

13. Gorsi 1 Qorontos 10:32, 33 irra jiru filannaa uffannaa keenya irratti jijjiirama fiduu kan qabu maaliifi?

13 Qajeelfamni barbaachisaan uffata sirrii filachuuf nu gargaaru kan biraanis jira. Dhugaa Baatota taʼanis taʼuu baatanis qalbii warra kaaniitiif yaaduu qabna. (1 Qorontos 10:32, 33 dubbisi.) Uffata warra kaan mufachiisu uffachuu irraa of qusachuu qabna. Phaawulos “Tokkoon tokkoon keenya wanta gaarii isaaniif gochuu fi isaan cimsuudhaan warra kaan haa gammachiisnu” jedhee barreessera. Itti fufees, “Kiristoos illee of hin gammachiisne” jechuudhaan sababii isaa ibseera. (Rom. 15:2, 3) Eeyyee, Yesuus faayidaa mataa isaatiif utuu hin taʼin namoota gargaaruuf dursa kenneera; kun immoo fedha Waaqayyoo raawwachuuf isa gargaareera. Kanaaf, gosa uffataa ykn akkaataa uffannaa tokko kan jaallannu taʼus, namoonni ergaa lallabnu akka hin fudhanne kan godhu taanaan ni dhiisna.

14. Warri ijoolleen isaanii akkaataa uffannaa isaaniitiin Waaqayyoof ulfina akka kennan leenjisuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Warri Kiristiyaanota taʼan maatiin isaanii qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra akka oolchu barsiisuuf itti gaafatamummaa qabu. Kun immoo isaanis taʼan ijoolleen isaanii uffannaanii fi akkaataan itti of miidhagsan seera qabeessa akka taʼu gochuudhaan garaa Waaqayyoo ciibsuuf carraaquu kan dabalatu dha. (Fak. 22:6; 27:11) Warri, ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuu fi qajeelfama jaalala irratti hundaaʼe kennuudhaan, ijoolleen isaanii Waaqa qulqulluu isa waaqeffataniif kabaja akka qabaatan barsiisuu dandaʼu. Ijoolleen isaanii eessaa, akkasumas akkamitti uffata sirrii argachuu akka dandaʼan barsiisuun isaaniis baayʼee gaarii dha! Wanta jaallatan qofa utuu hin taʼin, wanta mirga Yihowaa bakka buʼuuf qaban raawwachuuf isaan dandeessisu akka filatan barsiisuu qabu.

MIRGA FILANNAA KEESSANITTI OGUMMAADHAAN FAYYADAMAA

15. Uffannaa ilaalchisee filannoo dhuunfaa yeroo goonu wanti akka qajeelfamaatti nu gargaaruu qabu maali dha?

15 Dubbiin Waaqayyoo qajeelfama filannoo ogummaa irratti hundaaʼee fi Waaqayyoof ulfina fidu akka goonu nu gargaaru qabateera. Taʼus, wanta uffannu ilaalchisee filannoo dhuunfaa gochuu ni dandeenya. Akkuma galii keenyaa filannoon dhuunfaa keenyas garaa gara dha. Haa taʼu malee uffannaan keenya yeroo hunda qulqulluu, ulfina qabeessa, haala isaatiif kan taʼuu fi naannoo sanatti fudhatama kan qabu taʼuu qaba.

16. Uffata sirrii uffachuuf carraaqqii gochuun barbaachisaa dha kan jennu maaliifi?

16 Murtoo gaarii hubannaa irratti hundaaʼee fi haala hunda tilmaama keessa galche gochuun yeroo hunda salphaa akka hin taane amanuu qabna. Suuqiiwwan hedduun faashinoota ammayyaa waan gurguraniif qamisii, uffata dubartootaa irratti uffatamu, suufii fi surree ulfina qabeessa taʼee fi dhagnatti hin maxxanne argachuun yeroo fi carraaqqii dabalataa kan gaafatu taʼuu dandaʼa. Taʼus, obboloonni keenya carraaqqii nuti uffata bareedaa fi sirrii taʼe argachuuf goone hubachuu fi dinqisiifachuun isaanii hin oolu. Uffata isaaf ulfina fidu argachuun rakkisaa taʼus, Abbaa keenya isa samiidhaaf ulfina fiduun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa.

