Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Ogummaatti ni Jabaattaa’?

‘Ogummaatti ni Jabaattaa’?

SHEEKKOON tokko akka jedhutti, mucaan xinnoon baadiyyaa keessa jiraatu tokko hiyyeessa ture. Namoonni magaalattii dandeettiin sammuu isaa duubatti hafaa akka taʼe waan yaadaniif, mucichatti ni kolfu turan. Yeroo keessummoonni dhufanitti, namoonni mandarichaa tokko tokko hiriyoota isaanii wajjin taʼuudhaan mucaa kanatti qoosu turan. Saantima lama, jechuunis saantima meetii guddaa tokkoo fi saantima warqii xinnoo gatiin isaa gatii meetii sanaa irra dachaa lamaan caalu harka isaaniitti qabatu turan. Achiis, “Isa barbaaddu filadhu” isaan jedhu turan. Mucichis saantima meetii sana fudhatee kaatee deema ture.

Gaaf tokko keessummaan tokko, “Gatiin saantima warqichaa saantima meetichaa irra dachaa lamaan akka caalu hin beektuu?” jedhee mucaa kana gaafate. Mucaan sunis seeqaa, “Nan beeka” jedhe. Keessummaan sunis akkana jedhee isa gaafate: “Maaliif saantima meetichaa fudhatta ree? Saantima warqichaa yoo fudhatte qarshii dachaa lama argatta.” Mucichis, “Garuu, saantima warqichaa yoon fudhadhe namoonni tapha kana anaa wajjin taphachuu isaanii dhiisu. Saantima meetii meeqa akkan kuufadhe beektaa?” isaan jedhe. Mucaan xinnoon sheekkoo sana irratti ibsame, amala namoota bilchaatoo taʼan fayyadu, jechuunis ogummaa akka qabu argisiiseera.

Kitaabni Qulqulluun: “Ogummaa fi dubbii gargar baasanii hubachuutti jabaadhu, . . . Yommus ati nagaadhaan karaa kee irra in adeemta, miilli kees hin gufatu” jedha. (Fak. 3:21, 23) Kanaafuu, “ogummaan” maal akka taʼee fi hojii irra kan oolchinu akkamitti akka taʼe beekuun keenya eegumsa nuuf taʼa. Karaa hafuuraa akka hin gufannee fi ‘miilla’ keenyaan akka dhaabannu nu gargaara.

OGUMMAAN MAALI?

Ogummaan, beekumsaa fi hubannaa irraa wanta adda taʼe dha. Namni beekumsa qabu, odeeffannoo ykn dhugaawwan tokko tokko kuufata. Namni hubannaa qabu, dhugaan tokko isa kaanii wajjin akkamitti akka wal qabatu hubata. Namni ogummaa qabu immoo, beekumsaa fi hubannaa kana walitti fiduudhaan hojii irra oolcha.

Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo xinnoo gidduutti kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu dubbisuu fi hubachuu dandaʼa taʼa. Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼatuttis, akka gaariitti deebisa taʼa. Walgaʼii irratti argamuu fi deebii gaarii deebisuu illee jalqabeera taʼa. Wantoonni kun hundi guddina hafuuraa gochaa akka jiru argisiisu taʼa; akkas gochuun isaa garuu ogummaa akka qabu argisiisaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, nama waan tokko dafee hubatu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, beekumsaa fi hubannaa qabutti karaa sirrii taʼeen fayyadamee dhugaawwan beeku hojii irra kan oolchu yoo taʼe, ogummaa akka qabu argisiisa. Murtoon godhu milkaaʼina kan isaaf argamsiisu, akkasumas of eeggannoodhaan akka yaadu kan argisiisu yoo taʼe, ogummaa akka qabu ifa taʼa.

Maatewos 7:24-27 irratti fakkeenya Yesuus namoota mana ijaarratan lama ilaalchisee dubbate arganna. Namichi inni tokko “hubataa” akka taʼe ibsameera. Wanta gara fuulduraatti uumamuu dandaʼu dursee yaaduudhaan, mana isaa qarsaa irratti ijaare. Nama dursee hubatuu fi murtoo gaarii godhu ture. Mana isaa cirracha irratti ijaaruun baasii hedduu akka isa hin baasisnee fi dafee akka dhumu godhee hin yaanne. Gochi isaa gara fuulduraatti maal akka geessisu dursee yaaduudhaan ogummaa akka qabu argisiiseera. Kanaaf, yeroo obomboleettiin dhufetti manni isaa jabaatee dhaabateera. Amma gaaffiin kaʼu, ‘ogummaa faayidaa qabu akkasii kana argachuu fi ogummaa kanatti jabaachuu kan dandeenyu akkamitti?’ kan jedhu dha.

