Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Sobaa Jalaa Bilisa Baʼaniiru

Amantii Sobaa Jalaa Bilisa Baʼaniiru

“Yaa saba ko, . . . ishii keessaa baʼaa.”—MUL. 18:4.

FAARFANNAA: 10, 45

1. Sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼuuf abdachaa kan turan maal irratti hundaaʼaniiti? Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

MATA DUREE darbe irratti, Kiristiyaanonni amanamoo taʼan boojuu Baabilon Guddittii jala kan galan akkamitti akka taʼe ilaallee turre. Kan nama gammachiisu garuu, yeroo dheeraadhaaf boojuu sana jala hin turre. Qaamni dhiibbaa bulchiinsa amantii sobaa jalaa bilisa baʼu hin jiru utuu taʼee, ajajni Waaqayyoo “Yaa saba ko, . . . ishii keessaa baʼaa” jedhu hiika hin qabaatu ture. (Mulʼata 18:4 dubbisi.) Yeroo sabni Waaqayyoo boojuu Baabilon Guddittii jalaa guutummaatti bilisa itti baʼan beekuuf hawwiidhaan eeggachaa jirra! Jalqaba garuu, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii argachuu qabna: Bara 1914 dura Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Baabilon Guddittii ilaalchisee maal godhanii turan? Obboloonni keenya yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti hojii lallabaa irratti hinaaffaa akkamii qabu turan? Yeroo sanatti sirreeffamni kan isaan barbaachisu taʼuun isaa fi boojuu Baabilon jala jiraachuun isaanii walitti dhufeenya qabaa?

“KUFAATII BAABILON”

2. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu jalqabaa, hubannaa qaban irraa kaʼuudhaan amantii sobaa ilaalchisee ejjennoo akkamii fudhatan?

2 Waggoottan kurnan Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaa dura turanitti, Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa, dhaabbileen Amantii Kiristiyaanaa, dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisaa akka hin jirre hubataniiru. Kanaaf amantii sobaa irraa fagaachuuf murteessanii turan. Masaraan Eegumsaa Xiyoon maxxansa Sadaasa 1879 irratti, Baabilon Guddittii ilaalchisee ejjennoo isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe ifatti yommuu dubbatu akkana jedhee ture: “Waldaan durba qulqulluu Kiristoosiif kaadhimamte akka taate dubbattu, garuu immoo addunyaa (bineensichaa) wajjin tokkummaa qabduu fi deggersa addunyaa argattu kam iyyuu, akka Kitaaba Qulqulluutti waldaa gaalamoota taate waan taateef ishii balaaleffachuu qabna.”—Mulʼata 17:1, 2 dubbisi.

3. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tarkaanfii murteessaa amantii sobaa keessaa baʼuun akka isaan barbaachisu hubachuu isaanii argisiisu akkamii fudhatanii turan? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

3 Dhiironnii fi dubartoonni Waaqayyoon sodaatan maal gochuu akka qaban hubatanii turan. Dhaabbilee amantii sobaa deggeruu isaanii kan itti fufan yoo taʼe, eebba Waaqayyoo arganna jedhanii eeguu hin dandaʼan. Kanaan kan kaʼes, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun waldaa keessa jiran gadhiisuuf xalayaa barreessaniiru. Isaan keessaa tokko tokko sagalee isaanii guddisanii guutummaa waldichaatiif xalayaa isaanii dubbisanii turan. Iddoo ummataaf dubbisuun dhowwaa taʼetti immoo, warri tokko tokko xalayaa isaanii miseensota waldichaa hundaaf erganiiru. Sana booda wanta amantii sobaa wajjin walqabate kam iyyuu gochuu hin barbaadan turan! Baroota darbanitti garuu, tarkaanfiin ija jabinaa akkasii balaa guddaadhaaf kan isaan saaxilu ture. Haa taʼu malee, bara 1870⁠tti biyyoota hedduutti waldaan deggersa mootummaa irraa argattu dhabuu jalqabdee turte. Biyyoota akkasiitti lammiileen wanta isaan irra gaʼuu dandaʼu utuu hin sodaatin, dhimmawwan amantii wajjin wal qabatan mariʼachuu fi waldaalee ifatti mormuu ni dandaʼu turan.

4. Yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Baabilon Guddittiidhaaf ilaalcha akkamii qabu turan? Ibsi.

4 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu ejjennoo amantii sobaa ilaalchisee qaban firoota, michootaa fi miseensota waldaa isaaniitti himuu qofti gaʼaa akka hin taane hubatanii turan. Baabilon Guddittiin gaalamoota taʼuu ishii guutummaan addunyaa beekuu qaba ture! Kanaan kan kaʼes, Muddee 1917 hanga jalqaba bara 1918 gidduutti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kuma muraasaan lakkaaʼaman tiraaktii mata duree “Kufaatii Baabilon” jedhu qabu koppii 10,000,000 hinaaffaadhaan raabsaniiru; tiraaktiin kun waaʼee Saba Kiristiyaanaa dhugaa isaa ifatti dubbata. Geggeessitoonni amantii baayʼee aaranii akka turan tilmaamuu dandeessu; Barattoonni Kitaaba Qulqulluu garuu duubatti jechuu mannaa, hojii barbaachisaa kana hojjechuu isaanii itti fufaniiru. “Namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof” ajajamuuf murteessanii turan. (HoE. 5:29) Kun maal nu hubachiisa? Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti dhiironnii fi dubartoonni Kiristiyaanota taʼan kunneen garbummaa Baabilon Guddittii jala akka hin turre nu hubachiisa; kanaa mannaa, dhiibbaa ishii jalaa bilisa baʼaa fi warri kaanis bilisa akka baʼan gargaaraa turan.

YEROO WARAANA ADDUNYAA ISA TOKKOFFAATTI HINAAFFAADHAAN TAJAAJILUU

5. Yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti ragaan obboloonni keenya hinaaffaadhaan lallabaa akka turan argisiisu maali dha?

5 Kanaan dura, yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti sabni Yihowaa hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaachaa waan hin turreef Yihowaan isaanitti akka gadde amanna turre. Kana irraa kaʼuudhaan, Yihowaan sabni isaa yeroo gabaabaadhaaf boojuu Baabilon Guddittii jala akka galan heyyamee ture jennee yaanna turre. Haa taʼu malee, obboloonni amanamoon bara 1914-1918⁠tti tajaajilaa turan, akka gareetti sabni Gooftaa hojiin lallabaa akka itti fufu gochuuf waan isaaf dandaʼame hunda gochaa akka ture yeroo booda dubbataniiru. Ragaa cimaan, kun dhugaa taʼuu isaa argisiisu jira. Seenaa tiʼookraasii keenya ilaalchisee caalaatti hubannaa sirrii argachaa deemuun keenya, taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko ilaalchisee hubannaan ifa taʼe akka argamu godheera.

6, 7. (a) Barattoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti rakkoowwan akkamii damdamachuun isaan barbaachisee ture? (b) Fakkeenyota Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hinaaffaa kan qaban akka turan argisiisan dubbadhu.

6 Dhugaa isaa dubbachuuf, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti (1914-1918) turan, hojii lallabaa balʼinaan hojjetaniiru. Haa taʼu malee, sababii hedduudhaan kan kaʼe hojii kana hojjechuun isaaniif salphaa hin turre. Mee sababii lama haa ilaallu. Tokkoffaa, hojii guddaan yeroo sanatti raawwatamaa ture barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan raabsuu ture. Kitaabni Za Finiishdi Mistirii jedhamu jalqaba bara 1918⁠tti mootummaadhaan yommuu dhorkametti, obboloota hedduudhaaf hojii lallabaa hojjechuun ulfaataa ture. Yeroo sanatti Kitaaba Qulqulluu qofatti fayyadamanii lallabuu hin baranne turan; kitaabni Za Finiishdi Mistirii jedhamu bakka isaanii buʼee akka dubbatu godhanii ilaalu turan. Sababiin inni lammaffaan immoo, dhukkuba Ispaanish Influwenzaa bara 1918⁠tti kaʼe ture. Dhukkubni daddarbu kun babalʼachuun isaa babalʼistoonni bilisaan lallabuun akka isaanitti ulfaatu godheera. Haa taʼu malee, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu rakkoowwan kunneenii fi kaan utuma jiranii, akka gareetti hojiin lallabaa akka itti fufu gochuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kun hinaaffaa kan qaban turan! (Keeyyata 6 fi 7 ilaali)

