Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hojiin Isaa Guddaa Dha”

“Hojiin Isaa Guddaa Dha”

YERUSAALEM keessatti walgaʼiin baayʼee barbaachisaa taʼe tokko godhamuuf jedha. Daawit Mootichi guguddoota sabaa, namoota mana mootummaa irratti aboo qabanii fi jagnoota isaa hunda waamsiseera. Beeksisa adda taʼe tokko dhagaʼuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru. Yihowaan mana baayʼee adda taʼee fi waaqeffannaa Waaqa dhugaatiif tajaajilu akka ijaaru ilma Daawit kan taʼe Solomooniin ajajeera. Mootiin Israaʼel inni maanguddichi geggeessaa hafuuraatiin pilaaniin manichaa kan isatti mulʼifame siʼa taʼu, inni immoo Solomoonitti kenne. Daawit, “Manni guddaan ijaaramuuf jedhu kun Waaqayyo gooftaadhaaf ijaarama malee, namaaf miti; kanaaf hojiin isaa guddaa dha” jedhe.—1 Sen. 28:1, 2, 6, 11, 12; 29:1.

Daawit itti fufee, “Amma egaa eenyutu fedha isaatiin of kennee mana qulqullummaa isa Waaqayyoof ijaaramu kanaaf kennaa dhiʼeessa ree?” jedhee gaafate. (1 Sen. 29:5) Utuu achi jirta taʼee deebii akkamii kennita turte? Hojii guddaa kana deggeruuf ni kakaata turtee? Israaʼelonni saffisaan tarkaanfii fudhatan. ‘Jaalala isaaniitiin waan kennaniif, gammadanii garaa isaanii hundumaan Waaqayyoof jaalalaan dhiheessan.’—1 Sen. 29:9, hiika bara 1899.

Jaarraawwan boodas, Yihowaan wanta mana qulqullummaa sana baayʼee caalu hundeesse. Mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa hundeesse; jechuunis namoonni aarsaa Yesuus irratti hundaaʼanii isa waaqeffachuuf akka isatti dhihaataniif qophii godhe. (Ibr. 9:11, 12) Yeroo harʼaatti Yihowaan namoonni akka isatti araaraman gargaaraa kan jiru akkamitti? Karaa hojii namoota barattoota gochuu ti. (Mat. 28:19, 20) Hojii kanaan kan kaʼe, waggaa waggaatti qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu miliyoonaan lakkaaʼamu ni geggeeffama, barattoonni kumaan lakkaaʼaman ni cuuphamu, akkasumas gumiiwwan haaraan dhibbaan lakkaaʼaman ni hundeeffamu.

Guddinni kun immoo, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan maxxansuun, Galmawwan Mootummaa ijaaruu fi suphuun, akkasumas iddoowwan walgaʼiiwwan guguddaan itti geggeeffaman argachuun caalaatti akka barbaadamu godheera. Hojiin nuti misiraachicha babalʼisuuf hojjechaa jirru, hojii guddaa fi gammachiisaa akka taʼe sitti hin dhagaʼamuu?—Mat. 24:14.

Sabni Waaqayyoo Waaqayyoofis taʼe namootaaf jaalala waan qabaniif, akkasumas Mootummicha lallabuun ariifachiisaa taʼuu isaa waan hubataniif, fedhiidhaan buusii gochuudhaan, ‘Waaqayyoof kennaa dhiheessaa’ jiru. ‘Qabeenya keenyaan Waaqayyoof ulfina kennuun,’ akkasumas qabeenyi kun hojii seenaa ilmaan namootaa keessatti guddaa taʼe hojjechuuf, amanamummaa fi of eeggannoodhaan yommuu hojii irra oolu arguun keenya baayʼee nama gammachiisa!—Fak. 3:9.