OGUMMAA ARGACHUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI?

Tokkoffaa, wanta Miikiyaas 6:9 jedhu hubadhu; “Maqaa [Waaqayyoo] sodaachuun ogummaa dha” jedha. Maqaa Yihowaa sodaachuun, isa kabajuu argisiisa. Kana jechuun, ulaagaalee isaa dabalatee wantoota maqaan isaa bakka buʼuuf sodaa kabaja irratti hundaaʼe qabaanna jechuu dha. Nama tokko kabajuuf, akkaataa itti yaadu beekuun si barbaachisa. Sana booda nama kanatti amanamuu, isa irraa barachuu fi milkaaʼina isaa hordofuu dandeessa. Wanti goonu walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu kan nu yaaddessu yoo taʼee fi ulaagaalee isaa buʼuura godhannee murtoo kan goonu yoo taʼe, ogummaa argachaa jirra jechuu dha.

Lammaffaa, Fakkeenyi 18:1 (hiika bara 1899) “Gargar baʼuu kan jaallatu kajeellaa isaa duukaa buʼa. Ogummaa gaarii hundumaanis morma” jedha. Yoo of eeggachuu baanne, Yihowaa fi saba isaa irraa of fageessuu dandeenya. Haala akkasii irraa fagaachuuf, namoota maqaa Waaqayyoo sodaatanii fi ulaagaalee isaa kabajanii wajjin yeroo dabarsuun nu barbaachisa. Hamma nuu dandaʼametti qaamaan Galma Mootummaatti argamuuf, akkasumas yeroo hunda gumii irratti argamuuf carraaquu qabna. Yeroo walgaʼii irratti argamnu, garaa fi sammuu keenya banaa gochuudhaan wanti barannu akka nu tuqu heyyamuun nu barbaachisa.

Kana malees, kadhannaadhaan miira keenya Yihowaadhaaf kan ibsinu yoo taʼe, isatti dhihaachuu dandeenya. (Fak. 3:5, 6) Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota jaarmiyaan Yihowaa qopheessu yeroo dubbisnutti sammuu fi garaa keenya banaa kan goonu yoo taʼe, gochi keenya buʼaa akkamii akka qabaatu dursinee hubachuudhaan tarkaanfii fudhachuu dandeenya. Gorsa obboloonni bilchina qaban nuu kennanis fudhachuu qabna. (Fak. 19:20) Kana kan goonu yoo taʼe, ‘ogummaa gaarii hundumaa mormuu’ mannaa, amala barbaachisaa taʼe kana guddifanna.

OGUMMAAN MAATII KOO KAN GARGAARU AKKAMITTI?

Ogummaan maatiiwwaniif eegumsa gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif “kabaja guddaa” akka qabaattu gorsa. (Efe. 5:33) Abbaan manaa tokko kabaja guddaa argachuu kan dandaʼu akkamitti? Dirqamaan ykn humnaan argachuuf kan yaalu yoo taʼe, yeroo gabaabaadhaaf kabaja argachuu dandaʼa. Haati manaa isaa nagaa argachuuf jettee yeroo inni ishii bira jirutti hamma tokko isa kabajji taʼa. Garuu, yeroo inni hin jirretti isa kabajuuf ni kakaatii? Yeroo baayʼee akkas hin taʼu. Wanti itti fufiinsaan kabaja isaaf argamsiisu maal akka taʼe yaaduu qaba. Jaalalaa fi gaarummaa argisiisuudhaan firii hafuuraa kan calaqqisiisu yoo taʼe, kabaja guddaa ishii irraa argata. Dhugaa dha, haati manaa Kiristiyaana taate tokko abbaan manaa ishii kan isaaf malu taʼus taʼuu baatus isa kabajuu qabdi.—Gal. 5:22, 23.

Kitaabni Qulqulluun abbaan manaa haadha manaa isaa jaallachuu akka qabus ni dubbata. (Efe. 5:28, 33) Haati manaa tokko jaalala abbaa manaa ishii akka hin dhabneef jecha, wanta tokko beekuuf mirga utuu qabuu, wanti sun waan namatti hin tolleef isa dhoksuun akka wayyu ishiitti dhagaʼama taʼa. Garuu kun ogummaa akka qabdu kan argisiisu dhaa? Booda wanta dhokfame sana yeroo beeku buʼaan isaa maal taʼa? Caalaatti ishii jaallataa? Kana gochuun isa rakkisuu dandaʼa. Yeroo mijaaʼaa filattee wanta nama hin gammachiisne sana tasgabbiidhaan yoo isaaf ibsite garuu, abbaan manaa ishii amanamummaa ishiitiif ishii dinqisiifachuu dandaʼa. Jaalalli inni ishiidhaaf qabus ni dabala.