7 Bara 1914 qofatti illee, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu muraasa taʼan fiilmii “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” jedhamu namoota 9,000,000 ol taʼanitti argisiisanii turan. Fiilmiin kun, fakkiiwwanii fi islaayidoota sagaleewwan waraabamanii wajjin qindeeffaman kan qabate siʼa taʼu, seenaa ilmaan namootaa uumamaa jalqabee hanga dhuma Barkumeetti jiru kan ibsu dha. Kun yeroo sanatti milkaaʼina guddaa ture. Mee yaadaa. Lakkoofsi namoota bara 1914 qofatti fiilmii sana ilaalanii, lakkoofsa guutummaa babalʼistoota Mootummichaa yeroo ammaatti dammaqinaan lallabaa jiran irra baayʼee caala! Walgaʼiiwwan bara 1916⁠tti Yunaayitid Isteetisitti godhaman irratti walitti qabaatti namoonni 809,393 taʼan akka argaman kan gabaafame siʼa taʼu, lakkoofsi kun bara 1918⁠tti gara 949,444⁠tti guddateera. Dhuguma iyyuu Barattoonni Kitaaba Qulqulluu sun hinaaffaa qabu turan!

8. Obboloonni yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti turan wanta karaa hafuuraa isaan barbaachisu kan argatan akkamitti?

8 Yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti Barattoota Kitaaba Qulqulluu faffacaʼanii turaniif utuu wal irraa hin kutin nyaata hafuuraa kennuu fi jajjabeessuuf carraaqqiin godhamaa ture. Qophiiwwan kun obboloonni hojii lallabaa raawwachuuf cimina akka argatan taasisaniiru. Riichaardi Baarbar inni yeroo sanatti dammaqinaan lallabaa ture akkana jedheera: “Yeroo sanatti daawwattoonni ol aanaan muraasni daawwannaa isaanii itti fufuu dandaʼaniiru; akkasumas Masaraa Eegumsaa raabsuu fi Kaanaadaa ishii hojiin keenya itti dhorkametti erguu dandeenyeerra. Kitaaba Za Finiishdi Mistirii jedhamuu fi kiisiitti qabatamuu dandaʼu, obboloota kitaabni kun jalaa saamameef erguuf mirga argadheen ture. Obboleessi keenya Raazarfordi magaalota dhiha Yunaayitid Isteetisitti argaman tokko tokkotti walgaʼiiwwan guguddaa akka qopheessinuu fi obboloota deemanii haasaa kennuudhaan hamma dandaʼametti michoota keenya jajjabeessan akka erginu nu gaafatee ture.”

SIRREEFFAMA TOKKO TOKKO GOCHUUN NI BARBAACHISE

9. (a) Bara 1914 hanga 1919⁠tti saba Waaqayyoo sirreeffamni barbaachisee kan ture maaliifi? (b) Sirreeffamni barbaachisuun isaa maal kan argisiisu miti?

9 Wantoonni Barattoonni Kitaaba Qulqulluu bara 1914 hanga 1919⁠tti raawwachaa turan tokko tokko dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal siman hin turre. Obboloonni kun mootummootaaf ajajamuu jechuun maal jechuu akka taʼe guutummaatti hin hubanne turan. (Rom. 13:1) Kanaafuu, gareedhaan yommuu ilaalaman dhimmoota waraanaa wajjin wal qabatan tokko tokko irratti adda of baasaa hin turre. Fakkeenyaaf, pireezidaantiin Yunaayitid Isteetis Caamsaan 30, 1918 guyyaa itti nagaadhaaf kadhatan akka taʼu yeroo labsii baasanitti, Masaraan Eegumsaas ayyaana kana irratti akka hirmaatan Barattoota Kitaaba Qulqulluu jajjabeessee ture. Obboloonni tokko tokko waraana deggeruuf jecha boondii kan bitatan siʼa taʼu, muraasni isaanii immoo meeshaa qabatanii waraana irratti hirmaataniiru. Haa taʼu malee, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kun waanuma sirreeffama gochuun isaan barbaachiseef qofa Baabilon Guddittiidhaan boojiʼamanii turan jechuun dogoggora dha. Faallaa kanaatiin immoo, amantii sobaa irraa adda baʼuu akka qaban kan hubatan siʼa taʼu, yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti guutummaa guutuutti jechuun ni dandaʼama, bulchiinsa amantii sobaa kana irraa adda of baasanii turan.—Luqaas 12:47, 48 dubbisi.

10. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu lubbuudhaaf iddoo guddaa kennuu wajjin haala wal qabateen ejjennoo cimaa akkamii qabu turan?

10 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu, akka keenya yeroo ammaa siyaasa irraa walaba taʼuun maalfaa akka dabalatu guutummaatti hubachuu baatanis, Kitaabni Qulqulluun nama ajjeesuu akka dhorku beeku turan. Kanaafuu, obboloonni muraasni meeshaa waraanaa qabatanii yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti waraana irratti hirmaatanii kan turan taʼu illee, meeshaalee kanatti fayyadamanii nama ajjeesuu didaniiru. Obboloonni tokko tokko nama ajjeesuu diduu isaaniitiin kan kaʼe, akka ajjeefamaniif iddoo waraanaatti toora jalqabaa irra akka dhaabatan taasifamaniiru.

11. Ejjennoo Barattoonni Kitaaba Qulqulluu waraana irratti qaban ilaalchisee abbootii taayitaatti maaltu dhagaʼamee ture?

11 Ejjennoon isaanii hanqina kan qabu taʼus, obboloonni kun waraana ilaalchisee ejjennoo akkanaa qabaachuu isaaniitti Diyaabilos baayʼee akka aare beekamaa dha. Kanaan kan kaʼes, “seera jalʼisee” rakkina isaanitti fiduuf yaaleera. (Far. 94:20) Ajajaa Waraanaa Raayyaa Yunaayitid Isteetis kan turan Jamsi Firaankiliin Beel obboleessa keenya Raazarfordii fi Vaan Aambargii wajjin yeroo mariʼatanitti, Biiroon Haqaa Yunaayitid Isteetis seera haaraa namoonni meeshaa qabatanii waraana irratti hirmaachuu didan duʼaan akka adabaman ajaju Koongirasiidhaaf akka dhiheesse dubbatanii turan. Yeroo akkana jedhan Barattoota Kitaaba Qulqulluu yaadatti qabatanii ti. Ajajaan waraanaa kun akkana jechuudhaan aariidhaan obboleessa keenya Raazarforditti dubbattanii turan: “[Pireezidaantiin Yunaayitid Isteetis] Wiilsan waan hin raggaasisneef seerri sun haqameera; garuu akkamitti akka isin argannu beekna; matumaa nu harkaa hin baatan!”

12, 13. (a) Obboloonni itti gaafatamummaa qaban saddeet waggaa dheeraadhaaf akka hidhaman kan itti murteeffame maaliif ture? (b) Obboloonni kun hidhamuun isaanii murtoo Yihowaadhaaf ajajamuuf godhan akka laaffisan godheeraa? Ibsi.

12 Abbootiin taayitaa akkuma doorsisanii turan godhaniiru. Bakka buʼoota Waldaa Masaraa Eegumsaa kan turan, Raazarfordi, Vaan Aambargii fi obboloonni jaʼa mana hidhaa galan. Abbaan murtii dhimma kana ilaalaa ture murtoo yeroo dabarsetti akkana jedhee ture: “Amantiin namoonni kun irratti hirmaachaa jiran garee waraanaa loltoota Jarmanii caalaa miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa . . . Kan isaan mufachiisan abbootii seeraa fi loltoota qofa utuu hin taʼin, tajaajiltoota waldaalee hundumaa ti. Adabbiin isaanii cimaa taʼuu qaba.” (Feeyiz oon za Maarchi Maakmiilaaniin kan qophaaʼe, ful. 99) Akkuma isaan jedhan taʼee ture. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu saddeettan kun mana sirreessaa fedaraalaa Atlaantaa Joorjiyaa keessatti yeroo dheeraadhaaf akka hidhaman itti murteeffame. Haa taʼu malee, waraanichi yeroo xumurametti kan gadhiifaman siʼa taʼu, himanni isaan irratti dhihaatee tures ni hafe.