17. Obboleessi tokko areeda guddifachuuf dhiisuu kan qabu taʼuu isaa murteessuuf maaltu isa gargaara?

17 Obboloota areeda isaanii guddisan ilaalchisee hoo maal jechuu dandeenya? Seerri Musee dhiironni areeda isaanii akka guddisan ajaja ture. Taʼus, Kiristiyaanonni Seera Musee jala hin jiran; seericha eeguufis dirqamni isaan irra hin jiru. (Lew. 19:27; 21:5; Gal. 3:24, 25) Aadaawwan tokko tokko keessatti areeda gabaabsanii murachuun fudhatama kan qabuu fi ulfina qabeessa siʼa taʼu, ergaa Mootummichaa irratti dhiibbaa hin geessisu taʼa. Obboloonni muudaman tokko tokko iyyuu areeda qabu. Taʼus, obboloonni tokko tokko areeda isaanii guddisuu dhiisuuf murteessu taʼa. (1 Qor. 8:9, 13; 10:32) Aadaawwanii fi naannoowwan tokko tokko keessatti garuu, areeda guddifachuun baramaa miti; kanaaf, Kiristiyaana tokkoof akkas gochuun fudhatama hin qabu. Obboleessi tokko areeda qabaachuun isaa uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsuun, akkasumas kan hin komatamne taʼuudhaan Waaqayyoof ulfina fiduuf isa hin dandeessisu taʼa.—Rom. 15:1-3; 1 Xim. 3:2, 7.

18, 19. Akkaataa uffannaa keenyaan Waaqayyoon gammachiisuuf yeroo carraaqnutti Miikiyaas 6:8 kan nu gargaaru akkamitti?

18 Yihowaan uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsinu ilaalchisee seera hedduu kennuudhaan baʼaa kan nu irratti hin feene taʼuu isaatiif baayʼee isa galateeffanna. Kanaa mannaa, mirga filannaa keenyatti akka fayyadamnuu fi hubannaadhaan murtoo dhuunfaa akka goonu nuu heyyameera; taʼus, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluudhaan gaggeeffamuu qabna. Kanaaf, uffannaa keenyaa fi akkaataa itti of miidhagsinuun illee, ‘gad of deebisnee Waaqayyo keenyaa wajjin deddeebiʼuu’ akka barbaannu argisiisuu dandeenya.—Mik. 6:8.

19 Gad of deebisuun, qulqullina Yihowaa wajjin wal bira qabnee of ilaaluudhaan hamma keenya beekuu dabalata; kun immoo qajeelfama gaarii argachuu kan dandeenyu Isa irraa qofa akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Kana malees, gad of deebisuun miiraa fi ilaalcha warra kaanii kabaju dabalata. Kanaaf, ulaagaa Waaqayyoo isa ol aanaa wajjin wal simnee jiraachuu fi miira warra kaanii kabajuudhaan ‘gad of deebisnee Waaqayyoo wajjin deddeebina.’

20. Uffannaan keenyaa fi akkaataan itti of miidhagsinu warra kaan irratti dhiibbaa akkamii geessisuu qaba?

20 Filannoon uffataa keenya namoonni waaqeffattoota Yihowaa taʼuu keenya ifatti akka beekan kan godhu taʼuu qaba. Obboloonni keenyas taʼe namoonni kaan Waaqa keenya isa qajeelaa sirriitti akka bakka buunu hubachuu dandaʼuu qabu. Inni ulaagaa ol aanaa qaba; nutis ulaagaa kana hojii irra oolchuuf gammachuudhaan carraaqna. Obboloonni uffannaa fi amalli isaanii namoota garaa qajeelaa qaban gara ergaa Kitaaba Qulqulluu isa lubbu baraarsaa taʼetti harkise, akkasumas Yihowaadhaaf ulfinaa fi gammachuu fidan galateeffatamuu qabu. Uffannaa keenya ilaalchisee murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuun, Waaqa ‘surraa fi simboo uffateef’ ulfina fiduu isaa akka itti fufu beekamaa dha.—Far. 104:1, 2.