Akkaataan amma ijoollee keessan itti leenjistan, akkaataa yeroo booda isaanii wajjin itti walii galtan irratti dhiibbaa qaba

Ijoolleen warra isaanii jaallachuu fi karaa Yihowaatiin leenjii argachuu qabu. (Efe. 6:1, 4) Kana jechuun garuu, warri ijoolleen isaanii wanta gochuu qabanii fi gochuu hin qabne ilaalchisee seerawwan hedduu galmeeffatanii akka qabatan gochuu qabu jechuu dhaa? Seera maatichaaf baʼe beekuu ykn dogoggora raawwachuun maal akka adabsiisu beekuun isaanii qofti gaʼaa miti. Warri ogummaa qaban, mucaan isaanii ajajamuu kan qabu maaliif akka taʼe akka hubatu isa gargaaruu qabu.

Fakkeenyaaf, mucaan tokko haadha ykn abbaa isaatti karaa ulfina hin qabneen dubbate haa jennu. Aariidhaan dubbachuun ykn miiraan oofamanii adaba kennuun, mucicha qaanessuu ykn akka callisu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, garaa isaatti haaloo qabateera taʼa; kun immoo warra isaa irraa akka fagaatu isa gochuu dandaʼa.

Haatii fi abbaan ogeeyyii taʼan, karaa ijoollee isaanii itti leenjisanii fi buʼaa leenjiin kun gara fuulduraatti ijoollee isaanii irratti qabaatu irratti ni yaadu. Warri, qaaniin isaanitti waan dhagaʼameef dafanii tarkaanfii fudhachuu hin qaban. Yihowaan mucichi faayidaa bara baraa akka argatutti warra isaa akka kabaju akka irraa eegu, warri tasgabbii fi jaalalaan kophaatti mucaa isaaniitti himuu dandaʼu. Akkas taanaan yeroo warra isaa kabaju Yihowaa kabajaa akka jiru hubata. (Efe. 6:2, 3) Akka kanaan gaarummaadhaan isa haasofsiisuun, garaan mucichaa akka tuqamu gochuu dandaʼa. Warri isaa dhugumaan akka isaaf yaadan ni hubata; kabajni isaaniif qabus ni dabala. Sana booda mucichi dhimma guguddaa irratti gargaarsa akka isaan gaafatu haalli ni mijaaʼaaf.

Haatii fi abbaan tokko tokko, ijoollee isaanii akka hin miine waan sodaataniif, sirreeffama isaaniif kennuu irraa of qusatu. Garuu ijoolleen sun yeroo guddatan maaltu taʼa? Yihowaa sodaachuu, akkasumas ulaagaalee isaa fudhachuun faayidaa akka qabu hubachuu ni dandaʼuu? Garaa fi sammuu isaanii Yihowaadhaaf ni banuu? Moo karaa hafuuraa duubatti jedhu laata?—Fak. 13:1; 29:21.

Namni boca baasuu irratti ogummaa qabu tokko, maal akka bocu dursee karoora baafata malee, akkuma barbaadetti soqee wanta gaarii akka argatu eeguu hin dandaʼu. Haatii fi abbaan ogeeyyii taʼan, yeroo isaanii ulaagaalee Yihowaa barachuu fi hojii irra oolchuudhaan waan dabarsaniif, maqaa isaa ni sodaatu. Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irraa of fageessuu dhiisuudhaan, ogummaa argachuu fi maatii isaanii cimsuu dandaʼu.

Guyyaa guyyaadhaan, murtoowwan jireenya keenya gara fuulduraa irratti dhiibbaa geessisuu dandaʼan nu mudatu. Miiraan kakaatee daftee tarkaanfii fudhachuu fi murtoo gochuu mannaa, maaliif takka dhaabattee irratti hin yaaddu? Buʼaa isaa isa gara fuulduraa irratti yaadi. Qajeelfama Yihowaa argachuuf yaali; akkasumas ogummaa Waaqayyoo hojii irra oolchi. Akkana yoo goone ogummaatti ni jabaanna; ogummaan kun immoo jireenya nuuf argamsiisa.—Fak. 3:21, 22.