13 Namoonni saddeettan sun utuma mana hidhaa keessa jiranii illee Kitaaba Qulqulluudhaan geggeeffamuuf kutatanii turan. Dhiifamni akka isaaniif godhamuuf, pireezidaantii Yunaayitid Isteetisitti ol iyyannoo yeroo dhiheeffatanitti akkana jedhanii barreessanii turan: “Fedhiin Gooftaa maal akka taʼe Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera, innis ‘Hin ajjeessin’ isa jedhu dha; kanaaf miseensi Waldaa [Barattoota Kitaaba Qulqulluu Biyyoolessaa] kam iyyuu, waadaa Gooftaa isaatiif gale taʼe jedhee kan cabsu yoo taʼe, surraa Waaqayyoo kan dhabu siʼa taʼu, lubbuu isaa illee dhabuu dandaʼa. Kanaafuu miseensonni kun taʼe jedhanii, akkasumas sammuu fayyaa utuu qabanii nama ajjeesuu hin dandaʼan.” Kun ija jabina guddaa kan gaafatu ture! Ifatti akka hubannutti, obboloonni kun ejjennoo isaanii laaffisuu hin barbaanne!

DHUMA IRRATTI BILISUMMAAN NI ARGAME!

14. Wanta bara 1914 hanga 1919⁠tti raawwatame Kitaaba Qulqulluu irraa ibsi.

14 Miilkiyaas 3:1-3 waaʼee yeroo bara 1914 hanga jalqaba bara 1919⁠tti jiruu, jechuunis waaʼee yeroo ‘warri Lewwootaa’ itti qulqulleeffamanii ni ibsa. (Dubbisi.) Yeroo sanatti “Gooftichi,” jechuunis Yihowaan, Yesuus Kiristoos isa ‘ergamaa kakichaa’ taʼee wajjin, namoota achi keessatti tajaajilaa turan qulqulleessuuf gara mana qulqullummaa hafuuraa dhufee ture. Sabni Waaqayyoo qulqullaaʼe kunis sirreeffama barbaachisu erga argatee booda, itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf qophaaʼeera. Bara 1919⁠tti, tajaajiltoota Waaqayyootiif nyaata hafuuraa akka dhiheessuuf, ‘garbichi amanamaanii fi ogeessi’ ni muudame. (Mat. 24:45) Amma sabni Waaqayyoo dhiibbaa Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼeera. Yeroo sanaa kaasee, sabni Waaqayyoo gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan kan kaʼe, beekumsi isaan waaʼee fedha Waaqayyoo qabanii fi jaalalli isaan Abbaa isaanii isa samiitiif qaban guddachuu isaa itti fufeera. Eebba isaa kanaaf guddaa isa galateeffatu! [1]

15. Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼuun keenya maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

15 Boojuu Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼuun keenya baayʼee nama gammachiisa! Carraaqqiin Seexanni Kiristiyaanota dhugaa lafa irraa haxaaʼee balleessuuf godhe utuu hin milkaaʼin hafeera. Taʼus, sababa Yihowaan bilisummaa kana itti nuuf kenne dagachuu hin qabnu. (2 Qor. 6:1) Namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun ammas boojuu amantii sobaa jala jiru. Karaan itti bilisa baʼan itti argisiifamuu qaba. Nuti immoo isaanitti argisiisuu ni dandeenya. Kanaafuu, fakkeenya obboloota keenya jaarraawwan darbanitti turanii hordofuudhaan bilisa isaan baasuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu!

^ [1] (keeyyata 14) Yihudoonni waggaa 70f boojuudhaan Baabilon keessa turuun isaanii fi wanti gantummaan erga babalʼatee booda Kiristiyaanota irratti raawwatame baayʼinaan wal fakkaata. Haa taʼu malee, boojuun Yihudoota irratti raawwatame kun isa Kiristiyaanota irratti raawwatameef gaaddidduu akka taʼetti yaaduu hin qabnu. Sababiin isaas, dheerinni boojuu kanaa tokko miti. Kanaafuu wantoonni Yihudoonni yeroo boojiʼamanitti raawwataman hundi hamma tokko Kiristiyaanota dibamoo bara 1919 dura turan irratti akka raawwatamanitti yaaduudhaan tokkoon tokkoon seenaa hunda wal qabsiisuuf yaaluu hin qabnu.